{"id":4460,"date":"2019-11-11T13:18:38","date_gmt":"2019-11-11T13:18:38","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4460"},"modified":"2019-11-11T13:27:38","modified_gmt":"2019-11-11T13:27:38","slug":"yaada-murtee-fi-ibsa-ejjennoo-yaaii-afuurawaa-walii-gala-38ffaa-kan-yaaii-lallaba-teessoo-paatriyaarkii-4","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/yaada-murtee-fi-ibsa-ejjennoo-yaaii-afuurawaa-walii-gala-38ffaa-kan-yaaii-lallaba-teessoo-paatriyaarkii-4\/","title":{"rendered":"Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa\u2019ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa\u2019ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii"},"content":{"rendered":"\n<h2 class=\"wp-block-heading\">kutaa 5ffaa<\/h2>\n\n\n\n<ul><li>Kaayyoon ijoo dhaabbata dhimmoota maatii fi daa\u2019immanii, daa\u2019imman hawaasa waliin jiraatani tajaajila nyaataa, uffata fi yaalii fayyaa akka argatan haala mijeessuu dha. Keessattuu yeroo ammaa kanatti gochi gaarii daa\u2019imman haadha fi abbaa hin qabne kununsaa guddisuun maqaa Mana Kiristaanaa keenyaan foyya\u2019ee akka itti fufu yaadachiisaa; kutaalee lallabaa muraasa keessatti dhaabbatichi walii galee hojjechuu dhabuu isaa irraa kan ka\u2019e dhimmi isaa Mana Kiristaanaa keenya irraa darbee gara mana murtii mootummaatti akka qajeelu taasifamee gulummaan (lafa) fi qabeenyi Mana Kiristaanaa keenyaan qabamee ture qaamolee biroon akka irraa haala mijeessaa jira waan ta\u2019eef Qulqulluun Sinoodoos murteewwaan dursee murteesse ammas fooyyessee fi cimsee kallattii dhaabbatichi kutaalee lallabaa waliin wal-ta\u2019aa ittiin hojjetu akka kaa\u2019uu fi kun ta\u2019uu hin danda\u2019u taanaan garuu gulummaa Manni Kiristaanaa maqaa guddisa daa\u2019immaniitiin qabattee baroota dheeraaf eegaa turte kun akka irraa hin fudhatamne fi daa\u2019imman haadha fi abbaa hin qabne akka hin bittinoofne, Manni Kiristaanaa keenya guutuma guutuutti of jalatti oolchitee dambii fi qajeelfama ittiin bulchitu akka qopheessitu gaafachaa galmaan gahuu isaaf immoo gumaacha nuurraa eeggamu\u00a0 godhuuf waadaa galla.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Dhaabbanni sab-qunnamtii Mana Kiristaana keenyaa dhaabatee erga tajaajila kennuu eegale yeroo gabaabaa ta\u2019us, tamsaasa sagantaa idilaawaa isaarratti qooqaalee adda addaatiin adeemsisuun isaa kan jajjabeeffamuu dha. Haa ta\u2019u malee, keessattuu bara bajataa kanatti gubiinsa Mana Kiristaanaa, ajjeefamuu amantootaa, lafa fi mana jireenya isaanii irraa buqqa\u2019uu amantootaa raawwatamaa turan irratti hiriira nagaa gocha sukaneessaa kana balaaleeffatu amantootni dammaqinaan bahan sana dhaabbanni sab-qunnamtii keenya sa\u2019aatii bal\u2019aa kennee gabaasuu dhabuun isaa komii guddaa kan kaasise waan ta\u2019eef dhaabbanni kunis waltajjii Mana Kiristaanaa ta\u2019uun isaa beekkamee tajaajila foyya\u2019aa kennuu akka danda\u2019u ogeeyyi bajata gahaan deeggaramee, irra deddeebii sagantaalee hir\u2019isee sagantaalee haaraa fi wayitawaa gabaasuun dhaabbata sadarkaa isaa eegate akka ta\u2019u yaa\u2019ichi gar-malee yaadachiisa. <\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa biyyattii fi daangaa ishee eegsisuun; dhaloota kanaaf seenaa isaa, dabaree (darbii darboo) isaa, beekumsa isaa fi ogummaa adda addaa dabarsuun gumaachi isheen goote ol\u2019aanaa dha. Ta\u2019us, yeroodhaa yerootti naannolee tokko tokkotti gareewwan ejjennoo farra Mana Kiristaanaa qabatanii socha\u2019an baay\u2019achaa dhufan kun heera biyyattiin fi naamusa amantiin ala Mana Kiristaanaa keenya qoruumsa keessa galchuun dhiibbaa irraan gahaa argamu. <\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Bara darbe kutaa lallabaa Sumaalee Itiyoophiyaatti badiin Mana Kiristaana fi amantoota irra gahe hoggantoota naannichaa bara sanaan karoorfamee fi kaayyeeffatamee kan raawatme waan ta\u2019eef lubbuu namaa fi qabeenya amantootaa badeef gatiin (beenyaa\/hiirphaa) ogeeyyiin shallagamee mootummaan nannichaa Mana Kiristaanaa keenyaaf akka kaffalu gaafatame osoo hin deebi\u2019in, inumayyuu bara kanatti doorsisni fi gidiraan keessattuu Jimmatti, Kamiseetti, Harargee Bahaatti, Dirree Dawaatti, Goodina Sidaamaatti, Shawaa Kaabaatti, Matakkalitti, fi k.k.fakkaatanitti amantoota keenyarra gahaa jiru daran cimee itti fufuu isaatin Manni Kiristaanaa keenya gubamteetti, luboonni ishees Siida Aarsaa ishee jalatti qalamaniiru, amantootni ajjeefamaniiru, hidhamaniiru, iddoo jireenyaa isaanii irraas godaananiiru. Kanaafuu, carraaqqiin rakkoolee kana mootummaa giddu galeessaaf dhiheessuuf gama Qulqulluu Sinoodoosii godhamaa jiru akkuma eeggametti ta\u2019ee, rakkoon kun yeroodhaa yeroottii dabalaa waan dhufeef doorsisa fi gidiraa Mana Kiristaanaa keenya irra gahaa jiru xiqqeessuufi dursanii ittisuun akka danda\u2019amu badiin tokko gahuun isaatiin duratti erga gahe boodas koree ididla addunyawaa xiinxala fi odeeffannoo\u00a0 ogummaan deeggarame qaama dhimmi ilaallatuuf akkasumas amantootaaf dursee kennu, ogeeyyii seeraas of keessatti kan hammate, wiirtuu odeeffannoo cimaa kan qabu, walitti dhufeenyi isaas Teessoo Paatriyaarkii irraa kaasee hanga yaa\u2019ii lallabaa Manneen Kiristaanaatti kan gahu Qulqulluu Sinoodoosiin akka hundeeffamu ni gaafanna.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Warreen Ilaalcha foonii fi seeneessa dharaa uumuun kitaabaanis ta\u2019e toora sab-qunnamtiitiin tamsaasan; ijaarsa biyyaaf , bulchiinsa gaariif, barumsaaf fi k.k.fakkaataniif walumaa galatti eenyummaa waliigalaa Itiyoophiyaa irratti tola ooltummaa guddaa kan oolte Mana Kiristaanaa keenya ishee ol\u2019aantuu kana actiiviistootni fi namoonni siyaasaa sabaa fi sab-lammoota adda addaa irraa argamne jedhani fi ilaalcha foonii adda addaa qabatanii socho\u2019an Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa hawwattuu SIRNA MOOTUMMAA ILAALCH-TOKKEE (\u12a0\u1210\u12f3\u12ca \u1225\u122d\u12d3\u1275) fi amantaa saba tokkoo qofa akka taate fakkeessanii dubbachuun oduu dhugaa irraa fagaate afaarsan kun amantootni keenya shakkii hin taane keessa akka galan fi Mana Kiristaanaa isaanii akka shakkan taasisuun kun holola dogongoraa fi faayidaa tokkollee kan hin qabne waan ta\u2019eef yaa\u2019iin idila addunyaa kun baay\u2019isee balaaleeffata.<\/li><\/ul>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>kutaa 5ffaa Kaayyoon ijoo dhaabbata dhimmoota maatii fi daa\u2019immanii, daa\u2019imman hawaasa waliin jiraatani tajaajila nyaataa, uffata fi yaalii fayyaa akka argatan haala mijeessuu dha. Keessattuu yeroo ammaa kanatti gochi gaarii daa\u2019imman haadha fi abbaa hin qabne kununsaa guddisuun maqaa Mana Kiristaanaa keenyaan foyya\u2019ee akka itti fufu yaadachiisaa; kutaalee lallabaa muraasa keessatti dhaabbatichi walii galee hojjechuu [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4460"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4460"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4460\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4464,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4460\/revisions\/4464"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4460"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4460"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4460"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}