{"id":4468,"date":"2019-11-14T12:53:18","date_gmt":"2019-11-14T12:53:18","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4468"},"modified":"2019-11-14T12:53:24","modified_gmt":"2019-11-14T12:53:24","slug":"hiikkoo-xummuramuu-faaruu-sirna-galateeffannaa-tibba-abaaboo-%e1%89%b0%e1%8d%88%e1%8c%b8%e1%88%98-%e1%8a%93%e1%88%81","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/hiikkoo-xummuramuu-faaruu-sirna-galateeffannaa-tibba-abaaboo-%e1%89%b0%e1%8d%88%e1%8c%b8%e1%88%98-%e1%8a%93%e1%88%81\/","title":{"rendered":"Hiikkoo xummuramuu Faaruu (sirna Galateeffannaa) Tibba Abaaboo (\u1270\u1348\u1338\u1218 \u1293\u1201)"},"content":{"rendered":"\n<figure class=\"wp-block-image\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"720\" height=\"480\" src=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/72768127_527706681362860_4556517103380725760_n.edit1_-1.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-4469\" srcset=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/72768127_527706681362860_4556517103380725760_n.edit1_-1.jpg 720w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/72768127_527706681362860_4556517103380725760_n.edit1_-1-300x200.jpg 300w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/72768127_527706681362860_4556517103380725760_n.edit1_-1-705x470.jpg 705w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/72768127_527706681362860_4556517103380725760_n.edit1_-1-450x300.jpg 450w\" sizes=\"(max-width: 720px) 100vw, 720px\" \/><figcaption>Godaansaa deebi&#8217;uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos fi Giiftii keenya Durbee Maariyaam<\/figcaption><\/figure>\n\n\n\n<p style=\"text-align:right\">H.K.H.Roodaas Taaddasa (Dr.)<\/p>\n\n\n\n<p>Dilbata\ndhumaa kan tibba habaabootti hayyoonni Mana Kiristaanaa fi amantootni mooraa\nhaadha keenya Mana Kiristaanaatti walitti qabaman onneen isaanii jaalala\nDeessuu Waaqaatiin boba\u2019ee, dhandhama galata isheetiinis qalbiin isaanii\nquuftee, keessattuu, xummura sirnagalateeffannaa tibba habaabootti qalbii\nisaanii isa sirna galatoo galateeffannaa tibba abaaboo ishee dhumaa galateessee\nnagahe kan hin jenne sana gammachiisuu baatuus, guyyichi aduu Giiftiin keenya warroota\nishee galateessaniif eebbisa ishee itti laattu dha waan ta\u2019eef qalbiin isaanii\ngammachuun guutamee galata kana sirna galatoo keessa galateessaa dabarsu.\nIccitii, dubbisa fi hiika galuumsa isaas kunoo!<\/p>\n\n\n\n<p>\u1215\u1265\u1228 \u1210\u1218\u120d\u121a\u120d \u1240\u12ed\u1215 \u12c8\u1338\u12a0\u12f5\u12d2\u12f5 \u12a0\u122d\u12a0\u12eb \u12b0\u1230\u12b0\u1235 \u12d8\u1265\u1229\u122d<\/p>\n\n\n\n<p>\u1270\u12a0\u121d\u122d\u12aa \u1295\u1339\u1215 \u1260\u12a0\u121d\u1233\u1208 \u12c8\u122d\u1245 \u130d\u1261\u122d<\/p>\n\n\n\n<p>\u1270\u1348\u1338\u1218 \u1293\u1201 \u121b\u1215\u120c\u1270 \u1345\u1308 \u1225\u1219\u122d<\/p>\n\n\n\n<p>\u12a0\u1235\u121d\u12aa \u1266\u1271 \u1295\u130d\u1225\u1270 \u1230\u121b\u12eb\u1275 \u12c8\u121d\u12f5\u122d<\/p>\n\n\n\n<p>\u12a8\u1218 \u1260\u1215\u133d\u1295\u12aa \u12eb\u1230\u121d\u12ad \u134d\u1241\u122d<\/p>\n\n\n\n<p>(Raajiin\nkee qulqulluun halluu adii fi diimaa qabaatee kan calaqqisiisu, bifti isaas\nakka meetii bareedaatti kan ta&#8217;e fakkeenya sookoon (warqeen) kan tolchamee dha.\nEgaa sirni galateeffannaa tibba habaaboos (\u121b\u1215\u120c\u1270 \u1345\u130c)\nxummurame. Yaa Maariyaam mootittii samii fi lafaa Ilmi kee jaalatamaan hammannaa\nkee jalatti akkuma ciise (booraafate); booraafachuu Isaa kanaan nuuf Kadhadhu.)<\/p>\n\n\n\n<p>Hayyichi\nAbbaa Tsigge Dingil sirna galata addaa kana kan dubbate, jecha dura aanaan\nRaajootaa Muuseen dubbate bu&#8217;uura godhachuun yeroo ta&#8217;u, kunis See.Uum. 2:11-12\nirratti &#8220;\u1235\u1219 \u1208\u12a0\u1210\u12f1 \u1348\u1208\u130d \u12a4\u134c\u1236\u1295 \u12cd\u12a5\u1271 \u12d8\u12e8\u12d0\u12cd\u12f5 \u12cd\u1235\u1270 \u12b2\u1209 \u121d\u12f5\u1228 \u12a4\u12cd\u120b\u1326\u1295 \u12c8\u1205\u12e8 \u1200\u120e \u12c8\u122d\u1245\u1364 \u12c8\u12c8\u122d\u1243 \u1208\u12ed\u12a5\u1272 \u121d\u12f5\u122d \u1220\u1293\u12ed \u12c8\u1205\u12e8 \u1200\u120e \u12d5\u1295\u1241&#8230; \u12d8\u12e8\u1280\u1271 \u12c8\u12d5\u1295\u1241&#8230; \u1210\u1218\u120d\u121a\u120d\u1366 Lagni inni\ntokko maqaan isaa Eefeesooni dha. Innis lafa Ewlaaxoon mara kan obaasu dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Achittis\nsookoon ni jira. Sookoon lafa sanaas bareeda dha. Achittis inquun (elellaa) ifu\nni jira ture.&#8221; kan jedhu dha. <\/p>\n\n\n\n<p>Kunis\nfakkeenya mataa isaa danda&#8217;e qaba.<\/p>\n\n\n\n<ul><li>Inquun (elellaa) fakkeenya qulqullinaa isheeti. Akkuma sookoon sun ifutti, Giiftiin keenyaas cubbuu dhaalaa irraa bilisa akka taate fi qulqullina fi Qulqullummaan kan iftudhaati. Akkuma Kitaabni &#8220;\u121b\u122d\u12eb\u121d\u1230 \u1270\u1210\u1271 \u12a5\u121d\u1275\u12ab\u1275 \u12cd\u1235\u1270 \u12a8\u122d\u1231 \u1208\u12a0\u12f3\u121d \u12a8\u1218 \u1263\u1215\u122d\u12ed \u1338\u12d0\u12f3\u1364 Maariyaamiin dura irraa kaasee amalummaa Addaam keessatti akka inquu (elellaa) adiitti ni ifti.&#8221; jedhutti jechuu dha.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Innis, Gannatni fakkeenya Giiftii keenaati, sookoon immoo fakkeenya qulqullinaa fi Qulqullumma isheeti. Akkuma sookoon lafa sanaa qulqulluu ta&#8217;etti; amantaa fi naamusni Giiftii keenya qulqulluudhaati. Akkasitti illee ni hiikama. <\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Inquun halluu makaa qabu fakkeenya Gooftaa keenyaati. Inii halluun isaa makaa akkuma ta&#8217;e, Gooftaan keenyas Waaqaas namas kan ta\u2019e isadhaati.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p>Dabalataan\nimmoo Qulqulluun Daawiit Durbee Qilqulleettii ishee lafa dhaalaa\nIyyaruusaaleemitti argamte, guuggeen kochoowwan ishee meetii irraa hojjetameen kan\nfakkeeffamte fi cinaachi ishee immoo sookoon kan bareechifame kana Afuura\nWaaqayyoon bifa guuggeetiin argee Faar. 67:13 irratti \u201c\u12a5\u1218\u1292 \u1264\u1275\u12ad\u1219 \u121b\u12d5\u12a8\u1208 \u1218\u12cb\u122d\u1235\u201d Gulummaa\nkeessatti yoo bultan illee\u201d jechuun jalqaba irratti Noohi ilma isaa Seem\njedhamuuf dhaalchise fi duuba irratti ishee Abrihaamiif kennamte gahee Seem\njedhamuun beekkemtutti osoo geessan \u201c\u12ad\u1290\u1348 \u122d\u130d\u1265 \u1260\u1265\u1229\u122d \u12d8\u130d\u1261\u122d;\nAkka baalleewwan meetii irraa hojjetamanitti\u201d jechuun gulummaa Seem ishee achi\nargamtu keessa gar-laafeenya isheen guuggeen kan fakkeeffamte Giiftiin keenya\nQulqulleettin Durbee Maariyaam guuggee kochoowwan ishee meetii irraa\nhojjetameen fakkeeffamuun ishee; qulqullina foon ishee, qulqullina lubbuu ishee\nfi qulqullina sammuu ishee fakkeenya kochoo meetii irraa hojjetameen erga ibse\nbooda, <\/p>\n\n\n\n<p>\u201c\u12c8\u1308\u1260\u12cb\u1272\u1203\u1292 \u1260\u1210\u1218\u120d\u121b\u1208 \u12c8\u122d\u1245\u1364 mudhiin\nishees baallee sookoo irraa hojjetameen kan bareechifamte\u201d jechuun sookoon kan\nfakeeffame mudhiin qalbii ishee \u201cAkkuma dubbattetti naaf haa ta\u2019u.\u201d jechuudhaan\nmisiraachoo Qulqulluu Gabri\u2019eel amanuun kan jabaate ta\u2019uu isaa iccitiin erga\nibse booda, deessuu Isaaf (Waaqayyoof) misiraachoo akka himu kan ajaje misiraachoo\nQulqulluu Gabri\u2019eeliin Mootii samii fi lafaa kan ta\u2019e Gooftaan gar-laafummaa\nisheen guuggeen kan fakkeefamte Qulqulleettii Durbee Maariyaam irraa dhalatee\nDhala namaaf Fayyina akka laatu \u201c\u12a0\u1218 \u12a0\u12d8\u12d8 \u1230\u121b\u12eb\u12ca \u1295\u1309\u1225 \u120b\u12d5\u120c\u1203\u1364 Yeroo Mootiin Samii fi lafaa ishee irratti\najajeetti\u201d jechuun kan dubbatame ishee irratti akka dhugoomee (mirkanaa\u2019ee)\njira waan ta\u2019eefi dha. Sabaab kanaafi dha \u201challuu diimaa fi adii kan qabu fi\nfakkeenyi isaas meetii bifa gara garaa kan ta\u2019e Raajiin kee fakkeenya\nsookootiin kan hojjetamee dha\u201d jechaa ishee galateessa.<\/p>\n\n\n\n<p>Hayyichi\nAbbaa Tsiggee Dingil xummura irratti Sirni Galateeffannaa Tibba Habaaboo &nbsp;inni gaarii, bareedaa, jaalatamaa fi hamma\nguyyaa deebi\u2019ee dhufuu Gooftaatti Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo\nItiyoophiyaatti Fulbaana digadamii jaha irraa kaasee hamma sambata xummura\nSadaasa ja\u2019atti kan gahu kun xummuramuu isaa ibsuuf \u201cEgaa sirni galateeffannaa\nTibba Habaaboo inni bareedaan ni gahe (xummurame)\u201d jechuun dubbate.<\/p>\n\n\n\n<p>Itti\nfufuun immoo, daa\u2019imman sammuun isaanii akka hin worraaqne&nbsp; hadholiinisaanii buqqee mataa isaanii harka\nisaanii jala kaa\u2019anii akkuma irkisanitti; bobaa ishee (kan Giiftii keenyaa) isa\nGooftaa jaalatamaa addunyaa kana irkisee fi kan qabate ni galateessa. Haaluma\nwal-fakkaatuun barreessaan Malki\u2019aa Maariyaamis:- <\/p>\n\n\n\n<p>\u201c\u1230\u120b\u121d \u1208\u1215\u1345\u1295\u12aa \u1208\u1325\u1260\u1260 \u1230\u121b\u12ed \u121d\u12d5\u122b\u1349<\/p>\n\n\n\n<p>\u12d8\u12a2\u12ed\u1275\u1228\u12a8\u1265 \u1231\u1273\u1349\u201d<\/p>\n\n\n\n<p>\u201cBobaa\nkee isa iccitiin isaa bira gahamuu hin danda\u2019amne fi iddoo qubannaan isaa\nogummaa samii ta\u2019eef galata nan galcha.\u201d jechaa ishee galateessa.<\/p>\n\n\n\n<p>Barreessaan\nAbbaa Tsiggee Dingil jedhamus Ifa kan taate Qulqulleettii Durbee Maariyaamiin \u201c\u1295\u130d\u1225\u1270 \u1230\u121b\u12ed \u12c8\u121d\u12f5\u122d\u1364 Mootittii\nlafaa fi samii\u201d Motittii ta\u2019uun ishee kun Raajii Raajootaatiinis ta\u2019e dubbii\nDuuka Bu\u2019ootaan mirkaneeffamee jira. Raajaa Waaqayyoo kan ta\u2019e Qulqulluun\nDaawiit Afuurri Waaqayyoo irra bulee waa\u2019ee kabaja, Qulqullummaa, Mootittii\nta\u2019uu, Araarsummaa fi Mootii samii fi lafaa kan ta\u2019e Waaqayyoon filatamuu ishee\n\u201cijoolleen mootiiwwanis kabaja keef oolu\u201d jechuun Mootii Samii fi lafaa kan\ndeesse Haadha Mootii keenya Kiristoos, ijoolleen yaboon (imaanaa\/adaraa) fi\nwaadaa Mootittii samii fi lafaa Gooftummaa Isaaf akka bitaman fi Ulfina Isaa\nMootummaa samiif filatamuun isaanii isaaf ifoomee duraan dursee faarsaa\nisaatiin ishee galateessee jira (Faar. 44:9-17).<\/p>\n\n\n\n<p>Dhugumaan\nQulqulleettin Durbee Maariyaam Mootittii ta\u2019uu ishee fi Mootittii jedhamuu ishee\nRajaa Daawiit qofa osoo hin ta\u2019in, Raajoonnis Duuka Bu\u2019oonnis Afuurri\nQulqulluun tokkichi isaaniif ibsee yeroo barreessan, Raajoota gurguddoo keessaa\nisa tokko kan ta\u2019e Raajaan Waaqayyoo Isaayyaas Raajii isaa keessatti \u201cMoototni abboota\nsiguddisan ta\u2019u; giiftiiwwan isaaniis guddistoota kee ta\u2019u. adda isaaniis gara\nlafaatti gad-gombisanii siif sagadu. Dhukkee miila kees ni arraabu.\u201d jechuun\nGiiftii giiftiiwwanii Mootittii moototaa (mootii dubrtoota ta\u2019an) ta\u2019uu ishee\nibsee jira (Raaj. Isaa. 49:23).<\/p>\n\n\n\n<p>Ammas\nsababa Mootii samii fi lafaa deesseef uummamni hundumtuu Giiftii keenya akka\ngalateessu Ogeessichi Salomoon Kitaaba weedduu weedduu caalu keessatti \u201cGuuggeen\nkoo iddoo raawwannaan koos tokkittii dha. Haadha isheefis tokkittii dha.\nDeessuu isheefis filatamtuu dha. Dubaroonnis kana arganii ishee galateessu.\nGiiftiiwwani fi haadholiin manaa ishee galateessu. Isheenis akka biiftuu\nganamaa kan daawwatamtu, akka addeessaas kan bareedde, akka aduus kan\nqulqulloofte fi akka raayyaa kaayyoof hiriiretti kan sodaachistu; Isheen kun\neenyu dha?\u201d jechuun kabaja Mootittii isa jia Raajiitiin isaaf mul\u2019ate katabee\njira (W\/W\/Caalu 6:9-10).<\/p>\n\n\n\n<p>Duuka\nBu\u2019oota keessaa isa tokko kan ta\u2019e Qulqulluu Yoohaannisis kabaja Mootittii ta\u2019uu\nishee kana argee, giiftiiwwan biyya lafaa uffata sookoo yeroo uffatan, kophee\nsookoos yeroo kaa\u2019atan, gonfoo inquu fi sookoo yeroo gonfatan; Mootittiin samii\nfi lafaa ishee Aduu dhugaa Kiristoos kan deesse Durbeen Qulqulleettiin garuu,\nfaaya guyyaa kan taate aduu uffattee, faaya halkanii kan ta\u2019an addeessa akka\nkopheetti kaa\u2019attee; urjiiwwani immoo gonfattee akka argamtu Mul\u2019ata isaa\nkeessa \u201cMallattoon guddaa samii irra mul\u2019ate. Aduu uffattee, addeessas akka\nkopheetti kaa\u2019attee, mataa ishee irrattis urjiiwwan kudha lama kan gonfatte\u201d\njechuun akkuma Qulqulluun Daawiit dubbatetti innis kabaja dinqisiisaa Mootittii\nifatti barsiiseera (Mul. 12:1). <\/p>\n\n\n\n<p>Kanaafuu,\nnamni galateeffannaa kanaan ishee galateessu hundumtuu Ilma ishee gara biyya\nMisiritti hammannaa isheen hammatamee (baatamee) ishee waliin godaane Iyyasuus\nKiristoos akka isaaf kadhattu fi isa araarsitu ishee kadhachaa hayyichi sirna\nGalateeffannaa Tibba abaaboo xummuramuu isaa ni labse.<\/p>\n\n\n\n<p>Yaa Haadha Waaqayyoo Giiftii keenya; akkuma Abbaa Tsiggee Dingiliin sirna galateeffannaa bareedaa fi jaalatamaa kanaan si galateessu taasisteen, gar-malee kan sijaalannu fi ijoollee kee kan nuyiin illee yeroo hunda akka sigalateessinuuf eebbisa kee akka nuulaattuuf sikadhanna. <\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>H.K.H.Roodaas Taaddasa (Dr.) Dilbata dhumaa kan tibba habaabootti hayyoonni Mana Kiristaanaa fi amantootni mooraa haadha keenya Mana Kiristaanaatti walitti qabaman onneen isaanii jaalala Deessuu Waaqaatiin boba\u2019ee, dhandhama galata isheetiinis qalbiin isaanii quuftee, keessattuu, xummura sirnagalateeffannaa tibba habaabootti qalbii isaanii isa sirna galatoo galateeffannaa tibba abaaboo ishee dhumaa galateessee nagahe kan hin jenne sana gammachiisuu baatuus, [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4468"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4468"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4468\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4470,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4468\/revisions\/4470"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4468"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4468"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4468"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}