{"id":4455,"date":"2019-11-01T13:41:40","date_gmt":"2019-11-01T13:41:40","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4455"},"modified":"2019-11-01T13:41:41","modified_gmt":"2019-11-01T13:41:41","slug":"yaada-murtee-fi-ibsa-ejjennoo-yaaii-afuurawaa-walii-gala-38ffaa-kan-yaaii-lallaba-teessoo-paatriyaarkii-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/yaada-murtee-fi-ibsa-ejjennoo-yaaii-afuurawaa-walii-gala-38ffaa-kan-yaaii-lallaba-teessoo-paatriyaarkii-2\/","title":{"rendered":"Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa\u2019ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa\u2019ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii"},"content":{"rendered":"\n<h2 class=\"wp-block-heading\">Kutaa 3ffaa<\/h2>\n\n\n\n<ul><li>Manni Kiristaanaa keenyaa Kawaalota fi Manneen Kiristaanaa kumaatamaan laakka\u2019aman; luboota, tajaajiltoota fi amantoota miiliyoonaan lakkaa\u2019aman kan qabdu ta\u2019uun ishee ni beekkama. \u00a0Kana irraa yeroo ilaallu, Meeshaaleen Qulqullaa\u2019oo irra caalaatti kan argaman namoota dhuunfaa fi namoota amantaan isaanii faallaa ta\u2019e irraayi. Kanaafuu, haala kana hundee isaatirraa sirreessuuf fi Mana Kiristaanaa keenya fayyadamtuu godhuuf dhaabbanni ogummaa harkaa Goofaa cimee akka itti fufuuf fi dhaabbatichi ramaddii bajataa fi human namaa gahaa ta\u2019een deeggaramee, naannolee adda addaatti dameewwan banee Meeshaalee Qulqullaa\u2019oo baay\u2019inaanis ta\u2019e qulqullinaan oomishee dhiheessuun dorgomaa akka ta\u2019u godhuun namoonni adda addaa karaa seeraan alaatiin meshaalee oomishaman hundumaa dhaabbatuma keenyatti sadarkaa fedhii amantoota keenya quubsuu danda\u2019uun \u00a0qulqullinaan akka oomishu yaa\u2019iin kun yaadachiiseera. <\/li><li>Kawaalonni Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa madda seeraa fi heeraa, argama ga\u2019uumsa bulchiinsaa, abbaa Hambaalee fi Meeshaalee Qulqullaa\u2019oo, wiirtuu Kadhannaa, barumsaa fi naamusaa ta\u2019uun isaanii beekkamaa dha. Kun cimee itti fufuu kan qabu yeroo ta\u2019u; gama biraatiin garuu, Kawaalota gurguddoo Kutaalee adda addaa keessa argamanitti heera Mana Kiristaanaan fi seera Kawaalaan alatti fedhii fi faaydaa dhuunfaa isaanii eegsisuuf jecha osoo hin ergamin ergamneerra, osoo hin muudamin muudamneerra, gahuumsa Afuurawaa osoo hin qabaatin geenyeerra jechaa rakkoolee adda addaa uumuun amantoota burjaajeessaa warroota maallaqa miiliyoonaann lakkaa\u2019amu faayidaa dhuunfaa isaaniif oolchaa jiran gar-malee kan balaaleeffannu ta\u2019uu ibsaa seera Kawaalotaa eegsisuuf jecha wal-cinaa dhaabbachuun cimnee hojjechuuf waadaa galla.<\/li><li>Barnootni yaa\u2019ii Mana Kiristaanaa (\u12a0\u1265\u1290\u1275 \u1275\u121d\u1205\u122d\u1275) haala barnoota ammayyaa waliin walitti qindaa\u2019ee ittiin kennamuu danda\u2019u irratti kan xiyyeeffatu imaammanni barnootaa wiirtuulee leenjii fi barnootaatiin osoo qophaa\u2019e hayyoota tajaajila waliigalaa Mana Kiristaanaaf gahuumsa qaban horachuun waan danda\u2019amuuf, manneen barnoota Yaa\u2019ii Mana Kiristaanaa cimee akka itti fufu yaa\u2019ichi ni yaadachiisa.<\/li><li>Hoggansi tajaajila Heeraa mana lubummaa ol\u2019aanaa carraaqqiin inni mirga Mana Kiristaanaa keenya eegsisuuf godhaa jiru cimee akka itti fufu fi dhaddachi Afuurawaa isaas bifa seera Mana Kiristaanaa eeggen murtee Afuurawaa kennuun isaa Mana Kiristaanaa keenyaaf bu\u2019aa qabeessa dha. Haa ta\u2019u malee, dirra sanaaf seerri bahee qaamolee dhimmichi isaan ilaallatuuf dhihaatee beekkamtii akka argatu gaaffiin wal-irraa hin cinne dhihaataa turus, furam dhabuun isaa gar-malee kan nama gaddisiisu yoo ta\u2019u, rakkoolee bulchiinsa keessaatiin uumaman ilaalchisee ofii\u00a0 keenyaaf ofuma keenyaan murtee kennuun cimee akka itti fufuuf godhuun cinaatti carraaqqiin Manni Kiristaanaan keenya mana murtii Afuurawaa mootummaa birattis beekkamtii qabu akka qabaattuuf godhamu karaa hoggansa heeraatiin cimee akka itti fufu yaa\u2019ichi ni yaadachiisa.<\/li><\/ul>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kutaa 3ffaa Manni Kiristaanaa keenyaa Kawaalota fi Manneen Kiristaanaa kumaatamaan laakka\u2019aman; luboota, tajaajiltoota fi amantoota miiliyoonaan lakkaa\u2019aman kan qabdu ta\u2019uun ishee ni beekkama. \u00a0Kana irraa yeroo ilaallu, Meeshaaleen Qulqullaa\u2019oo irra caalaatti kan argaman namoota dhuunfaa fi namoota amantaan isaanii faallaa ta\u2019e irraayi. Kanaafuu, haala kana hundee isaatirraa sirreessuuf fi Mana Kiristaanaa keenya fayyadamtuu godhuuf dhaabbanni [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4455"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4455"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4455\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4456,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4455\/revisions\/4456"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4455"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4455"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4455"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}