{"id":4345,"date":"2019-07-06T15:41:08","date_gmt":"2019-07-06T15:41:08","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4345"},"modified":"2019-07-06T17:01:08","modified_gmt":"2019-07-06T17:01:08","slug":"qulqulluu-pheexiroosii-fi-qulqulluu-phaawuloos","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/qulqulluu-pheexiroosii-fi-qulqulluu-phaawuloos\/","title":{"rendered":"Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloos"},"content":{"rendered":"<h3 style=\"text-align: right\"><span style=\"color: #339966\"><em>Asaffaa Guddataa<\/em><\/span><\/h3>\n<h3 style=\"padding-left: 30px;text-align: justify\">Gaafti Adoolessa bultii shan (5) guyyaa ayyaana yaadannoo Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloosi dha. Qulqulluu Pheexiroos qurxummii kiyyeessuu keessaa bahee gara nama kiyyeessuutti yokiin akka namoonni ilmaan <span style=\"color: #ff0000\">Waaqayyoo<\/span> ta\u2019an taasisuutti kan dhufe waamicha <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaa<\/span> keenya Qoricha keenya <span style=\"color: #ff0000\">Iyyasuus<\/span> <span style=\"color: #ff0000\">Kiristoosiin<\/span> ture (Maat. 4:18-20). Qulqulluu Phaawuloosis osoo <span style=\"color: #ff0000\">Waaqayyoof<\/span> inaafee kiristaanota ari\u2019ataa jiruu daandii Damasqoo irratti <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaan<\/span> keenya itti dubbatee akka inni meeshaa filatamaa Isaaf ta\u2019u kan isa taasise dha (H.D.B. 9:1-13). Qulqulloonni kunneen Amantaa Kiristaanaa babalisuu fi namoota fooninis ta\u2019e lubbuun fayyisuu keessatti gahee gurguddaa bahachaa turanii guyyuma tokkotti magaalaa Roomee keessatti wareegamumman boqotaniiru. Haalli boqonnaa isaaniis akkuma Qulqulluu Phaawuloos ergaa isaa warra Roomeef barreesse irratti <span style=\"color: #0000ff\">\u201cDu\u2019a du&#8217;a <span style=\"color: #ff0000\">Isaa<\/span> fakkaatuun yoo <span style=\"color: #ff0000\">Isa<\/span> waliin tumsine du\u2019aa ka\u2019umsa kan <span style=\"color: #ff0000\">Isaa<\/span> fakkaatuun immoo <span style=\"color: #ff0000\">Isa<\/span> waliin wal tumsina\u201d<\/span> jedhetti akka <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaa<\/span> isaaniitti boqotaniiru (Room. 6:5). Ququlluu Pheexiroos yommuu fannifamee boqochuun itti murtaa\u2019u, \u201c<span style=\"color: #0000ff\">Akka <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaa<\/span> kootti ana hin fannisiinaa!<\/span>\u201d jedhee irra gadee fannifamuun yommuu boqotu Qulqulluu Phaawuloos immoo seefiin qalamee boqoteera.<br \/>\nQulqulloota kana irraa Maal Baranna?<\/h3>\n<p><!--more--><\/p>\n<h2 style=\"padding-left: 30px;text-align: justify\"><span style=\"color: #ff00ff\"><strong><em>1. Gara<\/em> Waaqaatti Iyyuun Qormaata Isaan Mudate Darbuu<\/strong><\/span><\/h2>\n<h3 style=\"padding-left: 30px;text-align: justify\">Qulqulluu Pheexiroos jireenya tajaajilaa isaa keessatti qormaatota baayyee dabarseera. Qormaatota isa mudatan keessaa tokko guyyaa tokko osoo Duuka bu\u2019oonni dooniin deemaa jiranii buubbeen hamaan isaan rakkisnaan muddamuu isaanii kan arge <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaan<\/span> keenya Qorichi keenya <span style=\"color: #ff0000\">Iyyasuus<\/span> <span style=\"color: #ff0000\">Kiristoos<\/span> galaanicha irraa deemaa gara isaaniitti dhufe. Qulqulluu Pheexiroosgalaana irra deemaa kan jiru <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaa<\/span> ta\u2019uu Isaa yommuu baru, akkuma <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaa<\/span> isaa galaanicha irra deemuu akka danda\u2019u <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaa<\/span> eeyyamsiifatee galaana irra deemuu eegalee. Haa ta\u2019u malee gidduu ga\u2019ee shakkuu isaa irraan kan ka\u2019e liqinfamuu jalqabe. Yommuu sanas eenyu waliin akka jiru waan beekuuf harka isaa gara <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaatti<\/span> ballisee \u201c<span style=\"color: #0000ff\">Yaa <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaa<\/span> na fayyisi<\/span>\u201d jedhee gaafa inni iyyatu <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaanis<\/span>, akka inni shakkuu hin qabne akeekkachiisee galaanaan liqimfamuu irraa isa fayyiseera (Maat. 14:28-33). Qormaanni inni nuti lammaffaa irratti kaafnu immoo, yeroo Ayihudoonni Gooftaa keenya qabani gara Philaaxoos deemsisaa jiran Qulqulluu Pheexiroos gara boodaatti hafuun Gooftaa irraa fagaatee hordofaa ture. Otuma irraa fagaatee deemaa jiruu nama naannoo fakkachuuf jecha warra abidda bobeessanii qanqaammataa jiranitti makamee abbidda qanqaammachuu jalqabe. Haa ta\u2019u malee dubbiin isaa fi haalli uffannaa isaa akka inni <span style=\"color: #ff0000\">Kiristoos<\/span> waliin turee fi akka inni kiristaana ta\u2019e waan ibsuuf warra isa waliin abbidda qanqaammatan keessaa isheen tokko akka inni <span style=\"color: #ff0000\">Kiristoos<\/span> waliin ture itti himnaan \u201c<span style=\"color: #0000ff\"><span style=\"color: #ff0000\">Isa<\/span> ati jettu hin beeku<\/span>\u201d jedhee osoo handaanqoon takkaa hin iyyiin al-sadii <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaa<\/span> isaa gane. Ta\u2019us Qulqullichi ganinsa isaa kana akka aduun dhiite deebitee itti baatu hin taasifne. Battaluma sana yommuu handaanqoon iyyitu gocha isaatti gaabbee boo\u2019uudhaan qalbii diddiirratee gara Waaqa isaatti deebi\u2019e malee (Luq. 22:54-62). Egaa kana irraa waan baayyee baranna. <span style=\"color: #ff0000\">Waaqa<\/span> ofii irraa fagaatanii kan <span style=\"color: #ff0000\">Waaqa<\/span> waliin jiran of-fakkeessuun qofummaaf nama saaxilee akka furmaata foonii barbaadnu nu taasisa. Furmaanni foonii immoo akka nuti Waaqa keenya irraa fagaannee isa gannu nutaasisa waan ta\u2019eef yeroo hunda gara Mana Kiristaanaa deemuun abboommii isaa raawwachuutuu nurraa eegama. Yoo sababa addaa addaan cubbuu keessatti kufne illee <span style=\"color: #ff0000\">Waaqni<\/span> imimmaan Qulqulluu Pheexiroos fudhate kan keenyas fudhatee waan cubbuu keenya nuuf dhiisuuf boo\u2019ichaan gara abbootii keenyaa dhaqnee cubbuu keenya himachuun qalbii diddiirrachuu qabna.<\/h3>\n<h2 style=\"padding-left: 30px;text-align: justify\"><span style=\"color: #ff00ff\">2. Maalummaa <span style=\"color: #ff0000\">Kiristoosii <\/span>fi <span style=\"color: #ff0000\">Afuura Qulqulluu<\/span> Ifa Baasuu<\/span><\/h2>\n<h3 style=\"padding-left: 30px;text-align: justify\">Yeroo Gooftaan \u201c<span style=\"color: #0000ff\">Namoonni eenyu <span style=\"color: #ff0000\">Naan<\/span> jedhu<\/span>\u201d jedhee gaafate, erga waan namoonni Isaan jedhani dubbatanii booda gaaffii Inni \u201c<span style=\"color: #0000ff\">Isinoo eenyu <span style=\"color: #ff0000\">Naan<\/span> jettu?<\/span>\u201d jedhee gaafateef Qulqulluu Pheexiroos Waaqa Ilma Waaqayyoo ta\u2019uu Isaa ibsuu isaatiin eebbifamaa jedhameera. Sababni isaas waa\u2019ee <span style=\"color: #ff0000\">Waaqummaa Gooftaa<\/span> keenyaa yoo <span style=\"color: #ff0000\">Afuura Qulqulluun<\/span> ta\u2019e malee fooniifi dhiigaan dubbachuun waan hin danda\u2019amneef (Maat. 16:13). Namoonni <span style=\"color: #ff0000\">Afuura Qulqulluu<\/span> waliin jiran Waaqummaa Gooftaa Keenyaa, deessuu Waaqaa ta\u2019uu Giiftii keenya Dubroo Maariyaam shakkii tokko malee dubbatu kana dubbachuu isaaniifis eebbifamoo jedhamu (Luq. 1: 41-43).<br \/>\n<span style=\"color: #ff0000\">Gooftaan<\/span> du\u2019aa ka\u2019ee gaafa guyaa shantamaffaa, Duuka bu\u2019ootaaf <span style=\"color: #ff0000\">Afuura<\/span> <span style=\"color: #ff0000\">Qulqulluu<\/span> ergee yommuu isaan afaan addaa addaan barsiisan dhaga\u2019anii namoota akka waan isaan machaa\u2019aniitti fudhataniif deebii kennee wangeela Qulqulluu kan barsiise Qulqullich Pheexiroos lallaba yeroo tokkootti namoota kuma sadii amansiisee akka isaan cuuphaman taasiseera (H.D.B. 2:42).<br \/>\nAbbaa manaa fi haadha manaa kan ta\u2019an Hanaaniyaa fi Saphiiraan, waliin ta\u2019anii jiraachuu Duuka Bu\u2019ootaatti gammadanii tokkummaa isaaniitti dabalamuuf lafa isaanii gurguran. Haa ta\u2019u malee maallaqa lafa sana itti gurguran irraa dhoksanii hambifatanii yommuu dhaqanii miila Duuka bu\u2019ootaa jala kaa\u2019an kennaa <span style=\"color: #ff0000\">Afuura<\/span>\u00a0<span style=\"color: #ff0000\">Qulqulluun<\/span> ilaalaa kan ture Qulqulluu Pheexiroos. <span style=\"color: #ff0000\">Afuura Qulqulluu<\/span> sobuu isaanii irraan kan ka\u2019e akka isaan du\u2019aan adabaman taasisee akka warri kaanis soba irraa of qusatan taasiseera (H.D.B. 5:1-11).<\/h3>\n<h2 style=\"padding-left: 30px;text-align: justify\"><span style=\"color: #ff00ff\">3. Kadhannaa Mana Kiristaanaatti Taasifamu Abdii Taasifachuu<\/span><\/h2>\n<h3 style=\"padding-left: 30px;text-align: justify\">Heroodis Qulqulluu Pheexiroosiin ajjeesisuuf mana hidhaa keessatti isa eegsisaa osoo jiruu Manni Kiristaanaa waa\u2019ee isaa jabeessitee kadhataa turte. Ququlluu Pheexiroos garuu kadhannaa Mana Kiristaanaa abdii godhatee yaaddoo malee rafaa ture. Heroodis barii isaa isa baasee ajjeesisee Ayihudoota gammachiisuu yaadee osoo jiruu,alkanuma sana ergamaan <span style=\"color: #ff0000\">Waaqayyoo<\/span> gara mana hidhaa deemee Qulqulluu Pheexiroosiin damaqsee akka inni uffata isaa uffatee kophee isaa keewwatu taasisee.Hidhaan harkaa fi miila isaa irra jirus ofuuma isaa irraa hiikamee balballi hundis isaaf banamee gara obbolaa isaa warra isaaf kadhataa jiranii dhaqe (H.D.B. 12:1-12). Obbolaa isaattis akkaataa itti <span style=\"color: #ff0000\">Waaqayyo<\/span> ergamaa isaa ergee isa baase hime. Kadhannaan obbolaan Mana Kiristaanaatti waliif kadhatan hidhaa cubbuu fi foonii irraa nama hiiksisee akka namoonni du\u2019a irraa baraaraman waan taasisuuf, nutis kadhannaa akkasii abdii taasifachuu qabna.<\/h3>\n<h2 style=\"padding-left: 30px;text-align: justify\"><span style=\"color: #ff00ff\">4. Nama Namaaf Dhiifama kan taasisu Ta\u2019uu<\/span><\/h2>\n<h3 style=\"padding-left: 30px;text-align: justify\">Qulqulluu Pheexiroos yeroo waa\u2019ee dhiifamaa barate gara <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaatti<\/span> siqee \u201c<span style=\"color: #0000ff\">Yaa <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaa<\/span> obboleessi koo yoo natti balleesse al-meeqa dhiisuuf? Al-toorbaa?\u201d<\/span> jedhee gaafate. <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaanis<\/span> dhiifamni kan lakkoofsa hin qabnee fi eenyuufuu yeroo hunda dhiifama gochuufii akka qabnu nu barsiisuuf jecha \u201c<span style=\"color: #0000ff\">Al- toorba siin hin jedhu al\u2013toorbaatama si\u2019a toorba malee<\/span>\u201d jedhee akka inni laphee gonkaan dhiifama namaaf taasisuu akka qabaatu isa taasiseera (Maat. 18:21-22). Nutoo ammam waliif dhiifna? Yoo akka Wangeelli jedhu isa maddii keenya mirgaa kabaleef bitaa galagalchuufiin nutti ulfaate illee nama miinees ta\u2019e arrabsinee yokiin lollee gammaduu hin qabnu. Waan akkasii warri <span style=\"color: #ff0000\">Waaqa<\/span> hin qabne illee hin raawwatan waan ta\u2019eef.<\/h3>\n<h2 style=\"padding-left: 30px;text-align: justify\"><span style=\"color: #ff00ff\">5. Yeroo hunda <span style=\"color: #ff0000\">Waaqayyoon <\/span>Galateeffachuu<\/span><\/h2>\n<h3 style=\"padding-left: 30px;text-align: justify\">Qulqulluu Phaawuloosii fi Qulqulluu Siilaas osoo mana hidhaa keessa harkii fi miilli isaanii hidhamee jiruu,yeedalootiin <span style=\"color: #ff0000\">Waaqayyoon<\/span> galateeffataa turan. Farfannaa isaanii sanaanis manni hidhaa sun tocho\u2019e, hidhaan hidhantoonni ittiin hidhaman hundis irraa hiikame, balballoonni hundis ni banaman. Raajii kanaanis namni mana hidhaa sana eegaa ture carraa kiristaana ta\u2019uu argateera (H.D.B. 16:25-28). Kun kan ta\u2019e sababa Qqulqulloonni kun osoo bakka jiranitti <span style=\"color: #ff0000\">Waaqa<\/span> isaanii hin komatiin laphee guutuun Isa galateeffataniif. Haal mijaa\u2019aa keessattis ta\u2019e haala rakkisaa keessatti <span style=\"color: #ff0000\">Waaqayyoon<\/span> galateeffachuun barbaachisaa ta\u2019uu isaa Qulqulloonni kun nu barsiisu. Qulqulluu Phaawuloos nama qulqullummaan isaa uffata isaatti darbee dhukkubsattoonni uffata isaa of irra buusaanii fayyani dha (H.D.B. 19:11-12). Qulqulluu Pheexiroosis nama gaaddidduu isaatiin namoota fayyisaa ture dha (H.D.B. 5:15). Osoo kennaa akkasii qabanii fi osoo warra isaan miidhan irratti waan barbaadan raawwachuu danda\u2019anii yeroo sababa kiristaana ta\u2019aniif gidiraa gurguddaa argan gammachuudhan <span style=\"color: #ff0000\">Waaqa<\/span> isaanii galateeffatu turan. Kana irraa kan nuti barannu akka Kiristaanummaan gidiraa keessa ta\u2019anii illee <span style=\"color: #ff0000\">Waaqayyoon<\/span> galateeffachuu ta\u2019e dha.<br \/>\nNuyis akkuma Qulqulloota kanaatti:-<\/h3>\n<ul style=\"text-align: justify\">\n<li>\n<h3><span style=\"color: #993366\"><strong>Yoroo qormaanni nu mudatu gara <span style=\"color: #ff0000\">Waaqaatti<\/span> iyyuun of-irra dabarsuu akka dandeenyu.<\/strong><\/span><\/h3>\n<\/li>\n<li>\n<h3><span style=\"color: #993366\"><strong>Eenyummaa <span style=\"color: #ff0000\">Gooftaa <\/span>keenya <span style=\"color: #ff0000\">Iyyasuus Kiristoos<\/span>, kan <span style=\"color: #ff0000\">Abbaa Isaa <\/span>fi kan <span style=\"color: #ff0000\">Afuura Qulqulluu <\/span>irratti amantii cimaa <span style=\"color: #ff0000\">Afuura Qulqulluun<\/span> deggerame qabaachuu akka qabnu.<\/strong><\/span><\/h3>\n<\/li>\n<li>\n<h3><span style=\"color: #993366\"><strong>Namoota nuyakkaniifis dhiifama daangaa hin qabne taasisuu akka qabnuu fi<\/strong><\/span><\/h3>\n<\/li>\n<li>\n<h3><span style=\"color: #993366\"><strong>Yeroo qormaataas ta\u2019e yeroo qananii <span style=\"color: #ff0000\">Waaqayyoon<\/span> galateeffachuu akka qabnu fakkeenya gita hin qabne nuuf ta\u2019aniiru.<\/strong><\/span><\/h3>\n<\/li>\n<\/ul>\n<h3 style=\"padding-left: 30px;text-align: center\"><span style=\"color: #0000ff\">Fakkeenyummaa Qulqulloota kanaan gara Isaatti kan nu deebise Waaqayyoof galanni haa ta\u2019u.<\/span><\/h3>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Asaffaa Guddataa Gaafti Adoolessa bultii shan (5) guyyaa ayyaana yaadannoo Qulqulluu Pheexiroosii fi Qulqulluu Phaawuloosi dha. Qulqulluu Pheexiroos qurxummii kiyyeessuu keessaa bahee gara nama kiyyeessuutti yokiin akka namoonni ilmaan Waaqayyoo ta\u2019an taasisuutti kan dhufe waamicha Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin ture (Maat. 4:18-20). Qulqulluu Phaawuloosis osoo Waaqayyoof inaafee kiristaanota ari\u2019ataa jiruu daandii Damasqoo irratti [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4345"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4345"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4345\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4348,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4345\/revisions\/4348"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4345"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4345"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4345"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}