{"id":4390,"date":"2019-10-07T13:47:23","date_gmt":"2019-10-07T13:47:23","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4390"},"modified":"2019-10-07T14:29:53","modified_gmt":"2019-10-07T14:29:53","slug":"godaantuu-baalleen-joobira-guddichaa-lama-badhaafamte-mulata-yohannis-12-14","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/godaantuu-baalleen-joobira-guddichaa-lama-badhaafamte-mulata-yohannis-12-14\/","title":{"rendered":"&#8230;Godaantuu baalleen joobira guddichaa lama badhaafamte&#8230; (Mul&#8217;ata Yohannis 12: 14)"},"content":{"rendered":"\n<figure class=\"wp-block-image is-resized\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" src=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/72604531_2463616900594353_4804446074817216512_n.jpg\" alt=\"\" class=\"wp-image-4393\" width=\"799\" height=\"722\" srcset=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/72604531_2463616900594353_4804446074817216512_n.jpg 500w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/72604531_2463616900594353_4804446074817216512_n-300x271.jpg 300w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/72604531_2463616900594353_4804446074817216512_n-450x407.jpg 450w\" sizes=\"(max-width: 799px) 100vw, 799px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p style=\"text-align:right\"><em>Dn. Gabrasillaasee Shittaahun<\/em><\/p>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">Durii\nkaasnee Akaakoo\/Akaakayyuu\/ koo wajjiin qilxuu mana keenya fuuduratti argamu\njala taa&#8217;uu jaalanna. Har&#8217;as teenyeerra. <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Maal\ntaate immoo har&#8217;a? Yeroo malee dhuftee nacinaa teese?&#8221; naan jedhani.\nMaqumaaf qofa dullooman jenna malee sagaleen isaanii kanuma dargaggeessaati.\nJechoonni afaan isaaniitii bahan miira tasgabbaa&#8217;een waan deeggaramaniif\ndhagahamanii hin quufamani. <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">Anis\ndeebiseen &#8220;Waa rakkannaan&#8230;&#8230;&#8221; jedhee odoo isaan hin xummurin\n&#8220;Rakkoo akkamii? Qe&#8217;een nagaa dha mitii?&#8221; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Qe\u2019een\nNaguma. Har\u2019a waltajjii Araaraa irratti (\u12d0\u12cd\u12f0\n\u121d\u1215\u1228\u1275) &#8230;Godaantuu koochoo\njoobira guddichaa lama badhaafamte&#8230; jedhanii oggaa barsiisan dhagaheen naaf\ngaluu didnaanan isin irraa barachuu dhufe.\u201d Jechuun yommuu ani deebisuuf.\n\u201cTolchiteetta ilmako, waan lubbuu kee fayyadu barachaa turuun kee bareeda dha.\nKitaaba Qulqulluu ni dubbistaa?&#8221; &#8220;Eeyyen.&#8221; &#8220;Hiika galuumsa\nisaa hoo ni beektaa?&#8221;&nbsp; &#8220;Hiikni\ngalumsaa immoo maali?&#8221;&nbsp; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Mee\nal-tokkon kutaa Kitaaba Qulqulluu tokkon siif dubbisa Dhaggeeffadhu. &#8220;Aafuurri\nQulqulluun yommuus Filiphosiin, &#8220;Hoboloo (\u1230\u1228\u1308\u120b) kanatti\ndhi&#8217;aadhuutii, isa duukaa deemi!&#8221; jedhe. Filiphosis hoboloo sanatti\nfiigee, utuu namichi macaafa raajicha Isaayaas dubbisuu dhaga&#8217;ee, &#8220;Waan\ndubbisaa jirtu kana in hubattaa?&#8221; jedhee isa gaafate. Namichis, &#8220;Osoo\nnamni anaaf hin hiikiin, attamittan hubachuu danda&#8217;a?&#8221; jedhee deebisee;\nakka Filiphos hoboloo irra bahee isa cinaa taa&#8217;uufis isa kadhate&#8230;.&nbsp; (H.D.B 8:29-31)&#8221; kan jedhu dha. Maal\nirraa hubatte?&#8221; Jedhanii yommuu isaan na gaafatan, anis &#8220;Dubbisuu\nqofa osoo hin ta&#8217;in ibsaa fi hiika gahaa argachuun barbaachisaa akka ta&#8217;en\nhubadhe.&#8221; Jedheen deebiseef.<\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Egaa\ngaaffin kees kan deebi\u2019uu qabu dubbisuu qofaan osoo hin ta&#8217;in, hiika\ngaluumsaatiin ille deeggarameeti. Caqasa isaa yaadattaa?&#8221; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Eeyyen,\nMul. Yooh. 12:14 dha.&#8221; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Lakkofsa\n14ffaarraa miti egaa lakkofsa jalqabaarraa kaasi naaf dubbisi. Yeroo sana siif\ngala.&#8221; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Wanti\nguddaan dinqisiisaan tokko, samii irratti argame; dubartiin biiftuu uffattee,\nji&#8217;a miilla isheeti kaa&#8217;attee, gonfoo urjoota kudha lamaa mataa ishee irraa\nqabdu tokko ni mul&#8217;atte.&#8221; (Mul&#8217;ata Yoohaannis 12: 1) jedhee gara bo&#8217;oo\nitti aanutti darbuuf goomara cirannaan (kokkee koo axaa\u2019annaan)&nbsp; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Afachu,\ninni ati amma dubbistes hiika galuumsaa mataa isaa danda&#8217;e qaba. &#8230;Wanti\nguddaan dinqisiisaan tokko, samii irratti argame; dubartiin biiftuu uffattee,\nji&#8217;a miilla isheeti kaa&#8217;attee, gonfoo urjoota kudha lamaa mataa ishee irraa\nqabdu tokko ni mul&#8217;atte&#8230; kan jedhuuf aduutti kan moggaafame Gooftaa keenya\nIyyasuus Kiristoosi dha. Aduu uffatte jedhamuun isaas kabaja Gooftaan guutamtee\njechuudha. &#8216;&#8230;gonfoo urjoota kudha lamaa mataa isheerra qabdu&#8230; jechuun\n&#8216;gonfoo urjoota kudha lamaan akka faaya ilillaa fi warqeetti faayeeffame kan\ngonfatte jechuusaati. Amma itti fufuu dandeessa.&#8221;&nbsp; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8221;\nIsheen ulfa turte; ciniinsuu da&#8217;umsaatiinis dhiphattee iyyite.&#8221; (Mul&#8217;ata\nYoohaannis 12: 2) <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Amma\nimmoo Kakuu duraa keessaa caqasa tokko fidnee haa ilaallu. &#8230;Yaa mucaa\nTsiyoon, akkuma dubartii ciniinsifattee deessu dahi; amma magaalaa ni baataa.\nLafa onaa keessas ni jiraatta. Hanga Baabiiloonittis ni geessa; achittis si\nfayyisa. Achittis Waaqayyo diinota keerraa si baraara&#8230;. (Raajii Miikiyaas\n4:10) jedha. &#8230;Mucaa Tsiyoon&#8230; kan jedhamte Giiftii keenya Dubroo Maariyaami\ndha. Isheenis yeroo Ilma ishee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin\nda\u2019uuf geessetti tibbi lakkoofsa uummataa kan bara Awgisxoos mootichaa geenyan\nsanynii Daawiit kan ta&#8217;e eegduu ishee kan ta&#8217;e Qulqulluu Yooseef wajjiin\nlakkaa&#8217;amuuf gara magaala uummata ishee hin beeknetti (lafa onaa kan jedhames\nkana.) deemuu fi achitti Ilma ishee Angafaa da\u2019uuf gahuu ishee agarsiisa.\n&#8230;achittis si fayyisa&#8230; jechuun isaa, dhukkubbi yeroo da\u2019umsaa dubartootatti\ndhaga\u2019amurraa bilisa akka taate yeroo ibsu dha (Luuq. 2:1-7), &#8230;achittis\nWaaqayyo diinota keerraa si baraara&#8230; jechuun isaa immoo, Heeroodsi daa&#8217;imicha\n(Gooftaa keenya) ajjeesuuf yeroo ka&#8217;etti Ergamaan Waaqayyoo abjuun itti\nmul&#8217;atee akka inni Daa&#8217;imicha haadha Isaa wajjiin qabatee gara biyya Misir\n(Gibtsi)tti godaanu gochuun ishees Finna ishees akka baraare nuhubachiisa\n(Maat. 2:12-13).&#8221; jechaa oggaa dubbatan &#8220;Tooooo&#8230;le&#8221; jechaan\njira, ija isaanii keessa ilallaalaa too. &#8220;Amma bo&#8217;oo isa itti aanu\ndubbisi.&#8221; jedhani.&nbsp; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">Anis\nittuman fufe. &#8220;Wanti dinqisiisaan biraa tokkos samii irratti argame; inni\nimmoo bineensa akka jawwee guddaa, diimaa, mataa torba, gaanfa kudhan mataa\nisaa torban irratti wanta akka gonfoo torba qabu ture.&#8221; (Mul. Yooh. 12: 3)\nkan jedhu dubbisee dhuma sararichaarra geenyaan dhaaphe.&nbsp; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Sirritti\ndhaggeeffadhu. &#8230;bineensa akka jawwee guddaa&#8230;. kan jedhame diyaabiloosi\n(seexana) dha. &#8230;mataa torba, gaanfa kudhan&#8230; kan jedhame immoo mataawwan\njahan irratti ganfa tokko tokkoo; isa torbaffaa irratti immoo afur biqilee\nargamu arge Yoohaannis. Akkanattillee ni hiikama, mataawwan jahan gaanfa\ndhabeessa oggaa ta&#8217;an isa torbaffaarra garuu gaanfa kudhan biqilee jiru arge.\nMataawwan caqasaman irrattis waan akka caaccuu (\u1270\u1240\u133d\u120b)\nqaba. &#8230;diimaa&#8230; jedhamee ibsamuun isaa uummamni isaa abiddarraa waan ta&#8217;eefi\ndha&#8221; jechuun erga naaf goolabani booda. &#8220;Itti fufi&#8221; naan jennaan\nanis ittan fufe. &nbsp;<\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Eegeen\nisaan urjoota samiirra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaa&#8217;ee lafatti\ngadi darbate. Bineensi akka jawwee sunis yeroo dubartittiin deessu mucaa ishee\nliqimsuudhaaf jedhee, ishee da&#8217;uuf jettu sana dura dhaabate.&#8221; (Mul&#8217;ata\nYohannis 12: 4) <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Akka\ngaarii dubbiste.&#8221; Jedhanii erga na jajjabeessaanii booda gara hiika\nisaatti dabran.&nbsp; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;&#8230;Eegeen\nisaan urjoota samiirra jiran harka sadii keessaa harka tokko haxaa&#8217;ee lafatti\ngadi darbate&#8230;. jedhamee kan ibsame, seexanni humna rifachiisaa ta&#8217;e fi waan\nraajii fakkaatu agarsiisuudhaan addunyaa kana burjaajeessuuf kan carraaquu\nta&#8217;uu isaa ibsa.&nbsp; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">Akkanattillee\nni hiikama; &#8230;urjiiwwan samiirra jiran&#8230; kan jedhaman, namoota jireenya\nAfuurawaatiin sadarkaa guddaarra gahan jechuu yommuu ta&#8217;u, seexanni isaan\nkanallee ni gufachiisa jechuu dha. Wageelli isa kanaf &#8220;Masiihonni fi\nraajonni sobaa ka&#8217;anii, yoo danda&#8217;ame warra Waaqayyoof fo&#8217;aman iyyuu\nwallaalchisuudhaaf, mallattoo fi dinqii adda addaa ni argisiisu.&#8221; jechaa\nnugorsa. (Maat. 24:24, Maarqos 13: 22) &#8230;jawween sunis yeroo dubrtittiin\ndeessu Mucaa ishee liqimsuuf ishee dura dhaabate&#8230; jechuun isaa seexanni laphee\nHeeroodsirra, Qayyaafaarra, dureewwa luboota Ayhuudotaarra, guurtota qaraxaarra\nbulee Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos ajjeesuu fi himachuuf\nonnee hammeenyaan fuuldura Isaatti dhaabateera waan ta&#8217;eef Kitaabni haala\nkanaan nuu ibsa.&#8221; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Bo&#8217;oo\n5ffaa itti fufi.&#8221; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Tole,\n&#8230;Isheenis Ilma addunyaa hundumaa siiqqee sibiilaatiin tiksuuf jedhu deesse;\nIlmi ishee garuu gara Waaqayyootti, gara teessoo Isaattis ol ba\u2019e.&#8221;&nbsp; (Mul&#8217;ata Yohannis 12: 5)&nbsp; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;&#8230;siiqqee\nsibiilaatiin tiksuuf jedhu&#8230; jechuudhaan kan ibsame akkuma Faarfannaa Daawiit\n2:9 fi Mul. Yooh. 19:15 irratti ibsameen, addunyaa kana siiqqee sibilaan\n(aangoo gonkaan) uummata hundumaa kan eegu fi kan bulchu (duruu bulchaa kan\nture) ni deesse jechuu dha.&#8221;&nbsp; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Dubartittiin\nimmoo lafa onaatti in baqatte; achitti iddoo Waaqayyo akka isheen guyyaa kuma\ntokkoo fi dhibba lamaa fi jaatamaaf, waan ittiin jiraattu argattuuf\nqopheesseef, qabdi turte.&#8221; (Mul&#8217;ata Yohannis 12: 6) <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8230;Dubartittiin&#8230;\nkan jedhamte Dubroo Maariyaami dha. &#8230;lafa onaatti ni baqatte&#8230; jedhamuun\nishee, Heeroods Daa&#8217;ma ishee ajjeesuuf kaanaan duraa baqattee gara biyya Misir\n(Gibtsi)tti godaanuu ishee ibsuuf yommuu ta&#8217;u, achittis guyyoota 1260f (waggaa\nsadii fi walakkaa) dabarsite. Turtiin guyyootaa 1260 jedhamee ibsame, Giiftiin\nkeenya biyya Gibtsiitti hammam akka turte qofa miti. Heeroodsi erga Gooftaa\nkeenya fi Giiftii keenya biyyaa baqachiise booda baay&#8217;ee hin turre. Kun immoo,\nnamoonni namoota biroo bakka teessoo fi dhaabbii dhabsiisan umriin isaanii\ngabaabduu akka taate nubarsiisa.&#8221; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8220;Akkanattillee\nni hiikama; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8230;biiftuu\nuffattee&#8230; kan jedhame, biiftuun kan fakkeeffaman barsiisonni Afuurawoo Kitaabilee\nKakuu Duraa fi Kakuu Haaraa barsiisaa mul&#8217;achuu isaanii <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">Akkanattillee\nni hiikama; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8230;dubartittiin&#8230;\nfakkeenya amantootaati. Hojii gaarii Kakuu Duraa fi Kakuu Haaraa keessa jiran\ndhaqna godhataniiru. Isaan kabaja Duuka Bu&#8217;oonni argatan argataniiru.&nbsp; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">Akkanattillee\nni hiikama; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8230;ulfaa&#8230;\njedhamuun isaa, Barsiisonni Afuurawoo amantoota Waaqayyoo bilchina sammuu\nAfuurawaatiin ni ulfaa&#8217;an jechuu dha.&nbsp; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8230;ni\ndeesse&#8230; kan jedhame immoo, amantootni amantaa fi hojii gaarii gonfataniiru\njehuufi. <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8230;gar-malee\nciniinsiffatti (dhiphatte)&#8230; kan jedhu immoo, Barsiisotni amantoota Waaqayyoo\nbarsiisanii hojii Afuurawaa hojjechiisuuf gidiraa addaa keessa dabarsuu isaanii\nibsuuf yeroo ta&#8217;u; amantootnis barnoota barataniin qalbii isaanii gara\ngaariitti akka hin jijjiirranne seexanni gufuuwwan adda addaan isaan qoruu isaa\nagarsiisa. Isaan (amantootni) garuu, humna isaan karaa cuuphaatiin argataniin\nisa mo&#8217;atu. <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">Akkanattillee\nni hiikama; <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8230;eegee\nisaatiin urjiilee &#8230; lafatti gad-darbate&#8230; inni jedhummoo amantoota Afuurawoo\nta&#8217;an gufachiisuudhaan dalagdoota hojii foonii isaan taasisuuf doorsisuu isaa\nibsa. Isaan (amantootni) garuu, humna isaan karaa cuuphaatiin argataniin isa\nmo&#8217;atu.<\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">Akkanattillee\nni hiikama;<\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">&#8230;dhaabate&#8230;\njedhamuun isaas, Barsiisonni amantoota bilchina jireenya Afuurawaatiin dahuu\nisaanii gaafa argu onnee raajoota dharaa fi kanneen akka Heroodsi jiranirra\nbulee qormmata itti baay&#8217;isuu fi Gooftaa dhalate ajjeesisuuf tooftaa hammeenyaa\nHaadha keenya Heewaaniin ittiin digongorse qabatee hafe.&#8221; jedhanii\ndhiheessii barnootaa isaan qaban sanaan roobsanii. &#8220;Amma yeroon Sirna\nQulqulleessaas gaheera; isa bo\u2019oo torbaffaa hamma kudha lamaa jiru waa\u2019ee\nkufiitii saaxinaa\u2019eel haasa\u2019a waan ta\u2019eef, yeroo biraa itti deebina. Amma garuu\ngaruma dhuma gaaffii keetti ceena. Bo\u2019oo kudha sadaffaa naaf dubbista.\u201d\nJedhani. Akkuma \u201c\u2026bo\u2019oo kudha sadaf\u2026\u201d jecha jedhuyyuu dubbatanii odoo hin\nxummurin an Kitaabicha bane bo\u2019oo kudha sadaffaarra qaata gahe. <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">\u201cBineensi\nakka jawwee sun gara lafaatti akka gad darbatame yeroo beeketti, dubartittii\nishee ilma deesse sana ari&#8217;achuutti ka&#8217;e.\u201d (Mul. Yooh. 12:13) jedhee akkumaa\nxummureen deebicha jalqabani Akaakoon. \u201cBineensi akka jawwee sun lafatti gad\ndarbatamuu (mo\u2019amuu) isaa baree, Dubroo Ilma deesse san, Ishee fayyina dhala\nnamaaf sababa taate san, Ishee dhugumaan Haadha Jiraattotaa taate san ari\u2019uutti\nka\u2019e.&nbsp; Akkanattillee ni hiikama; Raajoota\ndharaarra bulee Barsiisota karaa Afuurawaan amantoota dahan ni ari\u2019e.\nAkkanattillee ni hiikama; Anmantoota hojii Afuurawaa dhaqna godhatani ni ari\u2019e\n(qormaata itti ta\u2019e). Itti fufuu dandeessa.\u201d <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">\u201cDubartittiin\ngaruu boficha duraa gara lafa onaa, iddoo itti bara sadii fi walakkaadhaaf waan\nittiin jiraattu argattu sanatti akka balaliituuf baalleen joobira guddichaa\nlama in kennamaniif.\u201d <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">\u2026baalleen\njoobira guddichaa lama in kennamaniif\u2026 kun jechuun, Namoota kanneen akka\nAbrihaam jiraniif hojii gaarii&nbsp; Hojii\nAfuurawaa fi ni kennameefi.&nbsp;\nAkkanattillee ni hiikama; Giiftii keenyaaf bultoo Afuura Qulqulluu ta\u2019uu\nisheetiin Qolqullina Foonii fi Qullina Afuuraawaan kan guutamte ta\u2019uushii nu\nhubachiisa.&nbsp; Akkanattillee ni hiikama;\nBarsiisnonni fi amantoonni gara lafa onaatti akkuma baqatan Giiftiin keenyas\ngara lafa onaatti godaante. Baallee itti kenname sanaan fayyadamtee bineensicha\njalaa baqachuu akka dandeessuufi. <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">\u2026Bineensichis\n(bofichis) bishaan lola&#8217;ee akka dubartittii haree adeemuuf, dugda ishee duubaan\nbishaan akkuma isa laga yaa&#8217;utti afaan isaa keessaa duukaa gad naqe\u2026 kan\njedhame, raajoota dharaa irra bulee hidhattoota itti bobbaasuun, onneen\nTi\u2019immaar fi Kotiibaa hammeenyaan akaka\u2019u gochuun fi qootee bultootnis akka\ngaraa itti jabaatan gochuun lolaa hammeenyaa lafarra dhangalaasuusaa fi Lafti\ngaruu, dubartittii gargaarte; afaan bantee laga isa bineensichi akka jawwee sun\nafaan isaa keessaa yaase gadi dhugde\u2026 lafti akkuma Daattaani fi Abeeroonin\nafaan ishii bantee liqimsite, galaana jibbaa, galaana diinummaa fi galaana\nhammeenyaa ishii duuba dhangalaa\u2019e sana lafti afaan ishii bantee liqimsuun\nkaayyoo isaa jalaa fashaleessiteetti. S.Lak. 26:10. <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">\u2026Yommus bineensichi akka jawwee sun dubartittii sanatti aaree, sanyii ishee warra kaanitti lola kaasuu dhaqe\u2026 Ishii baallee joobiraa lama qabdu mo\u2019achuu dadhabnaan gara warroota miiltoowwan Ishee ta\u2019anitti fulla\u2019uun wal-jaalala dhabsiisuu, Waaqayyoon sodaachuurraa gufachiisuu, gara waaqeeffannaa waaqa tolfamaatti daandii isaanii dabsuu eegale.\u201d \u201c\u2026baalleen joobira\u2026\u201d haala kanaan hiikama malee kallattiin baallee allaattii jechuu miti.\u201d jechuun aara baafatan; bullukkoo isaanii ol-dachaafadhaa too. <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">Anis\nbarumsa nabarsiisan kanarraa Seexanni yoomiyyuu dhala namaa dogongorsaa\nMootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle gufachiisaa jiraachuu isaa barree amantaa\nkeenyaatti cimnaan wantootni lubbuu hin qabnellee nugargaaruu akka danda\u2019an\nWaaqayyoof jecha biyyaa ari\u2019amuu, dhandhama addunyaa kanaa tuffachuu fi\nMootummaa Waaqayyoo dhaaluuf jecha du\u2019a sukaneessaa dandamachuun bu\u2019a qabeessa\nakka ta\u2019e qalbeeffachaa lafaa ka\u2019ee jilba akaakoo dhuungadhee gara Sirna\nQulqulleessatti qajeele <\/h4>\n\n\n\n<h4 class=\"wp-block-heading\">Waaqayyoof\nGalatni haa ta\u2019u. Durbee Isa deesseefi Fannoo Isaa Qulqulluufis galatni\nhaa ta\u2019u.<\/h4>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dn. Gabrasillaasee Shittaahun Durii kaasnee Akaakoo\/Akaakayyuu\/ koo wajjiin qilxuu mana keenya fuuduratti argamu jala taa&#8217;uu jaalanna. Har&#8217;as teenyeerra. &#8220;Maal taate immoo har&#8217;a? Yeroo malee dhuftee nacinaa teese?&#8221; naan jedhani. Maqumaaf qofa dullooman jenna malee sagaleen isaanii kanuma dargaggeessaati. Jechoonni afaan isaaniitii bahan miira tasgabbaa&#8217;een waan deeggaramaniif dhagahamanii hin quufamani. Anis deebiseen &#8220;Waa rakkannaan&#8230;&#8230;&#8221; jedhee odoo [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[76],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4390"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4390"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4390\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4394,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4390\/revisions\/4394"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4390"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4390"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4390"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}