{"id":4264,"date":"2019-01-16T18:09:38","date_gmt":"2019-01-16T18:09:38","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4264"},"modified":"2019-01-16T18:09:38","modified_gmt":"2019-01-16T18:09:38","slug":"taabota-waaqa-tolfamaa-waliin-tokko-kan-taasisu-eenyu-dha-2ffaa-qor-6%e1%8d%a516","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/taabota-waaqa-tolfamaa-waliin-tokko-kan-taasisu-eenyu-dha-2ffaa-qor-6%e1%8d%a516\/","title":{"rendered":"Taabota, waaqa tolfamaa waliin tokko kan taasisu eenyu dha? (2ffaa Qor. 6\u136516)"},"content":{"rendered":"<h3 style=\"text-align: center\">\u00a0 \u00a0<strong>Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko<\/strong><br \/>\n<strong>Ameen.<\/strong><\/h3>\n<p style=\"text-align: justify\">Barruun kun kaayyoo lamaaf qophaa\u2019e. Kaayyoon inni duraa warri amntii kana (Ortodiksi Tawaahidoo) keessa jirru beekumsi nuti amantii keenyarratti qabnu dagaagee \u2018Hordofaa, amantiin fi beekumsaan badhaadhe\u2019 taanee amantii keenyaan akka cimnu yoo ta\u2019u, inni lammaffaan immoo akkuma raajiichi \u201cUummanni koo dhaba beekumsaa irraa kan ka\u2019e bade jira\u201d (Hos. 4\u13656) jedhetti, warroota waa\u2019ee amantii kanaa (Ortodoksi Tawaahidoo) hubannaa gahaa odoo hin qabaatiin barsiifannaa dogoggoraatiin badaniif karaa gara amantii ishii dhugaa ittiin deebi\u2019an akka ta\u2019uuf barbaadamee ti.<!--more--><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Taabota jechuun ibsituu kabaja Waaqayyoo, Teessoo isaa kan kabajaa jechuu dha. Waaqayyoon, Bulchaan lafaa fi samii taabooticha irra bulee Muusee akka haasofsiisu ofiisaa Waaqayyo Muuseetti waan himee fi taaboticha irras bulee waan haasoofsiise dhaafi. (S.Bahuu 25:22, S.Lak. 7:89)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Namootni tokko tokkoo Taabota ilaalchisee gaafileen isaan kaasan ni jira. Fkn.<\/p>\n<ul style=\"text-align: justify\">\n<li>Taabota Waaqayyoodhaan \u2018waaqa tolfamaa ti\u2019 kan jedhan jiru.<\/li>\n<li>Warri biroon immoo \u2018Kakuu Mooffaatti Taabotni ni jira ture Kakuu Haaraatti garuu hafeera. Hin barbaachisu.\u2019 Jedhu.<\/li>\n<\/ul>\n<p style=\"text-align: justify\">Taabota ilaalchisee gaaffilee kanaa olitti ka\u2019aniif manni Kiristaanaa keenya akka itti aanutti barsiifti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><u>Gaaffii -1 <\/u><\/strong>:- \u201cOl samii irratti gadi lafa irratti fakkeenyaa fi boca kamiinu fuuldura kee hin kaa\u2019in hin sagadiniifis.\u201d\u00a0 (S.Bahuu 20:4-5) yaada jedhu kaasaa \u2018Taabonni hin barbaachisu\u2019 kan jedhan jiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><u>Deebii<\/u><\/strong>:- Caqasni armaan olii kun waaqota tolfamoo bakka Waaqayyootti waaqeeffatamaniif dha malee, Ibsituu Kabaja isaa kan ta\u2019e Taabotaaf, Fannoo fi fakkii Qulqullootaa fedha Waaqayyootiin kennamaniif \u00a0hin caqasamu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Seerri Waaqayyoo waraqata irratti barreeffamuu oggaa jalqabu, icciitiwwan lakkoofsi isaanii hedduu ta\u2019e dha afaan Waaqayyootiin hangafa raajotaa kan ta\u2019e Muuseetti dubbateera kan dubbatame. Iccitiiwwan raajichi Muuseen Waaqayyo waliin kallattiidhaan haasa\u2019e keessaa immoo \u201cAkkuma isa duraatti <strong>Tsillaatii<\/strong> dhagaa boci!\u201d ajajni jedhu iccitii isa tokko dha.\u00a0 Kunis \u201cWaaqayyoon Muuseedhaan jedhe \u2018Tsillaatii dhagaa, lama akkuma isa duraa godhii tii boci, gara Koos gara gaaraatti ol bahi <strong>Tsillaatota<\/strong> lamaan duraa cabsite irra jechoota turan irran barreessa.\u201d jedha. (S. Bahuu 34:1-2)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Dubbisa kitaaba qulqulluu keessatti bifa mamii hin qabneen akkuma ilaalle Muuseedhaaf bakka <strong>Tsillaatota<\/strong> duraa <strong>Tsillaatii<\/strong> biroo akka hojjetu ajajni (abboommiin) kennameefi jira. Gadi siqees \u201c\u12c8\u12c8\u1240\u1228 \u1219\u1234 \u12ad\u120d\u12a4\u1270 \u12a8\u1218 \u1240\u12f3\u121d\u12eb\u1275; Muuseenis <strong>Tsillaatota<\/strong> lama akkuma isaan duraa godhee boce\u201d jechuudhaan ni guduunfa. (S.Bahuu 34:4)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0\u00a0\u00a0 Egaa jechi kun akkanumaan nama ija fooniinis ta\u2019ee ija lubbuutiin ilaaleef; Waaqayyoon afaan isaatiin \u201cTaabota boci\u201d jedhee Museetti yoo dubbatu Muuseenis \u2018Ameen\u2019 jedhee ajajicha yoo raawwatu agarsiisa. Kunis icciitii hedduu akka qabu ifa dha. \u2018Maaliif\u2019 yoo jedhan ta\u2019e?<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li>Taabota akka bocu Muuseen ajajamuunsaa, Taabotni yeroodhaaf uummata Israa\u2019eeliif seera Waaqeeffannaa raawwachuu fi kadhannaadhaaf akka ta\u2019uufi dha.<\/li>\n<li>Taabotni inni duraa erga cabee booda, Taabota isa lammaffaa akka bocu Abbaan keenya Muuseen ajajamuun, Taabotni maqaa qulqullootaatiin bocamaa dhala dhalootaatiif akka barbaachisu ibsuufi dha. Jecha birootiin Taabootni duraa sababa waaqa tolfamaatiin erga cabe booda, lammaffaa akka bocaman ajajuunsaa Taabonni si\u2019a tokko qofa waaqeffannaaf kan barbaadamu fi sana booda kan gatamu akka hin taane barsiiisufi dha.<\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0Ijoon icciitii kana hundaa garuu, taabootni Kakuu Moofaattis ta\u2019ee Kakuu Haaratti hanga\u00a0 dhumaatti jiraachuuf Waaqayyoo irraa kennamuusaa akka beeknuufi. Kunis:- \u201c\u12c8\u12a5\u133d\u1215\u134d \u12cd\u1235\u1270 \u12cd\u12a5\u1276\u1295 \u133d\u120b\u1275 \u12dd\u12ad\u1270 \u1290\u1308\u1228; Akkuma isa duraa hunda ajaja kurnan isa kanarrattis nan barreessa\u201d jechuu isaati. Wanti bu\u2019uurri guddaan Kakuu Moofaattis ta\u2019ee Kakuu Haaraatti Taabota irra ajajni kurnan jirachuu jiraachuu isaanii ti. Ajaja kurnan keessaa inni tokko immoo \u201cAnaan alatti waaqota biro hin qabaatin!\u201d kan jedhuu dha. S.Ba\u2019uu 20:3<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0 Kanaafuu Taabota irra maqaa isaati malee kan waaqa tolfamaa hin jiru. Taabotaaf sagaduun keenyas seera icciiti kana beekudhaani malee, beekuu dhabnee bobbocaaf yookin waaqa tolfamaadhaaf sagadaa, waaqeeffannaa ormaa (haaraa) raawwachaa hin jirru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0Egaa, maqaan isarra jiru maqaa Waaqaa yoo ta\u2019e; ajajnis (abboommiinis) kan waaqa tolfamaa \u00a0osoo hin taane, kan Waaqayyoo yoo ta\u2019e; afaanuma Waaqayyootiin Taabotni akka bocamu Muuseedhaaf ajaja Malakotaawaa (Waaqummaa) yoo ajaje Taabotni Teessoo maqaa Isaa ta\u2019ee bara baraaf jiraachuuf malee baraan hambifamuu kan danda\u2019u miti. \u2018Maaliif?\u2019 yoo jedhan, bara hangafa raajotaa Muusees ta\u2019e har\u2019a, Taabota irratti kan katabame maqaa Waaqayyooti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Muuseedhaaf Taabonni kennameera. waaqeffannaa Waaqayyoo ittiin raawwachaa turee boqate. Isatti aansee Iyyaasuunis akka Muusee Taabota luboota baachisee gara lafa dhaalaa gale. Boodas Daawiit mana Abiidaaraa irraa gara mana Iyyaabuus fichisiisee Taabota fuulduratti faarfate. (Iya 3:1-17)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">2<sup>ffaa <\/sup>Saamu\u2019eel 6:10-12 Manni Abiidaaraa taabotaan akka eebbifame (kabajame) Daawwitis Taabotaan eebbifamuu barbaaduunsaa kabaja taabotaa raajii afuuraatiin waan beekefiidha. Kanaafuu Muuseedhaa hanga Daawitii, Daawitii hanga dhaloota Kiristoos Taabonni kabajni Waaqayyoo kan irratti mul\u2019atu ta\u2019ee sagadamaafii tureera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kakuu Haaraatti nama ta\u2019ee foon uffatee fannoo irratti fannifamee garaa awwaalaa keessa guyyoota sadii fi halkan sadi bulee du\u2019a mo\u2019ee ka\u2019e. Ka\u2019ee yoo olba\u2019u barsiisota muudeefi olba\u2019e. kana booda Abbootni Duuka Buutonni barsiisaniiru. Baruumsa guyyaa tokkootiin namootni kumaatamaan lakkaawwaman amananiiru. Kanniin keessaa uummanni Qorontoos adda durummaan tuqamu. Uummanni Qorontoos kunniin amananii erga cuuphamanii dukkana keessaa erga bahani boodas, barteen dur baranii turan salphatti dafee jijjiiramuu hin dandanda\u2019uu ti. Oolmaa lallabaa qulqulluu Phaawuloosi dhagahanii bahanii gara mana waaqa tolfamaa deemuunsaanii hin hafne.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Sana kan dhagahe qulqulluun Phaawuloos qulqullummaa Taabotaa, xuraa\u2019ummaa waaqa tolfamaas yoo ibsu \u201cTaabota Waaqayyoo\u201d jedhee waaqa tolfamaa saniin immoo \u201cxuraawaa\u201d jechuudhaan ibse. Kunis \u201c<strong>\u12c8<\/strong>\u1218\u1291 \u12d8\u12ed\u12f4\u121d\u122d \u1273\u1266\u1270 \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u12cd\u1235\u1270 \u1264\u1270 \u1323\u12d6\u1275?; \u00a0Taabota Waaqayyoo mana waaqa tolfamaa keessa kan kaa\u2019u eenyu?\u201d 2<sup>ffaa<\/sup> Qor. 6:16 jedhee erga walbira qabe booda, gara waaqa tolfamaa ormootatti fiigan \/deeman\/ oggaa gorsu \u201c\u12c8\u12a2\u1275\u1245\u1228\u1261 \u1280\u1260 \u122d\u12a9\u1233\u1295; gara xuraawootaatti hin dhiyaatinaa\u201d jechuudhaan isaan gorse, barsiiseesi.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Egaa, \u2018xuraawoo\u2019 yoo jedhu barsiisaan keenya qulqulluun Phaawloos \u201cxuraaawaa\u201d jedhee kan balaaleeffate waaqa tolfamaa yoo ta\u2019u; \u201cTaabota Waaqayyoo\u201d jedhee kan ibse immoo Taaboticha dha. Egaa, Taabotni fi waaqni tolfamaan afaan qulqulluu Phaawloosiitiin akkanatti wal irra fageenya hanga lafaa fi samii ga\u2019u qabu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u201cKakuu Haaraatti Taabotni hin barbaachisu\u201d warra jedhan hunduma isaaniitiif \u201cTaabota Waaqayyoo\u201d jedhamee afaan qulqulluu Phaawloosiitiin kan ragga\u2019ameef; Taabotni jiraachuun, ragaa gahaa dha. Ibsa biraatiin bara qulqullicha Phaawloos waaqa tolfamaanis Taabotnis ni ture jechuu dha. Odoo hin jirre ta\u2019ee immoo Taabotni dur ni ture. Garuu kana dhiisee kanneen biro qofa barsiisuu odoo qabu; Taaboticha waaqa tolfamaa irraa, Kiristoos Belihoor irraa adda baasee hin barsiisu ture. Inni garuu \u201c Kiristoosii fi Belihoor gama kamiinuu gamtaa akka hin qabne Taabotni fi waaqni tolfamaanis akkasuma dha\u201d jedhee Taaboticha \u201cTaabota Waaqayyoo\u201d waaqa tolfamaa sana immoo \u201cxura\u2019aa\u201d jedhee adda baasee barsiise. Egaa, jechi kun amanamaa fi qabatamaa dha malee, barumsa fakkenyaa waan hin taaneef Kakuu Moofaattis ta\u2019e Kakuu Haaraatti Taabotni jiraachuun sirnaan hubachiisa. Mana kiristaanaa Ortodoksi Tewaahidoo Itiyoophiyaatti Taabotni jiraachuunsaa bu\u2019uura jecha kanaatini malee wallaaltotni akka jedhan dogoggoraan miti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Taabota irratti maqaan Waaqayyoo chaappeeffameera. Kan maqaan Waaqayyoo itti chaappeeffame \u201cbobboca\u201d jedhamee waammamuu hin qabu. Dhugaa dha innumtu Waaqayyoon Taabotni akka hoojjetamu (bocamu) gaalee kanaan itti himeera. \u201c\u1240\u122d\u133d \u12a8\u1218 \u1240\u12f3\u121a; akka isa duraa godhi boci!\u201d jedhe. (Ser.Bahuu 34\u13651-2) Haa ta\u2019u malee, isa \u201cboci\u201d jedhee ajaje, Museen kan boce sana maqaan Waaqayyoo erga itti katabame booda \u201cTaabota\u201d jedhe malee \u201cbobboca\u201d jedhamee hin galmoofne. \u201cBobboca\u201d kan jedhamu maqaan Waaqayyoo kan itti hin barroofne wanta bu\u2019aa dhabeessa ta\u2019e dha. Qulqullichi Phawloosis kabajee \u201cTaabota Waaqayyoo\u201d jedhee waame malee \u201cbobboca\u201d jedhee hin hir\u2019ifne. \u201cMaaliif?\u201d yoo jedhan, maqaan isaa itti katabameera waan ta\u2019eefi dha. Waaqayyoon immoo maqaa Isaa waan jaallate irratti barreessee barsiisuu ni dand a\u2019a.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Waaqayyoon Museetti yoo himu \u201cKaraa keetti akka si eeguuf iddoon siif qopheessettis akka sigalchuuf kunoo ani Ergemaa Koo fuldura keetti nan erga, fuuldura isaattis of eeggadhaa! Jecha isaas dhaggeeffadhaa! maqaan Koos isa irra jira waan ta\u2019eef cubbuu yoo hojjettan dhiifama isiniin hin jedhuu waan ta\u2019eef hin mufachisinaa! Jedheen jira. (Seer.Bahuu 23:20-22)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Haala Kanaan yoo ilaallu immoo Taaboticha irratti maqaan isaa chaappeeffameera. Maqaan barreffame immo kan Waaqayyoo waaqeeffannu ta\u2019uu isaatiin fi kan sagadnus maqaa Waaqayyoof malee kan biraatiif akka hin taane ragaa nuuf ta\u2019uufi dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kanaaf, Waaqayyoon, Waaqni keenya Taabota waadaa Isaa Muuseedhaaf yoo kennu maqaan isaa Taaboticha irratti barreeffamee ture. Kunis ibsa kabaja Isaa ta\u2019uuf warra dhalootaan Israa\u2019eelkan ta\u2019aniif kakuu haaraatti Taabotaaf ni sagadna. Maqaansaa itti barraa\u2019eera waan ta\u2019eefi dha. Waaqeeffannaa ormaas hin raawwanne.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u201c\u12c8\u1295\u1230\u130d\u12f5 \u1280\u1260 \u1246\u1218 \u12a5\u130d\u1228 \u12a5\u130d\u12da\u12a5\u1290; bakka miilli Gooftaa keenya dhaabbate hundatti ni sagadna.\u201d (Faar. 131:7) jedhee qolqulluun Daawit akka nu barsiisetti malee, beekuu dhabuudhaani miti. Sababni isaas, Taabotni Waaqayyoo kennaadhaan gargaarsaan kan irra bulu fi irratti mul\u2019atu dha. (Seer. Bahuu 25:22, Seer. Lak. 7:89)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kakuu Haaraa keessa Taabotni Waaqayoo raawwii seera waaqeffannaatiif bu\u2019uura ta\u2019ee tajaajila kenneera. Kunis, maqaan Waaqayoo waan irratti barreeffameefi dha. Kakuu Haaraattis Taabotni Waaqayyoo raawwii seera waaqeeffannaaf kan oolu dha. \u201cMaaliif?\u201d yoo jedhan maqaan waaqayyoo itti barreeffameera waan ta\u2019eefi dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kaleessa Kakuu Haaraatti har\u2019as Wengeelaan kabajni isaa ibsamuu kan danda\u2019e maqaan Waaqayyoo waan itti katabameefi dha. Maqaan Waaqayyoo immoo kaleessa Kakuu Moofaatti fi ha\u2019as Kakuu Haaraattis tokkuma dha. \u2018Tokkuma\u2019 jechuunis maqaan isaa kan biraa, inni kan biraa ti jechuu dha miti. Kanaafuu, har\u2019as ta\u2019ee boru maqaa Waaqayyoo waamuun maqaa isaatiif sagaduun iccitii amantaa keenya dha. \u201c\u12a8\u1218 \u1208\u1235\u1219 \u1208\u12a2\u12e8\u1231\u1235 \u12ad\u122d\u1235\u1276\u1235 \u12ed\u1235\u130d\u12f5 \u12b5\u1209 \u1265\u122d\u12ad \u12d8\u1260\u1230\u121b\u12eb\u1275 \u12c8\u12d8\u1260\u121d\u12f5\u122d \u12c8\u1260\u1240\u120b\u12eb\u1275 \u12c8\u12a5\u1208 \u1273\u1215\u1270 \u121d\u12f5\u122d; samiittis ta\u2019e lafatti maqaa isaatif jilbi hunduu ni jilbeeffata ni sagada\u201d jedhemee akkuma barreeffame, (Fil. 2:10) Israa\u2019eelis Taabota fuulduratti sagada dhiyeessaa turan. (Isa 7:6)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Uummatni Israa\u2019eel Taaboticha kabajuuf jecha yeroo lubootni Taabota baatani, uummanni Taabota irraa hanga ciqilee kuma lama ni fagaatu ture. (Isaa. 3:4) Har\u2019a uummata Mana Kiristaanaa keenyaan kabaja Waaqayyootiif jecha \u201cTaabota irraa fagaadhaa\u201d kan jedhemu kana irraa kan ka\u2019e dha. Solomoon Mana Qulqullummaa guddaa erga hojjate booda, Taaboticha Mana Qulqullummaa kessa kaa\u2019e.\u201d (1Moot. 8:6) Sana boodas tajaajilli sun itti fufeera. Kabajni Taabota kanaa Kakuu Haaraa keessa samii irratti mul\u2019ateera. (Mul.Yooh. 11:19). Waaqayyoo biratti, keessattu Kakuu Haaraa keessatti kabajni Taabotaa lafa irratti qofa odoo hin ta\u2019in kan samiis ta\u2019eera. \u201cTaabotni Waaqayyoo samii irratti muldhate.\u201d Jedhaa waan ta\u2019eef. (Mul. Yooh. 11:19). Kun immoo bara Kakuu Moofaa caalaa bara Kakuu Haaraa kabajni Taabotaa gar-malee kan caalu ta\u2019uusaatii fi Kakuu Haaraatti akka itti tajaajilamnuuf Waaqayyoon kan eeyyeme ta\u2019uu isaa agarsiisa. Waaqayyoon hin eeyyemne odoo ta\u2019e kabaja isaa samii irratti hin ibsu ture. Kakuu Haaraatti Taabota jechuun addunyaa dhaaf ofii isaa aarsaa godhee kan kenne kan Waaqa keenya fi Fayyisaa keenya kan Iyyasuus Kiristoos foonsaa Qulqulluu fi Dhiiga isaa Ulfaataatiif Teessoo (iddoo aarsaa) ti. Taaboticha irrattis kan barreeffamu \u201cAalfaa fi Oomeegaa (kan duras ture ammas kan jiru fi Waaqa bara baraaf jiraatu)\u201d kan jedhu maqaa isaa qulqulluu ti. (Mul. Yoh. 22:13) Taabota fuul-durattis kan sagadamu maqaa Qulqulluu kanaafi dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><u>Gaffii \u2013 2<\/u><\/strong><strong>: (<\/strong>Eer. 3:16) irratti \u201cArmaan booda Taabota Waaqayyoo jettanii yeroon itti hin waamne ni dhufa.\u201d waan jedhuuf, Kakuu Haaraatti \u2018Taabota Waaqayyoo\u2019 jenne waamuu hin qabnu kan jedhen jiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong><u>Deebii: <\/u><\/strong>\u00a0Raajichi Eermiyaas sababni kana jedheef, Israa\u2019eel Waaqayyoo waliin kan wal quunnaman, diina isaanii kan ittiin mo\u2019atan, eebba Waaqayyoo biraa ittiin argatan, Taaboota waadaa kan ta\u2019e kana dhiisanii fuula gara waaqeeffannaa waaqa tolfamaatti deeffatani. Yeroo kana ifa godhee \u201cBaabiloon irraa Naabuukadanatsoor ni dhufa, Iyyaruusaaleem ni weerara, Mana Qulqullummaa keessanis ni diiga. Isiniinis booji\u2019ee fudhatee waggoota 70\u2019f (torbaatamaaf) isin tuma.\u201d jedhee raajii itti dubbate. Kan inni (raajichi) jedhes hin hafne. Naabuukadanatsoor ni dhufe. Iyyaruusaaleem weeraramte. Manni Qulqullummaa isaaniis ni diigame. Meeshaaleen waaqeeffannaas saamaman. Isaanis booji\u2019amanii fudhataman. Amma biyya ormaatti waan \u00a0diina isaanii ittiin mo\u2019atan, waan Waaqayyoo waliin ittiin wal qunnaman Taabotni Waaqayyoo hin argamne. Yeroo sana jechi raajichaa raawwatame. Taabotni Waaqayyoo gidduu isaaniitti hin argamne waan ta\u2019eef, maqaa Taabotichaa waamuu hin dandeenye. \u201cRaajii kana maaliif dubbatte\u201d jedhanii firoota isaa kan ta\u2019an Israa\u2019eelootni Eermiyaasiin boolla finchaanitti darbaniin. Haa ta\u2019u malee, waan inni dubbate keessaa wanti odoo hin raawwatamin hafe hin jiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Nuti kiristaanotni Kakuu Haaraa garuu Taabotni keenya nu jalaa hin badne. Akka tasaa warri jalaa bade waan hin amanneefi dha malee, Taabotni Tsiyooniis ammallee Itiyoophiyaatti argamti. Xummurame.\u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0 \u00a0Gargaarsi Waaqayyoo nurraa hin fagaatiin.<\/p>\n<p style=\"text-align: center\"><strong>Waldaa Qulqullootaatti Qindeessaa Barnoota Wangeelaa fi Tajaajila Duuka bu&#8217;ummaatti Kutaa<br \/>\nol\u2019aanaa Babal\u2019iinsa Lallaba Wangeelaatiin qophaa&#8217;e.<\/strong><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u00a0 \u00a0Maqaa Abbaa, kan Ilmaa, kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen. Barruun kun kaayyoo lamaaf qophaa\u2019e. Kaayyoon inni duraa warri amntii kana (Ortodiksi Tawaahidoo) keessa jirru beekumsi nuti amantii keenyarratti qabnu dagaagee \u2018Hordofaa, amantiin fi beekumsaan badhaadhe\u2019 taanee amantii keenyaan akka cimnu yoo ta\u2019u, inni lammaffaan immoo akkuma raajiichi \u201cUummanni koo dhaba beekumsaa irraa kan [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[73],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4264"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4264"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4264\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4265,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4264\/revisions\/4265"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4264"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4264"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4264"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}