{"id":4290,"date":"2019-02-21T15:03:43","date_gmt":"2019-02-21T15:03:43","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4290"},"modified":"2019-02-21T15:05:28","modified_gmt":"2019-02-21T15:05:28","slug":"lubummaan-eenyuuf-mala","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/lubummaan-eenyuuf-mala\/","title":{"rendered":"Lubummaan Eenyuuf Mala?"},"content":{"rendered":"<h4 style=\"text-align: justify\">Lubummaan eenyuuf mala? Kan jedhu, gaaffii bu\u2019uurawaa kana kan deebisu dubbii ijoo \u201cLubummaan maali dha?\u201d Kan jedhuu dha.\u00a0 Namootaaf waa\u2019een lubummaa yeroo hundaa gaaffii kan itti ta\u2019u hubannoo bal\u2019aa lubummaadhaa waan hin qabaanneefi dha. Lubummaan afaan gi\u2019iizitiin (\u1270\u12ad\u1205\u1290- tajaajile) jedhu irraa kan bahe yoo ta\u2019u tajaajiluu, eegamuu, kan birootiif jiraachuu, eenyummaa ofii laachuu, guutuu jireenya Waaqayyoof bichisiisuu dha. Lubummaan yoo jiraate luboonni \/lubootni\/ ni jiraatu. Lubummaan tajaajila, dibata, luboonni \/lubootni\/ immoo tajaajiltoota, dibatamtoota dha.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u2018Lubummaan eenyuufi?\u2019 kan jedhu yemmuu ilaallu lubootni jalqabaa ergamoota Waaqayyoo dha. Akkasumas, tajaajiltoota jalqabaa kan Waaqayyoo fi kan namaati<\/h4>\n<p><!--more--><\/p>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201cTeessichatti? \u00a0naanna\u2019anii teessoo digdamii afur ni turan, isaanirras angafoota (luboota samii) digdamii afur ta\u2019an ni turan. Uffata adaadii uffatanii, mataattis gonfoowwan warqee \/sookoo\/ kaawwatanii turan; gama hundumaan ijaan kan guutamanii dha. Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu Isa ture, Isa amma jiru, Isa dhufuufis jiru; hundumaa kan bittu Waaqayyo Gooftaa jechaa\u201d guyyaaf halkan hin boqotan. Kunnis, baraa hamma baraatti lubbuun kan jiraatuf, Teessoo isaa irratti isa taa\u2019eef, goonfoo isaanii Teessoo isaa duratti buusanii ni sagadu; akkasis jedhu: \u201cGooftaa keenyaaf Waaqayyo keenya Ati hundumaa uumteettaati, isaanis jaalala keetiin uumamaniiru. Jiraataniiruuti. Ulfinni fi galanni aangoonis Siif haa ta\u2019u.\u201d (Mul. Yoh. 4:4)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Kanaa olitti inni ilaalle kun lubummaa fi tajaajila lubummaaf bu\u2019uura dha. \u201cGuyyaas halkaniis hin boqotan\u201d kan jedhu kun luboota mana kiristiyaanaa Ortodoksi Tawaahidoo ifatti mul\u2019isa. Manni kiristiyaanaa \u201cQulqulluu, Qulqulluu Qulqulluu galatoonsaa samii fi lafa irratti kan guute dha.\u201d kan jettu karaa lubummaa fi lubootaani. Lubootni ergamoota lafa irraa ti jechuu dha. Ergamootni akka galateeffatan isaanis ni galateeffattu, fuula Waaqayyoo duratti akkuma dhaabbatan ni dhaabbatu.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Tajaajilli lubummaa ergamootatti aansee kan laatame namaafi dha. Lubummaan namaaf laatame kun uumaa isaa akka galateeffatuuf qofa miti. Aarsaa dhiyeessuuf, ixaana aarsuuf, namas gargaaruuf kan laatame dha. &#8220;Lubummaan namaaf laatame\u201d oggaa jennu, \u2018namni hunduu luba dha\u2019 jechuu miti. Gartuu dhala namaa keessaa lubummaaf kan filaman jiru. Dhalli namaa aangoo gurguddaa lama Waaqayyoo biraa fudhateera. Innis lubummaa fi mootummaa dha.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Lubummaan: kennaa hafuuraa, kan samii fi kan bara baraa nama sooru dha. Waaqayyoos ittiin ni tajaajilama. Mootummaan: namoota hundaa isa amanus isa hin amanneefis, kennaa lafarraa, kan foonii, isa darbu fi yeroo dhaaf isaaf ta\u2019u soora. Lubummaan namootaaf laatameera yemmuu jennu namni hunduu ka\u2019ee \u2018An luba dha\u2019 jechuu hin danda\u2019u. Akkuma mootummaan namaaf laatameera jennee namni hunduu ka\u2019ee \u2018Ani mootii dha\u2019 jechuu hin dandeenye hundaa. Mootummaan namaaf yoo laatame iyyuu mootii kan jedhamu isa dibame fi isa muudame malee namni hunduu \u2018Ani mootii dha\u2019 akka hin jenne hundaa, lubummaanis namaaf waan laatameef isa muudamee malee uummanni hunduu ani luba dha jechuu hin danda\u2019u. kanaaf lubummaan namoota murtaa\u2019aniif, kan filamaniif, kan kennamaniif qofa dha malee hundumaaf kan laatamu miti. Hunduu mootummaa yoo ta\u2019e kan bitamu eenyu ta\u2019a? eenyuu irrattis muudama? Hunduu luboota yoo ta\u2019an eenyuun tajaajilu? Eenyuu irrattis muudamu? Kana jechuun kutaalee qaamaa akka balleessuuti.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Qaama keessatti: ija, harka, funyaan, miila, afaan\u2026 jiru. Hunduu kutaaleen qaamaa ija ta\u2019uu ni danda\u2019uu? Harki qaqqabuuf, miilli deemuuf, ijji arguuf, funyaan fuunfachuuf, afaan nyaachuufi dha. Harki, miilli, funyaan, afaan, gurri, \u2018yoo argine malee\u2019 jedhan, \u2018Ija haa taanu\u2019 jedhanii yoo yaadanis ykn \u2018Ija dha\u2019 yoo ofiin jedhanis, ija ta\u2019uu (arguu) hin danda\u2019an. Arguun hojii ijaa akka ta\u2019ee hunduu namootni utuu luba hin ta\u2019in \u2018luba dha\u2019 ofiin jechuun luba ta\u2019uu hin danda\u2019an; warri Waaqayyo isaan file malee.<\/h4>\n<h3 style=\"text-align: center\"><span style=\"color: #000080\"><strong>Lubummaa Kakuu Moofaa Keessatti \u00a0<\/strong><\/span><\/h3>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Waaqayyoon, Musee mootummaaf; Aarooni lubummaaf filateera. Hojiin ittiin files dinqisiisaa dha. Hunduu saba Israa\u2019eelii dha. Israa\u2019eel hunduu garuu mootota, bittoota, gaggeessitoota hin turre. Sanyii Leewii lubummaaf sanyii Yihudaa mootummaaf kan filame ture. \u201cSanyii Leewwii dhiyeessitii akka gargaaraniif fuula lubicha Aaroon duratti dhiyeessin\u201d Seer. Lakk. 3:6<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201cYeroo sanittis Taabota Waadaa kan Waaqayyoo akka baataniif, isas akka tajaajilaniif, fuuldura isaattis akka dhaabbataniif, maqaa Isaatiinis akka eebbisaniif, Waaqayyoon hanga har\u2019atti sanyii Leewii adda baase.\u201d (Kess. Dee. 10:8)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Sanyiin Leewii adda ba\u2019an kun tajaajila lubummaa, aarsaa dhiyeessuu fi k.k.f hojjechaa turan. Sanyiin Israa\u2019eel biroon immoo dunkaana baachuun tajaajila addaa kennu turan. Israa\u2019eelota seera kana daddarban balaan isaan irratti bu\u2019u cimaa ture.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201cAtis obboleessa kee Aaroonin, isa waliinis ijoollota isaa ijoollota Israa\u2019eel keessaati luboota akka naaf ta\u2019aniif gara keetti dhiyeessi.\u201d (See. Ba. 28:1)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201cKana hunda obboleessa kee Aaroonin, isa waliinis ijoollota isaa uffachiiftee lubummaadhaan akka tajaajilaniif ni dibdaan, ni muuddaan, ni qulqulleessitaanis.\u201d (See. Ba. 28\u136543)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Kanaa olitti akkuma ilaalle lubummaaf filamuun, adda ba\u2019uun, dibamuun, muudamuun, ququlla\u2019uun dirqama ni barbaachisa. Eenyumti lafaa ka\u2019ee \u2018An luba dha, ani raajaa dha\u2019 jechuu hin danda\u2019u. Aarsaa kan ta\u2019u sabootni Israa\u2019eel ni fidu; Aarooniif ijoolleen isaa aarsicha ni dhiyeessuun. Sabootni ofii isaaniitin dhiyeessuu hin danda\u2019an. Hoolaa, Gugee, Bullaallaa, Sangaa ni fidu; lubootni harka isaanii irra kaa\u2019uun ni kadhatu. Cubbuu fooniis ni dhibamsiisu. Sabootas ni barsiisu ni gorsu; sabootnis ni gorfamuu ni dheekkamamu. Malee caljedhanii lafaa ka\u2019uun \u2018Luba dha\u2019 ofiin jechaa uummataaf luba ta\u2019uun hin danda\u2019amu. Muudamuun filamuun dirqama dha. Malee utuu hin muudamiin \u2018Luba dha\u2019 yoo ofiin jedhan balaan dhufu cimaa dha.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Sanyii Leewii irraa kan dhalatan Daattaanii fi Abeeroon irratti balaa \u00a0ga\u2019e kitaaba qulqulluu keessatti barreeffamee jira. \u201cIjoollota Isiraa\u2019eel keessaa namoota dhibba lamaaf shantamaa fudhatanii Muusee fi Aaroonii irratti walga\u2019uun, tuutni hunduu tokkoon tokkoon isaanii qulqulloota dhaati; Waaqayyoos gidduu isaanii jiraati; isin garuu baay\u2019ee baay\u2019istaniittu yaa\u2019ii Waaqayyoo irratti maaliif oftuultu?\u201d Jedhan. Muuseen yeroo dhagahetti Qoree fi warra isaatiif jecha adda isaatin ni kufe, \u201cBor Waaqayyoon nama isaaf ta\u2019u, qulqulluu warra ta\u2019us ni beeksisa; nama filates gara isaatti ni dhiyeeffata. Akkasis godhaa qoree fi sanyiin kee hunduu qodaa ixaana ittiin aarsan fudhaati bor fuula Waaqayyoo duratti abidda itti godhaa, ixaanas itti dabalaa; akkasis ni ta\u2019a; Namni Waaqayyoon is filatu qulqulluu ni ta\u2019a. \u2026 Tokkoon tokkoonsaanii qodaa ixaana ittiin aarsan fudhatan. Abiddas itti godhatan. Ixaanas itti naqatan, Muusee fi Aaroon wajjiin dukkaana walargamsaa fuulduratti dhaabbatan. Waaqayyoos Muusee fi Aarooniif akkas jedhee itti dubbate \u201cHunda isaanii battalatti akkan balleessuf gumii (tuuta) kana gidduutii fagaadhaa.\u201d\u00a0 \u2026 Abiddiis Waaqayyoo biraa baatee warra ixaana aarsaa turan namoota dhibba lamaaf shantama nyaatte.\u201d (See. Lak. 16:1-51)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Kan isaaniif hin laatamne fedhanii lubummaa utuu hin qabaatin ixaana aarsuuf galanii irbaata abiddaa ta\u2019aniiru. Laftis banamtee liqimsiteettini. Lubbuun utuu jiran awwaalamaniiru. Lubummaaf kan filataman Aaroonii fi ijoolleen isaa garuu hin badne. Kana irraa akkuma argine lubummaaf filamuun, qulqullaa\u2019uun, adda ba\u2019uun, kennamuun ni barbaachisa. Kun utuu hin ta\u2019in eenyumtuu ka\u2019ee \u2018luba dha, raajaa dha\u2019 yoo ofiin jedhe balaan ijoollee Qoreerra gahe isarras ni gaha. Waaqayyo isa hin fille waan ta\u2019eef. Ixaanni namoota kunniinii balaaf, Aarsan Saa\u2019oolidhaas Mootummaa akka dhabuuf taasiseeraan. Saa\u2019ool, Saamu\u2019eel hamma dhufutti obsuu dadhabee aarsaa dhiyeessuu isaatiini dha kan mootummaan isaa harkaa fudhatame.<\/h4>\n<h3 style=\"text-align: center\"><span style=\"color: #000080\"><strong>Lubuummaa Kakuu Haaraa Keessatti <\/strong><\/span><\/h3>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Lubummaan biyya ergamootaatti fi kakuu moofaa keessatti maal akka fakkaatu ilaallerra.\u00a0 Biyya ergamootatti aarsaan: galateeffachuu, faarsuu\/leellisuu (\u12cd\u12f3\u1234) fi ergama ofii raawwachuu dha.\u00a0 Lubootnis ergamoota dha. Manni Qulqullaa\u2019aansaas<strong>,<\/strong> biyya ergamootaa dha. Kakuu moofaatti immoo lubootni; leewoota ijoollota Aaroonii dha. Manni Qulqullaa\u2019aansaas dunkaana itti wal ga\u2019ani dha.\u00a0 Aarsaan: Loon, Hoolaa, Re\u2019ee, Gugee, bullaallaa fi gosa midhaaniiti. Kakuu haaraa keessatti lubummaa, aarsaa fi luboota yoo ilaalle adda kan ta\u2019ani dha. Lubummaanii fi lubootni adda kan ta\u2019an sababa aarsichi adda ta\u2019uu isaatini. Aarsichi waltajjii qaraniiyoo irratti aduunyaaf foonsaa muree dhiigaa isaa dhangalaasee kan nuu laate Iyyasuus Kiristoosi dha. Isa dursinee ilaalle aarsaan ergaamootadhaa addunyaa fayyssuu hin dandeenye. Aarsaan leewotaas aarsaa isa namni cubbamaan tokko fide sana, lubni abaarsa irraa adda kan hin baanetu aarsicha dhiiyeessaan; innis dhiifatama foonii qofa laachisaa ture. Haalli aarsichi ittiin dhihaatus hanqina qaba ture. Dhiifatamni isaas nama fideef qofa ture. Aarsaan Kakuu Haaraa garuu kan dhugaa ti; hanqina kan hin qabne fi kan dhiyeesse Iyyasuus Kiristoos dha. Kan aarsaa ta\u2019es Iyyasuus Kiristoos dha. Kan aarsaa fudhates Iyyasuus Kiristoos ofumasaa ta\u2019uun lubbummaa sana gonkumayyuu dhugaa taasisa. Lubbummaasaa isa dhugaa kana, aarsaa isa dhugaa ta\u2019e kana warra dhieessaniif lubootaaf kenne. Lubbummaasaa fi tajaajilasa kasoomiinaan agarsiisee barsiisee, lubootaaf lubummaas aarsichas laateefi deeme.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Kana irraan kan ka\u2019e lubootni Kakuu Haaraa aarsaa Ergamootni hin dhiyeessine aarsaan lubootni Kakuu Moofaas hin dhiyeessine kana akka dhiyeessaanii fi tajaajilaan aangoo lubbummaa kan laatameef ta\u2019uu isaatin lubbummaan ol\u2019aanaa, iccintinsaas kan gadi fagoo ta\u2019ee fi tajaajilli isaas kan adda ta\u2019e ta\u2019uu isaa hubachuun barbaachisaa dha.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201c\u12d8\u12a2\u1270\u1308\u1265\u1228 \u1208\u1218\u120b\u12a5\u12ad\u1275 \u1270\u1308\u1265\u1228 \u1208\u12ab\u1205\u1293\u1275; Ergamootaaf kan hin taane lubootaaf ta\u2019e. \u12c8\u12a2\u1270\u12a0\u121d\u1229\u1291 \u12a8\u1218 \u1218\u120b\u12a5\u12ad\u1270 \u1325\u1240 \u1295\u12b4\u1295\u1295 \u1285\u12f5\u1309\u1230 \u12d8\u12dd \u12d3\u1208\u121d\u1362 Murtii biyya lafaa kana dhiisaatii ergamoota irrattis akka murteessinu hin beektanii? (1 Qor 6\u13653)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Lubummaan, luboota Kakuu Moofaa mudaa kan qabu fi aarsaan isaanis lubbuu dhiigaa (\u12f0\u1218 \u1290\u134d\u1235) waan ta\u2019eef nama Waaqayyo waliin araarsuu hin dandeenye. Lubootni Kakuu Haaraa garuu erga dhaabni\/gidaarri lolaa jige booda, mucummaan erga deebi\u2019e booda, Kennaan erga argame booda, namni fi Waaqayyo erga walitti araaraman booda waan muudamaniif, lubummaan isaanii adda, aarsaan asaaniis adda, kabajni issanis adda kan ta\u2019e dha. Lafarra jiraatu garuu aangoo samiirraa qabu. Kan muudamanis dhaala samiirraa lallabuuf, dhala namaas hoojii biyya lafaatii baasanii Kennaa samii laachisuun Mootummaa Waaqayyoo dhaalchisuufi dha. Waaqayyoon kan kana godhe ergaadhaan miti. Dhufee nama ta\u2019ee seera tumee, agarsiisee, aangoo isaas laatee tajaajila isaas gaggeesseeti.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201c\u12c8\u12a0\u120d\u1266 \u12d8\u12ed\u1290\u1235\u12a5 \u1208\u122d\u12a5\u1231 \u12ad\u1265\u1228 \u12d8\u12a5\u1295\u1260\u1208 \u12d8\u1338\u12cd\u12d6 \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u12f3\u12a5\u1219 \u1260\u12a8\u1218 \u12a0\u122e\u1295\u1361\u1361 Ga\u2019eera, beekeera ofiin jeedhee kabaja lubummaa ofiif kan godhatu hin jiru. Akka Aaroonitti Waaqayyoodhaan kan waamame malee, eenyumtu kabaja ofiif kan fudhatu hin jiru.\u201d (Ibro 5:4) kanaaf lubummaan waamicha Waaqayyootiin, kennaa Waaqayyootiin kan raawwatamu ta\u2019uu isaa beekuun barbaachisadha.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Aangoo kanaaf Waaqayyoon jalqaba kan filate Qulqullota Duuka Bu\u2019oota isaa dha. Kanaaf lubootni Kakuu Haaraa kan jalqabaa Duuka Bu\u2019oota dha. Gooftaan isaan kan filateen, kan waameen, kan muudeen isuma dha.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201c\u12c8\u1338\u12cd\u12d6\u1219 \u1208\u12d0\u1220\u122d\u1271 \u12c8\u12a8\u120d\u12a4\u1271 \u12a0\u122d\u12f3\u12a2\u1201 \u12c8\u12c8\u1200\u1266\u1219 \u1225\u120d\u1323\u1290 \u12f2\u1260 \u121b\u1293\u134d\u1235\u1275 \u122d\u12a9\u1233\u1295 \u12a8\u1218 \u12eb\u12cd\u1345\u12a5\u12ce\u1219 \u12c8\u12ed\u1348\u12cd\u1231 \u12b5\u120e \u12f5\u12c9\u12eb\u1290 \u12c8\u1215\u1219\u121b\u1290\u1361\u1361 Duuka bu\u2019oota kudha lamaan waamee hafuura badaa namarraa baasuu akka danda\u2019aniif fi gidiraa fi dhibee huundumaa akka fayyisaniif, hafuurota xuraawoo irratti aangoo laateef.\u201d (Maat 10:1) Aangoo kana kan argatan mataasaa Iyyesuus Kiristoos irraa akka ta\u2019e qalbeeffachuun barbaachisaa dha. Aangoon laatame kun gad-fagoo akkuma ta\u2019e hundaa, duuka bu\u2019oota keessaa lubummaan kan maluuf, Waaqayyoos kan isaan filateef \/Duuka Bu\u2019ootnis kan laatamu dha. Isaan qofti fudhatanii kan hafu utuu hin taane kan birootifis akka laachuu danda\u2019an Kitaabni Qulqulluu ragaa nuuf ba\u2019a.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201cAkkas jedhanii kadhatan, \u2018Laphee hundumaa kan beektu yaa Gooftaa ati lamaan kan keessaa\u00a0 kan filatte muldhisi! Bakka fi tajaajila Yihuudaan gara biyya isaa galuuf \u00a0jecha dhiise kana, iddoo tajaajilummaa fi duuka bu\u2019ummaa kana kan fudhatu tokko muldhisi\u2019 Carraas buusisani carraaniis maatiyaasif ba\u2019e. Duuka Bu\u2019oota kudha tokko waliin lakkaawame:: (Hoj.D.B. 1:24)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Lubootni bifa kanaan muudaman tajaajiltoota Waaqayyoo, itti\u2019aantota Duuka Bu\u2019ootaa kan ta\u2019an Duuka Bu\u2019oota dha. Aangoo warra kanaaf laatame eenyumtu fudhachuu fayyadamu hin danda\u2019u. Kanaa achi bakka iddoo argatan hundatti An raajaadha, luba dha\u2019 kan ofiin jedhaniin garuu eeggachuun ni barbaachisa. Lubummaan cal jedhamee karaa irraati kan hammaarramu miti. Eenyumtuu lafaa ka\u2019eeakka akaa\u2019ii mana gaddaa kan hammaarratu miti. Hafuurri Eeliyaas Erlsaa irratti; hafuurri Muusee Iyyaasuu irratti akkuma bule, namni Hafuuri Duuka Bu\u2019ootaa irra bule, kan Waaqni isa filate fi ifa baase, abbootni phaaphaasotaa harka irra kaa\u2019uun eebbisanii hafuuraan iff jechuun maqaa Waaqayyootiin lubummaa \u00a0yoo irra bulchan malee eenyumtuu luba ta\u2019uu hin danda\u2019u. Waaqayyo kan muude duuka bu\u2019oota qofa miti phaaphaasotas kan muudee isa dha.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Mana Kiristaanaa Dhiiga mataa isaatiin bite, akka eegdaniif \u00a0Hafuurri Qulqulluu isiniin phaaphaasota godhee kan mude, waa\u2019ee kiristaanota amanamii fi ofii keessanif of-eeggannaa godhaa. (Hoj.D.B. 20:28) Aangoon lubummaa Duuka Bu\u2019ootaa karaa kanaan kan laatame dha. \u201cDhugaan isiniin jedha, lafarratti kan isin hiitan hunduu samiirratti kan hidhame ta\u2019a, kan lafarratti hiiktan hunduu samiirratti kan hiikame ta\u2019a\u201d (Maat 18:18) Wangeela kana irratti Gooftaan Keenya Fayyisaan keenya Barattootaaf aangoo hidhuu fi hiikuu akka laateef bifa wallaalchisaa hin taaneen taa\u2019eera.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201cNagaan isiniif haa ta\u2019u, Abbaan Anaan akkuma erge, An immoo isiniin erga. Kanas dubbatee hafuura isaa iff itti jedhee. Haafuurri Qulqulluus irra bule. Cubbuu isaanii kan dhiiftaniif hunduu dhiifatama argatu, kan isin hin dhiifneef dhiifatama hin argatan.\u201d (Yooh. 20\u136522-24)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Hubadhaa! Lubni Kakuu Moofaa cubbuu foonii qofa kan dhiifatama laachisu. Lubni Kakuu Haaraa garuu dhiifatama laachisuu qofa utuu hin taane dhiifama jechuu ni danda\u2019. Amananii fudhachuu malee yaada irratti kennuun hin dandaa\u2019amu. Kan isaaniif laate, kan muude Inni (Waaqayyoo) waan ta\u2019eef.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201cHarka isaas kaasee eebbiseen. Odoo isaan eebbisu, isaan gidduutii adda bahee gara samiitti ol bahe.\u201d (Luq. 24:50) Bifa kanaan inni tajaajila isaa (hojii biyya lafaa kanaaf hojjetu) xumuree isaaniin bakka buusee ol bahe. Isaanis isa fakkeenya godhatanii akka hidhaanii fi hiikaniifi.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201cHanaaniyaan deemee gara mana isaatti gale. Harka isaas irra kaa\u2019ee, \u201cObboleessa koo yaa Saa\u2019ool ,Gooftaan, Innis karaa atti dhufaa turte irratti\u00a0 sitti Mul\u2019ate Iyyasuus Kiristoos dha. Akkasumas, akka arguu dandeessuuf Haafuurri Qulqulluus akka sirra buluuf na erge jedhe.\u201d (Hoj.D.B. 9\u136517)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201cHangan dhufutti, dubbisuun fi gorsuun; barsiisuun fi kadhachuun of eeggannaa taasisi. Raajii dubbachuu waliin; phaaphaasotaan, harka sirra kaa\u2019uu kan siif laatame, Kennaa sirra jiru hin salphisin.\u201d (1 xim 4:15)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Aangoon lubummaa Kennaa harka namarra kaa\u2019uun; phaaphaasotaan kan kennamu dha. Kana salphisuun hin barbaachisu. Lubootni, mudamtootni Waaqayyoo; ifa Waaqayyoo ti. Cubbamtootas kan ilaalu, kan daawwatu karaa isaaniitini. \u201cDhaqi ofii kee lubatti agarsiisi.\u201d (Mat 8:4) Lubni nu laale jechuun Waaqayyoon nu laale jechuu dha. Lubni ifa Waaqayyoo dha ti. Ijoollee Waaqayyoo kan taanu lubootaan cuuphamneeti.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201cGara biyya lafaa deemaa! Uumamtoota hundaaf Waangeela lallabaa! Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, Hafuura Qulqulluutiin cuuphaatii duuka bu\u2019oota koo taasisaa! (Mat 28:19) Bu\u2019uuruma kanaan, luba malee fi aarsaa malee tajaajilli raawwatamu hin jiru. Yoo jiraates tajaajila dharaa \/sobaa\/ ti.Dhukkubsattootni \/dhibamtootni\/ tajaajila lubaatiin fayyu.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201c\u12c8\u12a5\u1218\u1266 \u12d8\u12ed\u12f0\u12ca \u12a5\u121d\u1294\u12ad\u1219 \u1208\u12ed\u1338\u12cd\u12a5 \u1240\u1233\u12cd\u1235\u1270 \u12a5\u1208 \u12cd\u1235\u1270 \u1264\u1270\u12ad\u122d\u1235\u1272\u12eb\u1295 \u12c8\u12ed\u1338\u120d\u12e9 \u120b\u12a5\u120c\u1201 \u12c8\u12ed\u1245\u1265\u12d5\u12ce \u1245\u1265\u12d0 \u1338\u120e\u1275 \u1260\u1235\u1219 \u1208\u12a5\u130d\u12da\u12a5\u1290 \u12a2\u12e8\u1231\u1235 \u12ad\u122d\u1235\u1276\u1235\u1361\u1361 Isin keessaa namni dhukkubsate yoo jiraate, luboota\u00a0 Mana kiristaanaa gara isaatti waammatee haa kadhataniif maqaa Gooftaa Keenya Iyaasuus Kiristoositiin dibata (zayitii) irratti kadhatame haa dibaniin. Kadhannaan amantii dhukkubsataa ni fayyisa. Waaqayyoos isa kaasa. Cubbuu yoo hojjatees\u00a0 dhiifatama laataaf.\u201d (ya\u2019eq. 5:13-16)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Lubootni, kana hunda raawwachuu akka danda\u2019aniif aangoo kan qabani dha. Akkasumas, taayitaan lubummaas kan itti laatame, Waaqayyoodhaann kan filaman, seexanas kan adaban, cubbuus akka\u00a0 gaga baqsanii\u00a0 kan balleessani\u00a0 dha. Namas gara Waaaqayyyoo ni dhiheessu. Gumii amantoota Waaqayyoos ni eguu, dirree laliftuu irratti fi gara bishaan qulquulluutti ni bobbaasu. Jechuun, Wangeela Qulqulluu kan hin faalamne fi kan hin makamne barsiisu. \u201cCubbuu biyya lafaa kan balleessu Hoolaan Waaqayyoo kunoo.\u201d (Yooh 1:29) jechaa nama hunda gara jireenya bara baraatti kan waamani dha.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: center\">Waaqayyoof galanni haa ta\u2019u.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: center\">M\/K\/O\/Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Qindeessaa fi Qajeelchaa Manneen Barnoota Sambataa<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: center\">Waldaa Ququllootaa<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: center\">Qindeessaa Barnootaa Wangeelaa fi Tajaajila Duuka bu&#8217;ummaatti Kutaa ijoo Babal\u2019iinsa Lallaba Wangeelaatiin\u00a0 qophaa&#8217;e.<\/h4>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Lubummaan eenyuuf mala? Kan jedhu, gaaffii bu\u2019uurawaa kana kan deebisu dubbii ijoo \u201cLubummaan maali dha?\u201d Kan jedhuu dha.\u00a0 Namootaaf waa\u2019een lubummaa yeroo hundaa gaaffii kan itti ta\u2019u hubannoo bal\u2019aa lubummaadhaa waan hin qabaanneefi dha. Lubummaan afaan gi\u2019iizitiin (\u1270\u12ad\u1205\u1290- tajaajile) jedhu irraa kan bahe yoo ta\u2019u tajaajiluu, eegamuu, kan birootiif jiraachuu, eenyummaa ofii laachuu, guutuu jireenya [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[68],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4290"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4290"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4290\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4292,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4290\/revisions\/4292"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4290"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4290"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4290"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}