{"id":4332,"date":"2019-06-17T15:18:51","date_gmt":"2019-06-17T15:18:51","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4332"},"modified":"2019-06-17T15:53:19","modified_gmt":"2019-06-17T15:53:19","slug":"waaqa-irraa-humna-hamma-argattanitti-iyyaruusaaleem-keessa-turaa-%e1%8a%95%e1%89%a0%e1%88%a9-%e1%88%80%e1%8c%88%e1%88%a8-%e1%8a%a2%e1%8b%a8%e1%88%a9%e1%88%b3%e1%88%8c","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/waaqa-irraa-humna-hamma-argattanitti-iyyaruusaaleem-keessa-turaa-%e1%8a%95%e1%89%a0%e1%88%a9-%e1%88%80%e1%8c%88%e1%88%a8-%e1%8a%a2%e1%8b%a8%e1%88%a9%e1%88%b3%e1%88%8c\/","title":{"rendered":"\u201cWaaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa.\u201d  \u201c\u1295\u1260\u1229 \u1200\u1308\u1228 \u12a2\u12e8\u1229\u1233\u120c\u121d \u12a5\u1235\u12a8 \u1275\u1208\u1265\u1231 \u1283\u12ed\u1208 \u12a5\u121d\u12a0\u122d\u12eb\u121d::\u201d  (Luuq. 24:49)"},"content":{"rendered":"<p>Jecha kana kan dubbate Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Warrootni jechichi dubbatameef immoo Duuka Bu\u2019oota isaati. Jecha Inni dubbate guutummaan yoo ilaalle, \u201c<strong><em>Kunoo, isa Abbaan Koo isin abdachiise isiniif nan erga; waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa<\/em><\/strong>\u201d \u00a0jedha (Luuq. 24:49). Kana qofa miti; hamma Bitaaniyaatti isaan baasee harka isaa mataa isaaniirra kaa\u2019ee ni eebbiseen. Karaa biraatiin aangoo lubummaa isa hamma paatriyaarkummaa jiru jiruun isaan muudee osuma Isa argan gara samiitti ol bahe.<\/p>\n<p>Isaan garuu, gara samiitti ol bahuu Gooftaa ilaalaa osuma yaadda\u2019aa jiran Ergamaan waaqayyoo dhufee \u201cIsin namoota Galiilaa, maaliif dhattanii samii keessa ol ilaalaa yaadda\u2019aa jirtu? Iyyasuus, Inni isin biraa gara samiitti ol bahe kun, akkuma amma itti gara samii ol bahuu Isaa argitan kanatti immoo, deebi\u2019ee in dhufa\u201d jechuudhaan isaan jajjabeessee jira. Asirratti waan lama hobachuu dandeenya.<\/p>\n<ol>\n<li>\u201cIyyasuus, Inni isin biraa gara samiitti ol bahe kun, akkuma amma itti gara samii ol bahuu Isaa argitan kanatti immoo, deebi\u2019ee in dhufa.\u201d jechuudhaan dhufaatiin Gooftaa Keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos ifatti yookan haala nama hundumaaf mul\u2019achuu danda\u2019uun akka ta\u2019e nuhubachiisa. Raajoonni dharaa bara keenya kana keessatti jiraatan \u201cGooftaa Mul\u2019ataan (raa\u2019iyyii) naaf mil\u2019atee yoom akka dhufu natti himeera.\u201d Jechaa fa\u2019a raagu. Kun raajii dharaa akka ta\u2019e beekuu qabna. Guyyaa sana ilma namaa dhiisnee Ergamoonni Waaqayyooyyuu kan hin beekne akka ta\u2019e Kitaabni Qulqulluu nuuf mirkaneesseera. (Maat. 24:36, Maar. 13:32).<\/li>\n<li>Shakkitootni \u201cMalakoonni (Waaqummaan) fooniin hin waloomne\u201d jecha barumsa dogongoraa barsiisaniifis deebii kennuufi dha. Kunis, yeroo Inni (Gooftaan keenya) gara samiitti olbahu Duuka Bu\u2019oonni Isaa arguun isaanii waan Malakoonni fooniin waloomeefi dha malee Malakoonni qofaasaa foon hin qabu ija ta\u2019eef hin mul\u2019atu ture. Jecha Waloomaatu gara samiitti olbahe. Kitaabni Qulqulluus \u201c\u2026\u2026\u12c8\u12d8\u1295\u1270 \u12a5\u1295\u12d8 \u12ed\u1265\u120e\u1219 \u1270\u1208\u12d0\u1208 \u12c8\u1290\u1225\u12a0\u1276 \u12f0\u1218\u1293 \u12c8\u12d0\u122d\u1308 \u1230\u121b\u12e8 \u12a5\u1295\u12d8 \u12a5\u1219\u1295\u1271 \u12ed\u1294\u133d\u1229 \u1280\u1264\u1201\u2026\u2026; <strong><em>kanas isaanitti himaa gara samiitti olbahuu eegale. Duumeessis Isa simatte<\/em><\/strong>.\u201d Jechuudhaan yeroo inni olbahu Duuka bu\u2019ootaaf mul\u2019achaa akka ture fi isaanillee Isa laalaa akka turan nuhubachiisa. H\/D\/Bu. 1:8<\/li>\n<li>\u2018Iyyaruusaaleem\u2019 jechi jedhu\n<ol>\n<li>Mana Kiristaanaa dha. Kanaauu, mana kiristaanaa keessa turraan (jiraannaan) kennaa Waaqayyoorraa argamu hunda ni arganna ija ta\u2019eef \u201cIyyaruusaaleem keessa turaa\u201d nuun jedheera.<\/li>\n<li>Iyyarusaalee Giiftii keenya Durbee Maariyaamii dha. Ishiirraa osoo hin fagaatin Iyyaruusaaleemitti (Giiftii keenya wajjiin) turaa nuun jechuufi dha.<\/li>\n<li>\u201c\u1260\u1230\u121b\u12ed \u12e8\u1200\u1209 \u120d\u1265\u12ad\u1219\u1364<strong><em>qalbiin keessan samiitti yookan Iyyaruusaaleem ishee samiirraatti haa jiraatu<\/em><\/strong>\u201d jechuudhaan waan lafarraa osoo hin taane, waan samiirraa (kan Iyyaruusaaleem ishee samiirraa) abdachuu akka qabnu Kitaabni Sirna Qulqulleessaa nugorsa.<\/li>\n<\/ol>\n<\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: right\">Dhufaatii Isaaf nagaan nuhaagahu.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Jecha kana kan dubbate Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Warrootni jechichi dubbatameef immoo Duuka Bu\u2019oota isaati. Jecha Inni dubbate guutummaan yoo ilaalle, \u201cKunoo, isa Abbaan Koo isin abdachiise isiniif nan erga; waaqa irraa humna hamma argattanitti Iyyaruusaaleem keessa turaa\u201d \u00a0jedha (Luuq. 24:49). Kana qofa miti; hamma Bitaaniyaatti isaan baasee harka isaa mataa isaaniirra [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4332"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4332"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4332\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4334,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4332\/revisions\/4334"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4332"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4332"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4332"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}