{"id":4320,"date":"2019-05-12T08:32:24","date_gmt":"2019-05-12T08:32:24","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4320"},"modified":"2019-05-12T08:32:24","modified_gmt":"2019-05-12T08:32:24","slug":"amma-garuu-kiristoos-warra-duan-hundaaf-angafa-taee-duaa-kaeera-1qor-15-12-32","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/amma-garuu-kiristoos-warra-duan-hundaaf-angafa-taee-duaa-kaeera-1qor-15-12-32\/","title":{"rendered":"\u201cAmma garuu Kiristoos warra du\u2019an hundaaf angafa ta\u2019ee du\u2019aa ka\u2019eera\u201d (1Qor. 15: 12-32)"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><strong>\u00a0<\/strong><span style=\"color: #0000ff\"><em>Dn. Mazgabuu Kafiyaalaw<\/em><\/span><\/p>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du\u2019uun muudannoowwan \u00a0deddeebi\u2019anii mul\u2019atani dha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti afuursuu fi deddeebi\u2019u qofatti malee duunaan faayidaa dhabeessa ta\u2019a jedhanii yaadu. Garuu, jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kanarraa darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa keenya ni barsiisti. Barumsa ishee kanas barumsa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos irratti hundeeffatte dha. Kiristoos irraa kan baratan Duuka Bu\u2019oonnis, Mana Kiristaanaaf dhaalchisaniiru. Duuka Bu\u2019ichi Qulqulluu Phaawloos ergaa isaa gara saba Qorntoositti erge irratti \u201c<em>Amma garuu Kiristoos warra du\u2019an hundaaf angafa ta\u2019ee du\u2019aa ka\u2019eera; duuti karaa namaa akkuma ta\u2019e, du\u2019aa ka\u2019uunis karaa namaa ta\u2019eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du\u2019an\u00a0 hunduu ammoo \u00a0Kiristoosiin du\u2019aa ka\u2019u\u201d jechuudhaan dhalli namaa du\u2019ee akka hin hafnee fi jireenya bara baraatiif akka ka\u2019u nu barsiiseera.<\/em> (1Qor. 15:20) Barreeffama kana keessatti waa\u2019ee du\u2019aa ka\u2019uu dhala namaa, du\u2019aa ka\u2019uu Gooftaa keenya Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin isa nuuf labsame waliin wal bira qabnee barumsa Manni Kiristaanaa keenya nu barsiistu ilaalla.<\/h3>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li>\n<h3>Dhalli namaa du\u2019aaf hin uumamne.<\/h3>\n<\/li>\n<\/ol>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u00a0Uumamni dhala namaa du\u2019ee tortoree akka hafuuf osoo hin taane jireenya bara baraa argachuun akka Waaqa isaa galateeffachaa jiraatuuf ture. \u00a0Seenaa \u00a0sirna uumamaa jalqabaa keessatti akkuma hubannu duuti hin turre. Namoonni akkuma Ergamootaa bara baraan akka jiraataniif uumamani malee akka du\u2019aniif hin turre. Waaqayyo nama bifa Isaatii fi fakkaatti Isaatiin yemmuu uumu; \u00a0Afuura jireenyaas yemmuu irra bulchu; lubbuun isaa qofa jiraattuu bara baraa akka taatuuf osoo hin taane lubbuun isaa foon isaa wajjin tokko taatee hanga akka inni bara baraaf akka jiraattuufi dha. Kanas Waaqayyo dhala namaa akka bifa Isaa fi akka fakkeenya Isaatti uumuu isaatiin akka isaan jiraattota bara baraa ta\u2019aniif uumamuu isaanii hubanna. Kanaafuu, Addaamii fi Heewaaniin uumee bakka jireenyi bara baraa\u00a0 jiru gammachuudhaan akka jiraataniif Gannata keessa isaan galche. Gannata keessattis, dhukkubni fi du\u2019ti hin jiru ture (Se.Um.1: 26-30; 2: 8-9)<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Manni Kiristaanaa keenya dhalli namaa du\u2019ee tortoree hafuuf akka hin uumamne barsiisti. Waaqayyo du\u2019aaf akka nama hin uumnes irra deddeebiidhaan ni ibsiti. \u00a0ogeesichi Solomoon \u201cWaaqayyo du\u2019a hin uumne; bara baraan akka jiraatuuf uumama uume; badiin namootaa Isa hin gammachiisu\u201d jechuudhaan nu hubachiisa. Dhalli namaa akka hin dune qofa osoo hin taane; bakka duuti hin jirre akka jiraachaa tures\u201c Awwaallis daangaa kana keessa hin turre\u201d\u00a0 jechuudhaan nu hubachiisa ( Xibab. 1:13-16).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Dhalli namaa du\u2019aaf hin uumamne erga ta\u2019ee, duuti akkamiin dhufe? Gaaffii jedhu ilaaluun du\u2019aa ka\u2019uu dhala namaa hubachuuf nu gargaara. Sababni du\u2019a dhala namaa Waaqayyo irraa fagaachuun ajaja Isaa cabsuu dhala namaati. Kana ilaalchisee ogeessichi Solomoon \u201cWarreen Waaqayyo hirraanfatan garuu, sagaleedhaan Isa waamani; hiriyyaa isaaniis Isa taassisani; kanumaanis badani\u201d jedhee dhalli namaa fedhaan du\u2019a akka ofitti fide dubbata (Xibab. 1:13).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Duuti kan eegale Addaamii fi Heewaan\u00a0 seera Uumaa isaanii cabsuun yeroo balleessaa hojjetani ture,( se. uum. 2:17)\u00a0 kanaafuu, gatiin\u00a0 cubbuu isaanii du\u2019a ta\u2019e ( se. uum. 3:16-19). Isaan seera Uumaa isaanii yemmuu diigan; kabaja\u00a0 uumama isaanii jalqabaa irraa haqamani. Kennaan isaaniis isaan irraa mulqame; qullaas ta\u2019ani. \u00a0Sana booda, biyya bareedduu fi Qulqulleettii taate keessaa ari\u2019atamanii biyya rakkoonii fi duuti irra jiru keessa jiraachuu eegalani. Yeroo sanaa eegalee duuti Addaamii fi Heewaan irratti injifannoo argatee bittaa isaa jala galche. Eegumsa addaa Waaqayyoon eegamaa kan turte Giiftii keenya Dubroo Maariyaam irraa kan hafe dhalli namaa hundi Addaamii fi Heewaan irraa dhalatan hirmaattotaa fi dhaaltota balleessaa isaanii ta\u2019ani.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kana waan ta\u2019eef, Duuka Buutichi Qulqulluu Phaawloos \u201cSababa nama tokkoo cubbuun gara addunyaatti dhufe; cubbuudhaanis duuti seene; akkuma kanaa hundi isaanii waan cubbuu hojjetaniif\u00a0 duuti dhala namaa hunda bira ga\u2019e\u201d\u00a0 \u00a0jechuun dhufaatii du\u2019aa hubachiiseera (Room.5:12).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Namni du\u2019a ofitti fidus, abdiin du\u2019aa ka\u2019uu kennemeeraaf<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u00a0Dhalli namaa harka isaatiin ajaja Waaqayyoo cabsuun du\u2019a ofitti fidus; Waaqayyo garuu dhala namaa kufe kana akka kufetti du\u2019a bara baraatiif isa hin dhiisne. Waaqayyo baduu dhala namaa hin jaalanne nama gara bakka kabaja isaa duraatti deebisuuuf yaadee cubbuu fi du\u2019a balleessee du\u2019aa ka\u2019uu fi jireenya bara baraa dhala namaaf kan kennu\u00a0 ta\u2019uu Isaa dursa sababa raajota Isaatiin fedha Isaa nuuf ibseera. Faarsaa Daawit irratti \u201c Afuura kee ni ergita ; ni uumamus; fuula lafaas ni haaroomsita\u201d inni jedhu sagalee du\u2019aa ka\u2019uuti (Faar. 103: 30). \u00a0Waaqayyo du\u2019a balleessee nu haaromsee akka nu jiraachisu sagalee Faarsaa Daawit waliin kan walfakkaatu Mul\u2019ata Yohaannis keessatti \u201c\u2026\u2026Kunoo hunda iyyuu haaraan taassisa\u201d \u00a0jedhee nutti hima (Mul. 21:5)<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Raajichi Isaayiyyaasis \u00a0\u201c warri du\u2019an jiraattota ta\u2019u; \u00a0reeffawwanis ni ka\u2019u; yaa warra lafa irra jiraattanii jiidhi kee jiidha ifaati waan ta\u2019eef; laftis warra du\u2019an baasti waan ta\u2019eef ka\u2019aa faarfadhaa!\u201d jedhee barreesse (Isaa. 26:19). Kunis, waa\u2019ee du\u2019aa ka\u2019uu dhala nama hundaa dhuma addunyaa irratti raawwatamu nu hubachiisa. Akkasuma, Raajichi Daani\u2019eel \u00a0\u201c<em>Bara sanas waa\u2019ee ijoollee uummata keetiif inni dhaabatu hogganaa Agngafaa Mikaa\u2019el ni ka\u2019a; uummata irrattis erga uummata ta\u2019ee (addunayaan uumamee) eegalees hanga bara sanaatti rakkoon ta\u2019ee hin beekne bara rakkoo ta\u2019a; \u00a0bara sanas uummanni kee kitaaba Isaa irratti barreeffamee argame hundi tokkoon tokkoon isaanii\u00a0 ni fayyu. Warri biyyee lafaa keessatti rafan\u00a0 baay\u2019een isaaniis ni ka\u2019u; walakkaan isaanii gara jireenya bara baraa; walakkaan isaanii ammoo gara leeyyoo \u00a0fi \u00a0gidiraa bara baraatti. Ogeessonni akka calaqqee; warri namoota baay\u2019ee gara daandii qulqullummaatti deebisan ammoo \u00a0akka urjiitti bara baraan <\/em>bareedanii mul\u2019atu<em>\u201d ( Daan. 12:1-3) jechuun dubbata.<\/em><\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u201cWalakkaan isaanii gara jireenya bara baraatti\u201d kan jedhame du\u2019aa ka\u2019uu kabajaa kan Qulqullootaa kan agarsiisu yemmuu ta\u2019u; \u201cWalakkaan isaanii gara gidiraa bara baraatti\u201d kan jedhu ammoo\u00a0 du\u2019aa ka\u2019uu cubbamtootaa kan agarsiisu dha. Warreen ogeessota jedhaman Qulqulloota dha. Isaan du\u2019aa ka\u2019uu dhumaa irratti akka biiftuutti\u00a0 calaqqisan; akka urjiilees bareedanii mul\u2019atu isaanii kennaa bara dhumaa irratti Waaqayyo biraa isaanii kennamu dha. Kabajnii fi kennaan kun hundi kan argamu; namnis kan gara kabaja isaa jalqabaatti deebi\u2019u cubbuun isaa isaaf \u00a0yommuu haqamu; abaarsi isaas yommuu irraa ka\u2019u dha. Kanaafis, Gooftaan nama ta\u2019ee murtii du\u2019aa sababa cubbuutiin dhufe namummaa Isaatiin fudhatee beenyaa kaffalee du\u2019as du\u2019a Isaatiin haqeera. Sababa du\u2019a Isaatiin namootaaf du\u2019aa ka\u2019uu fi jireenya bara baraa kenneera. Kanaaf, Gooftaan Fannoo irratti aarsaa ta\u2019ee guyyaa Jimaataa fannifame sana Lubbuu Isaa Qulqulleettii taate Foon Isaa Qulqulluu ta\u2019e irraa yeroo adda baasetti awwaalchonni banamanii Qulqulloota rafanii (du\u2019anii) turan keessaa baay\u2019een isaanii ka\u2019an ( Maat.27:52).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Lubbuuwwanis si\u2019ool keessaa baasee Gannatatti kan galche gaafa guyyaa sanaa ture. Egaa, Kiristoos aarsaa ta\u2019uun du\u2019a Isaa kabajamaa ta\u2019een cubbuu fi du\u2019a dhabamsiisee nama gara kabaja isaa duraatti deebiseera. Booda irra ammoo foonii fi lubbuu Isaa walitti deebisee ( tokko taassisee) du\u2019aa ka\u2019uu kabajaa kennee Mootummaa Waaqayyoo galcha. Waaqayyo dhala namaa waan jaalatuuf jireenya bara baraa kenneef. Kanaafis foon hin tortorre gonfatee akka du\u2019aa ka\u2019uuf abdii kenne. Abdii Isaa kanas haala itti raawwatu\u00a0 Qulqullichi Phaawuloos yommuu ibsu:- \u201c<em>kan hin tortorre ta\u2019anii ka\u2019u; nutis ni jijjiiramna, inni tortoru kun isa hin tortorre uffachuuf; inni du\u2019u isa hin duune uffachuun irra jiraataatii; garuu, inni tortoru kun isa hin tortorre yemmuu uffatu; inni du\u2019u kunis isa hin dune yemmuu uffatu; yeroo sana duuti injifatamuu isaatiin liqimfame jedhamee sagaleen barreeffame ni raawwata. Yaa du\u2019a waraanni kee eessa jira? Yaa si\u2019ool injifannoon kee meerre? Waraanni du\u2019aa cubbuu dha; humni cubbuus seera dha; Garuu,\u00a0 karaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos Waaqayyo injifannoo\u00a0 nuuf kennuuf galatni haa ta\u2019u\u201d( 1Qor. 15:51-57) <\/em>jedha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Dhalli namaa abdii kutatee akka hin hafneef Waaqayyo jalqaba abdii du\u2019aa ka\u2019uu raajota isaarra bulee itti hime. Kanaafuu, jireeni dhalli namaa hanga lafarra deddeebi\u2019u qofatti osoo hin taane jireenya bara baraatiif uumamuu isaa nu hubachiise. Isa hubachiise kanas Waaqayyo ofuma Isaa raawwachuudhaan abdii jechaan kenne sana gochaan mirkaneesse. Mirkaneessi Waaqayyo raawwate kunis du\u2019uudhaan du\u2019aa ka\u2019ee agarsiisuu Isaati.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Abdiin du\u2019aa ka\u2019uu nuuf kenname \u00a0du\u2019aa ka\u2019uu Gooftaatiin mirkanaa\u2019e<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Manni Kiristaanaa keenya du\u2019aa ka\u2019uu dhala namaa yeroo barsiistutti ragaa qabatteeti malee akkanumaan miti. \u00a0Ragaan ishee kunis jalqaba Mana Kiristaanaa kan hundeesse Gooftaa fi Hudeessaa ishee du\u2019ee du\u2019a injifachuun du\u2019aa ka\u2019e; Kiristoosiin bu\u2019uura godhachuudhaani dha. Ka\u2019umsii fi ga\u2019umsi barumsa Mana Kiristaanaa dhimma du\u2019aa fi du\u2019aa ka\u2019uu irratti kan xiiyyeffate yoo jedhame kan dhugaa irraa fagaate hin ta\u2019u. kaayyoonii fi galmi inni dhumaa kan itti Kiristoos nama ta\u2019ee du\u2019a balleessee du\u2019aa ka\u2019uu fi jireenya bara baraa nu gonfachiisuuf akka ta\u2019e Wangeelaa irratti barreeffameera. Amantaan kiristaanaa ka\u2019umsa isaa irraa, Wangeelli jalqaba irratti yemmuu lallabamu waa\u2019ee du\u2019aa ka\u2019uu Kiristoos akka ta\u2019e gaafa guyyaa shantammaffaa ragummaan Qulqulluu Pheexroos irraa kenname nuuf mirkaneessa. ( Hoj. Duuk.2:14-36)<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Ayihudoonni foon Gooftaa awwaalcha keessaa akka hin kaane taassisuuf cuqqaalanii turan ( Maat.27:62-66). Garuu, Gooftaan\u00a0 awwaalcha naaf bann! Kanan ittiin kafaname naaf hiikaa! Osoo hin jedhiin awwaalcha cufamee jiru keessaa aangoo Waaqummaa \u00a0Isaatiin du\u2019a irraa adda bahee\u00a0 gaafa guyyaa sadaffaa ka\u2019e. awwaalcha inni itti awwaalames \u00a0duwwaa hafe, Kiristoos, inni du\u2019aa ka\u2019es,\u00a0 harka Isaa dhisamanii fi cinaacha Isaa eeboodhaan waraaname akka agarsiisetti Duukaa Buutotaa fi hordoftoota Isaa hundatti mul\u2019ate.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Ayihudoonni Kiristoos akka du\u2019aa hin kaaneef awwaala\u00a0 Inni itti awwaalame saamsanii waardiyyoota isaaniif amanamoo ta\u2019anii fi jabina qaban filatanii eegsisaa turani. Garuu hanguma cimsanii awwaala Isaa eegsisan du\u2019aa ka\u2019uu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos cimsanii raggaassisani. Kanas qulqullichi Eefireem inni biyya Sooriyaa faaruu Isaa waa\u2019ee dhalachuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos faarfate irratti :- \u201c Yaa Gooftaa du\u2019aa ka\u2019uun kee akka mirkanaa\u2019uuf Yihudoonni awwaala kee saamsanii waardiyyootaan eegsisani. Yaa Gooftaa osoo si awwaalanii dhiisanii deemaniiru ta\u2019ee [duukabuutonni kee] dhufanii foon kee hatanii fudhatanii deeman jedhanii sobuuf isaaniif mijata ture; garuu awwaala kee saamsanii eeguu isaaniitiin du\u2019aa ka\u2019uu kee mirkaneessani. Sababiin isaa duukabuutota keetu foon kee hate jechuuf isaanii hin mijanneetii\u201d jechuun dubbateera (st. Ephrem Syrian Hymn on Nativity 6:8)<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Ayihudoonni awwaalcha Gooftaan keenya Iyyasiuus Kiristoos itti awwaalame saamsanii eeganis du\u2019aa ka\u2019uu Isaa hambisuu hin dandeenye. Du\u2019aa ka\u2019uu Isaa warreen hubatan Duukaa Bu\u2019oo Isaa ragoota du\u2019aa ka\u2019uu Isaa ta\u2019uun amantaa Kiristaanummaa babal\u2019isani. Warra diinota du\u2019aa ka\u2019uu ta\u2019an hunda qaanessani. Eeboos, ibiddas, seefiis, rakkinas hunda osoo hin sodaatiinii fi hin leeyya\u2019iin\u00a0 hanga du\u2019aatti wangeela du\u2019aa ka\u2019uu Isaa barsiisaniiru. Sababni isaan du\u2019a osoo hin sodaatiin hafaniifis isaan hirmaattota du\u2019aa ka\u2019uu\u00a0 Kiristoos akka ta\u2019an waan amananiifidha ture. Egaa hangafni du\u2019aa ka\u2019uu, jechuunis, Kiristoos Isa du\u2019aa\u00a0 ka\u2019uudhaaf isa jalqabaa ta\u2019e akka ilaalle; sagalee Isaa irraas akka baranne du\u2019aa ka\u2019uun akka jiru haa amannu. abdiis haa godhannu. Kiristoos ka\u2019umsaa fi jireenyadhaatii. \u201cKan Anatti amanu yoo du\u2019e illee jiraataa ta\u2019a; kan\u00a0 jiraataa ta\u2019es hunduu bara baraan hin du\u2019u\u201d ( Yoh. 11:25-26)<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Du\u2019aa ka\u2019uu dhala namaa ilaalchisee Qulqullichi Phaawloos yeroo barsiisaa turetti namoota Qorontoos keessaa muraasni \u201cNamni du\u2019e akkamiin du\u2019aa ka\u2019a?\u201d gaaffii jedhu kaasaa turani. Kanaaf Qulqullichi Phaawuloos<em>\u201cKiristoos du\u2019aa akka ka\u2019e kan lallabu yoo ta\u2019e garuu isin keessaa namoonni tokko tokko akkamiin du\u2019aa ka\u2019uun hin jiru jedhu?\u201d <\/em>jechuun gaaffiiwwan namoonni Qorontoos kaasaniif\u00a0 yemmuu deebisu:<em> \u201c Du\u2019aa ka\u2019uun hin jiru yoo ta\u2019e\u00a0 Kiristoos hin kaane jechuudhakaa; Kiristoos hin kaane yoo ta\u2019e egaa lallabni keenya faayidaa dhabeessa; amantaan keessanis ammoo faayidaa hin qabu; hanga ammaatti cubbuu keessaniin jirtu. Egaa, warri Kiristoosiin rafan (du\u2019an) ammoo badaniiru jechuudhakaa! jireenya kana qofaan (jireenya lafa irraa\u00a0 qofaan) kan Kiristoosiin abdannu yoo ta\u2019e, namoota hunda caala nuti gowwoota dha<\/em>\u201d erga jedhee booda, itti fufuun waa\u2019ee du\u2019aa ka\u2019uu Kiristoos akkas jechuun ragaa baha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u201c<em>Amma garuu Kiristoos warra du\u2019an hundaaf Angafa ta\u2019ee du\u2019aa ka\u2019eera; duuti karaa namaa akkuma ta\u2019e du\u2019aa ka\u2019uunis karaa namaa (Kiristoos) ta\u2019eera. Hunduu sababa Addaamiin akkuma du\u2019an,\u00a0 hunduu ammoo Kiristoosiin jiraattota ta\u2019u\u201d <\/em>jedhee dubbate. kanuma wajjin walqabsiisuunis,<em>\u00a0 <\/em>Duukaa Bu\u2019chi ragummaa isaa kakuudhaan kenna: \u201c <em>akkana ta\u2019uu baannaan ammoo nuti hoo maalif jireenya nama sodaachisu keessa jiraanna ree? Abdii Iyyasuus irraa qabnuun akkan kakadhe Yaa obbolootaa! Guyyaa guyyaadhaan nan du\u2019a; \u00a0akka namaatti Eefeesoon keessaitti bineensa waliin wal\u2019aansoo wal qabe? Warri du\u2019an kan hin kaane yoo ta\u2019e kana raawwachuun koo maal na fayyada?\u201d (1Qor. 15:12-32) <\/em>jedhees gaafata.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Ragummaan Duukaa Bu\u2019aa Phaawuloos kun dhugaa ta\u2019uun kan bara baraan jiraatu ta\u2019a. warri ergaasaa dubbisan hundi\u00a0 dhugummaa fi sirrii ta\u2019uu ragummaa isaas hubatu. Sababni isaas jalqaba irratti inni balaaleeffataa ta\u2019ee Ayihudoota waliin waliigaluun kiristaanota osoo ari\u2019ataa jiruu Kiristoos inni du\u2019ee ka\u2019e waan isatti mul\u2019ateef du\u2019aa ka\u2019uu\u00a0 ilaalchisee amantaa isaa afaaniin qofa osoo hin taane hojii isaatiinis, jireenya isaatiinis, du\u2019a isaatiinis, waan mirkaneesseefi dha. ( Hoj. Duuk. 9:1-30; 17:1-34; 22:1-30;23:1-11)<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Egaa, isa Qulqulluu Phaawloos argee dhandhamee barsiise kana, nuti ammoo barachuu fi amanuudhaan jireenya bara baraa akka argannuuf cimnee dhaabachuutu nurra jiraata. Kiristoos warreen du\u2019aniif angafa ta\u2019uun akkuma du\u2019aa ka\u2019e bara dhumaatti dhalli namaa hunduu jireenya bara baraa dhaaluuf akka du\u2019aa ka\u2019u amanuu fi\u00a0 abdachuun of qopheessinuu qabna.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Akkuma armaan olitti ilaalle, jalqaba irraa uumamni dhala namaa du\u2019ee tortoree akka hafuuf miti. Jireenya bara baraatiif uumamee fedha isaatiin du\u2019a ofitti fidus Waaqayyo garuu akka du\u2019etti akka hin hafneef abdii du\u2019aa ka\u2019uu kenneef. Cubbuu dhalli namaa ittiin du\u2019e ajjeesuudhaafis Waaqayyo nama ta\u2019ee du\u2019ee du\u2019a ajjeese. Waaqayyoo Ofii du\u2019ee du\u2019aa ka\u2019uudhaanis abdii du\u2019aa ka\u2019uu kenne sana akka raawwatu mirkaneessee jira. Garuu, namoonni ammallee wallaalummaadhaan dhalli namaa du\u2019aa ka\u2019uun jireenya bara baraa jiraachuu isaa irratti yeroo gaaffii kaasan ni dhagahamu. Gaaffiin akkanaa kan amma eegale osoo hin taane, duruma \u201cNamni du\u2019ee tortoree biyyee erga ta\u2019ee booda akkamiin ka\u2019a?\u201d jechuun gaafachaa turaniiru. Namoonni akkanaa kun namni jalqaba yemmuu uumamu biyyee lafaa irraa akka ta\u2019e irraanfachuu isaanii nu hubachiisa. Waaqayyo dhala namaa jalqabumaa biyyee irraa uume (Se. Uum.2: 7) ammas Uumaan isaa biyyee keessaa isa kaasuu danda\u2019a. Waaqayyoof wanti dadhabamu hin jiru. Kanaafuu, du\u2019aa ka\u2019uutti ni amanna; ni abdannas yemmuu jennu Waaqayyoo fi sagalee abdii Isaatti amanuudhaani ( Yoh. 5:24-29)<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kanaaf, amantaadhaan dhaabannee, du\u2019aa ka\u2019uu dhala namaa abdannee cimnee eeguutu nurra jiraata. Waaqayyo dhufaatii Isaa isa lammaffaa irratti \u201cIsin yaa eebbifamtoota Abbaa Koo gara bakka addunyaan osoo hin uumamiin dura isiniif qophaa\u2019eetti koottaa seenaa!\u201d sagalee jedhu akka dhageenyuuf hojii gaarii haa hojjennu. Waaqayyo dhufaatii Isaatti gara Mootummaa Isaa akka nu galchu eeyyama Isaa\u00a0 nuuf haa ta\u2019u; ameen!<\/h3>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0Dn. Mazgabuu Kafiyaalaw Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du\u2019uun muudannoowwan \u00a0deddeebi\u2019anii mul\u2019atani dha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti afuursuu fi deddeebi\u2019u qofatti malee duunaan faayidaa dhabeessa ta\u2019a jedhanii yaadu. Garuu, jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kanarraa darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa keenya ni [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4320"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4320"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4320\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4321,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4320\/revisions\/4321"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4320"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4320"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4320"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}