{"id":4457,"date":"2019-11-05T14:36:41","date_gmt":"2019-11-05T14:36:41","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4457"},"modified":"2019-11-05T14:36:43","modified_gmt":"2019-11-05T14:36:43","slug":"yaada-murtee-fi-ibsa-ejjennoo-yaaii-afuurawaa-walii-gala-38ffaa-kan-yaaii-lallaba-teessoo-paatriyaarkii-3","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/yaada-murtee-fi-ibsa-ejjennoo-yaaii-afuurawaa-walii-gala-38ffaa-kan-yaaii-lallaba-teessoo-paatriyaarkii-3\/","title":{"rendered":"Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa\u2019ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa\u2019ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii"},"content":{"rendered":"\n<h2 class=\"wp-block-heading\">Kutaa 4ffaa<\/h2>\n\n\n\n<ul><li>Kitaabileen fi Faaruuwwan Mana Kiristaanaa keenyaan qophaa\u2019anii maxxanfaman hundumtuu Yaa\u2019ii Hayyootaatiin qoratamanii akka maxxanfaman; hojii kanaafiis manni maxxansaa Tinsaa\u2019ee Za Gubaa\u2019ee cimee galmaan gahuu akka danda\u2019u daran akka cimu ta\u2019ee, kitaalolee kanaan dura Mana Kiristaanaa keenyaan qophaa\u2019anii faayidaa irra oolaa turan dhaabbilee fi namoota dhuunfaatiin karaa seeraan ala ta\u2019een maxxanfamaa fi ittiin daldalamaa jira waan ta\u2019eef, Manni Kiristaanaa Kitaabolee Mataa ishee sirritti eeguun maxxansaa amantoota isheef akka dhiheessitu fi barsiifannaa ishee isa bu\u2019uuraa, isa dhugaa fi sirrii ta\u2019e kana karaa sirrii ta\u2019een akka waliin geessu waan dandeenyu hunda godhuuf waadaa galla.<\/li><li>Tibba kana gochi sukaneessaa amantoota fi Mana Kiristaanaa keenya irra gahaa jiru itti baay\u2019achaa jiru, Manneen Kiristaanaa haala kanaan dura irraa caaluun wal-gargaaruu fi Manneen Kiristaanaa gubatani fi cufamani irra deebi\u2019uun ijaaruuf fi kan cufamani banuuf wal-deeggeruun durii kaasee aadaa keenya waan ta\u2019eef, Manneen Kiristaanaa biyyota alaa fi kutaa lallabaa Finfinnee keessatti argamani, itti gaafatamtootni waajjiraalee Manneen Kiristaanaa, Kawaalota fi Yaa\u2019iiwwan Barnoota Mana Kiristaanaa baadiyyaa gargaaruuf sochiin godhamaa jiru daran akka cimee akka itti fufu yaa\u2019ichi ni yaadachiisa.<\/li><li>Kolleejonni Afuurawaa Qulqulleettii Sillaasee, Sawaasawa Birhaan Qulqulluu Phaawloos fi Qulqulluu Fireemnaaxoos Abbaa Salaamaa Kasaatee Birihaan hamma ammaa Mana Kiristaanaa keenyaaf humna namaa sirritti leenji\u2019e dabaluun fi lallabdoota Wangeelaa horachuun wal-qabatee shorri\/gaheen\/ isaan taphatan ol\u2019aanaa ta\u2019uun isaa akkuma eeggametti ta\u2019ee, fuul-duraafis simannaa barattoota isaanii dabalanii calallii bartootaan fi haala baruu barsiisuun walqabatee of-eeggannaa guddaa fi too\u2019annaa barbaachisu godhuun dagaaganii akka itti fufani yaadachiisaa, lallabdoota Wangeelaa gahuumsaan fi beekumsaan akka horataniif waan nurraa eeggamu bahuuf waadaa galla.<\/li><li>Gamoowwani fi Manneen qabeenya dhaabbatoo Mana Kiristaanaa fi hambaalee abbootaa kan ta\u2019an ammas carraaqqii mana lubummaa ol\u2019aanaa fi Qulqulluu abbaa keenya Abuuna Maatiyaasiin akkasumas ajaja gaarii muummicha ministeeraa Dr. Abiyyi Ahmadiin deebi\u2019aa jiru waan ta\u2019eef kiraan isaanii seeraan sassaabamaa qixa sirriin fayyadamummaa Manni Kiristaanaa fi hayyoonni Mana Kiristaanaa carraaqqii faayidaa akka irraa argatan taasifamuuf deeggarsa barbaachisu hunda godhuuf waadaa galla.<\/li><li>Kaayyoon ijoo dhaabbata dhimmoota maatii fi daa\u2019immanii, daa\u2019imman hawaasa waliin jiraatani tajaajila nyaataa, uffannaa fi yaalii fayyaa akka argatan haala mijeessuu dha. Keessattuu yeroo ammaa kanatti gochi gaarii daa\u2019imman haadha fi abbaa hin qabne kununsaa guddisuun maqaa Mana Kiristaanaa keenyaan foyya\u2019ee akka itti fufu yaadachiisaa; kutaalee lallabaa muraasa keessatti dhaabbatichi walii galee hojjechuu dhabuu isaa irraa kan ka\u2019e dhimmi isaa Mana Kiristaanaa keenya irraa darbee gara mana murtii mootummaatti akka qajeelu taasifamee gulummaan (lafa) fi qabeenyi Mana Kiristaanaa keenyaan qabamee ture qaamolee biroon akka irraa haala mijeessaa jira waan ta\u2019eef Qulqulluun Sinoodoos murteewwaan dursee murteesse ammas fooyyessee fi cimsee kallattii dhaabbatichi kutaalee lallabaa waliin wal-ta\u2019aa ittiin hojjetu akka kaa\u2019uu fi kun ta\u2019uu hin danda\u2019u taanaan garuu gulummaa Manni Kiristaanaa maqaa guddisa daa\u2019immaniitiin qabattee baroota dheeraaf eegaa turte kun akka irraa hin fudhatamne fi daa\u2019imman haadha fi abbaa hin qabne akka hin bittinoofne, Manni Kiristaanaa keenya guutuma guutuutti of jalatti oolchitee dambii fi qajeelfama ittiin bulchitu akka qopheessitu gaafachaa galmaan gahuu isaaf immoo gumaacha nuurraa eeggamu\u00a0 godhuuf waadaa galla.<\/li><\/ul>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kutaa 4ffaa Kitaabileen fi Faaruuwwan Mana Kiristaanaa keenyaan qophaa\u2019anii maxxanfaman hundumtuu Yaa\u2019ii Hayyootaatiin qoratamanii akka maxxanfaman; hojii kanaafiis manni maxxansaa Tinsaa\u2019ee Za Gubaa\u2019ee cimee galmaan gahuu akka danda\u2019u daran akka cimu ta\u2019ee, kitaalolee kanaan dura Mana Kiristaanaa keenyaan qophaa\u2019anii faayidaa irra oolaa turan dhaabbilee fi namoota dhuunfaatiin karaa seeraan ala ta\u2019een maxxanfamaa fi ittiin daldalamaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4457"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4457"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4457\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4458,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4457\/revisions\/4458"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4457"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4457"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4457"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}