{"id":4274,"date":"2019-01-25T12:34:23","date_gmt":"2019-01-25T12:34:23","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4274"},"modified":"2019-01-25T13:06:20","modified_gmt":"2019-01-25T13:06:20","slug":"araarsummaa-mana-kiristaana-ortodoksi-tawaahidoo-itiyoophiyaa-keessatti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/araarsummaa-mana-kiristaana-ortodoksi-tawaahidoo-itiyoophiyaa-keessatti\/","title":{"rendered":"ARAARSUMMAA mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessatti"},"content":{"rendered":"<h4 style=\"text-align: justify\">Araarsummaa ilaalchisee adduuyaa irratti ilaalcha sadi jira.<\/h4>\n<ul>\n<li style=\"text-align: justify\">\n<h4>Namootni tokko tokko \u201cAraarsummaa\u201d wanti jedhamu hin jiru. Eenyumtu eenyuuf hin kadhatu kallattiidhaan gara Waaqayyootti dhihaachuun ni danda\u2019ama.\u201d jedhu.<\/h4>\n<\/li>\n<li style=\"text-align: justify\">\n<h4>Tokko\u00a0 tokko \u00a0immo \u00a0\u2018Araarsummaan\u2019 ni \u00a0jira. \u00a0Ni \u00a0barbaachisas.\u201d jedhanii\u00a0 raawwatanii \u201cAraara kan namaaf kadhatu garuu \/Galatni fi ulfinni isumaaf haa ta\u2019uu ti.\/ Kiristoosi dha\u201d nuun jedhu.<\/h4>\n<\/li>\n<li style=\"text-align: justify\">\n<h4>Kanneen biroo ammoo \u201cAraarsummaan ni jira.Araarsummaan gahee uummamtootaa ti malee \u00a0gahee \u00a0UUMAA \u00a0ykn \u00a0gahee \u00a0WAAQAYYOO\u00a0 miti. \u00a0Amantaan \u00a0fi \u00a0barsiifatni Ortodoksi tawaahidoo illee as keessatti ramadama.<\/h4>\n<\/li>\n<li style=\"text-align: justify\">\n<h4>Amantiin pirooteestaantii waa\u2019ee \u2018Araarsummaa\u2019 kan qulqullootaa haala armaan gadiitiin\u00a0barsiisa.<\/h4>\n<\/li>\n<li style=\"text-align: justify\">\n<h4>Wanti \u2018QULQULLUU\u2019 \u00a0jedhamu \u00a0hin\u00a0 \u00a0jiru.Hundi \u00a0keenya \u00a0\/amantootni \u00a0hundumtuu\/\u00a0qulqulloota dha.<\/h4>\n<\/li>\n<li style=\"text-align: justify\">\n<h4>Araarsummaan raawwatame kan jedhamu fooniin yeroo biyya lafaa irra jirru waliif yoo kadhanne hojii irra oola. Yaada kana qophaa isaa yoo laalle, yaada isa duraa wajjiin wal- faallessa \u201cHundi keenya Qulqulloota erga taane, inni tokko isa kaanif araara kadhachuun isaa maalif barbaachise?\u201d gaaffii jedhu kaasisa.<\/h4>\n<\/li>\n<li style=\"text-align: justify\">\n<h4>\u201cDu\u2019a fooniitiin dura malee \u00a0du\u2019a \u00a0fooniitiin \u00a0booda \u00a0namni \u00a0araara \u00a0namaaf \u00a0kadhachuu\u00a0danda\u2019u hin jiru.\u201d kan jedhu dha.<\/h4>\n<\/li>\n<\/ul>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li>\n<h3><strong> Araarsummaan maal inni?<\/strong><\/h3>\n<\/li>\n<\/ol>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Araarsummaan sirnoota kadhannaa mana kiristaanaa keessatti raawwataman keessaa isa tokko.Manni kiristaanaa kadhannaa galateeffannaa, kadhannaa \u201cAraarsummaa\u2019 fi Waaqayyoo irraa\u00a0 \u00a0waan\u00a0 \u00a0rakkanne\u00a0 \u00a0kadhachuu\u00a0 \u00a0fi\u00a0 \u00a0k.k.f.\u00a0 \u00a0ni\u00a0 \u00a0qabdi.Kunis\u00a0\u00a0 dubbisuun\u00a0 \u00a0fi\u00a0 \u00a0yeedaloodhaan raawwatama.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201cGooftaan dhihoo dha.Waan hundumaan kadhannaan fi araara araarsummaadhaan akkasumas galateeffannaadhaan kadhaa keessan Waaqayyoo biratti beeksisaa malee gonkumaa hin dhiphatinaa.\u201d Jedha.(Fil 4\u13656)\u00a0\u201cManni\u00a0\u00a0 \u00a0kiristaanaa\u00a0\u00a0 \u00a0araarsituu\u00a0\u00a0 \u00a0dha. Sababa\u00a0\u00a0 \u00a0kanaaf\u00a0\u00a0 \u00a0manni\u00a0\u00a0 \u00a0kiristaanaan\u00a0\u00a0 \u00a0\u2018Kadhannaa\u00a0Araarsummaa\u2019 \/\u1338\u120e\u1270 \u12a0\u1235\u1270\u1265\u124d\u12d6\/ ni qabdi. Fakkeenyaaf \u201cWaaqayyoon beekumsa fi Isa sodaachuu akka isaaniif kennuuf waa\u2019ee qondaaltota fi w aa\u2019ee warroota aangoo irra jiran si kadhanna.\u201d\/Sirna qiddaasee\/ Kun ammo waan akka laayyootti raawwatamu odoo hin ta\u2019in waan ragaa fi bu\u2019uura Kitaaba Qulqulluu fi dhugaa qabu dha. Phaawuloos \u00a0qulqullichi \u00a0\u201cEgaa, \u00a0Waaqayyoo \u00a0fakkachuudhaan \u00a0fi \u00a0tasgabbiidhaan \u00a0Cal lisnee \u00a0fi tasgabboofnee akka jiraannuuf kadhannaa fi Araarsummaa kadhachuun galateeffannaas namoota hundaaf mootiiwwaniif fi qondaaltotaaf akka raawwatamaniif (taasifamaniif) hundaan dura ni gorsina.\u201d (Xim (1 ffaa ) 2\u13651)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Kiristaanni tokko ofii isaatiif ni kadhata, ni galateeffatas. Akkasumas ofi irraa darbee namoota biroof illee araara ni kadhata; ni galateeffatas. Araarsummaa fi kadhannaan dhuunfaa bifa addan qoodamanii kan \u00a0ilaallamanii dha. \u00a0Haa \u00a0ta\u2019u \u00a0malee \u00a0lachuu \u00a0kadhannaa\u00a0 dha.Lamaanuu qaama kadhannaa ta\u2019uu isaaniitiin akkuma saantima fuula lamaatti haa ta\u2019an malee, manni kiristaanaan keenya garuu kadhaa fi araarsummaa odoo wal-keessa hin makin adeemsisti.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Kanaafuu \u00a0araarsummaa \u00a0jechuun \u00a0walitti \u00a0araarsuu, \u00a0dhiheessuu,\u00a0 akka \u00a0waliif \u00a0galan \u00a0taasisuu, dhiifama akka argatan taasisuu jechuudha.<\/h4>\n<h3 style=\"text-align: justify\"><strong style=\"line-height: 1.5\">2. Araarsummaan gahee (hojii) eenyuu ti?<\/strong><\/h3>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Araarsummaan gahee (hojii) uummamtootaa qofa dha. Haala kamiin illee haa laallu! Goukumaa gadhee (hojii) Waaqaa ykn Uumaa ta\u2019uu hin danda\u2019u.Uummamtota keessaas uummamtoota lamatu \u00a0waan \u00a0kana \u00a0raawwatu.Isaanis\u1366 warri \u00a0Waaqayyoon\u00a0 kabajee \u00a0isaan \u00a0uume \u00a0\u2018Ergamoota waaqaati fi ilma namaa keessaa immoo warroota qab-suura adda addaa keessa dabran arjummaa Isaatiin warra jaallatamtoota isaa ta\u2019an fi warroota kennaa waaqayyoo argatan fi qulqulloota ta\u2019anii dha. Isaan kana keessaa haadha Waaqayyoo Qulqullittii Qulqullootaa kan taate Giiftii Keenya\u00a0 \u00a0Dubroo\u00a0 \u00a0Maariyaami\u00a0 \u00a0gahee\u00a0 \u00a0harka\u00a0 \u00a0caalu\u00a0 \u00a0qabdi.\u00a0 \u00a0Araarsummaan\u00a0\u00a0 hojii\u00a0 \u00a0(gahee) cubbamtootaa miti. Namni cubbamaan cubbuu isaa of irraa haqsiisuuf caaraaquutu irraa eeggama malee \u201ckana irraa darbee deema\u201d jedha \u00a0taanaan \u201ckan\u00a0 ishii \u00a0gubachaa odoo\u00a0 jiru \u00a0kan \u00a0ormaa kokorsiti\u201d \u00a0jechisiisa. \u00a0Laphee \u00a0cubbamtootaa keessaa \u00a0cubbuu \u00a0malee \u00a0eebbi \u00a0\/ \u1260\u1228\u12a8\u1275\/ \u00a0bahuu \u00a0hin dandau.\u201dJedha waanta\u2019eef kitaabni.(Saam. (1ffaa) 24\u136513)<\/h4>\n<ol style=\"text-align: justify\" start=\"3\">\n<li>\n<h3><strong> Araarsummaan bakka meeqatti qoodama?<\/strong><\/h3>\n<\/li>\n<\/ol>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Araarsummaan bakka lamatti ramadama. Tokkoffaan, biyya lafaa kana irratti odoo jiraatan kan raawwatamu oggaa ta\u2019u, inni lammaffaan immoo erga jiruu biyya lafaa kana irraa boqatan booda kan raawwatamu dha.<\/h4>\n<ol style=\"text-align: justify\" start=\"4\">\n<li>\n<h3><strong> Raawwii Araarsummaa<\/strong><\/h3>\n<\/li>\n<\/ol>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Araarsummaan \u00a0Kitaaba \u00a0Qulqulluu \u00a0bu\u2019uura \u00a0godhachuun \u00a0akka \u00a0barsiifannaa \u00a0mana \u00a0Kiristaana\u00a0keenyatti kallattiiwwan gurguddoo sadiin adeemsifama.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">A, \u00a0Namni \u00a0cubbamaan, \u00a0fedhataan \u00a0Araarsummaa\u00a0 Kabaja \u00a0qulqullootaatiin\u00a0 fi \u00a0Miiltoowwan Waaqaa ta\u2019uu isaaniitiin (kennaa Araarsummaatti) kennaa Waaqa Qulullootaa kan ta\u2019e Waaqayyo guddaadhaan amanu, barbaadee fi fedhee qaama Araara isaaf kadhatu bira dhaqee, maqaa araarsaa sana kabajaan waamaa yeroo gaafatu kan raawwatamuu dha. kanaafillee fakkeenya gaarii kan ta\u2019u seenaa Eelsaa raajiichaati Moot. (2ffaa) 2\u13651-16<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201c\u2026. \u00a0Uffata Eeliyaas harkaa fudhate san \u00a0fuudhatee deebi\u2019ee qarara\u00a0 galaana \u00a0Yoordaanoositti dhaabbate.Uffata harka eeliyaas irraa fuudhe saniin galaanicha dhahee raawwatee \u201cWaaqayyoon, Waaqni Eeliyaas garam jira?\u201d jedhe.Bishaanicha illee oggaa dhahu, bishaanichi gamaa fi gamanaan addaan baname.Eelsaan illee ni ce\u2019e.\u201d\u00a0Kana bu\u2019uura godhannee;<\/h4>\n<ul>\n<li style=\"text-align: justify\">\n<h4>\u201cWaaqa Qulqullootaa\u201d jechaa kadhanna.<\/h4>\n<\/li>\n<li style=\"text-align: justify\">\n<h4>Gara Waaqa keenyatti akka nuuf kadhatan Qulqulloota of duraa aansina.<\/h4>\n<\/li>\n<li>\n<h4>Gidiraawwaan, rakkoo fi \u00a0qormaata \u00a0nuful-duratti \u00a0danqaraman \u00a0hunda \u00a0maqaa \u00a0isaanii waamaa gara Waaqayyootti oggaa kadhannu nufuul-duraa dhabama.<\/h4>\n<\/li>\n<\/ul>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u201cIyyoosaafxi, raajicha Waaqayyoo; isa maqaa isaatiin Waaqayyoo gaafannu asitti hin argamuu? Jedhe hojjettoota keessaa tokko Eeliyaasiif bishaan buusuun kan tajaajilu fi tajaajiltoota isaa keessa isa tokko kan ta\u2019e. \u201cIlmi saafaaxi Eelsaan as jira\u201d jedhe. (2Moot.3\u136511)\u00a0Mootichi ofuma isaatii Waaqayyoo gaafachuu ni danda\u2019a ture, garuu kana gochuu dhiisee of gad-qabuudhaan dhihaateera. Kunis kabaja inni qulqullootaaf qabu agarsiisuufi.Eelsaan illee Waaqayyoo kallattiidhaan waamee \u201cBishaan (galaana) kana addaan naaf saaqi.\u201dJechuu danda\u2019a ture.Garuu kabaja fi qulqullummaa abbaa isaa, barsiisaa isaa sirritti waan beekuuf of gad-qabe, Eeliyaas immoo ol-qabee kabajee argamuu isaatiin wanti inni gaafate sun guuttameef jira.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">B, Qulqullichi, kennaan Araarsummaa itti kenname sun gaaffii araarsummaa cubbamichi odoo hin gaafatin qulqullichi fedhiidhuma isaatiin kan dhiheessuu dha.\u00a0Adeemsa araarsummaa isa 2ffaa kana sirritti kan nuuf ibsu, seenaa muusee isa isa S.Bahuu\u00a032\u13651\u201032 irratti argamu, isa tokkoo dha. Uummatni Israa\u2019eel waaqa tolfamaa waaqeffachuu isaaniitiin Waaqayyoon akka isaan hin balleessineef Dureen raajotaa Muuseen Waaqayyoo ful- dura ni dhabbate. Hanga Israa\u2019eelotni \u201cWaaqayyoo nuuf kadhadhu!\u201d jedhanitti illee hin eegne.\u00a0\u201cYaa Waaqayyo dheekkamsi uummata kee isa humna guddaanii fi harka cimaan biyya Misir keessaa baafte\u00a0 irratti \u00a0maaliif\u00a0 hammaata?&#8230;Balaa keerraa deebi\u2019i. Hammeenya uummata kee irrattis garaa laafi.\u201cSanyii keessan akka urjiiwwan samii fi cirracha galaanaatti nan baay\u2019isa, lafa waadaa isiniif gale kana illee isiniif laadha.Bara baraaf illee ni dhaalu.\u201dJedhuun gabroota maqaa keetiin kakatteef san Abrihaam, Yisihiaaq fi israa\u2019eel yaadi.\u201d<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Raajichi muusee kadhannaa kana oggaa xummuru maaltu ta\u2019e jennee odoo gaafanne, \u201cWaaqayyoonis balaa uummata Israa\u2019eel irratti buusuuf yaadee ture san ni dhiise.Garaa ni laafe.\u201d jedha Kitaabni Qulqulluu.\u00a0Dubartiin kana\u2019anii daa imni ishii jalaa dhibamte ,araara gaafachuuf \/kadhachuuf\/ gara Gooftaa keenya fayyisaa keenya Iyyasuus Kiriastoos odoo dhuftu fi kadhattu, duuka buutootni Gooftaa keenyaan (\u2026 Nu duuba iyyaa jirti waan ta\u2019eef geggeessin.)jechuudhaan gaafataniiru. Duuka buutotni kana kan raawwatan \u201cGara Gooftaa keenyaatti naaf kadhaa\u201d. Waan isaaniin jetteef odoo hin ta\u2019in, kennaa araarsummaa isaaniif laatameen dha. \/Mat 15\u136521\u201028). Nutis duuba isaanitti (duuka buutotaatti) yoo iyyine \/kadhanna\/akkuma kana nuuf raawwatu.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Seenaa fakkeenya muka balasii tiin walbira qabamee kaafame fi eegumsa cubbamtootaa ifa baasee kan agarsiisu illee isuma kana nuuf addeessa. Cubbamaan tokko gumaa (firii) buusuu dhabuun (qabaachuu dhabuun) isaa isaaf beekkamuu dhabaatu illee ergamoota isa eeganiif fi qulqullootaaf kan beekkamu ta\u2019uu isaatiin,qulqullootni fi ergamootni isa eegan isaaf kadhatu.Akkas jechaa. \u201cYaa Gooftaa naannawaa ishii shuqunaa koosii \/xaa\u2019oo\/ hanga goonuuf waggaa kanaaf dhiisiin. (Luuq 13\u136510) Isa kana kan beekan Waaqayyoo fi Qulqulloota isaati malee mukattiin hin beektu.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">C, Waaqayyoon qaama Araarsummaa gaafatu fi \u00a0gaafachiisu giddutti seenee \u00a0yeroo ajaju\u00a0 kan raawwatamu dha. Waaqayyoo mataa Isaa nama Isa kadhate kallattiidhaan isa fayyisuu odoo danda\u2019u, \u00a0\u201cAbaluun \u00a0sii \u00a0haa \u00a0kadhatu.\u201d \u00a0maaliif \u00a0jedha? \u00a0Cubbamtoota\u00a0 gara \u00a0namootaatti \u00a0maaf erga? Yoo jenne, tajaajiltoota isaa waan ta\u2019aniif kabaja isaan qaban ibsuuf qofa dha. Akkasumas Inni (Waaqayyoon) kallattii baay\u2019een nama fayyisuu akka danda\u2019u nu hubachisuu fi Dandeettin isaa\u00a0 kunis bu\u2019aa \u00a0arjummaa Isaa\u00a0 akka ta\u2019e \u00a0nuuf beeksisuu barbaadee ti. \u00a0Isa \u00a0k anaaf \u00a0immoo\u00a0fakkeenya gaarii kan nuuf ta\u2019u seenaa Abrihaamii dha.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Mootii Geraaraa kan ture Abemeleek haadha manaa Abrihaami kan taate Saaraa wajjiin fedhii foonii isaa guuttachuuf, kabaja ishii salphisuuf barbaadee ture. Waaqayyoon garuu cubbamaan kamiyyuu cubbuu isaa irraa akka deebi\u2019uufi malee akka badu hin barbaadu waan ta\u2019eef \u201cHaadha manaa namichaa deebisi. Inni raajaa dha waan ta\u2019eef kadhannaa siif raawwata, ni fayyitas.\u201c jechuudhaan gar-laafeenya Waaqayyoo oggaa ibsuu fi gara qulqullootaatti oggaa akeeku (qajeelchu) laalleerra Kitaaba Qulqulluu keessatti. (S.Uum.20\u13651\u201018)<\/h4>\n<h3 style=\"text-align: justify\"><strong>Araarsummaa du\u2019a fooniitiin booda jiru<\/strong><\/h3>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Warrota \u201cAraarsummaa du\u2019a fooniitiin dura jiru ni amanna.Isa du\u2019a fooniitiin booda jiru garuu hin amannu.\u201dJedhaniif Kitaabni Qulqulluu deebii itti aanu qopheesseefi jira.Araarsummaa du\u2019a fooniitiin booda jiru ilaalchisee akkas jedha kitaabni qulqulluu.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Lubbuun, uummamtuu Waaqayyoo irraa namaaf kennamte fi yaaduu, dubbachuu fi jiraachuu kan nu dandeessistu fi booda irratti gara Waaqayyootti kan deebitu dha. (S.Uummamaa 2\u13657, Makbib 12\u13657) Kanaafuu qulqullootni sababni isaan waan hunda beekaniif, du\u2019a fooniitiin booda jiraattota\u00a0 sababni \u00a0isaan \u00a0ta\u2019aniif \u00a0,sababni \u00a0isaan \u00a0nudubbisaniif fi \u00a0kan \u00a0isaan \u00a0dubbisnu \u00a0lubbuu tanaani. Galatni fi Ulfinni Isumaaf haa ta\u2019uutii Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos illee \u201c An Waaqa jiraattotaati malee Waaqa du\u2019ootaa. \u201c sababni jedheef illee kana. (Maat 22\u136532)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Qulqullootni gara Waaqayyoo deeman erga isaan jiruu adduunyaa kana irraa boqatan booda waan adduunyaa kana irra raawwatamu hanguma Waaqayyoon isaaniif ibseen beekuu akka danda\u2019anii fi Araara akka nuuf kadhatan Kitaabni Qulqulluu nuuf ibsa.Fakkeenya armaan gadii haa laallu.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">A, Dhaloota Kiristoosiin dura waggoota 1500 dursee du\u2019a fooniitiin kan boqate Muuseeni fi fooniifi lubbuun isaa odoo gargar hin bahin gara samiitti kan ol bahe Eelyaas lachuu yeroo Gooftaan foon uffatee dhufe san tulluu Taaboor irratti mul\u2019atanii jiru \u2018Kadhannaa oggaa geessu (Gooftaan keenya) bifni fuula isaa ni jijjiirrame uffatni Isaas adii ta\u2019e; akka bakakkaattis ni ife. Namootni lama dhufanii isa wajjiin haasa\u2019aa turan.Isaanis Muusee fi Eeliyaas turan.\u201cKabajaan mul\u2019atanii waan Iyyaruusaaleem keessa uummamuuf jedhu waa\u2019ee bahuu isaas haasa\u2019aa turan. (Luuq 9 \u136529\u201031)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">B, Wareegamtootni du\u2019a foonii erga du\u2019an booda, lubbuu foon uffattee hin jirre saniin waan\u00a0adduunyaa kana irra raawwatamaa jiru akka beekan fi Araarsummaa akka nuuf raawwatan mul\u2019atni \u00a0Yohaannis\u00a0 akka \u00a0nuuf \u00a0ibsutti \u00a0haala \u00a0armaan \u00a0gadiitti \u00a0ibsameen \u00a0taa\u2019a. \u00a0\u201dHidhaa \u00a0isa shanaffaa oggaa hiiku, lubbuu namootaa warra sagalee Waaqayyoof fi wareegamummaa kan isaan eegan saniif qalaman siida aarsa isaa jalattan arge. Sagalee ol-ka\u2019aatiinis iyyaa \u201cYaa Gooftaa \u00a0dhugaa \u00a0fi \u00a0qulqulluu, \u00a0hanga \u00a0yoomitti \u00a0harka \u00a0kee \u00a0murtii \u00a0irraa \u00a0qabda?Haaloo\u00a0 dhiiga keenyaas hanga yoomitti warroota lafa irra jiraachaa jiran irratti baasuu dhiista?\u201d jedhan.Hunda isaaniif uffanni adii itti kenname. Warroota akkuma isaan ajjeefaman saniin ajjeeffamuu qaban, gabrootni michuuwwani fi obboolootni lakkoofsi isaanii hanga xummuramutti waggoota muraasaaf akka boqatan jedhameef .\u201d (Mul .Yooh.6\u13659\u201011)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">C. Barnoota Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos barsise keessaa isa tokko kan ta\u2019e\u00a0 \u00a0seenaan\u00a0 \u00a0Abrihaam,\u00a0 \u00a0Nawee\u00a0 \u00a0\/dureessichi\/\u00a0\u00a0 fi\u00a0 \u00a0Al\u2019aazaar\u00a0 \u00a0du\u2019a\u00a0 \u00a0fooniitiin\u00a0 \u00a0booda\u00a0 \u00a0illee Araarsummaa fi kadhaan akka jiru kan nuuf hubachiisu dha. (Luuq. 16\u136519\u201031)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">D, Pheexiroos qulqullichi erga inni du\u2019ee booda amantootaaf akka kadhatu ibsuun isaa ragaa\u00a0dabalataa dha.\u00a0\u201cAkkuma Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos natti agarsiisetti, jiruu kiyya isa biyya lafaa kana irraa akkan dafee gargar (addaan) bahu nan beeka. Wantoota kana yeroo hunda yaaduu akka dandeessaniif nan tattaaffadha. (2ffaa Phex. 1\u136513\u201015)<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\"><strong>Walumaa galatti<\/strong><\/h4>\n<h4 style=\"text-align: justify\">Warrootni fooniin du\u2019anii lubbuun jiraattota ta\u2019an warroota fooniin jiraattota ta\u2019aniif ni a raarsu. Warrootni fooniin hin dune warra fooniin du\u2019anii lubbuun jiraattota ta\u2019aniin \u201cNu araarsaa!\u201d jechaa ni kadhatu. \u201cJi\u2019oota sanitttis kadhannaan jaallatamtootni koo qulqullootni kadhannaan isaanii gara waaqaatti ol bahe. Warri adduunyaa kana irraa dabaan ajjeefaman dhiigni isaanii waaqa \u00a0ergamtootaa\u00a0 duratti \u00a0ni \u00a0jaallatame. \u00a0Ji\u2019oota \u00a0kana \u00a0keessa qulqullootni \u00a0samiitti \u00a0jiraatan sagalee tokkoon ta\u2019anii wal-ta\u2019anii ni galateeffatu. Ilma namaaf illee dhugumaan ni kadhatu. Uumaa isaanii ni galateeffatu.\u201d (Heenok 12\u136533). Warri fooniin du\u2019an warra fooniin hin duuneef, akkasumas warri fooniin hin dune warra fooniin du\u2019aniif ni kadhatu jechuun kanuma.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: center\">Waaqayyoon Kadhaa fi Araarsummaa Qulqullootaatiin nu haa eegu.<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: center\">Amen<\/h4>\n<h4 style=\"text-align: center\"><strong>M\/K\/O\/Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Qindeessaa fi Qajeelchaa Manneen Barnoota Sambataa<\/strong><\/h4>\n<h4 style=\"text-align: center\"><strong>Waldaa Ququllootaa<\/strong><\/h4>\n<h4 style=\"text-align: center\"><strong>Qindeessaa Barnootaa Wangeelaa fi Tajaajila Duuka bu&#8217;ummaatti Kutaa ijoo Babal\u2019iinsa Lallaba Wangeelaatiin \u00a0qophaa&#8217;e.<\/strong><\/h4>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Araarsummaa ilaalchisee adduuyaa irratti ilaalcha sadi jira. Namootni tokko tokko \u201cAraarsummaa\u201d wanti jedhamu hin jiru. Eenyumtu eenyuuf hin kadhatu kallattiidhaan gara Waaqayyootti dhihaachuun ni danda\u2019ama.\u201d jedhu. Tokko\u00a0 tokko \u00a0immo \u00a0\u2018Araarsummaan\u2019 ni \u00a0jira. \u00a0Ni \u00a0barbaachisas.\u201d jedhanii\u00a0 raawwatanii \u201cAraara kan namaaf kadhatu garuu \/Galatni fi ulfinni isumaaf haa ta\u2019uu ti.\/ Kiristoosi dha\u201d nuun jedhu. Kanneen biroo ammoo [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[73],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4274"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4274"}],"version-history":[{"count":5,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4274\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4279,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4274\/revisions\/4279"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4274"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4274"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4274"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}