{"id":4308,"date":"2019-04-24T08:20:07","date_gmt":"2019-04-24T08:20:07","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4308"},"modified":"2019-04-24T08:25:44","modified_gmt":"2019-04-24T08:25:44","slug":"hangafa-hojii-qajeelina-hundaa-sooma","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/hangafa-hojii-qajeelina-hundaa-sooma\/","title":{"rendered":"Hangafa hojii qajeelina hundaa; Sooma"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right\"><span style=\"color: #0000ff\"><em>Dn. Issubaalaw Damissee<\/em><\/span><\/p>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Amantiin Kiristaanummaa amantaa hojii gaaridhaan mul\u2019atuufi mul\u2019achuu qabu dha. Hojiiwwan gaarii ykn qajeelinaa jedhamanii waammaman kanneen immoo akka salphaatti jireenya keenyaan kan ibsinu miti. Kanarraas kan ka\u2019ee Amantaa dhugaa kana keessa namni jiraatu,nama daandii dhiphaa filatedha jedhamee Gooftaa keeyaan kan ibsameef (Mat. 7:13).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Daandii dhiphaa kana keessa yommu dabarru immoo wantoota daandii kana dhiphaa taasiisan, jabaannee darbuu akka dandeenyuuf wantoota afuurawoo hirkoo nuuf ta\u2019an keessaa Soomni isa tokko dha. Qulqulluu Yisihaaq inni Sooriyaas soomni \u201cHangafa hojii qajeelina hundaati\u201d; kunis hojii afuurawaa (Hojii Amantaa) kamiyyuu dura soomni ni dursa jechuun ibseera. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos tajaajila Isaa soomaan jalqabuun Isaa kanuma kan nuuf raggaasisudha (Mat. 4:1).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Qulqullootni hedduunis kana faana bu\u2019uudhaan hojii isaani soomaan jalqabaniru. Soomas akkasiin faarsaniiru; \u201c Soomni, madaa lubbuu kan fayyistu, irree hawwii foonii kan dadhabsitu, hangafa hojii qajeelina hundaa, ulfina gara-kutattootaa, faaya qulqullinaa, haadha kadhannaa, madda imimmaani, leenjiistu tasgabbina\/callinaa, Bilbila dammaqsituu hojii gaarii, fuula Waaqayyoo duratti kasoominaan mataa gad-qabachuu kan nama dandeessitu qoricha lubbuuti.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Haaluma kanaan Soomawwan Manni Kiristaanaa keenya soomtu keessaas Soomni guddaan ykn Soomni Gooftaa kuni isa tokko dha. Soomni kuni Gooftaan waan soomee tureef, taatee waggaa kuma lama dura ta\u2019ee ture yaadachuuf qofa kan soomnu miti. Irra caala imala gara ayyaana du\u2019aa ka\u2019uumsa Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoositti taasiisnuufi qaama qophii ayyaanichaati.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Ayyaanni du\u2019aa ka\u2019uumsa Gooftaa keenyaas seenaan kaleessaa qofti kan keessatti yaadatamu otuu hin ta\u2019iin, guyyaa injifannoo du\u2019arratti qabnu itti nuuf mirkanaa\u2019e akkuma ta\u2019uu isaatti buufata xummura addunyaa kaanaa fi jalqabbii addunyaa isa dhufuu ykn mootummaa Waaqayyooti.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Ayyaana du\u2019aa ka\u2019uumsa Gooftaa keenyaa duras guyyoota 55\u2019f soomuudhaan gara ayyaanaatti imaluun keenya imala keenya gara mootummaa Waaqayyootti taasisnu kan hubachiisudha.<\/h3>\n<h1 style=\"text-align: justify\">Soomni Maali dha ?<\/h1>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Yeroo baay\u2019ee waa\u2019ee soomaa yommuu ka\u2019u dursee gara sammuu keenyaatti kan dhufu wantoota nyaachuufi\u00a0 nyaachuu dhiisuu waliin walqabatanidha, haa ta\u2019u malee Sooma jechuun adda durummaan waa\u2019ee nyaachuufi dhuguu qofa miti, Soomni waa\u2019ee haaromina jireenya afuurummaa waliin kan walqabatudha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Soomni kun Gooftaan keenya waan soomeef \u2018isa fakkaachuuf\u2019 yaada jedhuun qofa kan soomnu miti. Yaada keenya fedha waaqayyoo waliin araarsudhaafi malee. Bu\u2019uura kanaan soomni seera Mana kiristaanaa eeguuf qofa Kan raawwatamu otuu hin taane hameenya irraa fagaachuu akka dandeenyuuf karaa hidhata afurawaa ittiin hidhannudha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee \u201csoomni nyaata qofa dhiisuu miti. Qaamooliin miiraa keenya martillee akka sooman ni eeggama., Kunis;\u00a0 ijji hameenya ilaaluurraa, gurri hamii dhagahuurraa, harki wanta haqa hin ta\u2019iin hojjachuurraa soomu qabu\u201d nuun jedha. \u201cAni amma kanan dubbadhu waa\u2019ee namootni barmaatidhaan \u2018Sooma\u2019 jechuun waamaniti miti, waa\u2019ee sooma isa dhugaa ta\u2019eeti malee. Soomni dhugaa bu\u2019aawwan beelladootaa qofa dhiisuu miti, cubbuus dhiisuudha malee. Soomni kan nu fayyaduufi bu\u2019aa kan nuuf argamsiisuu danda\u2019u yoo akka malutti soomnedha.\u201d \u00a0Eenyumtu dirree dorgoomii keessatti seera dorgommii otuu hin eegin yoo dorgome badhaasa argachuu hin danda\u2019u\u00a0 jedhame akkuma barreeffametti (2Xim. 2:5) yeroo qabsuura soomaa keessa dabarrutti gatii sooma keenyaa akka hin dhabneef akkamitti soomu akka qabnu beekuun nurraa eegama. Soomni qoricha waan ta\u2019eef, haala itti fayyadama isaa beekuun barbaachisaadha. (St. John Chrysostom, Homilies on the Statues, iii, 3-8).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Qulqulluun Yaareedis kitaaba isaa \u201cDigguwaa\u201d keessatti yaaduma kana akkasiin nuuf gabbisa <strong>\u201c <\/strong><strong>\u12ed\u1339\u121d<\/strong> <strong>\u12d0\u12ed\u1295<\/strong> <strong>\u12ed\u1339\u121d<\/strong> <strong>\u12a5\u12dd\u1295<\/strong><strong>;<\/strong> Ijii haa soomu, Gurriis haa soomu\u201d. Qulqulluun Baasliyoosis \u201cDhugumatti foon nyaachaa hin jirtu, garuu obboleessa kee gufachiisaat jirta\u201d jechuudhaan soomni nyaata qofarraa of eeguu akka hin taanee dubbateera (Homilies on Fasting, i, pp. xxxi, 181B).<\/h3>\n<h1 style=\"text-align: justify\">\u201cNyaatni Cubbuu maali qabaa soomna ?\u201d<\/h1>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Tibba soomaa kana keessaa \u201cAmma hin nyaadhu nan tura, nyaatawwan kanas hin nyaadhu soomarran jira\u201d jennee yommu dubbannu namootni tokko tokko \u201cnyaatni cubbuu maalii qabaa nyaata soomta?! Soomuun cubbuudha malee\u201d yeroo jedhan dhagahuun waan baramedha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Yaada armaan olii kana qeequu keenya dura mee waa\u2019ee nyaataa yommu haasoofnu nyaatni maaliif nu barbaachise gaaffi jedhu kaasuun ni mala. Namootni biyyaa lafaa haalli waa\u2019ee nyaataa itti hubataniifi\u00a0 kiristaanootni haalli ittiin hubannu garaagarummaa qaba, qabaachuus ni mala. Waaqayyo, biqiltuuwwaan Ganata keessa jiran dhalli namaa akka nyaatuuf eebisee kenneera (Uum. 1:29). Kunis kaayyoon isaa namni isaan irraa nyaatee Waaqayyo akka galateeffatuuf ture, akka har\u2019a beeluu ba\u2019uuf hin turre.\u00a0 Nyaata beela\u2019uun, nyaataaf jecha bahu bu\u2019uun kan dhufe kufaatii dhala namaa booddee ture.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kanaafi dha nu Kiristaanotaaf galmi jiraachuu keenyaa nyaata nyaachuu miti kan jennu. Nyaatni kan nu barbaachiseef kufaatii dura galataaf yoo ta\u2019u kufaatii booddee immoo Jabinaafi fayyinaa qaama keenyaafidha, Kunis hojii gaarii hojjachuuf qaamni keenya haala gaarii irratti argamu qaba waan ta\u2019eef.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Wanti Waaqayyo uume marti qulqulluu waan ta\u2019eef nyaatnis bu\u2019aa uummamtootaa akkuma ta\u2019u isaatti mataa isaatiin cubbuu miti. Daangaa malee akkasumatti nyaachuun garuu cubbuudhaaf karaa saaqa waan ta\u2019eef luugamni soomaa barbaachisaa dha. Kitaaba keessatti \u201cYaa\u2019iqoob nyaate, gabbate\u00a0 . .\u00a0 .\u201d (S\/K\/Deebii 32:15) jedhee akkuma barreeffametti cubbudhaaf karaa bana. Qulqulluun Qalameenxoos inni Iskindiriyaas balaawwan nyaata booda dhufan yommu ibsu \u201cyaadni haammeenya gara garaa, amalli cubbuu adda addaa baay\u2019ee nyaachuurraa waan maddaniif, Dhugumatti, gar malee nyaachuu irraa fagaachuu qabna. Dhibeen garaa fi dhibeewwan qaamaa adda addaa kanarraa madduuti. (Clement of Alexandria, Christ the Educator pp. 94)<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kitaabni Qulqulluunis \u201cMootummaan Waaqayyoo nyaataafi dhugaatiidhaan miti (Rom. 14:17) akkuma jedhe imala keenya gara mootummaa Waaqayyootti taasisnuuf soomaa miltoo taasifachuu qabna.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kiristaanootni namoota abdii qabnu dha, abdiin keenya akka dhugoomuuf sooma keenyaan uumamtoota (Bineeldootaa fi bineessota) abdii borii hin qabne irraa adda haa baanu. Waaqayyoos akkas jechudhaan nu akeekkachiisa \u201ckunoo, hamii fi gammachuu, qotiyyoofi hoolaa qaludhaan foon nyaachudhaan, daadhiis dhugudhaan bori ni duunaati haa nyaannu haa dhugnu jeettaniirtu. Hojiin keessan kun Waaqayyo biratti dhagahaamera, hanga duutanitti cubbuun keessan kun isiniif hin haqamu-[gonkuma isiniif hin haqamu] jedha Waaqayyo.\u201d (Isa. 22:13).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Qulqulluun Phaawiloosis \u201cNyaatni gara Waaqayyootti nu hin dhiyeessu\u201d (1Qor. 7:8) jechuudhaan akkuma dubbateetti akkuma walii galaatti mootummaan Waaqayyoo kan argamtu nyaataaf dhugaatiin otuu hin ta\u2019iin soomaan waan ta\u2019eef nyaata soomuun keenya qabsuura cubbuu soomuuf taasisnuuf irree guddadha. Namoota \u201cCubbuu soomi malee nyaata hin soomiin\u201d nuun jedhaniif deebiin keenya cubbuu soomu akka dandeenyuuf nyaata soomudhaan ofleenjisna jechuu qabna.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Loltuun waraanaa diina isaa harka isaa keessa galfachuu yommu barbaadu dursee madda nyaataafi dhugaatii diina isaa to\u2019ata; yoo kana to\u2019ate salphumatti diinni isaa harka kennaaf waan ta\u2019eef. Loltuun beela\u2019e dandeetti loluu hin qabuuti. Nutis fedha keenyaan nyaata nyaannu yoo to\u2019anne miirawwan hameenyaaf kaka\u2019an mara to\u2019annaa keenya jala kan oolchinuuf; yaadni keenya yaada Waaqayyoo waliin akka deemuuf \u201cluugama\u201d soomaatiin fooniif lubbuu keenya abboomuun ni mala.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kaayyoon sooma keenyaa uumama Waaqayyoo xureessu miti yaada keenya qulqulleessudha malee. Tibba soomaa hawwii fooni keenya (Qaama keenya) irratti murtoo (\u121b\u12d5\u1240\u1265)\u00a0 ni buusna. Fakkeenyaaf nyaata wajiin walqabatee gosa nyaata muraasa akkasumas yeroo biraa hanga nyaannurra xiqqeesineet nyaanna. Kana gochuun keenya, nyaatni soomnu sun mataa isaatiin kan xuraa\u2019e ta\u2019eeti miti; sababa cubbuu dhala namaatiin eenyummaan keenya waan nu duraa wal-dhaheef (disordered) qaamni keenya qulqullaa\u2019uu barbaada. Qulqullinni kunis karaa of abboomuutiin (self-discpline) kan deebi\u2019udha. Haaluma kanaan kaayyoon soomuu keenyaa qaama keenya kana miidhuuf (Jibbuudhaan miidhu feenee) otuu hin ta\u2019iin caalaati foon keenya kana karaa afuurawaa ta\u2019een qulqulleessuufi dha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Bu\u2019aa beelladaarraa<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Bu\u2019aawwan beelladaa haala adda ta\u2019een soomuun keenyas Kitaaba Qulqulluu bu\u2019uura taasiifannee wanta raawwannu dha malee barmaatii bu\u2019uura hin qabne miti. Adda durummaan nyaatawwan kanneen yeroo soomaa dhiisuun keenya foon keenya dadhabsuun jaalala Waaqayyoof qabnu ibsuuf dha. Kunis duri irraa jalqabee abbootiin keenya kan raawwachaa turanidha. \u201c\u2026\u12c8\u12a0\u1215\u1218\u121d\u12ad\u12cb \u1260\u133e\u121d \u1208\u1290\u134d\u1235\u12e8; Qaama koo soomaan dadhabse\u201d (Far. 68:10) jechuudhaan Qulqulluun Daawiit dubbateera. Kanaaf soomni qaama dadhabsuu of keessaa akka qabu ni hubanna. \u201cJilbii koo soomaan dadhabe, foon kiyyas dhadhaa dhabudhaan huuqqatte\u201d jechudhaan yeroo soomaa dhadhaan akka hin nyaatamne Qulqullichii dhugaa nuuf baha (Far. 108:24).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Qulqulluun Daani\u2019eelis yeroo soomarra turetti fooniifi daadhii irraa soomaa akka ture Kitaabni Qulqulluun nutti hima (Dan.10:1-3). Bu\u2019uuraaleewwan kanneenin yeroo soomaatti bu\u2019aawwan beeyladaa ni dhiisna; ni soomna.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Namootni tokko tokko soomni Manni Kiristaanaa Ortoodooksi soomtu kun biyya kana keessa kan jiru malee biyyoota bira keessa akka hinjireetti yeroo haasa\u2019ani fi, jechuun soomuu dhiisuuf yommuu yaada madaallii hin kaasne kaasaan ni dhagahaamu. Kanaaf deebiin keenya soomni akkasi biyya kana keessa kan jiru miti Manneen kiristaanaa biroonillee akkuma keenya akka sooman jiran bara kana keessaa raga argachuun baay\u2019ee salphaa waan ta\u2019eef, biyyoota Gibxii, Sooriyaa, Hindii, Arman, Ruusiyaa, Girikii . . . gaggaafadhaa jennaani.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Armaan olitti akkuma ilaalletti Wantootni kanneen irraa of dhorkinu mataa isaanitiin hammeenyummaa qabaatani ykn xuraawoo waan ta\u2019aniif miti. Qaamni keenya yoo itti tole fedha Waaqayyoorra nu fageessuu waan danda\u2019uuf fardi fuuloodhaan akkuma abboommamu namummaa keenya mara fedha Waaqayyoof abboomsiisuuf soomni fuuloo gaari waan taateef fuloo kana jaalalaan qabachuun ni mala.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Yommuu beelaa fi dheebuu mo\u2019achuu jalqabnu miirawwan keenya kanneen hafanis mo\u2019achuu akka dandeenyu miira injifannoo gonfachuu jalqabna. Namni garaa isaa hin mo\u2019iin akkamiin miraalee isaan dhokatoo ta\u2019an injifachuufi abboomuu danda\u2019a?!\u00a0 miiroota ofii abboomun guutuu injifannoowwan maraati. \u201c Namni afuura isaa abboomu nama magaala bitu ni caala\u201d\u201d akkuma jedhame (Fak. 16:32).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Nyaata fi dhugaatii dhiisuu yommu shaakallu, suuta suuta arrabni keenya waan hamaa fi wanta faayidaa hin qabne dubbachuu irraa akka ofqusatu leenjiisna. Akkasuma sammuu keenya yaada gatii hin qabne (Vain thought) akka hin yaadne taasisna. Onnee keenyas yaada cubbuu, miira xuraawaa akka hin yaadne ykn hin deddeebisne ni leenjifna. Haaluma kanaan sooma afaanii irraa gara arrabaatti, gara yaadaatti akkasumas gara sooma onneedhaan soomamutti guddanna.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Fedhii foonii ajjeesuuf \u00a0foon keenya ni dadhabsina, kanaaniis kaayyoo waaqayyo nu uumeef qofa akka jiraachuu dandeenyuuf namummaan keenya (Foon+Lubbuu+ Afuura) waaqayyoof akka abboomamuu danda\u2019uuf ni leenjiisna.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Karaa biraatiin hammeenyi gara addunyaa kanaatti karaawwan ittiin seene keessaa inni tokko nyaata dha. Balaan nyaataa addunyaa mara akkuma miidhe sana nyaata kana dhiisuun immoo seexanaaf balaa qaba. Akka soomaatti kan isa miidhu hin jiru (Mat.17:21).\u00a0 Namni nyaata yoo dhiise foon isaatiin akkuma du\u2019u hunda, yoo sooma dhiisees lubbuu isaatiin ni du\u2019a. \u201cNamnii nyaata qofaan hin jiraatuuti!\u201d jedhamee barreefameeraati (S.Ke.De. 8:3, Mat.4:4). Addaam fedha isaatiin abboommi Waaqayyoo diigee Waaqayyoo irraa akkuma gargar bahe hunda fedha keenyaan soomaan gara Waaqayyoottii ni deebina (Iyyu. 2:12).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Namni bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin uumamee otuu jiru sababa nyaataatiin bifa isaa; isa Waaqayyoon isa fakkeessu sana dhabeera. Bifa isarratti chaappeeffame sana kan eegu immoo nyaachuu dhiisuun (Soomaan) ture. Soomni seera jalqabaati kan jennuus kanaafidha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Sooma yommu soomnu ulfina keenya kufaatii dura ture sana yaadachuun, bifa Waaqayyoo sana fakaachuuf (argachuuf) yaadudhaan soomuun ni mala. Sooma haaromsa miiraaf soomna jechuun keenyas kanaafidha! haaromsi kunis; Yaada\u00a0 cubbuu addunyaa kanarraa baqachuuf, hojii\u00a0 afuurawaa beeknee garuu hojachuuf dhibaa\u2019uu irraa bilisa ta\u2019uuf, Wanta jaalannu (isa gaarii ta\u2019e) dhiisnee wanta jibbinu(isa hamaa) raawwachuu irraa\u00a0 bilisa ta\u2019uuf soomna (Rom. 7:15-23).<\/h3>\n<h1 style=\"text-align: justify\">Sooma , Misirroo Misiricha ishee eegduuf . . .<\/h1>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Akka barumsa Mana Kiristaanaa keenyatti; Kitaabni Qulqulluuniis akkuma dhugaa nuuf bahutti Gooftaan keenya \u201cMissiricha Mana Kiristaanaa &#8211; \u1218\u122d\u12d3\u12ca\u1203 \u1208\u1264\u1270 \u12ad\u122d\u1235\u1272\u12eb\u1295\u201d jedhameet waamama (Yoh. 3:29, Mul. 21:9; 22:17).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Misirrichi Misirroo isaa fudhaachuuf gara mana misirrootti akkuma deemu mara, Gooftaanis Misirroo Isaa kan taate Mana Kiristaanaa (Uummata Isaa) gara ofitti fudhachuuf lammaffaa ni dhufa (Yoh.14:2-3). Misirroonis; Manni Kiristaanaa dhufaatii Isaa kana soomuudhaan abdii godhatti.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Qulqulluu Yohaannis Inni Gooftaa Cuuphe Masihicha (Gooftaa Isa Dhufu) yeroo eegutti soomaa tureera (Mat. 11:18). Kunis Yohaannis fakeenya kakuu duraatti, Yeroo dhufaati Masihicha itti eeggamu dha. Raajotni baay\u2019eenis dhufaati kana abdachuudhaan soomaniru. Bu\u2019uruma kanaan soomuun waa arguuf, waa argachuuf kaayyoo afuurawaadhaaf jecha riqicha ce\u2019uumsaa ijaarrannu dha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Gooftaan keenya yeroo gara biyya lafaa kanatti dhufee tureetti Duuka Bu\u2019ootni Isaa akka warra fariisootaa fi barattoota Yohaaniis hin sooman ture (Mar. 2:18; Luq. 5: 33; Mat. 9:14).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kun immoo kan ta\u2019eef Gooftaan \u201cMisirrichii isaan waliin otuu jiruu waa\u2019elootni(Miinjootni) gadduu ni danda\u2019uuyii?! Misirrichii yeroo isaanirraa adda bahu ni dhufaati yeroo sana ni soomu\u201d (Mat. 9:15) jechudhaan akkuma dubbateetti, dhufaatiin Isaa inni\u00a0 duraa soomaan akkuma eegamaa ture sana dhufaatiin Isaa inni lammaffaanis akkasuma Manni Kiristaanaa soomaan eegdi, Missirroon Ishee Iddoo isheef qopheessuuf deemeera waan ta\u2019eef dhufaati isaa kana hawwii guddaadhaan soomaan eegdi, soomaan garasitti imalti.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u00a0\u201cMisirrichi yeroo isaanirraa adda bahu ni dhufaati yeroo sana ni gaddu.\u201d Kan jedhame sooma kan agarsiisudha. Kanaafidha Duuka Bu\u2019ootni Isaa yeroo inni biyya lafaarra turetti kan hin soomiin. Gooftaan, Yohaannis irraa haala adda ta\u2019een, cubbamtoota waliin nyaachaa, dhugaa tureera; warra beela\u2019anillee raajii isaatiin beela irraa isaan oolchaa tureera, inni abdatamuu sun Isa waan ta\u2019ef yeroo inni fooniin mul\u2019ateetti soomni iddoo hin arganne ture. Gammachuu, nyaataa fi dhugaatiitu ture malee. Haaluma kanaan Kiristoosiin mootummaan Waaqayyoo isheen abdatamtu sun ifa taateerti! (Isa. 25:6).<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Gaafa guyyoota Ayyaana gurguddoo Kan hin soomneef Ayyaanootni fakkeenya mootummaa Waaqayyoo ishee abdannuu waan ta\u2019aniif, gadda malee nyaataafi gammachuu daangaa fi safuu Kiristaanummaa eeganiin taanee Waaqayyo galateefachuu waliin ni kabajna.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Akka Sirna Mana Kiristaanaa keenyaatti Fooniif Dhiiga Gooftaa fudhachuu keenya dura sa\u2019aati kudha saddeetiif\u00a0 ni soomna, kana gochuun keenya Gooftaan keenya sa\u2019aatii 18\u2019f gidiramuu Isaa Yaadachuu keenyaan alatti; Fooniif Dhiiga Gooftaa Ulfinaa, Kan Iyyasuus Kiristoosiin simachuuf jecha soomna. Raajootni dhufaatii Isaa hawwuun soomaniiru, akkasuma nutis Fooniif Dhiiga Isaa fudhachuuf ni soomna, dhufaatii\u00a0 Isaa isa lammaffaas akkasuma soomaan eegna.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Imala keenya gara Mootummaa Waaqayyootti taasiisnuf soomni hangafa hojiiwwan qajeelina hundaa ta\u2019uu erga hubannee miltoowwan (jaalleewwan) ishee biraa hin hafnee waan qabduuf nutis tibba soomaa kanatti isaan akka hin daganne. Isaaniis <strong>Kadhannaa fi Kennaa<\/strong> dha. Isaan kanaanis jaalala namaaf Waaqayyoof qabnu ni ibsina. Funyoon, sadiin foo\u2019ame hin citu jedhamee akkuma barreeffametti (Lall.4:12) nutis Sooma, Kadhannaa fi Kennaa tokko taasinee qabachuudhaan imala keenya gara Mootummaa Waaqayyootti taasisnu Amantii fi obsaan taanee haa imallu. Kanaafiis, Arjummaan Waaqayyoo, Kadhannaan Deessuu Waaqaa Durbee Maariyaam, Waadaan Qulqulloota hundaa nu haa gargaaru. Ameen.<\/h3>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Dn. Issubaalaw Damissee Amantiin Kiristaanummaa amantaa hojii gaaridhaan mul\u2019atuufi mul\u2019achuu qabu dha. Hojiiwwan gaarii ykn qajeelinaa jedhamanii waammaman kanneen immoo akka salphaatti jireenya keenyaan kan ibsinu miti. Kanarraas kan ka\u2019ee Amantaa dhugaa kana keessa namni jiraatu,nama daandii dhiphaa filatedha jedhamee Gooftaa keeyaan kan ibsameef (Mat. 7:13). Daandii dhiphaa kana keessa yommu dabarru immoo wantoota daandii [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4308"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4308"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4308\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4310,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4308\/revisions\/4310"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4308"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4308"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4308"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}