{"id":4471,"date":"2019-11-16T10:17:46","date_gmt":"2019-11-16T10:17:46","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4471"},"modified":"2019-12-10T12:13:48","modified_gmt":"2019-12-10T12:13:48","slug":"yaada-murtee-fi-ibsa-ejjennoo-yaaii-afuurawaa-walii-gala-38ffaa-kan-yaaii-lallaba-teessoo-paatriyaarkii-5","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/yaada-murtee-fi-ibsa-ejjennoo-yaaii-afuurawaa-walii-gala-38ffaa-kan-yaaii-lallaba-teessoo-paatriyaarkii-5\/","title":{"rendered":"Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa\u2019ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa\u2019ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii"},"content":{"rendered":"\n<h3 class=\"wp-block-heading\">Kutaa dhumaa<\/h3>\n\n\n\n<ul><li>Dhaadheessitoonni tokko tokkoo uummata uummata waliin walitti buusuuf akkuma HEERA MANA KIRISTAANAA keewwata 4 (afur) irratti caqasameen sabbata waaqaa baroota dheeraaf akka asxaatti fayyadamaa turte fi ammas ittiin fayyadamaa jirtu guyyaa Ayyaanaa qabattanii baataniittu, baaxii manaa fi bantoo Mana Kiristaanaa irratti dibdaniittu jechuun amantoota burjaajeessuun, dargaggoota hidhuu, kana irraa darbee kutaalee lallabaa tokko tokkotti maallaqa Mana Kiristaanaa \u2018baankii daldalaa keessaa baasaa baankii nuti barbaannu keessa qofa galchaa!\u2019 jechaa dirqisiisuuf yaaluu, gulummaa baroota dheeraaf Ayyaana Fannoo Gooftaa fi Ayyaana Cuuphaa itti kabajaa turte jalaa fudhachuu fi irraa kutuun qaamolee biroof kennuu fi dhiibbaawwan sirrii hin taane akkasumas, beekkamtii heeraa kan hin qabne yaa\u2019ichi gar-malee balaaleeffachaa; dhimmichi dhimma yaadachiisaa waan ta\u2019eef Qulqulluun Sinoodoos dhimma kana xiyyeeffannaa keessa galchee akka irratti mari\u2019atu yaa\u2019ichi kabaja guddaan gaafata.<\/li><li>Kakkoolee alaa gara Mana Kiristaana keenyaatti darbamaa jiran osoo hin xiqqaatin, gosummaa fi malaammaltummaan Mana Kiristaanaa keessatti mul\u2019atan kun yeroodhaa yerootti yaa\u2019ii idila addunyaa kana kan mormisiisu waan ta\u2019eef, rakkoo kana dhabamsiisuu kan danda\u2019amu hoggantootni sadarkaa sadarkaan jiran ilaalcha Afuurawaa qabaatanii qaamolee hundumaa ija tokkoon ilaaluu gaafa danda\u2019an fi muudama naannoo fi gooxii irratti hundaa\u2019een muuduu osoo hin ta\u2019in, muudama fi ramaddii gita hojii sirrii fi qajeelaa beekumsa irratti hundaa\u2019e raawwachuun gaafa danda\u2019ame dha. Kanaafuu, bulchiinsi gaariin lafa qabatee rakkoolee amma jiran kana xiqqeessuu kan danda\u2019amu, jireenya Afuurawaa iftoomina fi ittigaafatamummaa mirkaneessuu gaafa dursa keennuun bulchiinsa maalaqaa, qabeenyaa fi humna namaa dambii teeknoolojii ammayyaan deeggarame qophaa\u2019ee hojii irra akka oolu yeroo godhamu si\u2019a ta\u2019u, miilkaa\u2019uu hojii kanaaf jecha qophii karoora agarsiistuu kallattii fi kallattiiwwan jijjiirramaa faayidaa qabu jedhamanii&nbsp; yaadaman kanaan dura jalqabaman kun Qulqulluu Sinoodoosiif dhihaatanii sakatta\u2019amanii sirraa\u2019anii gara hojiitti gaafa galame qofa ta\u2019uu isaa yaa\u2019ichi xiyyeeffannaa guddaa kan itti kenne yoo ta\u2019u, Qulqulluun Sinoodoosis dhimma kanaaf xiyyeeffannaa guddaa itti kennee murtee akka itti kennu gaafachaa hojii irra oolmaa isaaf hojjechuuf waadaa galla.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Manni Kiristaanaan keenya yeroo ammaa kana adunyaa maraatti\nManneen Kiristaanaa baay\u2019ee kan qabdu si\u2019a taatu, Sinoodoosiin sababa gargar\nqoodamuu abbootaan bakka lamatti qoodamee ture amma tokkummaa uumee osoo jiru,\nadeemsi Qulqulluu Sinoodoosi balaaleeffachuu yeroo ammaa kanatti Kaanaadaa\nLixaa keessatti mul\u2019atu fi eeyyamni Mana Kiristaanaa maqaa abbaa dhuunfaatiin\nbahe caasaa Mana Kiristaanaa Qulqulleettii kana qorumsa keessa kan galchu waan\nta\u2019eef, Qulqulluun Sinoodoosi furmaata akka itti kennu yaadachiisaa; tajaajila\nbiyya keessaanis mata dureewwan siyaasawaa duubarraan qabatanii quuqamtoota\nlallaba Wangeelaa fi ergama Duuka Bu\u2019ummaa of-fakkeessuun carraaqqii Manni\nKiristaanaa keenya hamma humni ishee danda\u2019uun qooqaalee adda addaatiin\ntajaajilaa kan turte fi ammas kitaabolee Afuuraa hiiksisaa lallaba Wangeelaa\nqooqaalee adda addaan waliin gahuuf godhaa jirtu cilee itti dibuun caasaa fi\nbulchiinsa ishee akkasumas tokkummaa ishee diiguuf yaaluun ofii isaaniin hundeessitoota\nmana lubummaa Oromiyaa jedhanii moggaasuun gareewwan socho\u2019aa jiran gochi\nisaanii yaa\u2019ii kana kan mufachiise ta\u2019us, Qulqulluu Sinoodoos garaa\nbal\u2019ifachuun karaa inni obsaa fi ogummaan hiikuuf deeme yaa\u2019iin idila addunyaa\nkun dinqisiisaa namoonni kun hojii isaanii irraa akka of-qusatan yaadachiisaa,\neeggamuu tokkummaa fi hojimaata caasaa Mana Kiristaanaa keenyaaf cimee akka\nhojjetu waadaa galee jira.<\/li><li>Jijjiirama biyyattii reef dhufaa jiruun wal-qabatee tibbi kun\ntibba Mana KIristaanaa keenyaaf deeggarsa mootummaa adda addaa kan godhameefi,\ngamoowwan jalaa fudhatamanii turan deebi\u2019anii gammachuu ishee kan itti ibsite\nyoo ta\u2019u, tola ooltummaa isheef raawatame dubbattee osoo hin fixin, doorsisni\nfi gidiraan sukaneessaa ishee irra gahaa jiru daran ishee gaddisiisaa fi\nyaadachiisaa ta\u2019uu isaatiin dhimmichi waan callisaan ilaalamu waan hin taaneef\nroorroo iyya ishee gara mootummaa lafaatti gar-malee dhageessisaa dhimmoota\nfurmaata hin arganne irratti immoo murtee sirrii Waaqayyoo irraa gaafachaa gara\nAbbaa fi eegaa ishee Waaqayyootti harka ishee akka ol diriirstu Ququlluun\nSinoodoosi irra deebiin sagantaa soomaa fi Kadhannaa akka labsu gad-of-qabummaan\n(kasoominaan) gaafanna.<\/li><li>Yaaliin yeroo ammaa kanatti qabeenya Mana Kiristaana saamuuf\ntaasifamaa jiru dargaggoota keenya naamusa Kiristaanummaan guddisuu dhabuu\nkeenyaa irra kan madde akka ta\u2019e kan waakkatamu miti. Rakkoo kana madda isaa\nirraa hiikuu fi dhaloota naamusa Kiristaanummaan guddifame fi Waaqayyoon\nsodaatu horachuun akka danda\u2019amu kutaaleen lallabaa manneen barumsaa naannoo\nManneen Kiristaanaatti ijaaramaa jiran madda galii ta\u2019uu irraa darbanii hojii\ndhaloota gaarii oomishuus karaa qorannaa fi qu\u2019annaan deeggarameen fi\nkaroorfameen akka hojjetamu taasisuuf waadaa galla.<\/li><li>Hojii irra ooluu Yaadolee murtee waggaa waggaan wal-gahii Afuuraa\nyaa\u2019ii lallabaa kan walii galaa irratti murtaa\u2019an fi murteewwan Qulqulluu\nSinoodoosiin rakkoolee adda addaa furuuf kennaman yeroo fashalaa\u2019an ni mul\u2019atu.\nRakkoo kana salphisuuf koree ijoo yaadoleen murtee yeroodhaa yerootti\nmurteeffaman hojii irra ooluu isaanii qaama hordofu fi qaama dhimmi ilaallatuuf\nkan gabaasu fi furmaata akka argatan kan godhu akka dhaabamu\/hundeeffamu ni\ngaafanna.<\/li><li>Jijjiirama akka biyyattiitti dhufeen wal-qabatee nageenya argame\ndhabuun fi sochiilee Mana Kiristaanaa irratti miidhaa adda addaa geessaa jiran\ntas-gabbeessuu fi nageenyi keenya akka deebi\u2019u carraaqqiin karaa naga qabeessa\nta\u2019een, jaarsummaan fi diippilomaasiin godhamaa jiru kan jajjabeeffamu ta\u2019ee;\nhiriira nagaa seera qabeessa fi adila addunyaa kan ta\u2019e fi phaaphaasota\neebbifamoon kan hogganamu adeemsisuuf Qulqulluun Siinoodoosi akka murteessu fi\ndhiibbaa tola ooltummaa Mana Kiristaana keenya hin madaalle gocha hammeenyaa\nqaamolee siyaasaa adda addaan irra gahaa jiru kanaaf Qulqulluun Siinoodoosi\nejjennoo hin worraaqne qabatee akka socho\u2019u fi murteewwan rakkoo hiikuu\ndanda\u2019an akka dabarsu ni gaafanna.<\/li><li>Yaa\u2019ii walii galaa Afuuraa kan yaa\u2019ii lallabaa woggaadhaa\nwoggaatti taasifamu gabaasa rakkoowwan kutaalee lallabaa adda addaa keessatti\nmudatani irratti mari\u2019achuu qofa osoo hin ta\u2019in, sa\u2019atii dheeraa laatameefi\nrakkoolee mudatan fi kallattiiwwan furmaataa rakkooleen kun ittiin furaman,\nwaltajjii Qulqulluu Sinoodoos yaadolee gurguddoo itti dhiheessu&nbsp; akka ta\u2019uuf gabaasonni kanaa duratti kutaalee\nlallabaa adda addaa irraa gara qindeessaa yaa\u2019iiwwan lallabaatti ergaman\ncuunfamanii hogganaa hoggansichaatii akka dhihaatan fi irratti mari\u2019achuuf\nimmoo yeroon bal\u2019aa akka kennamu ni gaafanna.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p>Dhuma\nirrattis, Manni Kiristaanaa keenya tibba hamaa kana darbuuf tajaajila lallaba\nWangeelaa dammaqinaa fi tokkummaa cimaan haala tibba kanaa waliin deemuu\ndanda\u2019uun Manneen Kiristaanaa kutaalee lallabaa biyya keessas ta\u2019e biyya\nalaatti argamanitti qooqaalee adda addaatiin tajaajila ishee babal\u2019istee itti\nfufsiisuun gufuuwwan alaas ta\u2019e keessaa dandamattee darbuuf carraaqqii ol\u2019aanaa\ngodhuun yeeroo irraa eeggamudha waan ta\u2019eef, Qulqulluun Siinoodoosis\ndhimmichaaf xiyyeeffannaa guddaa kennee akka irratti mari\u2019atu yaa\u2019ichi cimsee\ngaafata.<\/p>\n\n\n\n<p>Maddi: @EOTC TV\n\n\n\n\n\n7<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kutaa dhumaa Dhaadheessitoonni tokko tokkoo uummata uummata waliin walitti buusuuf akkuma HEERA MANA KIRISTAANAA keewwata 4 (afur) irratti caqasameen sabbata waaqaa baroota dheeraaf akka asxaatti fayyadamaa turte fi ammas ittiin fayyadamaa jirtu guyyaa Ayyaanaa qabattanii baataniittu, baaxii manaa fi bantoo Mana Kiristaanaa irratti dibdaniittu jechuun amantoota burjaajeessuun, dargaggoota hidhuu, kana irraa darbee kutaalee lallabaa tokko [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4471"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4471"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4471\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4492,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4471\/revisions\/4492"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4471"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4471"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4471"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}