{"id":4376,"date":"2019-09-27T09:17:58","date_gmt":"2019-09-27T09:17:58","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4376"},"modified":"2019-09-27T09:17:59","modified_gmt":"2019-09-27T09:17:59","slug":"baga-gammaddan-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/baga-gammaddan-2\/","title":{"rendered":"Baga Gammaddan!!"},"content":{"rendered":"\n<h2 class=\"wp-block-heading\"><strong>\u201c\u12ee\u121d \u1218\u1235\u1240\u120d \u1270\u1230\u1265\u1210\u1364 \u12d3\u1208\u121d \u1270\u1338\u12cd\u12a0\u1364 \u12c8\u1230\u1265\u12a5 \u130d\u12d5\u12d8\u1361\u1361 Har\u2019a Fannoon Gooftaa Ulfaate\/kabajame; adduynaanis fayyinaaf ni waamame; dhalli namaas bilisa bahe\u201d<\/strong>  <em>Yaareed Qulqullichaa<\/em><\/h2>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"799\" height=\"800\" src=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-1-1.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-4381\" srcset=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-1-1.png 799w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-1-1-80x80.png 80w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-1-1-300x300.png 300w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-1-1-768x769.png 768w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-1-1-36x36.png 36w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-1-1-180x180.png 180w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-1-1-705x705.png 705w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-1-1-120x120.png 120w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/The-final-The-most-qualified-LOGO-1-1-450x451.png 450w\" sizes=\"(max-width: 799px) 100vw, 799px\" \/><\/figure>\n\n\n\n<p>Jechi\n\u201cFannoo\/\u1218\u1235\u1240\u120d\u201d\njedhu Alaqaa Kidaana Waldi Kifleen galmee chechotaa isaanii keessatti fannoo,\nwaan itti fannifaman, gidiraa du\u2019aaf nama geessu jechuu dha jechuun hiikaniiru.\n(Fuula 883)<\/p>\n\n\n\n<p>Fannoo\nGooftaa bifa Afuurawaa fi iccitaawaatiin kan addeessan immii Qeerloosi\nItiyoophiyaa jedhamuun kan beekamu Abbaa Giyoorgis kan Gaasiccaa ti. Isaanis\nhaala kanaan ibsaniiru. <\/p>\n\n\n\n<p>Fannoon <\/p>\n\n\n\n<ul><li>Muka jireenyaa ti.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Muka qorichaa ti.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Muka Raajii ti.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Muka aara galfii dha.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Murtuu seexana dhabamsiisu dha.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Kuttuu (seefii) mataa hoomaa\nseexanaa muru dha.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Chaappaa Qulqullinaa fi\nQulqullummaa ti.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Waara Qabsuuraa irra jiraniif\ngonfoo injifannoo; warra gara cidha Hoolichaatti waamamaniif immoo uffannaa\ncidhaa ti\u2026 (Galata Fannoo\/\u12cd\u12f3\u1234 \u1218\u1235\u1240\u120d)<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p><strong>Itti fayyadama:<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Qulqulleettiin\nManni Kiristaanaa Ortodoksi hojiin isheen Fannoo malee hojjettu tokkollee hin jiru.\nQulqulluu paatriyaarkii ishee irraa eegalee hanga amantootaatti hundumtuu\nwaaqeeffannaa Waaqayyoof yeroo tattaaffatanitti adda durummaan Fannoo ni\nfayyadamu. Sirna Kadhannaas yeroo jalqaban lubichi Fannoon amantootni immoo quba\nisaanii bifa Fannoon sirreessanii mallatteessuun maqaa Sadummaa (Sillaasee) ni\nwaamu. Manni Kiristaana keenya sirna raawwannaa Iccitiiwwan Mana Kiristaanaa\nyeroo raawwattu Fannoon Meeshaa Afuurawaa isa ijoo dha. Hayyoonni Mana\nKiristaanaa tajaajila hunda galeessa isaa (Kan Fannoo) akka itti aanutti\nibsaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>\u201cDalaga\nkeenya hundumaa keessatti, yeroo baanu fi gallu, uffannaa keenya uffachuu\nkeenyaan duratti, dhiqachuu keenyaan durattis, gara dhangaa dhihaachuu keenyaan\nduratti, ibsaa yeroo qabsiisnu, Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo jalqabnu fi xummurru\nakkasumas hojii keenya kan idilee jalqabuu keenyaan duratti fuula keenya\nmallattoo Fannootiin ni mallatteesina.\u201d<\/p>\n\n\n\n<p>Akkuma\nifatti mul\u2019atu, Manni Kiristaana keenya Fannoo Fayyina addunyaa ittiin\nraawwatame bantoo gamoo ishee irratti baattee jiraatti. Luboonni fi amantoonni\nimmoo gara mooraa Mana Kiristaanaa yeroo seenan ija fooniin Fannoo; ija\nAfuuraatiin immoo Kiristoos Fannicha irratti fannifame ilaalaa Gooftaa isaaniif\nsagada Waaqeeffannaa; Fannoo Gooftaa isaaniif sagada kabajaa ni sagadu. \u201c<strong><em>Iddoo\/bakka\nmiilli Isaa dhaabbateetti ni sagadna<\/em><\/strong>\u201d (Faar. 131:7) akkuma jedhame Fannoo\nIsa qaamni Kiristoos irratti fannifame, harki fi miilli Isaa itti dhahame fi dhangalaa\u2019uu\nDhiiga Gooftaa keenyaan qulqullaa\u2019eef ni sagadna. <\/p>\n\n\n\n<p><strong>Adeemsa itti fayyadama Seenaa isaas akka itti aanutti dha.<\/strong><\/p>\n\n\n\n<ul><li>Jaarraa lammaffaa keessatti\nSooriyaan Fannoo kallattii bahaatiin dadaarratti fannisuun ittiin fayyadamuu\njalqabdee jirti. <\/li><\/ul>\n\n\n\n<ul><li>Jaarraa afrafaa keessatti immoo\niddoowwan gamoon Mana Kiristaanaa itti ijaarame hundatti alaa fi keessa\nisaanitti Fannoo fannisuun, kaa\u2019uun fi bocuun bal\u2019inaan faayidaarra ooluu\njalqabe.<\/li><\/ul>\n\n\n\n<p>Kanaafis\nmootichi Qosxanxiinoos Maksimiyaanoos waliin wal waraaneetti \u201c\u1260\u12dd \u1275\u12a5\u121d\u122d\u1270 \u1218\u1235\u1240\u120d \u1275\u1218\u12cd\u12d5 \u1340\u1228\u12a8\u1361\u1361 <strong><em>Mallattoo<\/em><\/strong><strong><em> <\/em><\/strong><strong><em>Fannoo\nkanaan diina keen ni injifatta<\/em><\/strong>\u201d jecha\njedhu Fannoo waliin tiifuu waaqaa\/samii keessa itti mul\u2019ateera. Kanuma\nbu\u2019uureeffachuun Qosxanxiinoos mallattoo arge sana koora fardaa fi gaangee fi\ncancala isaaniirratti, gilaasii fi meshaalee isaaniirratti, meeshaalee waraanaa\nisaaniirratti, uffannaa waraanaa isaaniirratti fi alaabaa isaaniirratti mallattoo\nFannoo Gooftaa bocuu isaatiin diina isaa injifachuu danda\u2019eera. Tibba kanarraa\neegalee Manneen Kiristaanaa keessatti bal\u2019inaan faayidaarra ooluu jalqabeera. Kanarraa\ndarbee biyyoonni akka Fiin Laandi, Joorjiyaa, Ayis Landi, Noorweey, Siwiizar\nLaand, Swiidiin, Giriiki fi k.k.f. alaabaa isaaniirratti mallattoo Fannoo\nkaasuu\/kaa\u2019uu Qosxanxiinoos irraa dhaalaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Qulqulluu\nPhaawloos Duuka Bu\u2019ichi \u201cInnis (Kiristoos) Dhaqna Isaa kan taate Mana\nKiristaanaaf mataa dha.\u201d Qol. 1:18 jechuun akkuma barsiisetti; Manni\nKiristaanaas isa kana hojiitti hiikuun Gamoo Mana Kiristaanaa irratti Fannoo baachuun\/kaayachuun\nKiristoos mataa ishee ta\u2019uu isaa ni mirkaneessiti. Ijoolleen ishees morma\nisaaniirratti hidhuun dhaqna Kiristoos (Mana Kiriataanaa) ta\u2019uu isaanii ni\nagarsiisu. Fannoo kana yeroo ilaalanitti; isarratti kan fannifame, raawwataa fi\nmataa Fayyina isaanii kan ta\u2019e Madihaanee\u2019alam yaadachaa ija sammuutiin gara\nQaraaniyoo ni imalu. <\/p>\n\n\n\n<p><strong>Seenaa kabaja ayyaana Masqalaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Fannoon kan\nkabajame, addunyaan Fayyinaaf kan wamame fi dhalli namaa bilisa kan bahe\nGooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosini yeroo ta\u2019u, keessattuu\nwaltajjii Qaraaniyootti gaafa fannifame kan raawwatamee dha. \u201c\u12c8\u12ed\u1264 \u1270\u1348\u1338\u1218 \u12b5\u1209\u1361\u1361 Hundumtuu ni\nraawwatawe.\u201d akkuma jedhe. Du\u2019a Fannoorratti Inni raawateen Raajii Raajootaan\ndubbatame fi fakkeenyi fakkeeffame hundumtuu waawwii isaa argateeraati. <\/p>\n\n\n\n<p>Karaa\nbiraatiin immoo kan raawwatame hundumtuu Fayyina dhala namaatiif ture waan\nta\u2019eef; Fayyinni dhala namaa raawwi isaa argate, labsame, mirkanaa\u2019e. Fannoo Dhiiga\nGooftaatiin Qulqullaa\u2019e kana maaliif kabajna kan jedhuuf immoo haala itti aanuun\nilaalla. <\/p>\n\n\n\n<p>Qoricha isaanii kan ta\u2019e Gooftaa keenya\nIyyasuus Kiristoos gananii kan fannisan Ayihuudonni Fannoon Dhiiga Gootaatiin\nQulqullaa\u2019e Jireenya fi Qoricha ta\u2019uu isaa yeroo arganitti hinaaffaa badaadhaan\nni qabaman. \u201cIsa (Kiristoos) dhabamsiisnaan Fannoon Isaa immoo ajaa\u2019iba\nhojjechuu eegalee!\u201d jechaa hammeenyaan ka\u2019anii boolla kuusaa balfaa ta\u2019e keessa\nni gatan. Hanga B.A. 70tti balfi isaan gatan Fannoo sanarratti akka tulluu\nta\u2019e. B.A. bara 70tti bara Iyyaruusaaleem bade sanatti garuu, Ayihuudonni hafan\ngara bakka biraa godaannaan bakkuma awwaalameetti irraanfatamee waggoota dhibba\nsadii oliif bakki itti awwaalame wallaalamee hafe. <\/p>\n\n\n\n<p>Fannoon human Gooftaa akka ta\u2019e kan hubatte\n(1<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> Qor. 1:18)\nIlleeniin &nbsp;B.A. 326tti Fannoo Gooftaa\nbarbaacha gara Iyyaruusaaleem dhaqxe. Achittis barsiistota Ayhuudii keessaa kan\nta\u2019e Kiraakoos kan jedhamu argatte. Bu\u2019aa bayii guddaan booda iddoo Fannoon\nGooftaa itti awwaalame itti agarsiiseera. Aantootni isaa Ayihuudootni boolla\nkeessa awwaalanii balfa itti gataa akka jiran itti hime. Mootittiin Illeeniinis\ndamaraa qopheessitee (qabsiistee) ixaana baay\u2019ee irra goote. Aarri isaas\nteessoo Waaqayyoo fuulduratti gahee deebi\u2019ee eeyyama Waaqayyoon gidduu tulluu\nFannaan Gooftaa itti awwaalametti qubateera (sagadeera). <\/p>\n\n\n\n<p>Ajaa\u2019iba kanaa iddoo Fannoon Gooftaa itti\nargamu hubattee Fulbaana 17tti raayyaa fi uummaticha walitti waamtee tulluu\nsana qochisiisuu jalqabde. Balfa Fannoo Gooftaarraa tuulamee ture sana\nof-eeggannoon irraa kaasaa yeroo dheeraaf erga qotan booda dhumarratti\nfannoowwan saditu argaman. Isaan kana keessaa tokkichi Fannoo Gootaa yerooi\nta\u2019u kanneen hafan immoo fannoowwaa saamtootni lamaan irra fannifaman ture.\nFannoon kunis ifaajee fi carraaqqii guddaan booda Bitooteessa 10tti kan argame\nyeroo ta\u2019u, jaamtota\/qaroo maleeyyii fayyiseera. Waarra miilaan tarkaanfachuu\nhin dandeenyes akka danda\u2019an taasiseera. Waarra du\u2019anis kaaseera. Fannoon\nGooftaa keenyaa ajaa\u2019ibawwan kana keessaattu kan du\u2019e kaasuu isaatiin beekamuu\ndanda\u2019eera. <\/p>\n\n\n\n<p>Eebifamtuun Illeeniin ajaa\u2019ibaawwan Fannoo\nGooftaarraa mul\u2019atan sana irraa kan ka\u2019e gammaduu isheetiin Fannicha hammattee\nWaaqayyoo ni galateeffatte. Uummanni ishee waliin jiran sun illee gammachuu\nguddaatu itti dhagahame. Harkaanis qaqqabaa Kiryaalaayisoon jechaa ni\nfaarfatani. Galgaloofnaan Qulqulleettiin Illeeniin phaaphaasicha Abbaa\nMaqaariyoos waliin, raayyota ishee waliin fi uummaticha waliin xomboora\nqabatanii hiriira galanii faarfachaa Fannoo Gooftaa kabajuun bakka filatamaa ilaalanii\nkaayaniiru. <\/p>\n\n\n\n<p>Qulqulleettiin\nManni Kiristaanaas jalqaba irraa kaasee Fannicha kan baatte fi kan kabajju\ntaatus, tibba kanarraa eegaltee ayyaana Fannoo Gooftaa kabajuu jalqabdeetti. Fannoof\nsagaduun, Fannoo dhuungachuu, Fannoodhaan amantoota eebbisuun, Fannoo qabachuu,\nuffannaa fi dhagna irratti Fakkii Fannoo bocuun babal\u2019achaa dhufe. Warroota hin\namanne biratti akka gowwummaatti kan lakkaa\u2019amu (1<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> Qor. 1:18) Fannoon Gooftaa Humna Waaqayyoo ta\u2019uun\nisaa daran kan beekame fi kan lallabame tibba kana irraa eegalee ti. <\/p>\n\n\n\n<p>Ayyaanni\nFannoo Gooftaa Fulbaana 17tti kabajamuu isaatiif sababa kan ta\u2019e kanaan olitti\nakkuma ibsineen Qulqulleettin Illeeniin dhangaa qopheessitee Fannoo Gooftaa\nargachuuf guyyaa tulluu sana qotuu itti jalqabde yeroo ta\u2019u, sababni isaa inni\nijoon garuu B.A. 327tti jechuunis waggaa tokkoon booda Mootittiin Illeeniin Fannoo\nGooftaaf Mana Qulqullummaa ijaartee Fannichas Mana Qulqulluummaa isaa\nGolgootaatti ijaarte sana keessa galchitee guyyaa eebbifamuu Mana Qulqullummaa\nisaa sababeeffachuun raawwatama. Dabalataaniis Bitooteessa 10tti yaadannoo isaa\nkabajuu hin dhiifne.<\/p>\n\n\n\n<p>Qulqulleettiin\nManni Kiristaanaa Ortodoksi ayyaana Fannoo Gooftaa (Masqalaa) waggaa waggaan bifa\nho\u2019aa ta\u2019een kabajji. Guyyaa sanattis jechuunis jala bultii ayyaana Fannoo\nGooftaatti godaansa Fannoo Gooftaa barbaacha Illeenii yaadachuuf damaraa gubaa\nWaaqayyoon galateeffachaa oolti. Dhuma sirna kadhannaa isaa irrattis Abboonni\nkallattiiwwan afranuu Fannoon ebbiisanii damaricha ni qabsiisu. Amantootnis\nxomboora isaanii qabsiisaa seenaa fi Ifa Fannoo Gooftaan argame ni labsa. Qulqulleettiin\nManni Kiristaanaa xiyyeeffannaa isheen Fannoo Gooftaaf kennitu ibsuuf Fulbaana\n17-24tti guyyoota jiran TIBBA FANNOO GOOFTAA jettee moggaasteetti. Guyyoota\nkanattis Dubbiin Fannoo Gooftaa ni lallabama. Fannoo Gooftaafis Galata\ngalchiti.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Fannoo Gooftaa fi Dubbii Fayyinaa<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Dubbii\nFayyinaa keessatti Fannoon dhagaa bu\u2019uuraa dha. Raajiin raagame\/dubbatame,\ntorbeeffannaan lakkaa\u2019ame fi fakkeenyi fakkeeffame xummura isaa kan argate Fannoo\nGooftaa irratti dha (Yooh. 19:30). Namni Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos\njaaladha jedhu hundi Haadha yaboo (adaraa) ishee dhugaa kan argate Fannoo\nirraayi (Yooh. 19:25-27). Duuti waggoota 5500\u2019f dhala namaa dararaa ture kan\ndhabamsiifame Du\u2019a Gooftaa keenya Kiristoos Fannoo irratti taasifameeni. Xalayaa\nidaa inni seexanaan katabamee awwaalamee tures kan barbadaa\u2019e Fannoo Isaatini. \u201cNurra\nbulee nubalaaleeffataa kan ture xalayaa du\u2019aa\/idaa abboommiin nurratti\nbarreeffamee ture bakkee ni dhabamsiise\u201d jechuun akkuma ibsetti jechuu dha(Qol.\n2:14-16). <\/p>\n\n\n\n<p>Waa\u2019ee\ndubbii Fayyinaa yeroo kaasnu, waa\u2019ee Fannoo kaasuun dirqama ta\u2019a. Dhimmi\n(iccitiin) Fayyina keenyaa Fannoo malee hin raawwatamneeti. Hayyoonni isa kana\nFaarfannaa isaaniitiin yeroo kaasan, \u201c\u1208\u12a0\u12f3\u121d\n\u12d8\u12a0\u130d\u1265\u12a6 \u12cd\u1235\u1270 \u1308\u1290\u1275\u1363 \u12c8\u1208\u1348\u12eb\u1273\u12ca \u1280\u1228\u12ee \u1260\u1245\u133d\u1260\u1275\u1363 \u12dd\u1295\u1271 \u12cd\u12a5\u1271 \u1218\u1235\u1240\u120d\u1361\u1361 Addaamiin\ngara Gannatatti kan galche fi saamticha isa maddii mirgaa Gooftaa keenyaan\nfannifame battalaan kan waame Fannoo kana dha.\u201d jechuudhaan dubbii Fayyinaa isa\nFannoo irratti raawwatame ibsaniiru (icciteessaniiru). Dura aanaa Duuka\nBu\u2019ootaa kan ta\u2019e Pheexiroos Qulqullichi Fayyina dhala namaa Fannoo irratti\nraawwatame akkas jechuun ibseera \u201cCubbuu keessa nubaasuuf jecha dhugaa Isaatiinis\nnufayyisuuf jecha Inni cubbuu keenyaaf mukarratti Foon Isaatiin ni fannifame\nmadaa gidiraa Isaatiinis madaa keessan irraa aggaammattaniittu\u201d (1<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> Pheex. 2:24). Kanaan\nwalqabsiisee ammas Duuka Bu\u2019aan Paawloos Qulqullichis \u201cKanaan booda cubbuuf\nakka hin bitamneef foon keenya kan cubbuu akka barbadaa\u2019uuf\/dhabamuuf dhagni\nkeenya moofaan Isa waliin akka fannifame ni beekna; kan du\u2019es cubbuu isaatirraa\nfayyeeraati\u201d jechuudhaan dhalli namaa isa bal\u2019ina cubbuu jala oolee kan ture Fannoon\nbilisa bahuu isaa nuuf ibsa (Room. 6:6).<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Fannoo; <em>Wabii Nageenyaa<\/em><\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Akka\nbarsiifannaa Qulqulleettii Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidootti Kiristoos\nFannoo Isaatiin wantoota wal-faalleessan torban walitti araarseera. Isaaniis:<\/p>\n\n\n\n<ol><li><strong>Waaqayyoo<\/strong>\nfi <strong>dhala<\/strong> <strong>namaa<\/strong><\/li><li>Dhalli\nnamaa fi <strong>Ergamoota<\/strong> <strong>Qulqulloota<\/strong><\/li><li><strong>Uummata<\/strong>\n<strong>Waaqayyoo<\/strong> fi <strong>alagaa<\/strong><\/li><li><strong>Lubbuu<\/strong>\nfi <strong>fooni<\/strong> dha.<\/li><\/ol>\n\n\n\n<p>Wantoota\ncimdii cimdii ta\u2019an kana gidduu goolloon\/gidaarri\/dhaabni jibbiinsaa dhaabbatee\nwaggoota 5500\u2019f nageenyi gidduu isaaniitti dhabamee diinummaan jiraachaa turan.\nIsaan kana walitti araarsuun nageenya dhugaa Isaa isaaniif kan laate fi tokko\nkan taasise Gooftaa keenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo ta\u2019u,\ngoolloon\/gidaarri\/dhaabni jibbiinsaa gidduu isaanitti dhaabamee ture kan\ndiigame immoo Fannoo Qulqulluutini. \u201cInni nageenya keenya dhaati; lamaan sana\ntokko kan taasise seerota abboommii isaan labsiin dubbataman haqee goolloo\/gidaara\/dhaaba\njibbiinsaa gudduu isaanitti ture Foon Isaatiin kan diige; kunis lamaan isaanii\nkeessaa nama haaraa tokko ofii Isaatiin uumuuf; nageenyas argamsiisuuf; du\u2019as\nFannoo Isaatiin ajjeesee Fannichadhaanis lamaan isaanii akka dhagna tokkotti\nWaaqayyoo waliin walitti araarsuufi dha. Gara keessan dhufee isin warra\nfagaattanii turtaniif nageenya, warra dhihaatanii turaniifis nageenya bifa\nmisiraachoon lallabe\u201d jechuudhaan kan ibse nuuf mirkaneessuufi dha (Qol. 1:20).\nAkkuma kanaa olitti ibsametti, \u2018uummattootni fi al-uummattootni (kan kittaanaman\nfi kan hin kittaanamne)\u2019 moggasni jedhu hafee Kiristoosiin \u2018Kiristaana\u2019 jedhamnee\nwaamamne. Maqaan kun nageenyi keenya kan ittiin ragga\u2019e fi tokkummaan keenya\nittiin labsame; warra lafaa fi samii galata (qiddaasee) tokkoon akka hirmaatan\nkan taasise ta\u2019e.<\/p>\n\n\n\n<p><strong>Goolaba<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p>Gooftaan\nkeenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos Fannoon Isaa hundumaa kan ofitti\nittiin qabe, tokko ittiin taasise ta\u2019uu isaa keeyyata ittiin ibse keessatti \u201cAkkuma\nAn lafarraa ol ol jedhe, hundumaa ofittan harkisa\u201d (Yooh. 12:32). Ulaagaaleen\nfoonii osoo isa hin daangeessin namni kamiyyuu Fannoo Isaatii harkifamee Isatti\ndhihaateera. Lafarraa ol-siqee samiirraa immoo dag-siqee fannifamuun Isaas dhala\nnamaa fi Ergamoota Waaqayyoo tokko taasisuu Isaatiif agarsiistuu dha. Rogootni Fannoo\nafran, kallattiiwwan Kiristoos afran kan eeru dubbiin Fannoo Isaa dhala namaa\nkallattiiwwan afranitti argaman hunduma isaanii waloomsuu Isaa kan ibsanii dha.\nkana bu\u2019uureeffachuun hunduma dhiifnee Fannoo Isaa baannee akka Isa duuka buunu\nnu ajaje (Maar. 8:34).<\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\"><strong>Odeeffannoo dabalataaf<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\"><strong>Wiirttuu\nFinfinneetti Koree qopheessituu ayyaana Fannoo (Masqalaa)<\/strong><\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">011-156-54-63<\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">e-mail: <a href=\"mailto:addisababa@eotcmk.org\">addisababa@eotcmk.org<\/a><\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">Baankii Daldala Itiyoophiyaa<\/p>\n\n\n\n<p style=\"text-align:center\">1000253606022<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u201c\u12ee\u121d \u1218\u1235\u1240\u120d \u1270\u1230\u1265\u1210\u1364 \u12d3\u1208\u121d \u1270\u1338\u12cd\u12a0\u1364 \u12c8\u1230\u1265\u12a5 \u130d\u12d5\u12d8\u1361\u1361 Har\u2019a Fannoon Gooftaa Ulfaate\/kabajame; adduynaanis fayyinaaf ni waamame; dhalli namaas bilisa bahe\u201d Yaareed Qulqullichaa Jechi \u201cFannoo\/\u1218\u1235\u1240\u120d\u201d jedhu Alaqaa Kidaana Waldi Kifleen galmee chechotaa isaanii keessatti fannoo, waan itti fannifaman, gidiraa du\u2019aaf nama geessu jechuu dha jechuun hiikaniiru. (Fuula 883) Fannoo Gooftaa bifa Afuurawaa fi iccitaawaatiin kan addeessan immii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4376"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4376"}],"version-history":[{"count":5,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4376\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4383,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4376\/revisions\/4383"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4376"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4376"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4376"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}