{"id":4340,"date":"2019-06-27T08:29:01","date_gmt":"2019-06-27T08:29:01","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4340"},"modified":"2019-07-02T15:21:05","modified_gmt":"2019-07-02T15:21:05","slug":"hundumtuu-humna-afuura-qulqulluun-ni-guutaman-%e1%8b%88%e1%89%b0%e1%88%98%e1%88%8d%e1%8a%a1-%e1%8a%b5%e1%88%8e%e1%88%99-%e1%88%98%e1%8a%95%e1%8d%88%e1%88%b0-%e1%8a%80","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/hundumtuu-humna-afuura-qulqulluun-ni-guutaman-%e1%8b%88%e1%89%b0%e1%88%98%e1%88%8d%e1%8a%a1-%e1%8a%b5%e1%88%8e%e1%88%99-%e1%88%98%e1%8a%95%e1%8d%88%e1%88%b0-%e1%8a%80\/","title":{"rendered":"\u201cHundumtuu Humna Afuura Qulqulluun ni guutaman.\u201d \u201c\u12c8\u1270\u1218\u120d\u12a1 \u12b5\u120e\u1219 \u1218\u1295\u1348\u1230 \u1280\u12ed\u120d\u201d H\/D\/B\/ 2:1-21"},"content":{"rendered":"<h4 style=\"text-align: justify\">Sagaleen kun katabamee kan argamu Hojii Duuka Bu\u2019ootaa isa harka barreessaa Wangeelaa kan ta\u2019e Luuqaasiin bareeffame keessatti dha. Taateen yeroo sanatti ta\u2019ee tures Duuka Bu\u2019ootarra bu\u2019uu Afuura Qulqulluuti (\u122d\u12f0\u1270 \u1218\u1295\u1348\u1235 \u1245\u12f1\u1235). Guyyaan sunis \u2018Guyyaa dhalachuu Mana Kiristaanaa\u2019s ni jedhama. Caqasni isaas Hoj.Duu.Bu. 2:1-Dhu.Boq. ti.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Caqasa kanaan wal qabatee shakkitoonni amantaa yaad-rimeewwan adda addaa ni kaasu.<\/h4>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li>\n<h4><em>\u2018Nuyi Afuura Qulqulluun guutamnee qooqaalee adda addaa dubbanna. Akkuma Kitaabni Qulqulluu<\/em><span style=\"color: #0000ff\"><em> \u201c<\/em><em>Hundumtuu Afuura Qulqulluun ni guutamani. Hammuma Afuurri Qulqulluu isaaniif laateen qooqaalee biroon dubbachuu jalqabani.\u2019<\/em> \u12c8\u1270\u1218\u120d\u12a1 \u12b5\u120e\u1219 \u1218\u1295\u1348\u1230 \u1280\u12ed\u120d \u12c8\u12a0\u1280\u12d9 \u12ed\u1295\u1265\u1261 \u12d8\u12d8\u12da\u12a3\u1206\u1219 \u1260\u1290\u1308\u1228 \u12b5\u1209 \u1260\u1210\u12cd\u122d\u1275 \u1260\u12a8\u1218 \u12c8\u1200\u1266\u1219 \u1218\u1295\u1348\u1235 \u12ed\u1295\u1265\u1261\u1362\u201d<\/span> H\/D\/B\/ 2:1-21 jedhutti jechuudhaan caqasa Kitaaba Qulqulluu caqasuu yeroo barbaadan ni mul\u2019atu.<\/h4>\n<\/li>\n<\/ol>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Haa ta\u2019u malee, waan Kitaabni Qulqulluu jedhu fi isaan (shakkitootni) kan jedhan walitti hin dhufu. Kitaabni Qulqulluu <span style=\"color: #0000ff\">\u201cHundumtuu Afuura Qulqulluun ni guutamani. Hammuma Afuurri Qulqulluu isaaniif lateen qooqaalee biroon dubbachuu jalqabani\u201d<\/span> jedha malee, qooqa hin beekkamneen dubbatani hin jedu. Isa kana hubachuufis Hoj. D\/B\/ 2:6 irratti \u201c<em>Jarreen<\/em> <em>kun hundinuu bubbee kana yeroo dhaga\u2019an; iddoo kun ta\u2019etti walitti qabamani. Warri Afuura Qulqulluudhaan guutaman kun afaan tokkoon tokkoo isaaniitiin akka dubbatan dhageenyaan, waan jedhan wallaalan. Na\u2019anii dinqisiifatanii \u201cWarri dubbachaa jiran kun hundinuu namoota Galiilaa miti moo? jedhani. Dabalataanis, \u201cTokkoon tokkoon keenya akkamitti afaan itti dhalanneen yeroo dubbatan isaan dhageenya? <\/em>\u201djechuudhaan afaan \/qooqni\/ isaaniif kenname qooqa biyya lafaarratti dubbatamu ta\u2019uusaa beekuu dandeenya.<\/h4>\n<ol style=\"text-align: justify\" start=\"2\">\n<li>\n<h4>Caqasni Hoj.D\/B\/ 2:6 irratti caqasame akka isaan hin deeggarre yeroo beekanitti gara Wangeela Maariqoos deemanii Maar. 16:16 kaasuudhaan \u201cGooftaa Iyyasuus Kiristoositti ija amanneef qooqa armaan dura hin dubbatamne nudubbachiisa.\u201d Jedhu. Dhugaa dha Gooftaan keenya Fayyisaan keennya Iyyasuus Kiristoos \u00a0qooqa addunyarratti dubbatamee hin beekne amantoota dhugaaf kennuu akka danda\u2019u shakkii hin qabnu. Garuu, ifa Mana Kiristaana jedhamuun kan beekkamu Qulqulluu Phaawloos 1<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> 14:11 irratti akkas nuun jedha. <span style=\"color: #0000ff\">\u201c<\/span><em><span style=\"color: #0000ff\">Addunyaarratti akaakuu qooqaa lakkoofsa hin qabne (bay\u2019ee) jiraachuu danda\u2019u; uummanni qooqa hin qabne hin jiru. Egaa, hiika qooqa sanaa beekuu dhabnaan hawaasa qooqa sana dubbatu biratti keessummaan ta\u2019a; hawaasni sunis anaaf keessummaa ta\u2019a.\u201d<\/span> <\/em>jedhee ka\u2019ee lakkoofsa 13<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong>rratti<span style=\"color: #0000ff\"><em> \u201cKanaafuu, namni qooqaan dubbatu qooqa sana hiikuu akka danda\u2019uuf\u00a0 gara Waaqayyoo haa kadhatu.\u201d <\/em><\/span>Jechuudhaan erga ibse booda, lakkoofsa 28<strong><sup>ffaa <\/sup><\/strong>rrattii<em><span style=\"color: #0000ff\"> \u201cNamni hiiku dhabamnaan garuu, waldaa keessa callisuudhaan Waaqayyoo waliin ittiin haahaasa\u2019u.\u201d<\/span> jechuudhaan goolabeera. Ammas asirratti qabxiilee sadi gad-fageenyaan ilaaluun barbaachisaa dha.<\/em><\/h4>\n<ol>\n<li>\n<h4>Qooqni tokko hiikamu kan danda\u2019u ta\u2019uu qaba. Qooqni shakkitoonni amantaa ni dubbanna jedhan kun hiika kan hin qabne fi waldaa ykn gurmii amantootaa amantiin cimsuuf kan hin fayyadne dha.<\/h4>\n<\/li>\n<li>\n<h4>Namoonni lama fi sanaa ol ifoominni qooqaa isaaniif yoo ifoome dabaree dabareen dubbachuu qabu. Shakkitoonni amntaa garuu yeroo dubbatan waluu hin dhaggeeffatan. Dabaree isaanii eeggatanii dubbachuu dhiisuun isaanii dogongora guddaa akka ta\u2019e Kitaabni Qulqulluu ragaa nuuf baha.<\/h4>\n<\/li>\n<li>\n<h4>Ifoomonni qooqaa yoo namaaf ifoome, hiika isaas Waaqni akka isaaniif kennu kadhannaa gochuu qabu. Kennaan hiikkaa kennamuu dhiisnaan garuu, waldaa keessa callisuu qabu. Shakkitoonni amntaa qooqa hin beekneen waldaa keessa dubbachuu dhiisuu dhabuun isaaniis dogongora biraa dha.<\/h4>\n<\/li>\n<\/ol>\n<\/li>\n<\/ol>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Kanaaf kana hubannee barsiifata dogongoraa shakkitoonni barsiisan irraa of-eeguu akka qabnu beekuun nurraa eegama.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: center\">Galanni Waaqayoof haa ta\u2019u.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: center\">Araarsummaan Durbee Isa deesse fi eebbisni Fannoo Isaa ulfaataa nurra haa bulu.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: center\">Amen.<\/h4>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Sagaleen kun katabamee kan argamu Hojii Duuka Bu\u2019ootaa isa harka barreessaa Wangeelaa kan ta\u2019e Luuqaasiin bareeffame keessatti dha. Taateen yeroo sanatti ta\u2019ee tures Duuka Bu\u2019ootarra bu\u2019uu Afuura Qulqulluuti (\u122d\u12f0\u1270 \u1218\u1295\u1348\u1235 \u1245\u12f1\u1235). Guyyaan sunis \u2018Guyyaa dhalachuu Mana Kiristaanaa\u2019s ni jedhama. Caqasni isaas Hoj.Duu.Bu. 2:1-Dhu.Boq. ti. Caqasa kanaan wal qabatee shakkitoonni amantaa yaad-rimeewwan adda addaa ni kaasu. [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4340"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4340"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4340\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4342,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4340\/revisions\/4342"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4340"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4340"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4340"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}