{"id":4447,"date":"2019-10-28T12:53:54","date_gmt":"2019-10-28T12:53:54","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4447"},"modified":"2019-10-28T12:53:56","modified_gmt":"2019-10-28T12:53:56","slug":"yaada-murtee-fi-ibsa-ejjennoo-yaaii-afuurawaa-walii-gala-38ffaa-kan-yaaii-lallaba-teessoo-paatriyaarkii","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/yaada-murtee-fi-ibsa-ejjennoo-yaaii-afuurawaa-walii-gala-38ffaa-kan-yaaii-lallaba-teessoo-paatriyaarkii\/","title":{"rendered":"Yaada Murtee fi Ibsa Ejjennoo Yaa\u2019ii Afuurawaa Walii Gala 38ffaa kan Yaa\u2019ii Lallaba Teessoo Paatriyaarkii"},"content":{"rendered":"\n<h3 class=\"wp-block-heading\">Kutaa lammaffaa<\/h3>\n\n\n\n<ul><li>Ol-aantummaan fi Ulfinni Mana Kiristaanaa keenyaa yeroodhaa yerootti eeggamee akka jiraatu babal\u2019iinsi lallaba Wangeelaa murteessaadha waan ta\u2019eef, hojiilee Hoggansa lallaba Wangeelaa fi ergama Duuka Bu\u2019ummaatiin raawwatamaa jiran cimsuun gama bobbaatii lallaba Wangeelaatiinis ta\u2019e bu\u2019aawwan maxxansaatiin bifa gaaffii dhaloota kanaa deebisuu danda\u2019uu fi bifa fedhii afaan dhalootaatiin tajaajiluu danda\u2019uu miilkeessuun Qulqulluu Sinoodoosiin xiyyeeffannaan itti kennamee akka qindaa\u2019u gaafachaa duulli lallaba Wangeelaa akka cimuuf gumaacha maallaqaa dhibbeentaa tokkoo (1%) Qulqulluu Sinoodoosiin kan mueteeffame lallaba Wangeelaa cimsuuf fi babal\u2019isuuf qisaasummaa tokko malee hojii irra akka oolu taasisuuf waadaa galla.<\/li><li>Dargaggeeyyii manneen barnoota Sambataa Mana Kiristaanaa ishee boruu dhaaluu warren danda\u2019an fi bareedina ishee kan har\u2019aa kan ta\u2019an kununsuun, barsiisuun fi weerara diinaa irraa baraaruun barnoota isa hin dabne fi qulqulluu kan ta\u2019e\u00a0 sana manneen barnoota Sambataa Manneen Kiristaanaa hunda keessatti argaman barsiisuuf, cimsuuf fi bakeewwan manneen barnoota Sambataa hin hundeeffamneetti hundeessuuf waadaa galla. Kana waliiniis deeggarsi maallaqaa fi ogummaa hojii misoomaa manneen lubummaa aanaa kutaalee lallabaa adda addaa keessatti argamani\u00a0 fi Manneen Kiristaanaaf gama Waldaa Qulqullootaatiin taasimaa jiru gabaasaawwan dhihaatan irraa hubachuun danda\u2019aameera. Gargaarsa Waldichi Mana Kiristaanaaf taasisu fuul-duraaf daran cimsee akka itti fufu yaa\u2019iin kun ni yaadachiisa.<\/li><li>Hoggansi bulchiinsa lubootaa kabaja yaadannoo guyyaa muudamuu Qulqulluu Paatriyaarkichaa irraa eegalee ayyaanootni waggaa haala ho\u2019aa fi seera qabeessa ta\u2019een akka kabajaman godhuun isaa Mana Kiristaanaa keenyaaf \u00a0karaalee kabajni (siimboon) ishee ittin ibsamu waan ta\u2019eef, fuul-duraafis jajjabeeffamee kana caalaa cimee akka itti fufu ni yaadachiisna.<\/li><li>Mana Kiristaanaa keenyatti dambii too\u2019annaa, kununsaa fi eegumsa hambaalee fi qabeenyaa jiraachuun isaa hambaaleen haalaan akka eeggaman fi galiin turizimii akka dagaagu akkasumas, muuziyeemichis wiirtuu qo\u2019annaa fi qorannaa akka ta\u2019u godhuuf hojjetemuun isaa akkuma eeggametti ta\u2019ee, baroota dheeraa lakkoofsisuu isheerraa fi idila addunyawaa ta\u2019uu isheerraa kaanee yoo ilaalle, gama turizimiitiin osoo sirritti hojjetame, dirri kun gama galii biyyattii guddisuutiin fi Mana Kiristaanaa keenyaaf gumaacha guddaa argamsiisuu danda\u2019uu isaatirraa kaanee yeroo ilaallu, Manni Kiristaanaa keenya gama hambaalee fi turizimiitiin hojii guddaa hojjechuutu irraa eeggama. Kanaafuu, kutaan eegumsa fi kununsa hambaalee, manneen kitaabaa fi muziyeemii Mana Kiristaanaa keenyaa haala barbaachisaa ta\u2019een; bajataan illee haa ta\u2019u, gama humna namaa gahuumsa qabuun illee haa ta\u2019u dagaagee hojii Manni Kiristaanaa keenya miilkaawaa ittiin ta\u2019u akka raawwatu yaadachiisaa sadarkaa kutaalee lallabaatiinis dirra kanaan hojii foyya\u2019aa hojjechuuf waadaa galla.<\/li><li>Too\u2019annaan maallaqaa fi qabeenyaa cimee argamuun isaa guddina diinagdee biyyattiif illee ta\u2019e Mana Kiristaanaaf murteessaa waan ta\u2019eef waajjirri mana lubummaa ol\u2019aanaa hoggansa too\u2019annaa isaa ogeeyyii gahaan qindeessee, kutaaleen lallabaas waan nurraa eeggamu hunda raawwachuun adeemsa hojii herregaa fi too\u2019annaa amansiisaa ta\u2019e lafa qabsiisuuf gahee nurraa eeggamu hamma humni keenya danda\u2019u galmaan gahuuf waadaa galla.<\/li><\/ul>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Kutaa lammaffaa Ol-aantummaan fi Ulfinni Mana Kiristaanaa keenyaa yeroodhaa yerootti eeggamee akka jiraatu babal\u2019iinsi lallaba Wangeelaa murteessaadha waan ta\u2019eef, hojiilee Hoggansa lallaba Wangeelaa fi ergama Duuka Bu\u2019ummaatiin raawwatamaa jiran cimsuun gama bobbaatii lallaba Wangeelaatiinis ta\u2019e bu\u2019aawwan maxxansaatiin bifa gaaffii dhaloota kanaa deebisuu danda\u2019uu fi bifa fedhii afaan dhalootaatiin tajaajiluu danda\u2019uu miilkeessuun Qulqulluu Sinoodoosiin xiyyeeffannaan itti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4447"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4447"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4447\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4448,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4447\/revisions\/4448"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4447"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4447"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4447"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}