{"id":4323,"date":"2019-05-21T11:35:08","date_gmt":"2019-05-21T11:35:08","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4323"},"modified":"2019-05-21T11:35:08","modified_gmt":"2019-05-21T11:35:08","slug":"seenaa-mana-kiristaanaa-miiraafe-qiddusaan-koomtoo-qulqulleettii-sillaasee","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/seenaa-mana-kiristaanaa-miiraafe-qiddusaan-koomtoo-qulqulleettii-sillaasee\/","title":{"rendered":"SEENAA MANA KIRISTAANAA MI\u2019IRAAFE QIDDUSAAN KOOMTOO QULQULLEETTII SILLAASEE"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><span style=\"color: #0000ff\"><em>Wiirtuu Naqamteetiin<\/em><\/span><\/p>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\nManni Kiristaanaa bakka gargaarsi Waaqayyoo, soorummaa fi jaalalli Abbummaa Isaatiin kan itti argamu gara Iyyeruusaaleem ishee Samii kan nu geessitu qeyeen Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa iddoo adda taatee dha. Egaa barreeffama kana keessatti Qeyee Waaqayyoo kan taate seenaa Mana Kiristaana Mi\u2019iraafe Qiddusaan Koomtoo Qulqulleettii Sillaaseetiin wal isin barsiifnaa Manni Amantaa seena qabeettiin umrii dheeraa lakkoofsiste Koomtoo Mi\u2019iraafe Qiddusaan Qulqulleettii Sillaaseen Naannoo Oromiyaa, Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Waayyuu Tuqaa, Ganda Daaloo Koomtootti kan argamu dha. Finfinneerraa km 330 fagaatee kan argamu yommuu ta\u2019u; Finfinneerraa hanga magaalaa Naqamteetti km 320 magaalaa Naqamteerraa km 10 kan hin caalle fagaattee argamti. Kunis karaa ciirrachaa kan konkolaataa deemsisu qaba. Iddoo Qulqulleettiin Manni Kiristaanaa kun itti argamtu sana bira ga\u2019uudhaaf karaan isaa akkuma jireenya kiristaanaa bu\u2019aa ba\u2019ii, Tabbaa fi Irraangadee kan qabu dha. Manni kiristaanaa kun lafa cittuu bishaaniin marfamteerratti argamti.<br \/>\nHaala hundeeffamaa<br \/>\nManni Kiristaanaa koomtoo Qulqulleettii Sillaasee nama Dajjaazmach G\/Igzi\u2019abiheer (Dajjaach Kumsaa Morodaa) jedhamuun bara 1906 B.A hundeeffamte. Jalqaba manni Kiristaanaa kun citaadhaan ijaarame. Waggoota hedduu erga tajaajilee booda, xaaliyaaniin biyya keenya Itiyoophiyaa yeroo weerartee waggaa shan turte keessatti dhiibbaa guddaa Mana Kiristaanaa kanarraan geessisteen. Manni Kiristaanaan kun gubateera. Meeshaaleen Qulqullaa\u2019oon hedduun waliin gubataniiru.<br \/>\nYeroo sana furtuu qabaan Mana Kiristaana kanaa kan turan Luba Tasfaayee Amanuu jedhamu turan. Isaanis haala hin beekamneen Taabota Kakuu Waaqayyoo fi meeshaalee qulqullaa\u2019oo muraasa fudhatanii bosona seenan. Eeyyama Waaqayyoo ta\u2019ee, Fannoo Gooftaa dabalatee meshaalee Qulqullaa\u2019oo tokko tokoo oolfataniiru. Sababii kanaan kan ka\u2019e Fannoo Gooftaa dabalatee meeshaalee qulqullaa\u2019oo tokko tokko abiddaan guba- chuu irraa oolfatanii jiru. Haa ta\u2019uu malee, Manni Kiristaanaa kun yeroo gubatu meeshaalee qulqullaa\u2019oo ta\u2019an hedduu fi Kitaaboliin akka Biraannaa (waraqaa gogaa re\u2019eerr irraa hojjetamau), Dirsaanotaa fi Kitaabilee Qulqullaa\u2019oon gara garaa baay\u2019een ooluu hin dandeenye.<br \/>\nGaruu, kanneen gubatan gubatanii Taabonni Kakuu Waaqa- yyoo fi meeshaaleen qulqullaa\u2019oon muraasni akka fedha Waaqayyootti Luba Tasfaayee Amanuutiin ooluu danda\u2019anii jiru. Lubni kunis Taabota Kakuu kana bakka kaa\u2019an dhabanii erga baay\u2019ee Waliin rakkatani boo da dubbiin qabbanaa\u2019uusaa hubatanii namoota naannoo sanaa walitti qabuudhaan, Manni Kiristaanaa akka ijaaramu mariisisan. Uummannis yaadicha inaaffaa afuuraan deeggaranii hamma humna isaanii Mana Citaa ijaaranii Taabota Kakuu Waaqayyoo kana itti galchan. Tajaajil- tonnis (Lubootnii fi Daaqonootni) waggaa dheeraadhaaf mindaa malee tajaajilaa turan. Amantoonni Ortodoksii Tawaahidoo naannoo sanatti argamanis gama isaaniitiin kennaa isaanii midhaan irraas ta\u2019ee waanuma argataniin Mana Amantaa isaanii tajaajilaa turan. Haata\u2019u malee, tajaajil<br \/>\ntoonni (Luboonnii fi Daaqonootni) uffata tajaajilaa waan hin qabneef uffata lubummaa malee akkasumatti tajaajilu turan. Haala jajjabina Mana Kiristaanichaa ajaa\u2019ibaa \/raajii faana wal qabatee Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiruhoo jedhamee akkuma bar- reeffame, haalli gaggeeffama Mana Kiristaana kanaa kan nama gad-disiisu ta\u2019ullee, Waaqayyo garuu yoomillee nama qaba.Yeroo ta\u2019e tokko Dubartiin Aadde Dabrituu jedhamtu Finfinneerraa gara bakka kanaatti dhuftee haala gaggeeffama Mana Kiristaanichaa, tokkummaa fi garraamummaa uummatichaa erga daawwattee booda ajaa\u2019ibsiifachuun deebitee Finfinneetti galte. Boodas waa\u2019ee raajii baay\u2019ee Mana Amantaa kana keessatti ta\u2019aa jiru namootatti himte. Keessattuu namoota yeroo dheeraadhaaf dhukkuba gara garaatiin rakkachaa turanii fi yaalamanii furmaata dhabanitti \u2018\u2019Manni Kiristaanaa Koomtoo Qulqulleettii Sillaasee jedhamtu jirti, Manni Amantaa kun gubat- tee turte, meeshaalee qulqullaa\u2019oos guutuu hin qabdu, Waaqayyo garuu bakka kanatti raajii ni hojjeta. Kanaafuu bakka sana deemaatii aarsaa dhiyeessaa! Ni fayyitu\u201d jettee isaanitti himte. Sana booda namootni baay\u2019een bakka sana dhufanii kadhannaa godhachuun dhukkuba isaanii irraa fayyuun Waaqayyoon galateeffachaa turaniiru bakki sunis yeroodhaa yerootti namoota hedduu biratti beekamaa dhufeera.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">jiraatonni naannoo sanii, bakki kun bakka seena qabeessa ajaa\u2019iba raawwatu akka ta\u2019e erga hubataanii booda, Mana Citaa isa ture gara gamootti jijjiiruudhaaf bara 1964 B.A irraa eegalaanii kaka\u2019umsa guddaadhaan sochii haa taasisan malee; sababii gara garaatiin kan ka\u2019e yeroo sanitti ijaaruu hin dandeenye. Haa ta\u2019u malee, yeroo muraasa booda kaka\u2019umsa uummanni qarshii walitti qabuudhaan Mana Citaa sana gara Mana qorqoorrootti jijjiiranii Taabonni Kakuu akka itti galuu taasisaniiru..<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Itti aansuudhaan Caamsaa 7, bara 1978 B.A namoonni dhalattoota naan- noo sanaa ta\u2019anii fi hiriyoonni isaanii Finfinneedhaa dhufuudhaan jaar- solii biyyaa wajjiin mari\u2019atanii, Mana Kiristaanicha ijaaruudhaaf irratti waliigalaan. Baruma kanatti Phaaphaasii M\/K\/O\/Tawaahidoo kan turan Eebbifamoo Abbaa Tekle Haymaanot fiduudhaan dhagaa bu\u2019uuraa kaa\u2019an. Ijaarsi manichaas jalqabamee haala miidhagaan raawwatame- Caamsaa 7, bara 1982 Taabota Kakuu itti galchuudhaan haala hoo\u2019aa ta\u2019een eebbifame. Akkasumas baruma kana meeshaalee qulqulla\u2019oo kan- neen hir\u2019atan hundi bitamanii akka guutaman ta\u2019e.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: center\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\"alignnone  wp-image-4324\" src=\"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/photo_2019-03-26_23-08-14-300x225.jpg\" alt=\"\" width=\"514\" height=\"386\" srcset=\"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/photo_2019-03-26_23-08-14-300x225.jpg 300w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/photo_2019-03-26_23-08-14-768x576.jpg 768w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/photo_2019-03-26_23-08-14-1030x773.jpg 1030w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/photo_2019-03-26_23-08-14-705x529.jpg 705w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/photo_2019-03-26_23-08-14-450x338.jpg 450w, https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/photo_2019-03-26_23-08-14.jpg 1280w\" sizes=\"(max-width: 514px) 100vw, 514px\" \/><\/h3>\n<h3 style=\"text-align: center\">Haala Manni Kiristaanaa kun Amma keessa jiru.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Egaa Manni Kiristaanaa Koomtoo mi\u2019iraafe Qiddusaan Qulqulleettii Sillaasee maqaa kabajaa mi\u2019iraafe qiddusaan jedhamu kanallee bara 2009Phaaphaasii kutaa lallabaa Godina Wallagga Bahaafi Horroo Guduru Wallaggaa kan ta\u2019an Abbaa Simi\u2019ooniin kan moggaafamtee dha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Yeroo ammaa tajaajiltoota Manni Kirstaanichaa qabu:- Luboota 4, Diyaaqonoota 4 kan qabduufi baay\u2019ina uummataa Abbaa warraa 180 qabdi. Kana malees Monoksootni dubartootaa 8jiru. iddoo kadhannaadhaaf mijataa ta\u2019e, namoonni baay\u2019een gara Mana Amantaa kanaa dhufuudhaan bakka itti subaa\u2019ee galaniidha.<br \/>\nManni Kiristaanaa kun iddoo Qulqullummaa, seenaa bara dheeraa qabu ta\u2019ee osoo jiruu, haalli tajaajila isaa garuu kadhaa harka uummatashee qofa eeguu irraan kan ka\u2019ee fi galii tajaajila guutuu kennuudhaaf barbaachisu argachuu irratti rakkina cimaatu marsee jira. Dabalataanis tajaajila Afuuraa jajjabeessuudhaaf, Manni Kiristaanaa kun fuulduratti akka of danda\u2019u gochuudhaafis hojiiwwan misoomaa kan akka Sangaa furdisuu fi Lukkuu horsiisuu hojjechuudhaaf jalqabbiin jiru kan nama gammachiisudha.<br \/>\nEgaa abbootiin keenya dursummaan Mana Waaqayyoo mana isaanii godhatanii,waadaa isaaniif kenname eeganii, Mana Kiristaanaa Qulqulleettii nuuf dabarsanii jiru. Nutis dhaloonni har\u2019aa; umrii Waaqayyo irraa arjummaan nuuf laatame akka seeraa fi ajaja Waaqayyootti fayyadamnee; waadaa nutti kenname eegnee dhaloota itti aanuuf laannee akka argamnu Waaqayyoo nuuf haa eeyyamu.<\/h3>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Wiirtuu Naqamteetiin Manni Kiristaanaa bakka gargaarsi Waaqayyoo, soorummaa fi jaalalli Abbummaa Isaatiin kan itti argamu gara Iyyeruusaaleem ishee Samii kan nu geessitu qeyeen Qulqulleettiin Mana Kiristaanaa iddoo adda taatee dha. Egaa barreeffama kana keessatti Qeyee Waaqayyoo kan taate seenaa Mana Kiristaana Mi\u2019iraafe Qiddusaan Koomtoo Qulqulleettii Sillaaseetiin wal isin barsiifnaa Manni Amantaa seena qabeettiin umrii dheeraa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[74],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4323"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4323"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4323\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4325,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4323\/revisions\/4325"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4323"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4323"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4323"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}