{"id":4258,"date":"2019-01-16T17:51:02","date_gmt":"2019-01-16T17:51:02","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4258"},"modified":"2019-01-16T18:12:22","modified_gmt":"2019-01-16T18:12:22","slug":"cuuphaa-gooftaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/cuuphaa-gooftaa\/","title":{"rendered":"Cuuphaa Gooftaa"},"content":{"rendered":"<h2 style=\"text-align: center\">Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko<br \/>\nAmeen.<\/h2>\n<h6 style=\"text-align: right\"><em>Asaffaa Guddataa<\/em><\/h6>\n<p style=\"text-align: justify\">Waggoota 1981 ar\u2019aa gara duubatti deebinee yoo ilaallu hojiiwwan gurguddoo ardii \/lafa kana irratti hojjetaman keessaa tokko galaana Yoordaanositti cuuphamuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Gooftaan Keenya Maaliif Cuuphame?<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Qaamota sadan keessaa tokko kan ta\u2019e Ilmi yoo foon waliin wal-sime iyyu Inni Gooftaa gooftotaa Mootii moototaa Waaqa waaqotaa dha. Mul. 17:14 , 19:16, K.D 10:17 1Ximo. 7:15.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Gooftaan keenya qorich keenya Iyyasuus Kiristoos nan kabajama kan hin jenne Kabajamaa mootiin ta\u2019a kan hin jenne mootii bara baraa ta\u2019ee otuu jiruu maaliif cuuphamuun isa barbaachise? Gooftaan keenya kan cuuphame akka keenya mucummaa argachuuf miti. Sababni isaas Gooftaan keenya otuu addunyaan hin uumamiin Abbaa amalummaa isaa kan ta\u2019e Waaqa Abbaa irraa dhalateera waan ta\u2019eef.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kana ilaalchisee Qulqulluu Daawit \u201cWaaqayyo nan jedhe ati mucaa Kooti ani ar\u2019an si argadhe \/dhale\u201d jechuun dubbateera. Far. 2:7. Ogeessichi Solomoonis \u201cDuruma bara baraa irraa jalqabeen muudame otuu lafti hin uumamiin dura otuu urriiwwan hin jiraatiin in dhaladhe; otuu burqaawwan bishaanii hin maddiin otuu tulluuwwan hin hundaa\u2019iin tabbaawwan duran dhaldhe. Jechuun dhaloota duraa Ilmaa dhugaa baheera.<!--more--> Fak. 8:23-25. Dhaloota duraa inni jedhamus uumamtoota dura otuu yeroowwan hin uumamiinii fi dabareen wal hin jijjiiriin Ilmi hamma Abbaa gahee Abbaa fakkaatee Abbaa irraa haadha malee dhalachuu isaa dha. Dhalalachuun Isaa boodaa immoo Giiftii keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa Abbaa malee dhalachuu Isaa dha. Kanaaf Gooftaan keenya kan cuuphame mucummaa argachuuf akka hin taane ni hubanna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Maaliif cuuphameree?<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li><strong>Akka Iccitiin ifa bahuuf<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Yeroo Gooftaan keenya cuuphame kan dhala namaaf ifatti hin beekamne iccitiin guddaan mul\u2019ateera. Innis iccitii sadummaa \/Sillaasee\/ iccitii sadummaafi tokkummaa Waaqayyoo dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u201cKunoo samiiwwan ni banaman; Afuurri Waaqayyoos akka gugee yommuu bu\u2019u Isarras yommuu dhufu arge. Kunoo sagaleenis samii irraa dhufee kanin Isatti gammadu Ilmi Koo Ani jaalladhu Kana dha. Jecha jedhu keessaa akkuma ubannu qaamonni sadanuu ifa bahaniiru. Mat. 3:16 -17. Mar. 1:9 \u2013 11. Luq. 3:21 \u2013 22.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yeroo kana maqaan qaamota sadanii ifatti beekame. Sababa kanaaf yeroon kun yeroo ifa bahuu \/bara ifaa jedhamuun waamama.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\" start=\"2\">\n<li><strong>Akka Raajichi Raawwatamuuf<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Raajichi Daawit \u201cGalaannis ni argite ni baqattes Yoordaanosis gara boodatti deebi\u2019e tulluuwwan akka korommii, tabbaawwanis akka korbeeyyii utaalan.\u00a0 Yaa galaanittii, akkana kan baqatte atis Yoordaanos gara boodaatti kan deebite maal taatan? Isin tulluuwwan akka kormoolii gaarreen akka korbeeyyii kan utaaltan maaliif? Waaqa Yaa\u2019iqoob duraa, Gooftaa duraa lafti ni raafamte. Dhagichis gara burqa bishaanitti gophoonis gara haroo bishaaniitti jijjiirame.\u201d Jedhamee raajiin dubbatame akka raawwatuuf Gooftaan cuuphame. Far. 113:3-8.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\" start=\"3\">\n<li><strong>Fakkeenyummaaf<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">\u201cAkka Ani isiniif raawwadhe\u00a0 isinis akka raawwattaniif fakkeenya isiniif kenneera\u201d jechuun akkuma dubbate Gooftaan keenya nu\u2019iif fakkenya ta\u2019uuf galaana Yoordaanositti harka Yohaannisiin cuuphameera. Yoha. 13:15.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Qululluu Pheexiroos \u201cKiristoos immoo akka isa faana buutaniif fakkeenya isiniif dhiisee waa\u2019ee keessaniif gidiraa fudhateera.\u201d Akkuma jedhe cuuphamuun Gooftaa keenyaa fakkeenya ta\u2019uuf dha. 1Phex. 2:21. Gooftaan keenya gara Yoordaanos deemee uummamaa isaa kan ta\u2019e harka Yohaannisiin cuuphameera. Kunis har\u2019a \u201cNuti mootota, abbootii firdii, abbootii aangoo waan taaneef isin Luubonni bakka nuti jirru kottaa nu cuuphaa!\u201d akka hin jenneef fakkeenya nuu ta\u2019uuf dha. Eenyu iyyuu haa ta\u2019u eenyu kan cuuphamu harka Luubotaan Mana Qulqullummaatti dha waan ta\u2019eef.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kakuu Haaraa keessatti namoonni ijoollee isaanii fudhatanii gara Mana Kiristaanaa deemuun akkuma isaanii mucummaa Waaqayyoo \/Sillaasee argatan taasisu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kitaaba Qulqulluu keessatti Liidiyaan maatiiwwan ishee waliin cuuphamteetti. Hoj. Du.Bu. 16:15. Maatii kana keessattis daa\u2019immanis jaarsoliinis akka cuuphaman malee daa\u2019imman fo\u2019ee anbisuun warra kaan akka cuuphan hin barreeffamne. Kan amante Liidiyaa yommuu taatu kan cuuphaman garuu maatiiwwan ishee hunda dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Akkuma kitaaba Kufaalee keessatti \u201cAddaam lafa irratti uumame irraa guyyaa 40 erga guutee booda akka ishee bituufi eeguuf gara Gannataa galchine haadha manaa isaas guyyaa 80 tti ishee galchine\u201d jedhamee dubbatame iccitii kanaan dhiirri guyyaa 40tti dubarri immoo guyyaa 80tti cuuphamu Kuf. 4: 9- 12. Addaam erga uumaamee guyyaa 40tti Hewaan immoo erga uumamtee guyyaa 80 tti mucummaa isaanii Waaqayyo irraa isaaniif kenname fudhachiisaniiru waan ta\u2019eef nutis mucummaa sana deebisuuf guyyaa afurtamaa fi saddeetamatti cuuphamna.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Gooftaan Maaliif Yoordaanositti Cuuphame?<\/strong><\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li>Raajicha raawwachuuf. Akkuma armaan olitti kaasne raajiin Raajaa Daawwitiin dubbatame akka Gooftaan Yoordaanositti cuuphamu dubbata. Far. 113:38. Raajii kana raawwachuuf Gooftaan Yoordaanositti cuuphame.<\/li>\n<li>Xalayaa gidiraa keenya barbadeessuuf<\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Erga Addaamii fi Heewaan Gannata keessaa godaananii diyaabiloos jaallee isaanii fakkaatee isaanitti dhiyaachuun \u201cAkkan gidiraa keessan isiniif salphisu maqaa gabrummaa keessan barreessaa naaf kennaa!\u201d isaaniin jedhe.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Isaanis dhugaa isaanitti fakkaatee \u201cAddaam garbicha diyaabiloosi dha; Hewaan garbitti diyaabiloosi dha\u201d jedhanii kennaniif. Innis tokko si\u2019oolitti isa hafe immoo Yoordaanositti darbate. Gooftaanis xalayaa gabrummaa isa Yoordaanositti darbatame cuuphaa isaatiin akka Namummaa isaatti irra ejjatee, akka Waaqummaa isaattis baqsee; isa si\u2019olitti darbatame immoo erga fannoo irratti du\u2019ee booda lubbuun gara si\u2019ool deemee akka gagaa baqsee nuuf balleesseera. Qol. 1:14. Sababa kanaaf Gooftaan Keenya Yoordaanositti cuuphame.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Taabotonni Maaliif Bultoo isaanii irraa Gara Galaana Cuuphaa deemanii Kabajuu?<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Waaqa waaqotaa, Mootii moototaa ta\u2019ee otuu jiruu gara Yoordaanositti gad bu\u2019ee harka Yohaannisiin cuuphame.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Uumaan gara Yohaannis deemee cuuphamuu isaa yaadachuuf bultoo isaa kan ta\u2019an taabotonni gara galaana cuuphaa deemu. Akkuma Gooftaan keenya Yoordaanositti cuuphamee Yoordaanosiin eebbise taabotonnis galaana cuuphaa eebbisuuf bahu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Maqaa Eenyuun Cuuphame?<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Nuti yoo cuuphamne maqaa Abbaa, Ilmaa Afuura Qulqulluutiin. Inni garuu, uumaa waan ta\u2019eef maqaa eenyuun cuuphame? Gaaffii kana cuuphaan Isaa Qulqulluu Yohaannis \u201cWarra kaan maqaa keetiinan cuupha si\u2019iin immoo maal jedheen cuupha?\u201d jedhee gaafatee ture. Gooftaanis \u201cIlma eebbifamaa ifoomsaa ifaaa dhiifama nuuf godhi. Luubni baraa baraa akka Malka Tseedeeq si dha.\u201d jedhii na cuuphi jedhee jennaan Qulqulluu Yohaanisis akka ajajametti raawwateera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><strong>Ayyaanicha Maaliif Kabajnaa?<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Manni Kiristaanaa Ortodoksi Tewaahidoo Itiyoophiyaa ayyaana cuuphaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bara baraan kabajji.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Ayyaana cuuphaa kan bara baraan kabjnu amaleffannaan otuu hin ta\u2019iin ayyaanicha irraa sugaa fi gargaarsa Waaqayyoo argachuuf. Kunis akkuma Israa\u2019elonni waan Waaqayyo isaaniif taasise yaadachuuf waggaa waggaan kabajan jechuu dha. Seera. Lakk. 15:3. Mat. 26:2.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kan ayyaana cuuphaa Gooftaa keenyaa kabajnu sugaa fi gargaarsa argachuuf malee guyyaa sana kan galaana cuuphaatti cuuphanu mucummaa argachuuf miti. Cuuphaa mucummaa kan cuuphamnu yeroo tokko qofa dha. \u201cGooftaa tokko, amantaa tokko cuuphaan tokko.\u201d akkuma jedhe Eefe. 4:5.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kana jechuun garuu, guyyaa ayyaana Cuuphaa, Cuuphaan mucummaa argamsiisu gonkuma hin jiru jechuu miti. Cuuphaan mucummaa guyyaa kana da\u2019immanis ta\u2019e ga\u2019eessota qophaa\u2019aniif raawwachuu ni danda\u2019a.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Walumaa galatti, hamma eebba argachuuf ayyaana cuuphaa kabajuuf baanetti waantota hojjennu ofirra deebinee haa hubannu. Baayyisanii dhuguu fi machaa\u2019uun, sirbuun, gareen wal qoqqooduun wal loluu fi wal reebuun, durboota rakkisuun otuu hin ta\u2019iin mataa keenya gad qabachuu fi Qulqullinaan ta\u2019uun barbaachisaa dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Taabota fuulduratti hojiiwwan salphinaa raawwachuun nama balleessa. Ser. Lakk. 16:1-35. Ayyaanichi kan kabajamu waan hojii foonii fi waan lafa irraa argachuuf otuu hin ta\u2019iin suga samii argachuuf ta\u2019uu isaa haa hubannu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kanaafuu, guyyaa sana bishaan kadhannaa Qulqulleessaan eebbifameen akka qaamni keessan eebbifamuuf cuuphamuuf qophaahaa! Xabalichaanis (Hora sanaanis) dhukkuba irraa ni fayyitu sugas ni argattu.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Guyyatti baroota dheeraa dura akka yeroo Gooftaan cuuphamu akka geessanitti taasisaa! Gammachuu guddaan kabajaa! Akkuma har\u2019a raawwatame taasisaatii jaallewwanii fi firoottan keessan waliin tokkummaan kabajaa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Waaqayyo Gargaarsaa fi Suga Ayyaanichaa irraa nu haa hirmaachisu! Ameen<\/p>\n<p>&nbsp;<\/p>\n<p style=\"text-align: center\">Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tewaahidoo Itiyoophiyaatti<\/p>\n<p style=\"text-align: center\">Qindeessaafi Qajeelcha Manneen Barnootaa Sanbataa<\/p>\n<p style=\"text-align: center\">Waldaa Qulqullootaan kan qophaa\u2019e<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen. Asaffaa Guddataa Waggoota 1981 ar\u2019aa gara duubatti deebinee yoo ilaallu hojiiwwan gurguddoo ardii \/lafa kana irratti hojjetaman keessaa tokko galaana Yoordaanositti cuuphamuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Gooftaan Keenya Maaliif Cuuphame? Qaamota sadan keessaa tokko kan ta\u2019e Ilmi yoo foon waliin wal-sime iyyu Inni Gooftaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4258"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4258"}],"version-history":[{"count":5,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4258\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4263,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4258\/revisions\/4263"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4258"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4258"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4258"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}