{"id":4317,"date":"2019-05-12T08:23:42","date_gmt":"2019-05-12T08:23:42","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4317"},"modified":"2019-05-12T08:27:59","modified_gmt":"2019-05-12T08:27:59","slug":"seenaan-akka-hin-komatamneef-tajaajila-afuurawaaf-haa-tattaaffannu","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/seenaan-akka-hin-komatamneef-tajaajila-afuurawaaf-haa-tattaaffannu\/","title":{"rendered":"Seenaan akka hin Komatamneef Tajaajila Afuurawaaf haa tattaaffannu!"},"content":{"rendered":"<h4 style=\"text-align: justify\">Haati keenya Manni Kiristaanaa baroota darban keessatti tajaajiltoota tajaajila Afuurawaaf tattaaffatan baay\u2019ee horteetti. Hundumtuu galmi isaanii Mootummaa Waaqayyoo dha. Baroota tajaajilli gaarii itti raawwatamaa turan keessatti maqaan isaanii odoo hin tuqamin darbeetu hin beeku. Bara gidiraan adda addaa itti baay\u2019atetti Ishiirraa fagaatanii yeroo qananii eeganii Ishii cinaa dhaabbachuudhaan Ishee tajaajilaa waan hin turreef fi bara Ishiirraa osoo hin fagaatin amanamummaan Ishii tajaajilaa waan turanii amanamtoota koo jechaa bara baraan isaan kabajaa jiraatti. Nutis har\u2019a fakkeenya gaarii isaan godhannee seenaa Qab-suura Qulqulloota \u00a0Qulqulloota gara garaa kitaabolee Mana Kiristaanaa \u00a0Irraa baranna; yaadannoo isaaniis ni taasisna. Erga Waaqayyo hirmaattota sugaa fi eebbisa isaanii nu taasisee, nutis kennaa Qulqulluu kanaan dura nuu kennamee fi nuuf kennamuuf ta\u2019u fudhachuuf tajaajila keenya tattaaffii walirraa hin cinneen akka Aarsaa Qulqulluutti Waqayyoof dhiheessuu qabna.<!--more--><\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Hojii keenya isa gaarii ilaalanii Waaqa keenya Isa sammiirraa akka galateeffataniif, ifni keenya fuul dura addunyaa maratti ifuu qaba. (Maat. 5:16). Mana ishii siimboo qabdu kana keessa osoo yeroo jiraannu homtuu nurraa hin hir\u2019anne, hin hir\u2019atus. Kanaaf, gahee tajaajila Afuurawaa nurraa eegamu bahuu dhabuu keenyaan komatamuu ishiif sababa ta\u2019uu hin qabnu. Kun ta\u2019uu baannaan garuu, yeroo Manni Kiristaanaa keenya qoramtu akkuma warroota qarqararra dhaabbatanii taajjabanii ta\u2019uun keenya hin hafu.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Namoonni bay\u2019een addunyaa cubbuurraa gara Mana Waaqayyootti yommuu dhufan, nuti ijoolleen Mana Kiristaanaa garuu, gara alaa baa\u2019uun dukkana, innis \u00a0bakka ilkaan qaruun fi boo\u2019ichi itti baay\u2019atutti \u00a0akka hin darbamneef, amanuuf qofa kan waamamne ta\u2019uu keenya beeknee, gidiraas, godaansaas, dadhabbiis, qullaatti hafuus, beelaas, dheebuus dandamannee fi obsinee aantummaa Tajaajila Afuurawaaf qabnu mirkaneessuu qabna (Maat. 8:12\/ Filiph. 1:29.)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Amantaa keenya irrattis ta\u2019e Tajaajila keenyarratti hanqina akka hin qabaanneef gochawwan Mana Kiristaanaa keessaa nubaasan irraa of qusachuu qabna. Gochawwan tajaajila Afuurawaa keenya nuharkaa fashaleessan kan akka addunyaaa fooniin fudhatamuu komattummaa, mormattummaa, jaalattuu walitti bu\u2019iinsaa ta\u2019uu, hinaaffaa (keessattuu, jireenya fedhii fooniif mijataa ta\u2019etti hinaafuu), ijaarroo, walqooduu, hammeenya walirratti yaaduu fi k.k.f. irraa fagaachuu qabna yoo ta\u2019e yeroon isaa amma (Gal. 5:19-21\/ Isaay. 28:22)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Kanaaf, seenaan gaafatamuurraa warreen fagaachuu qaban abboota qafa miti. Hordoftoonni Amantaa, barattoonni Sambataa, barattoonni Yaa\u2019ii Mooraa, tajaajiltoonni Mana Kiristaanaa, walumaa galatti, hundi keenya haalaan tajaajiluutu nurraa eegama. Tajaajilli Amantaa keenya eeguu fi eegsisuu akkasumas Sirna Mana Kiristaanaa kabajuu fi soomaan, kadhannaan cimuun, Amantaa keenya eeguu fi eegsisuun ta\u2019uu akka qabu jechaa kutaan qophii barruu kanaa ergaa isaa dabarsa.<\/h4>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Haati keenya Manni Kiristaanaa baroota darban keessatti tajaajiltoota tajaajila Afuurawaaf tattaaffatan baay\u2019ee horteetti. Hundumtuu galmi isaanii Mootummaa Waaqayyoo dha. Baroota tajaajilli gaarii itti raawwatamaa turan keessatti maqaan isaanii odoo hin tuqamin darbeetu hin beeku. Bara gidiraan adda addaa itti baay\u2019atetti Ishiirraa fagaatanii yeroo qananii eeganii Ishii cinaa dhaabbachuudhaan Ishee tajaajilaa waan hin turreef fi bara [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4317"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4317"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4317\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4319,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4317\/revisions\/4319"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4317"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4317"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4317"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}