{"id":4413,"date":"2019-10-22T11:14:39","date_gmt":"2019-10-22T11:14:39","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4413"},"modified":"2019-10-22T12:47:39","modified_gmt":"2019-10-22T12:47:39","slug":"ergaa-qulqulluu-paatriyaarkii","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/ergaa-qulqulluu-paatriyaarkii\/","title":{"rendered":"Ergaa Qulqulluu Paatriyaarkii"},"content":{"rendered":"\n<figure class=\"wp-block-image\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"960\" height=\"640\" src=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-3-1.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-4414\" srcset=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-3-1.jpg 960w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-3-1-300x200.jpg 300w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-3-1-768x512.jpg 768w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-3-1-705x470.jpg 705w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-3-1-450x300.jpg 450w\" sizes=\"(max-width: 960px) 100vw, 960px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<div class=\"wp-block-file\"><a href=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/Ergaa-Qulqulluu-Paatriyaarkii-1.pdf\">Ergaa-Qulqulluu-Paatriyaarkii-1<\/a><a href=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/Ergaa-Qulqulluu-Paatriyaarkii-1.pdf\" class=\"wp-block-file__button\" download>Download<\/a><\/div>\n\n\n\n<p>Maqaa Abbaa\nkan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen.<\/p>\n\n\n\n<ul><li>Eebbifamoo Abbaa Yaareed itti\ngaafatamaa Mana Lubummaa Ol\u2019aanaa fi phaaphaasii kutaa lallabaa Arsii<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Eebbifamoo abbaa Yooseef barreessaa\nQulqulluu Sinoodoos fi phaaphaasii kutaa lallabaa Goojjaam Bahaa<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Eebbifamoota miseensota Qulqulluu\nSinoodoos kan taatan phaaphaasonni<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Kabajamtoota itti gaafatamtoota hoggansoota\nfi jaarmiyaalee waajjira ol\u2019aanaa teessoo paatriyaarkii <\/li><li>Itti gaafatamtoota fi bakka\nbuutota kutaalee lallabaa<\/li><li>Itti gaafatamtoota Kawaalota fi\nManneen Kiristaana Finfinnee<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Hirmaattotni yaa\u2019ii kanaa\nkutaalee addunyaa adda addaa irraa dhuftan<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Walumaa galatti kabajamtootni yaa\u2019ii\nwalii gala fi idila addunyaa kanarratti hirmaachuuf kabajaan argamtan<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p>Waqoyyo\nGooftaan Kennaa arjummaa Isaa hin shallagamneen hojii ergama Duuka Bu\u2019ummaa\nkeenya isa darbe eebbisaa fi Qulqulleessee yaa\u2019ii walii gala bara haaraa kanaan\nwaan nugeesseef galanni Isaaf haa ta\u2019u.<\/p>\n\n\n\n<p>&lt;&lt;\u12a0\u12f5\u1285\u1290\u1290 \u12a5\u130d\u12da\u12a6 \u12a0\u121d\u120b\u12ad\u1290\u1364<\/p>\n\n\n\n<p>\u12c8\u12a0\u1235\u1270\u130b\u1265\u12a0\u1290 \u12a5\u121d\u12a0\u1215\u12db\u1265\u1364<\/p>\n\n\n\n<p>\u12a8\u1218 \u1295\u130d\u1290\u12ed \u1208\u1235\u121d\u12a8 \u1245\u12f1\u1235\u1364<\/p>\n\n\n\n<p>\u12c8\u12a8\u1218 \u1295\u1275\u1218\u12ab\u1215 \u1260\u1235\u1265\u1210\u1272\u12a8\u1364<\/p>\n\n\n\n<p>Yaa Waaqayyo\nGooftaa keenya nufayyisi. Maqaa Kee Qulqulluu akka galateessinuuf; galata Kees\nabdii akka godhannu uummata biyya ormaa keessaa walitti nuqabi.&gt;&gt; (Faar.\n105:47)<\/p>\n\n\n\n<p>Mootii fi\nRaajaa saba Israa\u2019eel kan ture Qulqulluu Daawiit jecha Faaruu kanaa olitti\ncaqasame Waaqayyoof yeroo dhiheessu, galmi isaa inni guddaan Waaqayyo\ngalateessuu akka ta\u2019e ni hubanna. Jechicha keessa akkuma ibsametti, kadhannaan\nmootichaa uummata isaa uummata biyya ormaa keessaa akka walitti sassaabu fi\nFayyisu Gooftaa Isaa Waaqayyoon kadhata. <\/p>\n\n\n\n<p>Sababa\nkadhannaa kana dhiheesseef yeroo ibsu, uummanni tokkummaan Waaqayyo akka\ngalateessu fi galata dhiheessan sanaaniis abdii akka horatan barbaaduurraa kan\nka\u2019e akka ta\u2019e ibseera. <\/p>\n\n\n\n<p>Haalli isaas\nuummataaf miira quuqamaa hammanaa qabaachuun hogganaa uummataa tokkorraa akka\neeggamu yaadni ijoon isaa ni mul\u2019isa. <\/p>\n\n\n\n<p>Duraan\ndursee garuu, galata galchuufis Waaqeeffachuuf nageenyi uummataa akka\nbarbaachisu; nageenya qafa osoo hin ta\u2019in gar-tokkotti walitti qabamuun waan\ndursi itti kennamu akka ta\u2019e Waaqayyoof akka garaa Isaa kan ta\u2019e Qulqulluun\nDaawiit osoos hin ibsin hin dabarre. Dhugaa dha, bakka nageenyi uummataa hin\neeggamnetti, qalbii tokkoon walitti qabamee jaalalaan fi tokkummaan yoo hin\nargamin; sirni galateeffannaas ta\u2019e Waaqeeffachuun haalaan adeemsifamuu hin\ndanda\u2019u. Qulqulluun Daawiit barbaachisummaan waan kanaa Afuura Qulqulluudhaan waan\ngaleefi dha \u201cUummata biyya ormaa keessaa nusassaabi\/walitti nuqabi; nufayyisis.\nSanaan boodaas maqaa Kee ni galateessina. Maqaa Keetiinis abdii horanna\u201d jechaa\nkan Kadhate. <\/p>\n\n\n\n<p>Qulqulluu\nDaawiit uummata Israa\u2019eel inni bulchu fi hogganuu sanaaf Kadhachuu qofa osoo\nhin ta\u2019in, isaaniif beenyaa ta\u2019ee hanga du\u2019aatti wareegama ta\u2019uuf \u201c\u121d\u1295\u1270 \u1308\u1265\u1229 \u12a5\u1209 \u12a0\u1263\u130d\u12d5 \u12d8\u12a0\u1290 \u1296\u120b\u12ca\u1206\u1219 \u12f3\u12d5\u1219 \u1208\u1275\u1228\u12f5 \u12a5\u12f4\u12a8 \u120b\u12d5\u120c\u12e8 \u12c8\u120b\u12d5\u1208 \u1264\u1270 \u12a0\u1261\u12e8\u1361\u1361\nTiksee isaanii kanan ta\u2019e hoolonni kun maal godhan? Harki Kee\nanarra fi mana abbaa koorra haa taatu malee.\u201d jechuudhaan mootii Waaqa Isaa kan\nKadhate akka ta\u2019es Kitaabni Qulqulluu dhugaa nuuf baha. <\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"960\" height=\"640\" src=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-2-1.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-4415\" srcset=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-2-1.jpg 960w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-2-1-300x200.jpg 300w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-2-1-768x512.jpg 768w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-2-1-705x470.jpg 705w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-2-1-450x300.jpg 450w\" sizes=\"(max-width: 960px) 100vw, 960px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<ul><li>Eebbifamoota miseensota Qulqulluu\nSinoodoos kan taatan phaaphaasonni<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Kabajamtoota irmaattota yaa\u2019ii\nkanaa<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p>Quuqamni fi\nga\u2019uumsi Qulqulluu Daawiit hamma warwwgamummaatti isa geessu kun dhala namaa\nhundumaaf; keessattuu hoggantoota Mana Kiristaanaaf gar-malee barbaachisa.\nUummanni Qulqulluu Daawiitiin hogganaman kanaaf walitti qabamuun fi Fayyuun\nakkuma isaaniif barbaachise; har\u2019as uummata walitti qabamuu, tokko ta\u2019uu fi\nFayyuu qabu baay\u2019ee qabna. Uummanni nuyi hogganaa jirru kun maqaa Isaatiin akka\namananiif fi maqaa Isaa akka galateessaniif Fayyina isaaniif hundi keenya\nWaaqayyootti ol Kadhachuufi qabna. Tokkummaan akka walitti qabamaniif illee barsiisuu,\ngorsuu, walitti araarsuu fi akka wal-ta\u2019an gochuu qabna. <\/p>\n\n\n\n<p>Manni\nKiristaanaa Qulqulleettiin nageenya uummata bala\u2019aaf Kadhachuu, barsiisuu fi\ngorsuun ergama ol\u2019aanaa Waaqayyoo irraa fudhatte ta\u2019uu isaa irraa kan ka\u2019e dalaga\nishee adda durummaan dalgdu ta\u2019us; keessattuu tibba amma keessa jirru kanatti daran\nkadhannaan, barsiisuun fi gorsuun yeroo itti jabaachuu qabdu akka ta\u2019e ni\nhubanna. Biyyi keenya har\u2019a abdii fi sodaa giddutti itti argamtu fi caasaan\ngiddu gala Mana Kiristaanaa keenyaas yeroo qormaanni gareewwan adda addaadhaan itti\nraafamaa jirtu dha. Tibba rakkisaa kanatti Manni Kiristaana keenya tooftaa fi\nogummaa obsaan deeggarame fayyadamtee ijoollee ishee gara tokkotti walitti qabdee\nhojii hundaa\u2019ol ta\u2019e gootee fudhachuun isheerraa eeggama.<\/p>\n\n\n\n<p>Eebbifamoota\nphaaohaasota, kabajamtoota hirmaattota yaa\u2019ii kanaa; Mana Kiristaana keenyaaf\nKennaa namoota walitti bu\u2019an wal-araarsuu, barsiisuu, gorsuu fi walitti qabuu\nkan raawwattu isa tokko ofitti qabuun kaan immoo ofirraa qabuun, isa tokko\ndeeggaruun isa kaan immoo busheessuun osoo hin ta\u2019in, hundumtuu ijoollee ishee\nwaan ta\u2019aniif wal-qixxummaan, tokkummaan, jaalalaan fi bilisa ta\u2019uudhaan ta\u2019uu\nakka qabu dagatamuu hin qabu.<\/p>\n\n\n\n<p>Manni\nKiristaanaa keenya Qulqulleettiin wantoota siyaasawaa irraa bilisa taatee hojii\nishee akka itti fuuftu gochuun gahee hunduma keenyaa, jechuunis; hoggantoota\nMana Kiristaanaa, tajaajiltootaa fi qacaramtootaati. Ta\u2019us, sagalee Waaqayyoo\nbu\u2019uura godhattee waa\u2019ee nageenya fi wal-qixxummaa dhala namaa akkasumas nagaa\nfi tokkummaa bal\u2019inaan barsiisuu akka qabdu irraanfachuu hin qabnu. Miirri\nwalii galtee dhabiinsi biyya keenya keessattui mul\u2019achaa jiru kun sababoota\nlamaan akka ta\u2019e ni mul\u2019ata. Kunis, gama tokkoon sodaa wal-qoqqoodiinsaa kan ittisu\nyeroo ta\u2019u, gama biraatin immoo soda dhabiinsa walqixxummaa ittisuu ta\nhubatama. Sodaa kochoowwan lamaanii yaadachuun maaliif barbaachise jechuu\nbaannuus; akka waan sodaa qoricha hin qabnetti hammana wal-shakkuun fi walirraa\nfagaachuun waan barbaachisu ta\u2019ee hin mul\u2019atu. <\/p>\n\n\n\n<p>Sababni\nisaas, qorichi furaan sodaa kanaa namni hundumtuu akkuma irratti amanu; wal-qixxummaa\ntokkummaa waliin; tokkummaas wal-qixxummaa waliin wal-simsiisuun qabachuu akka\nta\u2019e kan wal-mormisiisu waan hin taaneefi. Lammiileen Itiyoophiyaas kana\ndagachuu hin qaban. Uummannis kana irratti bal\u2019inaan yaaduutu irraa eeggama<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"960\" height=\"640\" src=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-4-1.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-4416\" srcset=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-4-1.jpg 960w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-4-1-300x200.jpg 300w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-4-1-768x512.jpg 768w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-4-1-705x470.jpg 705w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-4-1-450x300.jpg 450w\" sizes=\"(max-width: 960px) 100vw, 960px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<ul><li>Eebbifamoota miseensota Qulqulluu\nSinoodoos kan taatan phaaphaasonni<\/li><\/ul>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"960\" height=\"640\" src=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-6-1.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-4417\" srcset=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-6-1.jpg 960w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-6-1-300x200.jpg 300w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-6-1-768x512.jpg 768w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-6-1-705x470.jpg 705w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/EOTC-TV-6-1-450x300.jpg 450w\" sizes=\"(max-width: 960px) 100vw, 960px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<ul><li>Kabajamtootni hirmaattonni\nyaa\u2019ichaa<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p>Kaayyoon <em>Yaa\u2019ii Lallabaa<\/em> &nbsp;luboota, amantoota fi dargaggoota caasaa\nseeraa tokkoon gurmeessee amantaa barsiisuu, babal\u2019isuu fi eegsisuu akkasumas\nqabeenya fi karra Mana Kiristaanaa bulchiinsa giddu galaa Qulqulluu Sinoodoosiin\nseera fi qajeelfamaan too\u2019achaa dhimma Mana Kiristaanaaf oolchuu dha. kanaan\nala eessayyuu yoomiyyuu haa ta\u2019u; caasaa Mana Kiristaanaa eegee karri fi\nqabeenyi maqaa isheetiin walitti qabamu hundi hojimaata beekkamtii fi eegumsa\nishee jala oolee hojiirra hin oolle hidda isaa dheereeffachaa yoo deeme, tokkummaan\nMana Kiristaanaa qormaata keessa bu\u2019uun isaa waanuma hin oolle dha.<\/p>\n\n\n\n<p>Miirri saamicha\nqabeenya Mana Kiristaanaa yeroo ammaa kanatti Mana Kiristaanaa keenya keessatti\nbabal\u2019achaa jiru inni tokko isa kaan dhalaa deemee har\u2019a mana lubummaa keenya\ndhaabna hamma jedhamutti gaheera. <\/p>\n\n\n\n<p>Sababni\ngaaffiin kun ka\u2019uu danda\u2019eef, Dhugumaan Manni Kiristaanaan Itiyoophiyaa\nkeessatti bakka isheen waajjira Mana Lubummaa itti hin dhaabne jiraateetii? Ijoolleen\nishee Kiristaanoonni afaan dhalootaa isaaniin akka hin baranne dhoowwatteetii?\nDhoowwachuu dhiisnee, kitaabicha hiiktee fi maxxansitee raabsuu dhiisteettii? Kun\nhundi gonkumaa dhara. <\/p>\n\n\n\n<p>Haa ta\u2019u\nmalee, haqni kanaan duuba jiru garuu adda. Ilaalcha faayinaansii giddu galaa\nMana Kiristaanaarraa ala gareewwan maqaa Mana Kiristaanaatiin human horatan jiraachuun\nisaanii waan beekkamuuf; nuyis haaluma wal-fakkaatuun mana lubummaa adda ta\u2019e hundeessinee\nqabeenya haa horannu dha gaaffiin isaa. Yaaliin kun diinagdee Mana Kiristaanaa kan\nlaamsheessu fi tokkumma ishees rakkoo keessa buusuuf kan yaalu waan ta\u2019eef,\ngarri hundumtuu \u2018keenya\u2019 waan jedhu dhiisee hawwii qajeelaa \u2018Mana Kiristaanaa\nkeenyaaf\u2019 yaad-rimee jedhu haa qabaatu. Hundumtuu casaa giddu galaa Mana\nKiristaanaa tokkittii jala hammatamuun gaaffii isaanii karaa heera fi seera\nqabeessa ta\u2019een dhiheessuu ni danda\u2019u. Gaaffiin ilaalcha gaarii irraa madde,\nMana Kiristaanaa kan fayyadu, heera fi seera kan eege fi caasaa isaa kan\neeggate amantootni keenya qabaannaan abbootni Mana Kiristaanaa sababa isaan hin\nkeessummeessineef hin qaban. <\/p>\n\n\n\n<p>Kanaan ala\ngaruu, wal-taajjabsiisuun alatti yeroo dheeraa fudhachuu danda\u2019a malee galmaan\nhin gahu. Qulqulluu Sinoodoosis akkuma Waaqayyo Mooticha Daawiit irra bulee\ndubbate uummaticha walitti qabuufi malee jechoota nama burjaajeessaniin uummata\nisaa gareen qooduudhaan akka ijaaruuf hin uumamne waan ta\u2019eef, dogongorri\nseenaa fi amantaa akka uumamne of-eeguutu nurraa eegama. Ergamni fi kaayyoon yaa\u2019ii\nlallabaas miilkaa\u2019uu kan danda\u2019u, qabeenyi fi maallaqni maqaa Mana Kiristaanaatiin\nsassaabamu kamiyyuu hojimaata Manni Kiristaanaa mirkaneessiteen fi beekkamtii\nitti kenniteen akkasumas bifa hojimaata Afuuraawaa fi hawaasummaa; amantaawaa\nfi haala seera fi heera isaa eegeen; diinagdee fi &nbsp;bulchiinsaadhaan malee, qabeenya Mana\nKiristaanaa saamuuf hawwuu irraa kan ka\u2019e gareewwan yeroo fi bakka adda\naddaatti hundeeffamaniin lallaba \u2018isiniif beekna\u2019 jedhuun miti. Kanaafuu,\nyaa\u2019iin ijoon kun yaada kana xiyyeeffannaa guddaadhaan akka ilaaluuf ergaa\nabbaa dabarsina.<\/p>\n\n\n\n<p>Dhumarrattis;<\/p>\n\n\n\n<p>Yaa\u2019iin\nwalii-galaa fi ijoon kun tokkummaa Mana Kiristaanaa keenya kan eegsisu,\nbulchiinsa guddugalaa qabeenya fi maallaqaa ishee kan eegsisu dha waan ta\u2019eef, yaa\u2019ii\nijoo fi ol\u2019aanaa nageenyi fi misoomni biyya keenyaa, walqixxummaa fi tokkummaan\nuummata keenyaa akkasumas, tokkummaa fi qabeenya fi maallaqa isheetiin fayyadamuu\nMana Kiristaanaa keenyaa ittiin ragga\u2019uu kan danda\u2019u akkuma ta\u2019e, gochoota kana\ngad-fageenyaan ilaaluun fi seera eegsisuun bara bajataa kanatti cimee akka\nhojjetamu yaadachiisaa, ergaa Abbaa ni dabarsina. Yaa\u2019iin Afuuraa walii galaa\nkan lallabaa idila addunyaa kunis banamuu isaa ibsuu barbaanna. Yaa\u2019ii gaarii,\nQulquluu fi eebbifamaa nuuf haa ta\u2019u. <\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">Waaqayyo Itiyoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu.<\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">Waaqayyoof galatni haa ta\u2019u.<\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">Amen.<\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">Abbaa Maatiyaas dursaa Paatriyaarkii<\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">Duree Phaaphaasota Itiyoophiyaa<\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">Phaaphaasii Akusim Muudamaa (\u12d5\u1328\u130c) teessoo Takla Haaymaanoot<\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">Bara Araaraa (B.A.) Onkololeessa 5\/2012<\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">Finfinnee, Itiyoophiyaa<\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:right\">Maddi:- EOTC Broadcasting Service Agency\/<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen. Eebbifamoo Abbaa Yaareed itti gaafatamaa Mana Lubummaa Ol\u2019aanaa fi phaaphaasii kutaa lallabaa Arsii Eebbifamoo abbaa Yooseef barreessaa Qulqulluu Sinoodoos fi phaaphaasii kutaa lallabaa Goojjaam Bahaa Eebbifamoota miseensota Qulqulluu Sinoodoos kan taatan phaaphaasonni Kabajamtoota itti gaafatamtoota hoggansoota fi jaarmiyaalee waajjira ol\u2019aanaa teessoo paatriyaarkii Itti gaafatamtoota fi [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4413"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4413"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4413\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4424,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4413\/revisions\/4424"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4413"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4413"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4413"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}