{"id":4284,"date":"2019-02-11T06:58:23","date_gmt":"2019-02-11T06:58:23","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4284"},"modified":"2019-02-13T06:46:50","modified_gmt":"2019-02-13T06:46:50","slug":"isa-argatanii-hundinuu-si-barbaadaa-jiru-jedhaniin-%e1%8b%88%e1%88%b6%e1%89%a0-%e1%88%a8%e1%8a%a8%e1%89%a5%e1%8b%8e-%e1%8b%ad%e1%89%a5%e1%88%8d%e1%8b%8e-%e1%8a%b5","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/isa-argatanii-hundinuu-si-barbaadaa-jiru-jedhaniin-%e1%8b%88%e1%88%b6%e1%89%a0-%e1%88%a8%e1%8a%a8%e1%89%a5%e1%8b%8e-%e1%8b%ad%e1%89%a5%e1%88%8d%e1%8b%8e-%e1%8a%b5\/","title":{"rendered":"Isa argatanii, \u201cHundinuu Si barbaadaa jiru.\u201d jedhaniin. \u201c\u12c8\u1236\u1260 \u1228\u12a8\u1265\u12ce \u12ed\u1265\u120d\u12ce \u12b5\u1209 \u1215\u12dd\u1265 \u12e8\u1283\u1225\u1231\u12a8\u201d Maar. \u1369\u1365\u1374\u136f\/1:37"},"content":{"rendered":"<div style=\"text-align: right\">\u00a0 <em>\u00a0<span style=\"text-align: right;line-height: 1.5;color: #0000ff\">Dn. Ga\/Sillaasee Shittaahun<\/span><\/em><\/div>\n<div>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u201c\u12c8\u1260\u133d\u1263\u1215 \u1270\u1295\u1225\u12a0 \u12c8\u12a0\u120c\u1208\u12e8 \u1325\u1240 \u12c8\u12c8\u1342\u12a6 \u1216\u1228 \u1210\u1245\u1208 \u12c8\u1338\u1208\u12e8 \u1260\u1205\u12e8\u1361\u1361 \u12c8\u12f4\u1308\u1295\u12ce \u1235\u121d\u12d6\u1295 \u12c8\u12a5\u1208 \u121d\u1235\u120c\u1201\u1361\u1361 \u12c8\u1236\u1260 \u1228\u12a8\u1265\u12ce \u12ed\u1265\u120d\u12ce \u12a5\u1295\u130b \u12b5\u1209 \u1215\u12dd\u1265 \u12e8\u1280\u1225\u1221\u12a8\u1361\u1361 Subiin, odoo lafti hin bari\u2019in ka\u2019ee gadi bahe. Gara lafa onaattis dhaqee achittis kadhannaasaa geesse. Simi\u2019ooni fi warroonni isa wajjiin turan fiigaa Isa duuka bu\u2019an. Hoggaa Isa argatanis \u201cHundinuu Si barbaadaa jiru. \u201djedhaniin.\u201d jedha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Duraan dursinee, gaalee \u201cHundinuu sibarbaadaa jiru.\u201d Jedhu laaluun barbaachisaa dha. \u201cHundinuu sibarbaadu.\u201d Yaadni jedhu uummamni hundinu \u00a0jechuunis;-<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u00a0 laftis waaqnis (samiin) gammaduuf jecha Waaqayyo barbaadu.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u00a0 \u201c\u12ed\u1275\u134c\u1225\u1201 \u1230\u121b\u12eb\u1275\u1364 \u12c8\u1275\u1275\u1210\u1230\u12ed \u121d\u12f5\u122d\u1361\u1361 \u12c8\u12ed\u1265\u1209 \u1290\u130d\u1220 \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u121b\u12d5\u12a8\u1208 \u12a0\u1215\u12db\u1265\u1361\u1361 Samiiwwan haa gammadan! laftis haa gammaddu! \u201cUummata amantii maleeyyii \u00a0gidduuttis Waaqayyoon ulfaate.\u201d Haa jedhan! Kit. Seen. \u1369ffaa \u1372\u136e\u1365\u1374\u1369\/16:31<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u00a0 Lubbuu qabeeyyiinis Waaqayyoon barbaadu.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u00a0 \u12ed\u1263\u122d\u12ad\u12ce \u12a0\u1295\u1260\u122d \u12c8\u12b5\u1209 \u12d8\u12ed\u1275\u1210\u12cd\u1235 \u12cd\u1235\u1270 \u121b\u12ed \u1208\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d\u1361\u1361\u2026. Qurxummiiwwanii fi uummamtoonni bishaan keessa jiraatan hundi Waaqayyo galateeffatu.\u201d Daan. \u136b\u1365\u1376\u136f-\u1376\u1371 \/3:57-59<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u00a0 lubbuu dhabeeyyiinis,<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u00a0 \u201c\u12ed\u1263\u122d\u12ad\u12ce \u1340\u1210\u12ed \u12c8\u12c8\u122d\u1285 \u1208\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d\u2026\u2026\u2026\u1361\u1361 Aduu fi Addeessi (ji\u2019i) Waaqayyoon galateeffatu. \/Waaqayyoof galata dhiheessu.\/ \u2026\u2026\u2026\u2026\u2026..\u201d Daan. \u136b\u1365\u1375-\u1376\u136e\/3:40-56<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u00a0 Hundarraa immoo Ilmi namaa Waaqayyoo ni barbaada. Kunis dhaalaa Mootummaasaa faarsaa maqaa Isaa galateeffataa Qulqullummaasaa ta\u2019uudhaafi.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u00a0 \u12c8\u12a5\u1218\u12a8\u1218\u1230 \u12cd\u1209\u12f0 \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u1295\u1215\u1290 \u12c8\u122b\u1235\u12eb\u1292\u1201 \u1295\u1215\u1290\u1364 \u12c8\u12a5\u121d\u12a8\u1218\u1202 \u12c8\u122b\u1235\u12eb\u1290 \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u1295\u1215\u1290 \u1218\u12cb\u122d\u1235\u1272\u1201\u12ac \u1208\u12ad\u122d\u1235\u1276\u1235 \u12c8\u12a5\u121d\u12a8\u1218\u1202 \u12c8\u122b\u1235\u12eb\u1290 \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u1295\u1215\u1290 \u12c8\u1218\u12cb\u122d\u1235\u1272\u1201 \u1208\u12ad\u122d\u1235\u1276\u1235 \u1295\u1215\u1290 \u12c8\u12a5\u121d\u12a8\u1218\u1230 \u12d0\u1228\u12ed\u1290 \u1215\u121b\u1218 \u1295\u12d4\u122a \u12ad\u1265\u1228 \u121d\u1235\u120c\u1201\u1361\u1361 Nuyi ijoollee Waaqayyoo erga taane, warra waan hundumaa argatan ni taana. Waan kana hundumaas Waaqayyoo biraa ni arganna. Kiristoosi wajjiin erga dhiphannee, Isa wajjiin immoo ulfaachuudhaaf, \u00a0Room. \u1370\u1365\u1372\u136f\/8:17<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kana fi kanneen kana fakkaatan kaasuu ni dandeenya. Jechi \u2018Hundinuu\u2019 jedhu jecha daangaan isaa hanga eessaa akka ta\u2019eyyuu kan hin beekamne dha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Har\u2019aaf garuu, waa\u2019ee namoota Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos duuka bu\u2019aa, bakka Inni oolu oolaa bakka Inni buluttis bulaa Isa hordofaa turan kaasuuf barbaadameeti. Jara Isa hordofan kanas bakka gurguddoo shanitti hirree ilaalla.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Tokkoffaa, warrootni nyaata nyatanii quufaniif qofa Isa (Gooftaa) duuka bu\u2019an baay\u2019ee dha. Isaan kun immoo Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin komatamaniiru. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos biddeena shanii fi qurxummii lama eebbisee itti kenninaan \/laannaan\/ nyaatanii hafteen isaa leemaata kudha lama ta\u2019ee argameera. Biddeena soorataaf isaaniif dhihaaterraa isa dhumarra haftee ta\u2019ee duraa ka\u2019etu caaleera. Kanaafis, Maat. \u1372\u136c\u1365\u1372\u136f-\u1373\u1369\/14:17-21 dubbisuun gahaa dha. \u201c\u12c8\u12ed\u1264\u120d\u12ce \u12a0\u120d\u1265\u1290 \u12dd\u12e8 \u12d8\u12a5\u1295\u1260\u1208 \u1280\u121d\u1235 \u1285\u1265\u1235\u1275 \u12c8\u12ad\u120c\u12a4\u1272 \u12d3\u1223\u1361\u1361 \u12c8\u12ed\u1264\u120e\u1219 \u12a0\u121d\u133d\u12a5\u12ce\u1295 \u120a\u1270 \u12dd\u12e8\u1361\u1361 \u12c8\u12a0\u12d8\u12de\u1219 \u1208\u1230\u1265\u12a5 \u12ed\u122d\u134d\u1241 \u12f2\u1260 \u1223\u12d5\u122d \u12c8\u1290\u1225\u12a0 \u12cd\u12a5\u1270 \u1280\u121d\u1230 \u1285\u1265\u1235\u1270 \u12c8\u12ad\u120c\u12a4 \u12d3\u1223 \u12c8\u1290\u1338\u1228 \u1280\u1260 \u1230\u121b\u12ed \u12c8\u1263\u1228\u12a8 \u12c8\u1348\u1270\u1270 \u12c8\u12c8\u1200\u1260 \u1208\u12a0\u122d\u12f3\u12a2\u1201 \u12c8\u12a0\u122d\u12f3\u12a2\u1201\u1292 \u12a0\u1245\u1228\u1261 \u1208\u1215\u12dd\u1265\u1361\u1361 \u12c8\u1260\u120d\u12a1 \u12b5\u120e\u1219 \u12c8\u1338\u130d\u1261 \u12c8\u12a0\u130d\u1280\u1221 \u12d8\u1270\u122d\u1348 \u134d\u1270\u1273\u1270 \u12c8\u1218\u120d\u12a0 \u12d0\u1220\u122d\u1270 \u12c8\u12ad\u120d\u12a4\u1270 \u1218\u12db\u122d\u12d0 \u121d\u1209\u12a0\u1361\u1361 \u12c8\u12a5\u1208\u1230 \u1260\u120d\u12a1 \u12a5\u1219\u1295\u1271 \u1230\u1265\u12a5 \u1280\u121d\u1233 \u121d\u12a5\u1275 (\u1376\u137b) \u1265\u12a5\u1232 \u12d8\u12a5\u1295\u1260\u1208 \u12a0\u1295\u1235\u1275 \u12c8\u12f0\u1245\u1361\u1361 \u201cBiddeena shanii fi qurxummii lamaan ala homaa hin qabnu\u201d jedhaniin. Innis (Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos) \u201cAs Natti fidaa!\u201d jedheen. Uummata sanaanis margarra akka taa\u2019aniif ajajeen. Biddeena shanan fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara waaqaatti (samiitti) ol laalee ni eebbise. Cabsees Duuka Bu\u2019oota Isaaf kenne. Duuka Bu\u2019ootnis uummataaf dhiheessani. Hundi isaanii ni nyaatan ni quufanis. Hafteen nyaata sanaas leemata kudha lama guutuu ta\u2019e. Namootni nyaatan dubartootni fi daa\u2019imman odoo hin lakkaa\u2019amin baay\u2019inni isaanii kuma shani ture.\u201d jedha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Innis (Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos), namoota kanaaf akkas jedhee deebiseef jira. \u201c\u12c8\u12a0\u12cd\u1235\u12a0 \u12a5\u130d\u12da\u12a5 \u12a2\u12e8\u1231\u1235 \u12c8\u12ed\u1264\u120e\u1219 \u12a0\u121b\u1295 \u12a0\u121b\u1295 \u12a5\u1265\u1208\u12ad\u1219 \u12a8\u1218 \u12a0\u12ae \u12a0\u1295\u1275\u1219 \u12d8\u1270\u1280\u1225\u1221\u1292 \u1260\u12a5\u1295\u1270 \u12d8\u122d\u12a2\u12ad\u1219 \u1270\u12a0\u121d\u122b\u1270 \u12a0\u120b \u1260\u12a5\u1295\u1270 \u12d8\u1260\u120b\u12d5\u12ad\u1219 \u1285\u1265\u1235\u1270 \u12c8\u1338\u1308\u1265\u12ad\u1219\u1361\u1361 \u1270\u1308\u1265\u1229 \u12a5\u1295\u12a8\u1230 \u12a0\u12ae \u1208\u1218\u1265\u120d\u12d5 \u1280\u120b\u134a \u12a0\u120b \u1208\u1218\u1265\u120d\u12d5 \u12d8\u12ed\u1290\u1265\u122d \u1208\u1215\u12ed\u12c8\u1275 \u12d8\u1208\u12d3\u1208\u121d \u12d8\u12ed\u1201\u1260\u12ad\u1219 \u12c8\u120d\u12f0 \u12d5\u1313\u1208 \u12a5\u1218\u1215\u12eb\u12cd \u12a5\u1235\u1218 \u1208\u12d8\u1230 \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u12a0\u1265 \u1280\u1270\u121e\u1361\u1361 Dhugumaa dhugatti isinitti hima. Isin dinqii argitaniif utuu hin ta\u2019in, biddeena nyaattanii waan quuftaniif qofa nabarbaaddu. Nyaata baduuf hin dhama\u2019inaa! Nyaata jireenyi bara baraa ittiin argamuuf dhama\u2019aa malee! Nyaata Ilmi Namaa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) kennuuuf fi Nyata Isa Jireenya Bara Baraaf ta\u2019u sanaaf dhama\u2019aa malee! Isa kanaan Waaqni Abbaan chaappeessee (gudunfee) jira waan ta\u2019eef.\u201d Yooh. \u136e\u1365\u1373\u136e-\u1373\u1371\/6:26-29 Caqasni kun waan guddaa nubrsiisa. Isaan kun kaayyoon isaanii fayyina fooniis ta\u2019e kan lubbuu hin fedhan. Dubbii xaxuuf illee miti. Segalee Waaqayyoo beela\u2019aniif fi dheebotaniifis miti. Kaayyoon isaanii inni guddaan nyaata foonii nyaatanii quufuu qofa. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos immoo Nyaata baduuf jecha dhama\u2019uun, nyaata jireenyi bara baraa ittiin argamu irraa fagaannee, obboloota keenya lagannee, gidiraa adda addaaf isaan saaxillee, qomoo keenya waaqeeffachaa waan Afuurawaa irraa maqnee (Yooh. \u136c\u1365\u1369-\u1375\u1369\/4:1-41), qabeenya keenya abdachaa, beekkamtii keenya dahoo godhachaa, Miiltoowwan Waaqayyoo (Qulqulloota) irraa fagaannee suga fi gargaarsa isaanii dagannee jiraachuu akka hin qabne nugorsa.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Inni lammaffaan immoo, warroota dhukkuba fooniirraa fayyina argachuuf qofa Isa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) duuka bu\u2019aa turani dha. \u201c\u12c8\u12a0\u1295\u1236\u1230\u12c8 \u12a5\u130d\u12da\u12a5 \u12a2\u12e8\u1231\u1235 \u12cd\u1235\u1270 \u12b5\u1209 \u1308\u120a\u120b \u12a5\u1295\u12d8 \u12ed\u121c\u1205\u122d \u1260\u121d\u12b5\u122b\u1263\u1272\u1206\u1219 \u12c8\u12ed\u1230\u1265\u12ad \u12c8\u1295\u130c\u1208 \u1218\u1295\u130d\u1225\u1275 \u12c8\u12ed\u134c\u12cd\u1235 \u12b5\u120e \u12f0\u12cc \u12c8\u12b5\u120e \u1215\u121b\u1218 \u12d8\u12cd\u1235\u1270 \u1215\u12dd\u1265\u1361\u1361 Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoosis mana sagadaa isaanii keessa barsiisaa, Wangeela Mootummaa Isaas lallabaa, dhukkuba adda addaa irraas asaan fayyisaa, magaalota fi mandaroota isaanii keessa naanna\u2019aa ture.\u201d jedha Maat. \u136c\u1365\u1373\u136b\/4\u136123. Caqasoota Maat. \u1371\u1365\u1374\u136d\/9\u136135, Maar. \u1369\u1365\u1373\u136b\/1:23, Yooh. \u136d\u1365\u1369-\u1372\u136f\/5\u13611-17 illee dabalataan dubbisuunis faaydaa guddaa qaba.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Haa ta\u2019u malee, namootni dhukkuba lamxii isaanii irraa bayyanatan keessaa baay\u2019een isaanii gara fedhii foonii isaaniitti sokkaniiru. Battala tokkotti namootni kudhan dhukkuba isaaniirraa fayyanii turan. Isaan keessaa garuu, gara Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos deebi\u2019ee Isa galateeffate nama tokko qofa. Innis (Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos) kana ilaalee, \u201c\u12c8\u122d\u12a5\u12ee \u12a0\u1210\u12f1 \u12a5\u121d\u1294\u1206\u1219 \u12a8\u1218 \u1290\u133d\u1210 \u1270\u1218\u12ed\u1320 \u12a5\u1295\u12d8 \u12e8\u12a0\u12b5\u1276 \u1208\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u1260\u12d0\u1262\u12ed \u1243\u120d\u1361\u1361 \u12c8\u1230\u1308\u12f0 \u1273\u1285\u1270 \u12a5\u1308\u122a\u1201 \u1208\u12a5\u130d\u12da\u12a5 \u12a2\u12e8\u1231\u1235 \u1260\u1308\u1339 \u12c8\u12a0\u12a5\u12b0\u1276 \u12c8\u1233\u121d\u122b\u12ca \u1265\u12a5\u1232 \u12cd\u12a5\u1271 \u1265\u12a5\u1232\u1201\u1361\u1361 \u12c8\u12a0\u12cd\u1235\u12a0 \u12a5\u130d\u12da\u12a5 \u12a2\u12e8\u1231\u1235 \u12c8\u12ed\u1264\u120e \u201c\u12a0\u12ae\u1291 \u12d0\u1220\u122d\u1271 \u12a5\u1219\u1295\u1271 \u12a0\u1295\u1275\u1219 \u12a5\u1208 \u1290\u133b\u1215\u12ad\u1219 \u12a0\u12ed\u1274\u1291 \u12a5\u1295\u12a8 \u1270\u1235\u12d0\u1271?\u201d \u120e\u1219\u1230 \u1270\u1235\u12a5\u1296\u1219 \u1270\u1218\u12ed\u1326 \u12c8\u12a0\u12a5\u12a9\u1276\u1276 \u1208\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u12d8\u12a5\u1295\u1260\u1208 \u12dd\u1295\u1271 \u12d8\u12ab\u120d\u12a5 \u1215\u12dd\u1261\u1361\u1361 \u12c8\u12ed\u1264\u120e \u1270\u1295\u1235\u12a5 \u12c8\u1211\u122d \u1203\u12ed\u121b\u1296\u1275\u12a8 \u12a0\u1215\u12e8\u12c8\u1270\u12a8\u1361\u1361 Isaan keessaa Inni tokko akka fayye arginaan, sagalee guddaadhaan Waaqayyoof galata galchaa deebi\u2019ee gara Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ni dhufe. Miila Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos jalatti sagadee, Isa galateeffates; innis nama Samaariyaa ture. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos deebisee, \u201cNamoota kudhani mitii kan qulqullaa\u2019an (fayyan)? Saglan isaanii meerree? Isaan nama ormaa kanarraa hafan keessaa namni galata dhiheessuuf deebi\u2019e hin argamnee? jedhe. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yoomus namichaan \u201cKa\u2019ii, gali! Amantiin kee sifayyiseera.\u201d jedheen. Luuq. \u1372\u136f\u1365\u1372\u136d-\u1372\u1371\/17:15-19<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kaayyoon jara kanaa \u00a0immoo nama ajaa\u2019ibsiisa. Dura hoggaa dhufan, \u201c\u12a2\u12e8\u1231\u1235 \u120a\u1245 \u1270\u1223\u1200\u1208\u1290\u1361\u1361 Yaa Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos nu maari!\u201d jechaa turan. Amma immoo lamxii isaaniirraa fayyinaan (qulqulloofnaan) Waaqayyoof galata galchuuf yeroo dhaban. Nullee akkasuma. Baay\u2019een keenya fayyina argachuuf gara Waaqayyoo hoggaa dhufnu, booyaa, kufaa, ka\u2019aa, sagadaa, galateeffachaa fi aarsaawwan adda addaa kanfalaa dhufna. Erga fayyine booda garuu, gara mana Waaqayyoo deemuu dhiisna. Gara Waaqayyootti kadhachuu dhiifnee namoota abdannna. Siyaasa abdanna, aangoo keenya abdanna. Qomoo keenya abdanna. Waaqa tolfamaa abdii godhanna. Warra galata hin qabne taana.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Inni (Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos) garuu, namoota kanaan gar-malee komateera. Namoota isaan gargaaraniif galata galchuu dhabuun waan nama fayyaa qabu irraa eeggamu miti. Naamusni kiristaanotaas kana miti. Tola ooltummaa Waaqayyoos ta\u2019e kan namaa hin irraanfatan. Waan Waaqayyo isaaniif arjoome laalaa fi yaadachaa namoota biroof ni arjoomu. Waaqayyo cubbuu isaanii isaaniif dhiisnaan isaan illee namoota biroof yakka isaanii ni dhiisuuf.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Gareen sadaffaan immoo, Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos bareedinni fi simboon Isaa laalamee hin quufamu waan ta\u2019eef warra bareedinaa fi simboo Isaa laaluuf fi dinqisiifachuuf qofa dhufan jiru. \u201c\u12c8\u1266\u12a0 \u12a2\u12eb\u122a\u12ae \u12a5\u130d\u12da\u12a5 \u12a2\u12e8\u1231\u1235 \u12c8\u12a5\u1295\u12d8 \u12e8\u1280\u120d\u134d \u12a5\u121d\u1205\u12e8 \u1293\u1201 \u1228\u12a8\u1260 \u1265\u12a5\u1234 \u12d8\u1235\u1219 \u12d8\u12ac\u12ce\u1235 \u1218\u120d\u12a0\u12ae\u1219 \u1208\u1218\u1338\u1265\u1213\u1295 \u12c8\u1263\u12d5\u120d \u12cd\u12a5\u1271 \u12c8\u12e8\u1280\u1225\u1225 \u12ed\u122d\u12a0\u12ee \u1208\u12a5\u130d\u12da\u12a5 \u12a2\u12e8\u1231\u1235 \u12c8\u12eb\u12a5\u121d\u122d \u12a8\u1218 \u1218\u1291 \u12cd\u12a5\u1271 \u12c8\u12a2\u12eb\u1260\u12cd\u1216 \u1265\u12dd\u1280 \u1230\u1265\u12a5 \u12a5\u1235\u1218 \u1210\u1342\u122d \u12cd\u12a5\u1271 \u1260\u1246\u1219\u1361\u1361 \u12c8\u122e\u1338 \u1245\u12f5\u121c\u1201 \u12c8\u12d0\u122d\u1308 \u12f2\u1260 \u1230\u130d\u120b \u12a8\u1218 \u12ed\u122d\u12a0\u12ee \u12a5\u1235\u1218 \u12ed\u12a5\u1272 \u134d\u1296\u1275 \u1200\u1208\u12ce \u12ed\u1285\u120d\u134d\u1361\u1361 Gara Iyyaariikoo seenee darbaa ture. Zakkewoos, innis namoota gibira sassaabaniif too\u2019ataa kan ta\u2019e Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoosiinis eenyu akka ta\u2019e arguuf barbaada ture. Hojjaan isaas gabaabaa ture. Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ilaaluuf gara duratti fiigee muka harbuurra yaabe. Gooftaanis iddoo sana gahee \u201c\u12c8\u1260\u133a\u1216 \u12a5\u130d\u12da\u12a5 \u12a2\u12e8\u1231\u1235 \u1205\u12e8 \u12a0\u1295\u1235\u12a0 \u12a0\u12d5\u12ed\u1295\u1272\u1201 \u12c8\u1290\u1338\u122e \u12c8\u12ed\u1264\u120e \u12d8\u12ac\u12ce\u1235 \u12a0\u134d\u1325\u1295 \u12c8\u1228\u12f5 \u12a5\u1235\u1218 \u12ee\u121d \u1200\u1208\u12c8\u1292 \u12a0\u12d0\u120d \u1264\u1270\u12a8\u1361\u1361 Har\u2019a mana keetti ooluuf Nan barbaada waan ta\u2019eef dafii harbuu kanarraa bu\u2019i.\u201d jedheen. Innis (Zakkewoos) dafee bu\u2019ee Gooftaa isaa gammachuudhaan simate.\u201d Luuq. \u1372\u1371\u1365\u136d\/19:5<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kanarraas waan baay\u2019ee hubanna. Baay\u2019een keenya waan Afuurawaaf dursa ni kennu jedhamnee oggaa eegamnu; waan dachii kanarra baduu danda\u2019uuf yeroo rognu\/loognu ni mul\u2019anna. Jaalala adduunyaaf jecha jaalala Waaqayyoo fi jaalala Qulqullootaarraa fagaannee gara wantoota Waaqni hin jaalannetti maquudhaan yeroo of-wareegnu ni mil\u2019ata.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kana qofa miti, ilaalchuma fooniisaarratti hundaa\u2019uun bareedina fooniif kabaja kennaa fi amaleeffachaa Mana Kiristaanaasaa dhiisee gara amantaa alagaatti kan deemus xiqqaa miti. Nama adduunyaa hordofaa kan badus baay\u2019ee dha. Bareedina fuulaa (simboo namaa), sagalee, deemsa, haala dubbii, kalaqa sammuu fi k.k.f. amaleeffachuuraa darbee hanga isaan waaqeeffatanitti kan geessu akka walii galatti yoo ta\u2019e bareedina foonii ti.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Sabni Waaqayyoo garuu, nama waan adduunyaa (foonii) tuffachuu qabu dha. Kana nu hubachiisuufis Waaqayyo Qulqulluu abbaa Eefreem isa Sooriyaarra bulee \u201c\u12a0\u121b\u1295 \u1218\u1290\u1291 \u1230\u121b\u12d5\u1275 \u1323\u12d5\u121b \u1208\u12db \u12d3\u1208\u121d\u1361\u1361 \u12c8\u12a8\u12a0\u12c9 \u12f0\u121e\u1219 \u1260\u12a5\u1295\u1270 \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u12c8\u1270\u12a0\u1308\u1231 \u121e\u1270 \u1218\u122a\u1228 \u1260\u12a5\u1295\u1270 \u1218\u1295\u130d\u1225\u1270 \u1230\u121b\u12eb\u1275\u1361\u1361 Wareegamtoonni dhugumatti miidhagina adduunyaa kanaa tuffatan, dhiigasaaniis Waaqayyoof jecha dhangalaasan. Mootummaa Waaqayyoofis du\u2019a hadhaa\u2019aa obsan.\u201d (Galata Maariyaam kan Kamisaa) jechuun miidhagina adduunyaa kanaa tuffachuun, Waaqayyoof jecha aarsaa barbaachisu hunda kaffaluun fi Mootummaa Waaqayyoofis jecha gatii kanfalamu hunda kanfaluun barbaachisaa akka ta\u2019e fi akkuma Salomoon ogeessichi \u201cSimboon soba; bareedinnis.\u201d Jechuun dubbateen Fak. \u1374\u1369\u1365\u1374\/31:30 nus isuma kana dhaqna godhannee waan dursa argachuu qabuuf dursa kennaa, waan Waaqayyoon hin jaalanne immoo lagachaa laphee keenya Waaqayyootti deeffachuun lubbuu keenyaaf boqannaa foon keenyaafis dhiifama barootaan hin dulloomne arganna.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Garri afraffaan immoo warra himannaaf qofa Isa barbaadanii dha. Kitaabni Qulqulluu akkas nuun jedha. Fakkeenyaaf:<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">1. \u201c\u12c8\u12a5\u121d\u12dd \u12ed\u1264\u120e \u1208\u12cd\u12a5\u1271 \u1265\u12a5\u1232 \u1235\u134b\u1215 \u12a5\u12f4\u12a8 \u12c8\u1230\u134d\u1210 \u12a5\u12f4\u1201 \u12c8\u1210\u12ed\u12c8\u1275 \u1236\u1264\u1203 \u12c8\u12ae\u1290\u1275 \u12a8\u1218 \u12ab\u120d\u12a5\u1273\u1361\u1361 \u12c8\u12c8\u133a\u12a6\u1219 \u1348\u122a\u1233\u12cd\u12eb\u1295 \u1270\u121b\u12a8\u1229 \u1260\u12a5\u1295\u1272\u12a0\u1201 \u12a8\u1218 \u12ed\u1245\u1275\u120d\u12ce\u1361\u1361 Sanaan boodaas, namicha sanaan \u201cHarka kee diriirsi!\u201d jedheen; innis harkasaa diriirse. Harki isaas akkuma harka fayyaaleettii ishii kaanitti taateef (Harka bitaachaa dha yoo jedhan, akka harka isa mirgaatti; yoommoo harka mirgaa dha jedhan, akkuma harka bitaachaa isaatti taateef. Akka wangeela Luuqaasitti yoo ta\u2019e harka mirgaatu naafe. Luuq. \u136e\u1365\u136e-\u1372\u1369\/6:6-11) Fariisonniis achii bahanii Isa ajjeesuuf mari\u2019atan.\u201d Maat. \u1372\u136a\u1365\u1371-\u1372\u136c\/12:9-14<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">2. \u201c\u12c8\u1270\u1295\u1235\u12a1 \u12b5\u120e\u1219 \u1260\u121d\u120d\u12a6\u1219 \u12c8\u12c8\u1235\u12f5\u12ce \u1280\u1260 \u1332\u120b\u1326\u1235\u1361\u1361 \u12c8\u12a0\u1280\u12d9 \u12eb\u1235\u1270\u12cb\u12f5\u12ed\u12ce \u12c8\u12ed\u1264\u1209 \u201d\u1228\u12a8\u1265\u1293\u1201 \u1208\u12dd\u1295\u1271 \u12a5\u1295\u12d8 \u12eb\u12d0\u120d\u12ce\u1219 \u1208\u1215\u12dd\u1265 \u1265\u1290 \u12c8\u12ed\u12a8\u120d\u12a6\u1219 \u12a2\u12e8\u1200\u1261 \u1338\u1263\u1215\u1270 \u1208\u1244\u1233\u122d \u12c8\u12ed\u122c\u1232 \u122d\u12a5\u1236 \u12ad\u122d\u1235\u1276\u1235\u1203 \u1295\u1309\u1220 \u12a5\u1235\u122b\u12a4\u120d\u1361\u1361\u201d Hundumtuu ka\u2019anii gara Philaaxoositti Isa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) geessan. Akkas jechaas Isa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) himachuu eegalan. \u201cNamni kun uummatni keenya Mootichaaf gibira akaa hin kaffalle kakaasaa, ofii Isaatinis Kiristoos Mootii Israa\u2019eel hoggaa taasisu Isa Agarre.\u201d jechuudhaan. Luuq. \u1373\u136a\u1365\u1369-\u136d\/22:1-5<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">3. \u201c\u12c8\u12ed\u1264\u120d\u12ce \u201c\u12a6 \u120a\u1245 \u1228\u12a8\u1265\u1293\u1203 \u1208\u12db\u1272 \u1265\u12a5\u1232\u1275 \u12a5\u1295\u12d8 \u1275\u12a4\u1265\u1235 \u1260\u12dd\u1219\u1275\u1361\u1361 \u12c8\u1260\u1215\u130d\u1290\u1230 \u1220\u122d\u12d0 \u1219\u1234 \u12a8\u1218 \u1275\u1275\u12c8\u1308\u122d \u1260\u12a5\u1265\u1295\u1361\u1361 \u12c8\u12a0\u1295\u1270\u1230 \u12a5\u1295\u12a8 \u121d\u1295\u1270 \u1275\u1265\u120d \u1260\u12a5\u1295\u1272\u12a0\u1203?\u201d \u12c8\u12d8\u1295\u1270 \u12ed\u1264\u1209 \u12a5\u1295\u12d8 \u12eb\u121c\u12ad\u122d\u12ce \u12a8\u1218 \u12ed\u122d\u12a8\u1261 \u121d\u12ad\u1295\u12eb\u1270 \u120b\u12d5\u120c\u1201 \u1260\u12d8\u12eb\u1235\u1270\u12cb\u12f5\u12ed\u12ce\u1361\u1361 \u201cYaa Barsiisaa, dubartii tana hoggaa sagaagltu argannee qabnee fidneerra. Dubartii dalaga akkanaa kanarra bobbaatee jirtu argamnaan dhagaan tumamtee haa ajjeefamtu!\u201d jechuun seerri nu ajajeera.\u201d (Yooh. \u1370\u1365\u1369-\u1372\u1369\/8:1-11)<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Caqasoota armaan olii kana yoo laalle fariisonni himannaaf qofa Isa (Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos) duuka bu\u2019aa turanis baay\u2019ee dha. Akkuma Maat. \u1372\u136a\u1365\u1371-\u1372\u136c\/12:9-14 irratti ibsameen fi Se\/Bahuu \u1373\u1365\u1370-\u1372\u1369\/20:8-11 dahoo godhachuun, gaaffii himannaa banuuf nufayyada jedhanii kaasanis \u201c\u12ed\u12a8\u12cd\u1295\u1291 \u1260\u1230\u1295\u1260\u1275 \u1348\u12cd\u1236? Guyyaa sambatatti fayyisuun ni eeyyamamaa?\u201d kan jedhu ture. \u201cHin danda\u2019amu\u201d yoo jedhe, \u201cAn nama Waaqayyooti haa jedhu malee miidhamni namaa Isa hin quuqu.\u201d Jechuuf; \u201cFayyisuun ni eeyyamama.\u201d Yoo jedhe immoo, \u2018Seera Muusee ni diige.\u201d Jechaa himachuuf qophaa\u2019anii turan. Ayyaaneeffannaa sambataa isaan hordofan maal akka fakkaatu fi isaan illee hangam jireenya Afuurawaa irraa akka fagaatan sirritti agarsiisa. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoosis irratti baree, gaaffii isaan kaasaniif deebii isaa bifuma gaaffiitiin deebiseefi jira. Akkas jechuun \u201c\u1218\u1291 \u12a5\u121d\u12cd\u1235\u1274\u1275\u12ad\u1219 \u1265\u12a5\u1232 \u12d8\u1266 \u12a0\u1210\u12f1 \u1260\u130d\u12d5 \u12c8\u12a5\u1218 \u12c8\u12f5\u1246 \u1260\u1230\u1295\u1260\u1275 \u12cd\u1235\u1270 \u130d\u1265 \u12a0\u12ae\u1291 \u12ed\u12a5\u1285\u12de \u12c8\u12eb\u1290\u1225\u12a6? Guyyaa sambatatti namni hoolaa tokko qabu hoolaan isaa boolla keessa odoo bu\u2019e dhaqee boolla sana keessaa kan hin baasne jiraa?\u201d<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Kaayyoon isaanii inni guddaan hojiin fayyinaa kun fedha Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin waan raawwatameef qofa hinaaffaniiti malee, sababa biraa Gooftaa kaanyarratti argataniif miti. Guyyaa sambatatti hojii fooniitu dhorkama malee hojiin Afuurawaa hin dhorkamne. Kanaafis Se\/Bahuu \u1373\u1365\u1370-\u1372\u1369\/20:8-11 dubbisuun dhugaasaa nutti hima.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Fakkeenya isa lammaffaas yoo laalle, hojii Afuurawaa Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos hojjechaa tureen gar-malee waan aaraniif qofa waan Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos hin jenne, jedheera jechaa Isatti roorisaa (roorroo dhageessisaa) turaniiru. Mootiin tokko mootummaa isaarratti yoo dhufan hin jaalatu waan ta\u2019eef, Gooftaan keenya gibira mootichaaf kaffalamuu qabu akka hin kaffalmne dhoowwachaa akka jiru fakeessanii himannaaf dhiheessani. Waan Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos barsiise \u201c\u12a6 \u1290\u12a0\u121d\u122d \u12a8\u1218 \u133d\u12f5\u1240 \u1275\u1290\u130d\u122d \u12c8\u1275\u121c\u1205\u122d \u12c8\u12a2\u1273\u12f0\u1209 \u1208\u1308\u133d \u12c8\u122d\u1271\u12d0 \u1275\u121c\u1205\u122d \u134d\u1296\u1270 \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d\u1361\u1361 \u12ed\u12a8\u12cd\u1290\u1290\u1201 \u1290\u1200\u1265 \u1338\u1263\u1215\u1270 \u1208\u1244\u1233\u122d? \u12c8\u121a\u1218 \u12a0\u120d\u1266\u1291? Yaa barsiisaa, waan Ati dubbattu dhugaa akka ta\u2019e fi sagaleen Ati barsiistus sagalee Waaqayyoo Isa dhugaa akka ta\u2019e akkasumas fuula namaa laaltee loogii akka hin hojannes ni beekna. Maarree, mootiif gibira kaffaluun sirrii dha moo sirrii miti?\u201d Jedhanii Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos gaafannaan, Gooftaan keenyaas \u201cMaaf akkanatti naqorattu? Maallaqicha Natti agarsiisaa!\u201d jedheen. Isaanis fidanii itti agarsiisan. \u201cSuuraan fi barreeffamni maallaqicharra jiru kan eenyu ti?\u201d jedheen. Isaanis, \u201cKan mootichaa ti.\u201d Jedhaniin. Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos illee \u201c\u1200\u1261 \u12d8\u1244\u1233\u122d \u1208\u1244\u1233\u122d \u12c8\u12d8\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u1208\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d\u1361\u1361 Kan mootii mootiif kan Waaqayyoo immoo Waaqayyoof laadhaa! jedheen\u201d. Luuq. \u1373\u1365\u1373-\u1373\u136e\/20:20-26 Waanuma kana qofa kan Inni dubbate.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Garuu, Inni kan barsiise kan biraa isaan kaasanii himannaaf kan dhiheessan immoo kan biraa ti. Akkuma Kitaabni Qulqulluun \u201c\u12ed\u1218\u12ed\u1325\u12ce \u1208\u1243\u1208 \u1218\u133d\u1210\u134d \u12a8\u1218 \u121c\u1325\u12ce\u1295 \u1208\u1265\u12d9\u1283\u1295 \u1218\u133b\u1215\u134d\u1275 \u1208\u130d\u12d5\u12de\u1219 \u12c8\u12eb\u121b\u1235\u1291\u1361\u1361 Akkuma kitaabolee biro jallisanitti isa kanas fedhuma fooniisaaniif jecha ni jallisu.\u201d jedhuun jechuu dha. Pheex. \u1369ffaa \u136b\u1365\u1371\/3:9 Yaadni amma kaafne kun namootni himannaaf qofa Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos duuka bu\u2019aa turan jiraachuusaaniif ragaa tokko.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Fakkeenyi inni sadaffaan immoo, hammeenya fariisotaa daran kan ibsu dha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">\u1369ffaa jarri kun dubartii kana \u201cHoggaa isheen sagaagaltu\/eejju arginaan qabnee finne.\u201d jechuun hammeenyasaanii eegalan. Asirratti waan tokko hubachuu dandeenya. Fariisotni kun dubartii sagaagalaa turte qofa fidan malee, namicha ishee wajjiin sagaagalaa ture hin fidne. Nama dhugaa (kabachiistota seera Muusee) odoo ta\u2019an dubartittis nama ishee wajjiin sagaagalaa (eejjaa) tures fiduu qaban ture. Seerri Qulqulluu Muuseen Waqayyoorraa dhagahaa barreesse sana kan eegan odoo ta\u2019an, achumatti yookan gara Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoositti odoo hin fidin tumanii ajjeesu ture.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Karaa biraatinis, gara Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoositti fiduun yoo barbaachisellee dubartittii kophaa hin fidan. Fariisotni seera Muusee ni kabajna, nuti ijoollee Abrihaami dha, duuka buutata Muusee ti, fi k.k.f. jechaa of-jajuu warra gar-malee jaalatanii dha. Akkas haa jedhan malee, hojiin isaanii seera Qulqulluu Muusees ta\u2019e hojii gaarii abbaan keenya Abrihaam hojjetuun sirumaa (gonkumaa) wal hin simatu. Kaayyoon isaanii himannaa fi qormaata qofa.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Inni shanaffaa fi kan dhumaan immoo, kaayyoo isa sirriif Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos duuka waara bu\u2019aa turani dha. Lakkoofsi isaaniis xiqqaa dha. Uummata hamma gabaa shanii caalu keessaa kaayyoo dhugaa qaban dhibba tokkoo fi digdama qofa. Dhibbeentaan yoo shallagaman immoo gara % 2.4 ta\u2019u. Kitaabni Qulqulluus \u201c\u12a5\u1235\u1218 \u1265\u12d9\u1283\u1295 \u133d\u12c9\u12d3\u1295 \u12c8\u1285\u12f3\u1323\u1295 \u1285\u1229\u12eb\u1295\u1361\u1361 Kanneen waamaman hedduu dha. Filatamtootni garuu, xiqqaa dha.\u201d Jechuudhaan kanuma nuhubachiisa. Isaan kun beela lubbuu isaanii fi dheebuu lubbuu isaanii baasuuf dhufan. Isaanis, Duuka Bu\u2019oota kudha lamaan, gargaartota Duuka Bu\u2019ootaa kan ta\u2019an torbaatami lama fi Giiftii keenya Qulqullittii Qulqullootaa kan taate Durbee Maariyaam dabalatee soddomii jaha kan ta\u2019an immmoo dubartoo Qulqulloota ta\u2019anii dha.<\/h3>\n<h3 style=\"text-align: justify\">Barbaachi inni dhugaan kam akka ta\u2019e fakkeenyota armaan oliitti dhihaatan irraa hubachuu dandeenya. Namootni baay\u2019een daandii ishee bal\u2019oo filachuu danda\u2019u. Kiristaanotni garuu, baay\u2019ina namaatiin miti kan amanan; dhugaa qabaachuudhaani malee. Gooftaan isaaniis lakkoofsatti hin amanu. Kana mirkaneessuufis raayyaa Gediyoon yaadachuun gahaa dha. Uummata waamaman kuma soddomii lama keessaa kan filataman namoota dhibba sadi qofa. Namootni 31,700 ta\u2019an garuu, warra duulaaf hin taane dha. Gariin warra kakka\u2019uumsa onnee hin qabne yeroo ta\u2019an, kanneen hafan immoo waarra of-eeggachaa socho\u2019uu hin dandeenye dha. K.Abboota Firdii \u136e\u1365\u1369-\u1375\/6\u13611-40 Waamamtoota keessa odoo hin ta\u2019in filatamtoota keessa akka ida\u2019amnu arjummaan Waaqayyoo, araarsummaa fi gargaarsi Qulqullootaa nurraa hin fagaatin. Ameen.<\/h3>\n<\/div>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0 \u00a0Dn. Ga\/Sillaasee Shittaahun \u201c\u12c8\u1260\u133d\u1263\u1215 \u1270\u1295\u1225\u12a0 \u12c8\u12a0\u120c\u1208\u12e8 \u1325\u1240 \u12c8\u12c8\u1342\u12a6 \u1216\u1228 \u1210\u1245\u1208 \u12c8\u1338\u1208\u12e8 \u1260\u1205\u12e8\u1361\u1361 \u12c8\u12f4\u1308\u1295\u12ce \u1235\u121d\u12d6\u1295 \u12c8\u12a5\u1208 \u121d\u1235\u120c\u1201\u1361\u1361 \u12c8\u1236\u1260 \u1228\u12a8\u1265\u12ce \u12ed\u1265\u120d\u12ce \u12a5\u1295\u130b \u12b5\u1209 \u1215\u12dd\u1265 \u12e8\u1280\u1225\u1221\u12a8\u1361\u1361 Subiin, odoo lafti hin bari\u2019in ka\u2019ee gadi bahe. Gara lafa onaattis dhaqee achittis kadhannaasaa geesse. Simi\u2019ooni fi warroonni isa wajjiin turan fiigaa Isa duuka bu\u2019an. Hoggaa Isa argatanis \u201cHundinuu Si barbaadaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[73],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4284"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4284"}],"version-history":[{"count":4,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4284\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4288,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4284\/revisions\/4288"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4284"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4284"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4284"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}