{"id":4311,"date":"2019-04-24T08:30:59","date_gmt":"2019-04-24T08:30:59","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4311"},"modified":"2019-04-24T08:31:50","modified_gmt":"2019-04-24T08:31:50","slug":"qorumsawwan-sadeen-maat-41-11","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/qorumsawwan-sadeen-maat-41-11\/","title":{"rendered":"Qorumsawwan sadeen  (Maat. 4:1-11)"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><span style=\"color: #0000ff\"><em>Dn. Gabrasillaasee Shittaahun<\/em><\/span><\/p>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Mata dureen keenya kun mata duree yeroo baay\u2019ee tibba soomanaaf filatamu dha. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo cuuphamee xummuretti gara kawaala (Gadaamii) Qorontoos dhaqee guyyaa 40 fi halkan 40f soomuu Isaa kitaabniQulqulluu dhugaa nuuf baha (Maat. 4\u13611-11, Maar. 1\u13611-12, Luuq. 4\u13651-13).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Akkuma armaan olitti ibsameen mata dureen keenya \u201cErgasi <strong>Gooftaan<\/strong>keenya <strong>Fayyisaan<\/strong>keenya <strong>Iyyasuus Kiristoos <\/strong>seexanaan qoramuudhaaf <strong><em>Afuuraan<\/em><\/strong>gara lafa onaatti geeffame.\u201dMaat. 4:1-11isa jedhu keessatti jechi \u2018Ergasi\u2019 jedhu maal ibsa?yoo jenne, Gooftaan Keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga cuuphamee booda, gara Kawaalaatti deemuu Isaa ibsa. \u201cIsinis cuuphamtanii osoo hin oolin fi hin bulin gara Kawaalaa deemaa\u201d nuun jechuuf kana raawwate.Fakkeenya nuuf ta\u2019uuf \u201cgara Kawaalaa deeme\u201d jedha Kitaabnis. Abbaan keenya Addaam biyya lafaa kanarraa fagoo kan taate Gannata keessatti mo\u2019atamee waan tureef, <strong>Gooftaan<\/strong>keenya <strong>Fayyisaan<\/strong>keenya <strong>IyyasuusKiristoosis<\/strong>, Kawaala iddoo ishii Qulqullittii jireenya fi ilaalcha adduunyawaa irraa fagaattuu taate keessattiijoowwan cubbuu sadeen mo\u2019uuf deemuu Isaa ibsuufi dha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Akkasumas, \u201cKawaala keessa qorumsi ni salphata,\u201d yoo jedhan, namoota jalqabdoota (\u12c8\u1323\u1295\u12eb\u1295) ta\u2019aniif fakkeenya ta\u2019uufi dha.\u201cKawaala keessatti qoruumsi ni hammaata\u201d yoo jedhan immoo; kanneen amantaa isaaniitiin ciccimoo ta\u2019aniif fakkeenya ta\u2019uufi dha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u201cAfuurri gara lafa onaatti Isa geese\u201dkan jedhu keessatti jechi \u2018Afuurri\u2019 jedhu, maal jechuu akka ta\u2019e ibsuun duratti, jechichi Kitaaba Qulqulluu keessatti yaad-rimeewwan akkamii fa\u2019aaf ooluu danda\u2019a kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha. Galumsaa fi yaad-rimee isaa beeknaan hiika laachuun baay\u2019ee nama hin rakkisu.<\/h3>\n<ul style=\"text-align: justify\">\n<li>\n<h3>Ergamoota Isaa <strong><u>afuura<\/u><\/strong>; Warroota Isaaf ergamaniis labooba abiddaa kan taasisu (Faar.103\u13614)\u201d Caqasa kanarratti hundoofnee yeroo ilaallu, jechi \u2018<strong><u>Afuura\u2019<\/u><\/strong> jedhu Ergamoota Waaqayyoon bakka bu\u2019a. haa ta\u2019u malee, Kitaabni \u201cAfuurri gara lafa onaatti Isa geese\u201d yeroo jedhu, \u201cErgamaa Waaqayyootu Isa geesse\u201d jechuu miti.<\/h3>\n<\/li>\n<li>\n<h3><strong>\u201cAfuurri<\/strong> gara fedhetti afuura\u2019a. \u12a5\u1235\u1218 <strong><u>\u1218\u1295\u1348\u1235<\/u><\/strong> \u1280\u1260 \u1348\u1240\u12f0 \u12ed\u1290\u134d\u1285\u2026\u1364\u201d (Yooh. 3\u13611-15) kan jedhus yoo ilaalle, jechi <strong>\u2018<u>Afuura<\/u>\u2019<\/strong> jedhu <strong>qilleensa \/bubbee <\/strong>ta\u2019ee argma. Ammas, \u201c<strong><u>Qilleensi<\/u><\/strong> gara lafa onaatti Isa geesse\u201d jedhamee hiikamnaan dogongora guddaa dha.<\/h3>\n<\/li>\n<li>\n<h3>\u201cNi rifatan ni sodaatanis; waan <strong><u>afuura<\/u><\/strong> arganis isaanitti fakkaate.\u201d Luuq. 24:37 Caqasa kana keessatti <strong>Afuurri <\/strong>ibsamee jiru afuura xuraawaan bakka bu\u2019eera. \u201c<strong>Afuurri<\/strong> xuraawaan gara lafa onaatti Isa geesse\u201d jedhamee yoo hiikames, hundaa ol kan ta\u2019e Waaqayyo, afuura xuraawaan hin hogganamu waan ta\u2019eef haala kanaan hin hiikamu.<\/h3>\n<\/li>\n<li>\n<h3>\u201cQaamaan isin wajjiin jiraachuu baadhus <strong><u>afuuraan<\/u><\/strong> isin waliin jira.\u201d (1<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong> 5:3-4 yommuu jedhus jecha <strong><u>afuura<\/u><\/strong> jedhu yaada namaan bakka buuseera. Kanaafuu, \u201cYaadni namaa gara lafa onaatti Isa geesse\u201d jedhamee hiikamnaan, ammas dogongora guddaa dha.<\/h3>\n<\/li>\n<li>\n<h3>\u201cQooqaan kadhannaan afuura kootu kadhata; sammuun koo garuu hubannaadhaa ala.\u201d (1<strong><sup>ffaa<\/sup><\/strong>14:14) yaada jedhu keessattis jechi <strong>Afuura <\/strong>jedhu jecha <strong>lubbuu<\/strong> jedhuun ibsameera. \u201cLubbuun namaa gara lafa onaatti Isa geesse.\u201d Jedhamee yoo hiikame, lubbuun namaa Waaqayyoorratti aangoo homaayyuu waan hin qabneef, kunillee hiika sirrii miti.<\/h3>\n<\/li>\n<li>\n<h3>\u201c<strong>Waaqayyo <\/strong>Afuura dha. namootni Isaaf sagadanis Dhugaa fi Afuuraan Isaaf sagaduutuu irraa eegama.\u201d (Yooh.4:24) Asitti immoo <strong>Afuurri jecha <\/strong>Waaqayyo jedhu ibsa.<\/h3>\n<\/li>\n<\/ul>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kanaafuu, jecha <strong>Afuura <\/strong>jedhu kallattiidhaan jecha \u2018<strong>Waaqayyoo\u2019<\/strong>jedhuun bakka buufnaan, hima \u201cWaaqayyo gara lafa onaatti Isa geesse\u201d kan jedhu nuuf kenna. Akka galumsa jechichaa isa sirrii yommuu ilaallu immoo \u201cWaaqummaa Isaatu ykn fedha Isaatu Isa kakaasee gara lafa onaatti Isa geesse\u201d jennee ifoomsuu dandeenya. \u201c\u12c8\u1236\u1260 \u1275\u1230\u121d\u12d5 \u12a5\u1295\u12d8 \u12ed\u1265\u1208\u12a8 <strong><u>\u1218\u1295\u1348\u1235 \u12c8\u1230\u12f6 \u1308\u12f3\u1218<\/u><\/strong> \u12a2\u1270\u1210\u120a\u12ac \u12a8\u1218 \u134d\u1321\u122d \u12cd\u12a5\u1271\u1361\u1361 Yeroo jecha \u2018Afuurri gara lafa onaatti Isa geesse\u2019 jedhu dhageessu, akka uumamaatti Isa hin ilaaliin. \u12a0\u120b \u1218\u1295\u1348\u1235\u1230 \u1225\u121d\u1228\u1271 \u12ed\u12a5\u1272\u1361\u1361 Afuurri <strong>Eeyyama \/Fedha <\/strong>Isaati malee.\u201d Akkasumas, jechi \u2018<strong>Afuura\u2019<\/strong> jedhu \u2018<strong>Afuura Qulqulluu\u2019 <\/strong>jechuu dha. Kana yommuu jennu garuu, akkuma Afuurri Qulqulluun Wareegamtoota kakaasee gara dhiiga isaanii dhangalaasuutti isaan geessu, ykn immoo Toloota kakaasee gara Kawaalaatti isaan geessu sana jechuu miti. Fedhiin Abbaa, fedhiin Ilmaa, fedhiin Afuura Qulqulluu tokko akka ta\u2019e ibsuuf malee. Kitaabnis \u201cFedhiin sadeenuu tokkittii dha\u201d jedha waan ta\u2019eef. \u201cFedhii Isaatiin, fedhii Abbaa Isaatiin fedhii Afuura Qulqulluutiin dhufee nufayyise;\u201d jechuudhaan yaada daran nuuf ibsu ni arganna (Galata Maariyaam kan guyyaa Kiibxataa, Hiika galuumsaa Wangeelota afranii).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Waa\u2019ee hiika galuumsaa jecha \u2018Afuuraa\u2019 hanga kana yoo ilaallee, itti aansuun immoo qormaatawwan sadeen maalfaa akka ta\u2019an fi tooftaa akkamiitiin isaan mo\u2019achuu akka dandeenyu ilaalla.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos nanqulqullaa\u2019a kan hin jenne <strong>Qulqulluugonkaa<\/strong> kan ta\u2019e; nan dhugooma kan hin jenne <strong>AbbaaDhugaa<\/strong> ta\u2019ee osoo jiru, nuti cubbamtootni cubbuu kenyarraa akka qulqulloofnuuf cuuphamee \u201cCuuphamaa!\u201d nuun jedhe. Cuuphaan haqxuu cubbuuti.\u201cCuuphaa tokkittii ishee dhiifama cubbuu argamsiistutti ni amanna\u201d (Hundee Amantaa ykn ejjannoo\/bu\u2019uura amantaa Abboota 318\u2019n magaala Niiqiyaatti tumame) akkuma jedhu jechuu dha. Sirna Soomanaa kanas, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos tumaa seeraa fi sirnaati waan ta\u2019eef guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf iddoo itti dhaabbaterraa osoo hin maqin, miila diriirfate osoo hin dachaasin fi osoo hin taa\u2019in soomuudhaan seeraa fi sirna soomanaa nuuf tumeera. Hojii keenya hojjechuu jalqabuu keenyaan dura soomuun kadhannaa geessisuun barbaachisaa akka ta\u2019e nuhubachiisuuf hojii Isaa soomanaan jalqbe.Nyaanni cubbuuf hundee akkuma ta\u2019e, soomannis naamusa gaarii qabaachuu fi hojii gaarii hojjechuuf bu\u2019uura dha.\u201cSoomanni Haadha kadhannaa, Obboleettii callisuu (\u12a0\u122d\u121d\u121e), Burqa imimmaanii, Qabsuura Qulqulluufis ka\u2019umsa dha\u201d (Hiika galuumsaa Wangeelota afranii).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Gooftaan keenya turtii soomanasaa maaliif guyyaa afurtama taasise?Afurtamii tokko ykn soddomii sagal maaliif hin taasisne?<\/h3>\n<ul style=\"text-align: justify\">\n<li>\n<h3>Abbootiin Kakuu Duraa soomaa kan turan guyyaa afurtamaaf ture. (S\/Bahuu 24:18) Inni Kakuu Haaraatti baay\u2019ina guyyoota soomanaa odoo dabale, turtii guyyoota soomanaa dabale ykn immoo osoo irraa hir\u2019ise, hir\u2019isee jira jedhanii seera Wangeelaa ishee qajeeltuu taate kana fudhachuurraa of-dhorku ture waan ta\u2019eefi dha.<\/h3>\n<\/li>\n<li>\n<h3>Akkasumas, Angafti Raajotaa Muuseen seera Kakuu Duraa tumee jira. Gooftaan keenyaas seera Wangeelaa tumee jira. Kana qofa miti, angafa Muuseen waggoota 40f Midiyaam keessa jiraatee uummata Israa\u2019eel garbummaa Misir jalaa baaseera.; Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuusis guyyoota 40f soomee abbaa keenya Addaamii fi ijoolleesaa garbummaa seexanaa jalaa baaseera. Soomanni kan dhalli namaa ittiin seexana ofirraa ari\u2019atu dha (Maat. 17:14-21)<\/h3>\n<\/li>\n<li>\n<h3>Uummanni Israa\u2019eel waggoota 40f lafa onaa keessa erga jiraatanii booda, Lafa Kakuu kan jedhamte Kana\u2019aaniitti galaniiru; Gooftaan keenyas \u2018isinis guyyoota 40f yoo soomtan Gannata ni galtu Mootummaa Waaqayyoos ni dhaaltu\u2019 jechuuf guyyoota 40f soomeera (Hoj.D.B. 14:21-22). Raajaan Waaqayyoo abbaan keenya Eeliyaas guyyoota 40f soomee iddoo Qulqullootni fi Toltootni eegumsa adda ta\u2019een eegamanitti (\u1265\u1214\u1228 \u1215\u12eb\u12cb\u1295) galeera; \u2018isinis guyyoota 40f soomnaan Gannata ni galtu\u2019 jechuuf guyyoota 40f soome.<\/h3>\n<\/li>\n<li>\n<h3>Akkasumas, abbaan keenya Addaam mucummaa guyyaa 40tti Waaqayyorraa argate sana ofirraa fudhachiisee waan tureef, beenyaa isaaf (Addaamiif) ta\u2019uuf guyyoota 40f soomee jira. Dhala namaa garaa haadha isaa keessa sanyii abbaa fi haadha isaarraa argate guyyoota 40f bocamaa, bifa namaa qabaachaa dhufu maraaf beenyaa ta\u2019uuf dhufuusaa nuhubachiisuuf guyyoota 40f soome.<\/h3>\n<\/li>\n<\/ul>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Erga soomee booda ni beela\u2019e. Beela\u2019eef immoo nan nyaadha hin jenne; ni obsate malee. Ni qorame garuu, qormaata sanaan hin mo\u2019amne.Soomee; soomaa nuun jedhe malee osoo hin hojjatin hojjedhaa nuun hin jenne.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u2018Achiin booda ni beela\u2019e\u2019 jedhamuunsaa akkuma nuti beelofnu sana jechuusaa miti; beela fedhiin beela\u2019edha malee. \u201cBeelli Gooftaa akka beela keenyaa miti.Nuyiin beelli nu mo\u2019ata; kan Isaa garuu beela fedhiidhuma Isaatiin beela\u2019e dha.\u201d (Hiika galuumsaa Wangeela Maateewoos 4:2) .<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Seexanni beela\u2019uu Gooftaa ilaalee Isa qoruuf dhufe (Maat. 4:3).Erga itti dhihaatees, \u201cAti Ilma Waaqayyoo yoo taate dhagoota kanaan \u2018Daabboo ta\u2019aa!\u2019 jedhiin\u201d jedheen.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u201cIlma Waaqayyoo yoo taate\u2026\u201d yaada jedhu ka\u2019umsa tokko malee hin kaafne.Waaqni Abbaan tulluu Taabooritti \u201c\u12dd\u1295\u1271 \u12cd\u12a5\u1271 \u12c8\u120d\u12f5\u12e8\u1364 Kun Ilma Kooti.\u201d yommuu jedhu waan dhagaheefi dha malee. Osoo dhagoota sana gara daabbootti jijjiiree jira ta\u2019e, \u201cajajamaa seexanaa\u201d jedhee idaa \/mugoota\/ itti godhuufi, yoommoo hin jijjiirre ta\u2019e, \u201cdadhabaa dha\u201d isa jechisiisuuf.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Karaa biraatin immoo, \u2018osoo gara daabbootti jijjiiree jiraate, qormaata biraan barbaadaaf; yoo jijjiiruu dide immoo, dadhabuusaa hubadheen itti dhihaadha\u2019 jedheeti gaafficha dhiheesseef. Yaad-rimee (muuxannoo) \u2018<u>Dhagaa gara daabbootti jijjiiruu<\/u>\u2019 kana eessaa fide?\u2019 jennaan, Yooseef Qulqullichi abbaan isaa obboloota isaaf (obboloota Yooseefiif) galaa hidhee (qopheessee) galaa isaaf (Yooseefiif) ta\u2019us itti kennee, \u2018isaaniif geessi haala isaan irra jiraniis ilaali koottu\u2019 jedheen. Innis (Yooseef) galaan isaa jalaa dhume.Dhumnaan, galaa obbolootasaaf qabatee jirus yoo ta\u2019e, yaboo (imaanaa) dha. Yooseefis nama amanamaa waan ta\u2019eef \u2018galaa isaanii \u2018hin tuqu\u2019 jedhee of-amansiiseera.Ergamaan Waaqayyoos gara isaa dhufee \u201cMaaloo Waaqa abboota keen \u2018dhagaa kana daabboo naa godhi\u2019 jettee hin kadhattuu?\u201d jedheen.Yooseefis, Waaqayyoon kadhannaan, Waaqayyo dhagaa sana daabboo isaaf godhee akka sooratu taasiseera. Seexanni raajii Waaqayyo yeroo sana raawwate fakkeenya\/barsiifata\/ godhateeti \u2018dhagaa kana daabboo godhi\u2019 gaaffii jedhu\u00a0 Gooftaa keenyaatti kan dhiheesse.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Gooftaan keenyaas,\u00a0 \u201cNamni biddeenaan qofa miti kan jiraatu. Sagalee afaan Waaqayyoodhaa bahu hundaani malee.\u201d jedheen (Maat. 4:4, S\/K\/Deeb. 8:3). Kana jechuunsaa, \u2018Waaqayyo jiraadhu siin jennaan ni jiraatta; hin jiraatin siin jennaan immoo, hin jiraattu\u2019 jechuusaati.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u201cAchiin booda immoo, gara biyya Qulqullittii Iyyaruusaaleem jedhamtutti Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos fudhate. Inni seexanaaf ajajameeti miti kan deeme; fedhii isaa (kan seexanaa) irratti beekee deemeef malee. \u201cKawaala, bakka injifannoo itti gonfadhee hin beeknetti waan ta\u2019eef mo\u2019ame malee, Mana Qulqullummaa, iddoo luboonni itti mo\u2019amanitti osoo ta\u2019ee Isan mo\u2019adha ture.\u201d jechaa sababeeffachaa waan tureef, Gooftaan keenya seexanicha sababa dhabsiisuuf beekaa deemeef (Hiika galumsaa Wangeela Maat. 4:5). Tibba soomanaatti nyaatarraa qofa of-dhorkuu osoo hin ta\u2019iin, dognummaa (\u1235\u1235\u1275) fi of-jajiinsarraa of-dhorkuunillee waan nurraa eegamu akka ta\u2019e hojiin nutti agarsiisee jira.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Mana Qulqullummaattis Bantoo Mana Qulqullummaarra Isa dhaabbachiisee. \u201cDhugumatti Ati Ilma Waaqayyoo yoo taate, bantoo Mana Qulqullummaa kanarraa Of-darbuun gadi bu\u2019i! Karaa Ati deemtu hundumatti akka Si eeganiif Ergamoota Isaa Siif ni abbooma. Miilli Kees dhagaatti akka hin gufanneef harka isaaniitiin ol-siqabu\u2019 jedha waan ta\u2019eef Kitaabni\u201d jedheen seexanichi (Maat. 4:6, Faar. 90:11). Garuu, Gooftaan keenya \u201cYommuu utaalu cabnaan, nan obbaafadha. Yoo cabuu baate (dide) immoo \u2018<u>jinnii<\/u> (\u121d\u1275\u1210\u1275) dha\u2019 jechaa maqaasaa xureessa.Yoo utaalee nagaan lafa gahe, qorumsa biraa itti fida.Yoo utaaluu\/of-darbachuu dide immoo \u2018dadhabaa dha\u2019 jedhee maqaasaa xureessuuf natti mijata\u201d jechaa sababa irratti barbaadaa ture.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Karaa biraatiin immoo, \u201cAjaja kiyya dhagahee yoo raawwate, \u201cAjajamaa seexanaa\u201d jecheen maqaasaa xureessa; yoo raawwachuu dide immoo, dadhabinasaa ilaaleen itti dhihaadha.\u201d jechaa tooftaa mijeeffatee ture.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Waaqayyo warroota Isatti amanan fi abboommii Isaa eegan qofa balaarraa oolchaa, namoota Isatti hin amanne fi abboommiisaa hin eegne immoo balaaf saaxilee akka kennu fakkeessee, amantootnillee \u201cAmantoota\/Kiristaanota waan taaneef gidiraan tokkollee nurra hin gahu\u201d jechaa of-jajuudhaan akka kufaniif of-jajiinsa kan isaan barsiisu seexana ta\u2019uusaa beekuu qabna. Waaqayyo nama hundumaa ija tokkoon waan ilaaluuf gara fayyinaatti akka dhufaniif of-dabarsee laateera. Garuu, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yaadni seexanichi kaase kun of-jajiinsa (namaa ol of-ilaaluu) agarsiisuu isaa waan beekuuf \u201cWaaqayyo Gooftaa kee hin qoriin\u201d jedhamee barreeffameera jechuun deebii gahaa kennuun isa qaaneessee\/salphisee jira (Maat. 4:7, S\/K\/Deeb. 6:16)<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kanaafuu, qormaata of-jajiinsaa gad gad of-qabuudhaan dabarsuun nurraa akka eegamu Galatni fi Ulfinni Isaaf haa gahuuti Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos nuhubachiiseera.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Ammas Seexanni Gooftaa keenya qoruu itti fufee, Gooftaa keenyaan gara tulluu ol-ka\u2019aatti geesseen. Gooftaa keenya gara tulluu ol-ka\u2019aatti kan geesse\/fuudhe seexanicha miti. Seexanichi \u201cMana Qulqullummaa, iddoo mootata\u00a0 injifachuu hin malletti waan ta\u2019eef namo\u2019ate malee, tulluu, iddoo mootota injifachuuf mijataa ta\u2019etti osoo ta\u2019ee na hin mo\u2019atu ture.\u201d jechuun sababa tarreessaa waan tureef, Gooftaatu seexanicha sababa dhabsiisuuf gara tulluutti beekaa ol-baheef. Achittis, seexanichi \u201cKabaja mootota addunyaa maraa itti agarsiise. Jechuunis, cirracha lafaa sookoo (warqee); baala daggalaa immoo kafana kabajaa fakkeessee, karra fi qabeenya isaa (kan seexanaa) itti agarsiise. Gooftaan waan inni itti agarsiisaa jiru kanaan kan mo\u2019amu itti fakkaateera.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Itti aansuudhaanis, jal\u2019innisaa hammaataatuma deema waan ta\u2019eef, \u201cOsoo naaf sagaddee qabeenya addunyaa kanaa mara siin laadha.\u201d jedheen.Abbaan manaa bultoosaatti, mootiin aangoosaatti, Waaqayyoon Waaqummaasaatti yoo Isa morman\/falman hin jaalatu waan ta\u2019eef, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos \u201cSeexana nana, Anaa dura deemi!Waaqayyo Gooftaa keef jilbeeffadhu sagadi; Isa duwwaa Waaqeffadhu!\u201d (Maat. 4:10\/S\/K\/Deeb. 6:13) jechuun seexana of-duraa dhabamsiiseera. Nutis, kiyyoo jaalala qabeenya fooniitiin yommuu nuhidhuuf yaalan, jibbansa qabeenya fooniitiin isaan mo\u2019achuu akka qabnu fakkeenya nuuf ta\u2019eera.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Walumaa galatti, Soomuun Gooftaa keenyaa kaayyoowwan Qulqullaa\u2019oo ta\u2019an baay\u2019ee qabaatus, haala mata duree keenyaaf mijatuun qormaatawwan sadeen irratti aangoo nuuf kennuufi dha. Dognummaa nyaatarraa of-dhorkuun, Of-jajiinsa gad of-qabuudhaan Jaalala qabeenya adduunyawaa; qabeenya adduunyawaa jibbuudhaan mo\u2019achuu nudandeessisuufi dha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Galatni Waaqayyoof haa ta\u2019u.<\/h3>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dn. Gabrasillaasee Shittaahun Mata dureen keenya kun mata duree yeroo baay\u2019ee tibba soomanaaf filatamu dha. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo cuuphamee xummuretti gara kawaala (Gadaamii) Qorontoos dhaqee guyyaa 40 fi halkan 40f soomuu Isaa kitaabniQulqulluu dhugaa nuuf baha (Maat. 4\u13611-11, Maar. 1\u13611-12, Luuq. 4\u13651-13). Akkuma armaan olitti ibsameen mata dureen keenya \u201cErgasi Gooftaankeenya [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[73,1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4311"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4311"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4311\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4313,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4311\/revisions\/4313"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4311"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4311"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4311"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}