{"id":4350,"date":"2019-08-02T14:42:51","date_gmt":"2019-08-02T14:42:51","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4350"},"modified":"2019-08-02T15:09:34","modified_gmt":"2019-08-02T15:09:34","slug":"gocha-sukaneessaa-mana-kiristaana-keenyarra-gahaa-jiru-ni-balaaleeffanna","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/gocha-sukaneessaa-mana-kiristaana-keenyarra-gahaa-jiru-ni-balaaleeffanna\/","title":{"rendered":"Gocha Sukaneessaa Mana Kiristaana keenyarra gahaa jiru ni balaaleeffanna!!!"},"content":{"rendered":"<h3 style=\"text-align: justify\">Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa gumaachi isheen biyya tanaaf goote hammana jedhamee lakkaa\u2019amee kan bira hin gahamne dha. Haa ta\u2019u malee, tola ooltummaan ishee irraanfatamee, biyyattiif <span style=\"color: #000000\">sirna barreeffamaa fi lakkoofsa<\/span> bocuudhaan uummata biyyattiif hulaa qaroominaa saaquun ishee akka hammeenyaatti ilaalamee, lakkoofsa baraa biyyoonni biroo hin qabne biyyattiif gumaachuun ishee akka wallaalummaatti herregamee yeroo ammaa kanatti gochi sukaneessaa isheerra gahaa jiru daangaa darbaa dhufeera.<!--more--><\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa amantaa jaalala labsitu fi amantoota ishees naamusa gaariin sammuu fi luubbuu isaanii akka dagaagsan taasisuun nageenya biyya keenya eegsisuu irratti shora guddaa kan taphatte dha. Odoo amantoota ishee haala kanaan barsiisaa fi dagaagsaa hogganuu baatte biyyattiin hammam akka miidhamtu beekuuf hayyuu ta\u2019uu hin gaafatu.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kun ta\u2019ee bakka jirutti garuu, qaamoleen ergama kaayyoo badii isaanii amantaan walqabsiisuun Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa adeemsistuu hacuuccaa taasisanii sammuu dargaggootaa keessa bocuun yeroo dararan ni mul\u2019atu. Ilaalchi dharaa isaan adeemsifatan kun kanaan qofa kan goolabamu miti. Barsiifanaa Ortodoksawaas akka barsiifannaa diinaa fi boodatti hafaatti maqaa ishee hin ibsineen moggaasuun gocha farra Kiristaanummaaf yeroo fayyadaman ija keenyaan waanuma argine. Eenyummaa Afuurawaa kan Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaas gara kallattii fedhanitti micciiruudhaan dargaggoota biratti ija hamaan akka laalamtu taasisaniiru taasisaas jiru. Akkuma Kitaabni \u201c\u12d8\u12a8\u1218 \u1200\u120e \u12cd\u1235\u1270 \u12b5\u1209 \u1218\u133b\u1215\u134d\u1272\u1201 \u12d8\u1290\u1260\u1260 \u12cd\u1235\u1274\u1276\u1295 \u1260\u12a5\u1295\u1272\u12a3\u1201 \u1208\u12dd\u1295\u1271 \u12c8\u12d8\u1230 \u1290\u1260\u1261 \u12a5\u1219\u122b\u1295 \u1230\u1265\u12a5 \u12a5\u1208\u12ed\u120c\u1265\u12cd\u12ce \u12c8\u12a5\u1208\u1230 \u12a0\u120d\u1266\u1219 \u1275\u121d\u1205\u122d\u1275 \u12a5\u1208 \u12a2\u1208\u1260\u12c9 \u12ed\u1218\u12ed\u1325\u12ce \u1208\u1243\u1208 \u1218\u133d\u1210\u134d \u12a8\u1218 \u121c\u1325\u12ce\u1295 \u1208\u1265\u12d9\u1283\u1275 \u1218\u133b\u1215\u134d\u1275 \u1208\u130d\u12d5\u12de\u1219 \u12c8\u12eb\u121b\u1235\u1291\u1361\u1361 Isaan biratti waan hubannaaf nama rakkiisu ni jira; namoonni hin baranne fi hin jabaanne kitaabolee biro akkuma jal\u2019isanitti isaan kanas (Kitaabolee Afuuraa) haaluma fedhii isaaniif tolutti ni jal\u2019isu.\u201d (1ffaa Pheex. 3:16) jedhuun.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa ishee tola ooltummaa baay\u2019ee biyyaaf oolte tana akka farra biyyaatti ilaalamaa dararamuu ishee ni balaaleeffanna. Ajjeechaa amantoota isheerra gahaa jiru kunis gocha namummaarraa fagaate waan ta\u2019eef kanas cimsinee balaaleeffana. Warroota gubiinsa fi ajjeechaa sukaneessaa kana Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraan gahan kana qalbii isaanii akka deebisuuf\u00a0 gara Waaqayyootti kadhachuun nurraa eegama.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: center\"><strong><em>Waaqayyo Mana Kiristaana fi Biyya keenya seefii (kuttuu) diinaarraa nuuf haa eegu.<\/em><\/strong><\/h3>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa gumaachi isheen biyya tanaaf goote hammana jedhamee lakkaa\u2019amee kan bira hin gahamne dha. Haa ta\u2019u malee, tola ooltummaan ishee irraanfatamee, biyyattiif sirna barreeffamaa fi lakkoofsa bocuudhaan uummata biyyattiif hulaa qaroominaa saaquun ishee akka hammeenyaatti ilaalamee, lakkoofsa baraa biyyoonni biroo hin qabne biyyattiif gumaachuun ishee akka wallaalummaatti herregamee yeroo ammaa kanatti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4350"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4350"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4350\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4353,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4350\/revisions\/4353"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4350"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4350"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4350"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}