{"id":4314,"date":"2019-04-24T08:37:38","date_gmt":"2019-04-24T08:37:38","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4314"},"modified":"2019-04-24T08:37:38","modified_gmt":"2019-04-24T08:37:38","slug":"jaalala-onneerratti-chaappeeffame","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/jaalala-onneerratti-chaappeeffame\/","title":{"rendered":"JAALALA ONNEERRATTI CHAAPPEEFFAME"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><span style=\"color: #0000ff\"><em>Dn. Mulugeetaa Ayyaaleew <\/em><\/span><\/p>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Ani nama biyya Maqdalooni; cubbuu baay\u2019ee kan na hojjechiisan afuurota hamoo gosa torbatu narratti walga\u2019anii nagidirsaa turan. Namaa gadi ta\u2019ee akka \u00a0nama\u00a0\u00a0 maraatuttan\u00a0\u00a0 lakkaawwamee jiraadhan ture. Kan fagootti na dheessu malee; natti dhiyaatee rakkina koo nagaafachuuf kan nadubbisu, ana wajjiin kan nyaatee dhugu mitii, ayii yaa intala kana jedhee sobee kan hidhii naaf xuuxu namni biyya koo tokko illee hin turre. Maatiin koo nanuffanii, natuffatanii \u00a0nadhiisanii jiru. Bakkan fedhe oolee yoon bules; jiraadhee dhiisees anaaf\u00a0 namni dhimma qabu tokko illee hin jiru; silas maatiin koo tuuffatanii yoo nadhiisan ormi maal godhi naan jedha?<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Jiraattonni biyya Maqdaloon fagoodhaa yommuu na argan; \u201cIlaalaa, baattuun seexanaa sun nutti dhufte, dhufte kunooti kunooti\u201d jechaa quba natti qabanii najalaa baqatu. Guyyaa tokko daandiirraa daandiitti jooraa, yoon barbaades akka harraagessaatti iyyaa, akka waraabessaattis yuusaa, akka sareettis dutaa osoon deemuu; fuuldura kootii namoonni baayyeen kan duuba yaa\u2019aa jiran; namni umriin isaa naannoo woggaa soddomaatti tilmaamamu, miidhaginni bifasaas madaala kamiinuu kan hin ibsamne garakoo yommuu \u00a0dhufaa jirun \u00a0arge (Faar. 44\u13652). Akka nama fayyaa qabuu qalbiin xinnoo natti deebi\u2019een; dhaabbadhee hubadheen ilaale akkan waan nama beekuu natti fakkaatee; foonkoo wallaaltus lubbuunkoo ni beekte. Namni kun fuulli isaa ifaa gara kootti dhufaa jira. Gara kootti seeqaa\/fuullisaa ifaa osoo hin gaddin, maraattuu, jibbamtuu jedhee osoo na hin tuuffatin, osoo na hin balfin kan garakoo dhufe namni Inni jalqabaa Isa qofa. Na ajaa\u2019ibee bakkan dhaabbadhee hin sossoone; gidduma kanaan namni \u00a0kun \u00a0\u201cIsin \u00a0afuurota \u00a0hamoo \u00a0isiniinan \u00a0jedha \u00a0ba\u2019aa\u201d\u00a0 jedhe namni sun sagalee humna cimaa adda ta\u2019e qabu tokkoon. Humni afuurichaa keessa koo lixee; yeroo nasakatta\u2019u natti beekama. Qeensa miilakootii eegalee hanga rifeensa mataa kootitti na weerare. Wanti adda ta\u2019e tokko akkan waan uffata guutuu baafadheetti yeroo narraa duguuggamee ba\u2019uu fi sammuunkoo yommuu akka waan dhiqameetti yommuu qulqullaa\u2019u natti beekkama. Kanan ta\u2019ees yaadees hin beekne nan seeqe; miirri nama ta\u2019uukootii guutumaan guutuutti natti beekkame.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Yommuun ol jedhu reefu garakoo dhufaa kan ture; sagaleewwan qoricha lubbuu of keessaa qaban sana kan dubbate namni sun akkuma fuula isaa ibseen, harka\u00a0\u00a0\u00a0 isaa\u00a0\u00a0\u00a0 garakootti\u00a0\u00a0\u00a0 bal\u2019isee\u00a0\u00a0\u00a0 nafuuldura\u00a0\u00a0\u00a0 dhaabateera. Uummanni Isa akka mootii kanniisaatti marsee jiru sun hundi ijasaa narraa hin buqqifanne; dhugumas ajaa\u2019ibsiisee ta\u2019a; namni sun ana lakkoofsa namaatti lakkaawwamuu hin qabne waliin dubbachuunsaa; keessi koo imimmaan nahudhe. \u201cAbbaa fi haatikoo nadagatan Waaqayyo garuu na fudhate\u201d (Far.Da.26\u136510). Seequun Isaa akkanumaanii miti; seequu kolfaas miti; kan jaalala onnee dhugaa fi kan abbummaati malee. Gara Isaatti kan nama harkisu, kan nama waamuu fi affeeru malee. Maaltu akka dhiibee nadarbe osoon hin beekin daddarbamee deemeen miilasaa jalatti gonbifame; miilasaan dhungadhe. Imimmaankoo osoo cophuun miilasaa irratti gonbifameen hafe. \u201cMaariyaam ka\u2019i cubbuunkee siif dhiifameeraa\u201d naan jedhee harkasaa mirgaanis ol nakaase.\u00a0\u00a0 Isa duuba dhiirota baay\u2019etu dhaabbatanii jiru; isaan duuba immoo dubartoonni baay\u2019een dhaabbatanii nailaalaa jiru. Anis ka\u2019een isaanitti makame. Sana booda, eenyutu Isarraa adda ba\u2019aree? (Rom 8\u136535). Seenaa kana hunduu ni beeka. Garuu kan namuu naaf hin hubanne seenaa tokkon qaba. Gooftaa kootiif, Iyyasuus Kristoosiif\u00a0 jaalalan ani qabu. Mee naaf hubadhaa; dheekkamsa fi gidiraa afuurota hamoo sanarraa, salphina \u00a0sanarraa, meeshaa\u00a0\u00a0 \u00a0taphaa\u00a0\u00a0 \u00a0seexanaa ta\u2019uu sanarraa, kan nahiike jaalalan Kiristoosiif qabu, jaalala\u00a0\u00a0 onnee\u00a0\u00a0 isa dhugaati. Kan biyyi nadheessu, darbees najibbu, caalaattuu natuuffachaa kanan ture; amma lafa Gooftaankoo oole oolee, lafa Inni bules buluudhaan sagaleesaa \u00a0akka \u00a0midhaanii fi bishanii soorachaa nama jedhamee akkan lakkaawwamu kan nataasise; Isa waan ta\u2019eef hamma lubbuunkoo foonkoorraa adda baatutti jaalalli isaa onnee \u00a0koo \u00a0irratti \u00a0chaappeffameera. \u201cGuyyaa keessaa guyyaan dhiphuu fi gidiraan sun dhufte\u2026\u201d Yommuu kana naan jettu mormashee gadi cabsitee, maddiishee lamaanirra imimmaanshee lola\u2019aa Hagayyaa bo\u2019oo keessa lola\u2019u fakkaateera. Sana booda, morma ishee harka ishee lamaan keessa of baaftee, jilbashee irratti addaan gonbifamtee boo\u2019uu eegalte; dhugumaayyuu isaaf jaalala adda ta\u2019e qabdi. Maal haagooturee jaalala Waaqayyoo kan beeku kan dhandhame qofa. Bu\u2019aa qorichaa\u00a0 kan\u00a0 beekuu\u00a0 nama\u00a0 ittiin dhukkuba irraa fayye mitiiree? Barreessituukoo biraannaakoo waliin walqunnamsiiseen ol jettee akka itti naaf fuftu miira laphee cabeenan gaafadhe\u2026 Allis mannis callisaan too\u2019atameera. Mana Haadha Maarqoositti kadhannaan taasifamaa waan jiruuf oddoo keessatti sagaleen sokoksu tokkollee hin dhagahamu. Ani Rufiinoos kanan jedhamu barreessaan seenaa fi Maariyaam Maqdalaawit kan jedhamtu haadha \u00a0seenaa tana faana mana duuba karaa mirgaatiin teenyee jirra. Ol jechuu yaaltee, fuullishee akka duumessa cophuuf ka\u2019ee ulfaatera. Sararri imimmaanshee inni duraa ammas hin badne; ijjishee garmalee diimateera fuullishee daa\u2019ima baala doobbiitiin reebamte fakkaatee horbobbaa\u2019eera.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Guyyaa sana yommuu Isa qaban mana warra Maartaattan ture; Gooftaan immoo faasikaa kabajuudhaaf Duuka Bu\u2019oota wajjiin mana Alaazaar waan tureef, nutimmoo waan nyaataaf ta\u2019u qopheessaa turre. Ganama sana Iyyeruusaalem ni hunkuramti; yeroo gadi baanu naannoo keenya namni\u00a0 tokkollee\u00a0 hin\u00a0 jiru. Yeroo kana hojiin hojjechaa jiru dhiiseen\u00a0 \u00a0daandii\u00a0 \u00a0magaalaatti nama geessu qabadheen\u00a0\u00a0\u00a0 akka\u00a0nama bineensi duubaa ari\u2019uuttan fiige. Namoonni baay\u2019een, kaan uffata gatee, kaawwan immoo meeshaa fi muka baatu darbatee, jaartoliin qoraan gurguraaf\u00a0baatanis ofirraa darbanii humna hin jirre sanaan taraf-taraf- jechaa gara magaalaa\u00a0 \u00a0walakkaatti gugguufu.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kuun\u00a0 \u00a0wal\u00a0 \u00a0dhiiba, ni kaataa, ni kufa ni ka\u2019a; namni kuun immoo suuta\u00a0\u00a0 gurratti\u00a0\u00a0 walitti\u00a0\u00a0 hasaasa maal\u00a0 jedhun\u00a0 jedha\u00a0 anaaf,\u00a0 hin galle keessikoo garuu baay\u2019ee sodaate; yaadni koo dafee gara Gooftaa nadhaqe. Guyyaa muraasa booda, akka Isa qabanii fi akka Isa fannisan nutti himee tureeyyu\u2026 wayyoo yemmuun isa yaadadhu onneekoon boo\u2019aan ture. Maanguddoon tokko ulee hookkoo isaatti hirkatee yemmuu gugguufaa\u00a0 kaatu\u00a0 argeen,\u00a0 itti fiigee maal, maaltu ta\u2019e abbabban jedheen gaafadhe urgufamaa; \u201cHamma ammaatti hin dhageenyemoo ati?\u201d naan \u00a0jedhe. Maal! Sagalee sodaa gaddaan guuttameen akka nama qalbiin tuqameen ta\u2019e; \u201cYakkamaan sun qabamee mitii\u201d kam inni! jedheen hamma onnee nadhoohutti rifadheen dhahannaan onnee koo to\u2019annaa uumamaa irra darbee qomakoo gidduudhaan waan nakeessaa ba\u2019u natti fakkaatee; \u201cSanikaa Iyyasuus kan jedhaniin\u201d garuu\u2026garuu\u2026garuu\u2026 lubbuukoo hin beeku uffanni mormatti maradhe eessatti akka narraa bu\u2019e, kopheenkoo eessatti akka narraa ba\u2019e, miillikoo eessaa fi maalirra akka ejjetu natti hin yaadatamu. Jiraataan Iyyaruusaaleem yeroo sana na arge kunoo; laalaa maaraatumni ishee sun itti deebi\u2019ee? naan \u00a0jechuu hin oolan. Fuulakoo naannessseen fiige gara mana Alaazaarfaa uummanni wal sukkuuma,wal hunkura wanta dubbatamu hin dhagahu garuu nan fiiga fiigicha qofa. Inni garuu mana Alaazaarfaa hin turre bitaa nagalee eessarraa eessatti akkan fiigaa jirus wallaaleen akka nama dhaabbatuun ta\u2019e; qaamnikoo guutuun ni urgufama onneen koo nidhahatti hidhi imimmaan kootii hiikkateera Gooftaa kiyya, Gooftaa kiyyan jedha irra deddeebi\u2019ee; \u201cEessabbaasaa gatiisaa laataniif \u201d jecha jedhu dhagaheen gara mirga kootti yemmuun naanna\u2019u \u00a0Fariisichi tokko namaddii dhaabatee jira. \u201cEessa geessan?\u201d jedhaan isa maddii kan dhaabatu mormasaa dheeressee ijaan barbaadaa hiriyaasaa ta\u2019uu hin oolu kan isa maddii; \u00a0innis \u00a0deebisee \u00a0hidhiisaa \u00a0ciniinnatee lafa rurrukutaa \u201cOddoo Qayyaafaati!\u201d jedhaan. Sana booda wanta isaan dubbatan hin dhageenyee anis caccabaa gara oddoo Qayyaaffaafaattan fiigicha koo itti qabe. Lafti hodhaa migiraa fakkaattetti namni akka talbaa walirra mucucaata, akka simbira\u00a0 \u00a0galgala\u00a0 \u00a0mandhee isheetti galuuf kaatee wacee wal waccisiisa dhalli namaa wal keessa hulluuqee. Eenyumtuu dabaree waliif hin laatu keessi guutee allis iddoon firii xaafii buusan hin jiru; \u201cGodhiif, godhiif, sirriitti\u00a0 naqabbaneessi, qaccee\u00a0 dachaafadhuu\u00a0 godhiif, fannisi, fannisi, kan\u00a0 tokko danfu kan biraa hin dhagahu, walhunkuruu, walirraan koranii bu\u2019uu. Hamma onneen koo dhoohuttan warra wal hunkuru sana dhiibeen gara oddoo sanatti olseene, iyyan keessaa fuudhe; ani namuu hin agarre ana kan arge baay\u2019ee dha, anas uleen, kaballaan najoonjessee lafti naan mareen daddarbameen dallaa maddiitti kufe. Karri imimmaan kootii ammas baname, nan gangaladhe, nan mammadaa\u2019e dallaattan of buuse. Dargaggeeyyiin Roomaa reebicha qacceetiif qofa leenji\u2019an fakkaatan, waardiyyoonni Qayyaaffaa hamma Gooliyaad gagga\u2019an wal harkaa fuudhaa akka bakakkaa irratti bu\u2019u; qacceen yommuu dhumu qaccee haaraa bakka buusaa, humnisaanii yommuu dadhabu humna haaraan bakka\u00a0\u00a0 buusaa\u00a0\u00a0 gidiraa\u00a0\u00a0 hammana hin jedhamne irraan gahan. Dafqi addasaa irraa yaa\u2019ee fuulasaa dhokseera; fuullisaa dhiigaan haguuggameera. Halkan guutuu reebamaa akka bule sirriitti \u00a0beekama; wayyoo gara jabeessa ilma namaa! Wayyoo ilma\u00a0\u00a0 \u00a0namaa gatii hin qabne, wayyoo gowwummaa dhala \u00a0namaa \u00a0jechaan\u2026 galaana imimmaaniitin liqimfamte.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Anis of to\u2019achuu\u00a0 \u00a0dadhabeen boo\u2019aatiin barreessa,\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0naboossiste, ana\u00a0 qofaa\u00a0 miti\u00a0 qalamnikoos ni boossi, halluu osoo hin ta\u2019in jireenya lubbuu, jaalala lubbuu; maal ta\u2019a anis Gooftaa kootiif kan naaf du\u2019eef, Gooftaa Dhiigasaa naaf\u00a0 lolaaseef, Foonsaa\u00a0\u00a0 naaf\u00a0 \u00a0laateef, jaalala isheen Isaaf\u00a0 qabdu kana xiqqoosheellee ta\u2019u osoon \u00a0qabaadhee jedhee\u00a0\u00a0 inaafeen\u00a0\u00a0 boo\u2019e. Jaalala isheen Gooftaaf qabdu kana maal ta\u2019a dhalli namaa hunduu osoo qabaatee cubbuu kan jedhamu osoo lafarraa haqamee jiraateen jedhe keessa kootti.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u201cRufiinos\u201d\u00a0 jettee\u00a0 jalqabde\u00a0 dubbii haaraa; \u201c\u2026\u2026.iddoo sanii socho\u2019uun dadhabe, kuun na arrabsa, kuunsaa kaballaa na affeeraa, kan hafe immoo si\u2019is itti dabaluudhaaayyuu jechaa natti dheekkama, tokko tokko immoo saree, maal abbaashii hojjetti asii? Naan jedha\u2026. garuu garuu obboleessakoo Rufiinoos jaalalli waan hundaa nama dandeessisa, hundumaa nama obsachiisa, gidiraan soogidda \u00a0jaalalaati. Jaalala Uumaa keetiif\u00a0 qabdu mee sirriitti xiinxalii ilaali duubaa fi fuulduratti gonbisaa; cancalaan\/ sansalataan harkaa fi dugda Isaa hidhanii; gara oddoo Philaaxos reebaa geessan. Gidiraan Inni yeroo sana arge, dhiphinni Inni yeroo sana arge, dhukkubbiiwwan yeroo sana isarratti raawwatame sana boodas sana duras eenyurrallee hin geenye hin ga\u2019us, dugdisaa cancalaan hidhamee kan fuuldura jiran yommuu humnaan harkisan warri\u00a0 \u00a0duubaa\u00a0 \u00a0immoo\u00a0 \u00a0yemmuu gadhiisan ciirracha mana Qayyaaffaatii eegalee hanga Qaraaniyoo jiru isa akka qaruuraa caccabsanii ogummaadhaan dallaa irratti \u00a0dhaabaan fakkaatu\u00a0\u00a0 sana\u00a0\u00a0 irratti\u00a0\u00a0 fuulaa\u00a0\u00a0 fi\u00a0\u00a0 qomaan yommuu gonbifamu kuun yommuu irra ejjetanii darban kuun immoo \u00a0ka\u2019i jedhanii lafatti \u00a0Isa \u00a0reebu, isaan caalaa hamoo kan ta\u2019animmoo ciirracha seefa fakkaatu sanarra harkisaa \u00a0reebu; kan \u00a0jalaa fagaate immoo dhagaadhaan darbatanii, kan kana hundaa dadhaban immoo arrabsuudhaan akka waan arraba isaanitiin du\u2019uu, hamma laagaan isaanii cituuf ka\u2019utti iyyaa arrabsu. Hubadhukaa nu\u2019iif\u00a0 jecha Gooftaan ba\u2019aa gidiraa sana hundaa baate, nadarbanii anas yommuu nagombisan tiradhee ka\u2019een fuul durattan kaadha; amma anis of\u00a0 hin beeku, oolmaan Inni naaf oole, kan Inni naaf raawwate onnee koo keessatti chaappa\u2019ee waan jiruuf. Ana kanan jibbamee fi kanan tuuffatamee namaa gadi ta\u2019e, Isatu lakkoofsa namaa keessa na oolchee ol naqabee, nafayyisee tarree namaa nadhaabe waan ta\u2019eef yoomis jaalallisaa lapheekoo keessatti chaappeeffame waan ta\u2019eef; dadhabee irraa fagaadhus garuu hafuu hin dandeenye boo\u2019aan sussuka malee. \u201cJaalala kanarraa maaltu adda nabaasaree\u2026\u201d(Rom.8\u136535). Daandiirratti obboloota shamarranii argadheetan isaan waliin boo\u2019aa gara oddoo Philaaxoos qajeelle. Achittis immoo wayyoo, baay\u2019inni reebicha ulee, iyyi sagalee qaccee fi gara jabeenyummaan warroota reebanii imimmaan nama\u00a0 \u00a0fixachiisee dhiiga nama boossisa; qaamni Isaa guutuun ni rom\u2019a, Foonsaa irraa dhumeera lafeetu lakkaawama. Obsasaa, tolummaasaa yommuu qalbiidhaan madaaltu eenyummaakee gatii badi badi badi siin jedha. Isa boodammoo gonfoo qoree itti gonfachiisanii guddaanis xinnaanis hamma humna isaanii Isa rukutu, itti baacu, Fannoo irratti fannifamu baatee, dafqi dhiigasaa waliin walmake cophsaatii gaara yommuu ol ba\u2019u\u2026 maal jedhuree\u2026maal jedhuree\u2026imimmaan\u00a0\u00a0\u00a0 ishee\u00a0\u00a0\u00a0 akka \u00a0galaanaatti lola\u2019a. Sana booda uffata Isaa irraa baasanii; ammas reebichaan foon Isaa erga irraa fixanii jechuun ni danda\u2019ama harkasaa lamaan diriirsanii akka fannoo dhaqqabuuf\u00a0 jedhanii foo\u2019aa jabaataadhaan erga hidhanii booda miilla Isaas miila fannoo irratti hidhanii jetteet, Imimmaaniifuu akka seenaatti osoo hin ta\u2019iin akka waan amma chankaarichaan waraanaa jiranii itti fakkaatee, harka lamaan mataa qabattee iyyuu eegalte, anis imimmaankoo funyaan koorraan cophee biraannaa jiisuu eegallaan biraannaakoo walitti dachaasee boo\u2019aa ishee tasgabbeessufan ka\u2019e; akkuma ta\u2019etti tasgabbeesseen haala chinkaaraan waraanamuu sana dhiistee, sana booda haala jiru akka natti himtun jajjabeesse\u2026.. wayyoo ija akkamiitu namaaf ilaaala, yeroo Inni iyyu dhagaheetan anis guurrakoo lamaan qabadhee, uuuuu\u2026 uuuuu\u2026 uuu.. jedheen afuurri nakeessaa qixxooftee sa\u2019aatii walakkaadhaaf ofin wallaale\u2026. wayyoo uumaakoo, anaaf jettee, galaanni imimmaanii ammas irra dhangala\u2019a, fuullishee zayituuna bilchaatee ququnca\u2019e fakkaateera. Jaalalli isheen Isaaf\u00a0 qabdu madaallii kootii ol ta\u2019een imimmaankoo naaf dhaabachuu dide; Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos isheen jireenyashee guutuu boochuuf kun amma reefu laphee koorrattii bocame, jaalalli isheen Isaaf qabdu amma laphee koorratti cophuu eegale, dhuguma jaalala dhugaa kan jaalate qofatu beeka\u2026 ammas boossee, boossee akkana jetteet itti naaf fufuu eegalte. Anis laphee fi barreessituu kootiin hordofuun eegale, akkana jettee eegalte, \u201cTasa raajiin addaa tokko ta\u2019e, aduun dukkanoofte, addeessi dhiiga uffatte, urjiin ni harcaate, dacheen urgufamtee, warroonni du\u2019an awwaala keessaa olkaka\u2019anii gara magaalattiitti galanii baay\u2019eewwanitti muul\u2019atan (Mat 27\u136545-53). Gooftaan keenyas \u201cXummurame!\u201d jedhee du\u2019a keenya nuuf du\u2019ee lubbuusaa nuuf laate.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Yooseef kan jedhamu inni biyya Armaatiyaasii fi halkan halkan Gooftaa bira dhufee kan barachaa ture Niqoodimoos uffata haaraadhaan kafananii Awwaala haaraa Yooseef ofii isaatiif qopheesse kan namuu itti hin awwaalaminitti Gooftaa awwaalan. Guyyaa sadaffaatti nan ka\u2019a jedhee waan tureef bultii jedhamu hin bulle, hamma Du\u2019aa Ka\u2019uu Isaa agarrutti midhaan hin nyaannu, bishaan hin dhugnu jennee waadaa waliif galleera. Gara galgalaa yommuu xinnoo dukkanaa\u2019uu eegalu Golgootaa ilaaleen ifaan ibiddaa bakka bakkaa ni ifa, Loltoonni Roomaa of eeggannoodhaan awwaalicha eegaa jiru. Anis isaan sodaadhee turuu hin dandeenye\u2026\u00a0\u00a0 \u00a0Obboleessa koo Rufiinoos halkan Du\u2019aa Ka\u2019umsaa hamma geessutti; gidiraan, dhiphuun, dafqi dhiigaan makame sun, yommuu \u00a0natti yaadatamu osoon \u00a0hin \u00a0beekiin yaadaan nafudhatee Qaraaniyoo nageessa; jaalalasaa yommuun yaadadhu, waamichi Gooftaan koo yommuu natti yaadatamu; gabrummaa \u00a0cubbuu \u00a0irraa, \u00a0hidhaa \u00a0diyaabiloos \u00a0irraa, kanan hiikkadhe, guyyaan fayyinakoo sun yommuu natti yaadatamu yaadaan balali\u2019eetan Golgootaatti of arga. Akkuma ta\u2019etti\u00a0 \u00a0sanbanni \u00a0naaf halkanaa\u2019e ani garuu nan taa\u2019a; obboloonni koo warri shamarranii<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u201cMaal ta\u2019a osoo xinnooshii raftee? naan jedhanii nalolan; haamilee isaaniif\u00a0 jedheen xinnoo hirkadhe, garuu hin rafne, nan dunuunfadhe garuu\u00a0\u00a0 sanyiin\u00a0\u00a0 hirriibaa\u00a0\u00a0 ijakootti hin dhufne. Yaadnikoo kan jiru Golgootaadha; ammas ammas oddoo Qayyaaffaatii eegalee hanga Qaraaniyootti ta\u2019iin guyyaa sana ta\u2019e akka marsaa dhiigaa sana nakeessa deddeebi\u2019a. Sa\u2019aatiin waan fagaate natti fakkaata nan ka\u2019e, gara balbalaattan achi hiiqe, hulaa balbalaa keessan ijakoo tokkicha dunuunfadheen isa tokkoon gara alaa ilaale, dukkanni isaa sinyaadhuu kan namaan jedhu fakkaata; ta\u2019us nahin dandeechisne, balali\u2019i, balali\u2019i gara Golgootaa; yaanni jedhu dhufee sammuukoo naguute.\u00a0\u00a0 \u00a0Suuta jedheen akka warroonni rafan nahin dhageenyettan; hoggoraa\/cufaa balbalaa banadhe, iyyi\u00a0 sarootaa gama sanaa darbee darbee ni dhagahama kanaan ala homaa hin dhageenye.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Halkan halkan qofa\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0ifa\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0warra bahaa jedhamee kan waamamu ifaan daandiirra qofti takkaa ifee takkaa immoo dhaama; balbala xinnoo akka gadi deebisuu godheetan, naanna\u2019ee ilaalee, kallattii daandii Qaraaniyoo qabadheen fiigicha guyyaa fiigan dukkana dimimmisaa sana keessa irraa kaadhe. Hirriiba nadhorkekaa; Gooftaan ka\u2019ee hamman argutti, hawwiin keessakoo muddee jiru awwaalicha ilaaludha.Waardiyyoonni Roomaa tasallee natti hin yaadatamne, \u00a0sodaan waraabessaa sammuutti nahin dhufne, ani halkan sanas akka guyyaattan fiiga gara Qaraaniyoo; fagoodhaa ifaan takkaa baddee takkaammoo iftu natti muul\u2019atti; Loltoonni Roomaa eegumsarra waan\u00a0 jiraniif;\u00a0 amma\u00a0 isaan\u00a0 ta\u2019uu hin oolanin jedhe. Si ajaa\u2019iba yaa obboleessa koo Rufiinoos; loltoonni Roomaa jiraatanii dhiisanii yeroo sana kun dhimmakoo hin turre.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Akkuma beektummoo daandiin Golgootaa salphaa miti. Kattaa dhidhiita\u2019aa akka qaruuraa caccabee fakkaatu takkaa \u00a0yoo siwaraane hidda dhiigaa kan walitti nama butu sanatu itti baay\u2019ata. \u00a0Qoreen yommuu qoloo koo \/wandaboo koo narratti ciru, miilakoo yommuu na mummuru, qeensa miila kootii yommuu narraa buqqisu, yoom natti dhagahame, kunoo argitaa quba guddaa lachuurra qeensikoo hin jiru jettee kopheeshee baafattee yommuu natti agarsiiftu; dhugumaayyuu qeensi jalqabaa irra hin jiru isa lammaffaa deebi\u2019ee margetu jajal\u2019atee muul\u2019ata malee; egaa, kun hunduu yaadannoo guyyaa saniiti naan jette. Amma achi dhiyaadheera, loltoonni Roomaa awwaalicha eegan rafaniiru; ibiddi garuu ni boba\u2019a, halkanis dabareesaa bariif laachuuf dhumaa jira, samiin daalachaa\u2019eera. Suuta jedheen gara awwaalichaatti hiiqa yommuun jedhu; sokoksa miila kootii dhagahanii eegdonni kun dammaqanii wal dammaqsuun; yeroo tokkotti gara kootti nanna\u2019an. Achumaan ijaan fi harkaan wal waamanii, gara awwaalichaatti ariitii \u00a0cimaadhaan daddarbamaa qixa kootiin dhufan, anis rifadheen maddii tokkotti achi hirkadhee dhaabbadhee haala isaanii ilaalaa tureen yeroo isaan rifatanii burjaaja\u2019an anis rifaatuun isaanii narifachiisee; suuta itti hiiqe yommuun gara boolla awwaalichaa ilaalu; dhagaan awwaala irraa konkolaateera, awwaalichis banameera, urgufamaa gara keessaa yemmuun ilaalu duwwaa dha. Uffata Yooseefii fi Niqoodimoos ittiin kafanan qofatu boolla keessa jira. Gooftaakoon dhabe, imimmaankoo akka burqaa gannaa tasa dhangala\u2019u maddiikoorraa lola\u2019e amma carraa biraa hin qabu; deebi\u2018eetan gara Iyyaruusaalemittan fiige, gara Duuka Bu\u2019ootaaf; Gooftaan keenya akka awwaala keessa hin jirreen itti hime, yeroo\u00a0\u00a0\u00a0 kana \u00a0Pheexiroosii fi Yohaannis dafqa offirra kutanii battalatti achi ga\u2019an; kan dursee achi ga\u2019e garuu Duuka Bu\u2019aa Gooftaan jaalatu jedhamee kan dubbatameef Yohaannis ture. Ta\u2019us, Pheexiroosiin dursee hin seenne. Anis lammaffaan hamma humna kootii duuba sussukaan deebi\u2019e. Akkuman jedheen awwaala duwwaa qofatu jira. Pheexiroosii\u00a0\u00a0 \u00a0fi\u00a0\u00a0 \u00a0Yohaannis\u00a0\u00a0 \u00a0garanaa fi\u00a0\u00a0 \u00a0garas barbaadanii dhabnaan deebi\u2019anii deeman; ani garuu, boo\u2019aatii\u00a0\u00a0\u00a0 achuman\u00a0\u00a0\u00a0 ture.\u00a0\u00a0\u00a0 Gooftaa koo osoon hin argatin, Uumaa koo dhabee hin deemu jedheen achuma taa\u2019ee boo\u2019uun jalqabe. Daandiin eebba Waaqayyoo ittiin argatan obsa qofa akka ta\u2019e bareera. Ka\u2019eetan ammas boo\u2019aatii gara boolla awwaalichaattan qajeele. Gadi jedhee ammas gara awwaalichaa yommuun imimmaankoo haqachaa ilaalu, Ergamoonni lama uffata cabbii caalaa addaatu uffatanii tokko awwaalicha gara jalaa tokko immoo gara gubbaa dhaabataniin arge. Tokkichi akkana jechuun natti dubbate \u2018\u2018Maaliif boossa, eenyuun barbaadda?\u2019\u2019 naan jedhe; sagaleenkoo imimmaaniin ciccitaa; Gooftaa koo fudhataniiru eessa akka geessan hin beekun jedheen. Kana jedhee balbala awwaalichaarraa gara duuba kootti yommuun miil\u2019adhu; nama dhaabbatu tokkon arge. Eegduu ashaakiltootaa natti fakkaateen itti hiiqee; Innis \u201cDubartiinana maaliif boossa eenyus barbaadda?\u201d naan jedhe; Anis maaloo fudhatteetta yoo ta\u2019e natti himi eessa akka goote natti agarsiisi urgooftuu dibuufanii jedheen; sagaleenkoo ciccitaan hinqirfadhee boo\u2018aa. Innis \u201cMaariyaam\u201d jedhee sagalee ani Isa beekuun maqaakoo nawaame, rifaatuudhaan fuullikoo ifaan anis \u201cRabbuunii\u201d (Yoh20\u13651-18) jedheen. Edaayyu isumatu Gooftaa koo dha. Gammachuudhaan machaa\u2019een gara isaatti fiige \u201cAmma na hin tuqin\u201d gara Abbaakoof\u00a0 \u00a0gara \u00a0abbaa keessanii \u00a0ol\u00a0\u00a0 \u00a0hin\u00a0\u00a0 \u00a0baanee; garuu, deemiitii obboloota Koo obboloota keetiin gara Abbaakoottan olba\u2019a jedheera; jedhii itti himi naan jedhe. Gammachuu sana akkamitti ibsu, gadda guyyoota sana hundaa sekondii sana keessatti nakeessaa haxaa\u2019ee baase; akkuman lapheekootii boo\u2019ee hawwettan; Du\u2019aa Ka\u2019umsa Gooftaa kootii argee sagaleesaas dhagahee; fuullikoo gammachuudhaan biiftuu ganamaa fakkaatte. Gara Iyyaruusaalem, gara obboloota kootii \u00a0gammachuudhaan\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 burraaqaa, takkaa\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 \u00a0faarfachaa takka immoo boo\u2019aa (boo\u2019icha gammachuun) as qajeele. Nan kaadhe sila fiigicha gaddaa fi boo\u2019ichaa amma immoo seenichi jijjiirramee; fiigicha gammachuu fi \u00a0kolfaa; Gooftaa \u00a0keenya \u00a0argeeran \u00a0jedheen;\u00a0\u00a0 \u00a0hundumtuu rifatan. Kan natti hime hundumaan itti hime, naanna\u2019eetan oduu missiraachoo kana \u00a0hundumaa dhageessise, Du\u2019aa Ka\u2019uu Gooftaa keenyaa. Egaa,\u00a0\u00a0 ilaalikaa yaa \u00a0Obboleessa koo Rufiinoos; Gooftaankoo na hin irraanfannee, Ifa Du\u2019aa Ka\u2019umsasaa sanyii dhala namaa hunda keessaa filee jalqaba anatti muul\u2019ate. Egaa jaalallisaa onnee koo keessatti chaappeffamee Ifa Du\u2019aa Ka\u2019umsasaa hanga arguutiin na ga\u2019e. Anis Nagaatti jedheenii yemmuun deemuuf\u00a0 ka\u2019u wanti keessummaan tokko onnee koo irratti bocamee ture. Jaalallii, Amantii fi Obsi hanga oliitti nama geessa kan isheen naan jette jaalala dinqisiisaa akkamiiti! Bara kana jaalalli dhugaa kana fakkaatu eessumallee hin jiru. Guyyaa jalqabaa guyyaa fayyinaa sanarraa eegalee hamma iddoo Awwaalaa Golgootaatti; keessattuu imimmaaniin kan nama miiccu, galaana jaalalaa kan nama daaksisu jaalala ajaa\u2019ibaa; <u>\u201cJaalallii, Amantii fi Obsi hamma dhumaatti nama geessa\u201d kan isheen naan jette anas CHAAPPAA JAALALAA yoomillee hin arraanfatamneen; onnee koo irratti bocee imimmaaniin narratti mallatteessitee nagaggeessite, anis boo\u2019aatii Biraannaakoo maradheen, Imimmaaniin jaalala Kiristoos chaappeffadheen nagaatti jedhee gara biyya kootti imalakoo\u2026<\/u><\/h3>\n<h3 style=\"text-align: center\">Maddi: &#8211; <u>Veenasiyaa<\/u><\/h3>\n<h3 style=\"text-align: center\">Galata Waaqayyoo!<\/h3>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dn. Mulugeetaa Ayyaaleew Ani nama biyya Maqdalooni; cubbuu baay\u2019ee kan na hojjechiisan afuurota hamoo gosa torbatu narratti walga\u2019anii nagidirsaa turan. Namaa gadi ta\u2019ee akka \u00a0nama\u00a0\u00a0 maraatuttan\u00a0\u00a0 lakkaawwamee jiraadhan ture. Kan fagootti na dheessu malee; natti dhiyaatee rakkina koo nagaafachuuf kan nadubbisu, ana wajjiin kan nyaatee dhugu mitii, ayii yaa intala kana jedhee sobee kan hidhii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[76],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4314"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4314"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4314\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4315,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4314\/revisions\/4315"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4314"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4314"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4314"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}