{"id":4239,"date":"2019-01-04T13:46:32","date_gmt":"2019-01-04T13:46:32","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4239"},"modified":"2019-01-10T14:08:07","modified_gmt":"2019-01-10T14:08:07","slug":"%e1%8a%a5%e1%88%b5%e1%88%98-%e1%8a%93%e1%88%81-%e1%89%b0%e1%8b%88%e1%88%8d%e1%8b%b0-%e1%88%88%e1%8a%ad%e1%88%99-%e1%8b%ae%e1%88%9d-%e1%88%98%e1%8b%b5%e1%8a%85%e1%8a%95-%e1%8b%98%e1%8b%8d","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/%e1%8a%a5%e1%88%b5%e1%88%98-%e1%8a%93%e1%88%81-%e1%89%b0%e1%8b%88%e1%88%8d%e1%8b%b0-%e1%88%88%e1%8a%ad%e1%88%99-%e1%8b%ae%e1%88%9d-%e1%88%98%e1%8b%b5%e1%8a%85%e1%8a%95-%e1%8b%98%e1%8b%8d\/","title":{"rendered":"Baga guyyaa dhalachuu Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin Isinin gahe"},"content":{"rendered":"<h2 style=\"text-align: center\"><strong>\u201c\u12a5\u1235\u1218 \u1293\u1201 \u1270\u12c8\u120d\u12f0 \u1208\u12ad\u1219 \u12ee\u121d \u1218\u12f5\u1285\u1295 \u12d8\u12cd\u12a5\u1271 \u12ad\u122d\u1235\u1276\u1235 \u12a5\u130d\u12da\u12a5 \u1261\u1229\u12ad \u1260\u1203\u1308\u1228 \u12f3\u12ca\u1275\u1361\u1361 Har\u2019a magaala Daawititti Fayyisaan isiniif dhalateera. Innis Kiristoos Goofticha dha.\u201d (Luuq. \u136a\u1365\u1369-\u1372\u136a\/2\u13611-12\/)<\/strong><\/h2>\n<p style=\"text-align: right\"><em>Dn. Ga\/Sillaasee Shittaahun<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Addaam abbooma Waaqayyoo diigee, duuti foonii fi duuti lubbuu akkasumas awwaalaatti darbatame fi abiddi bara baraa itti murtaa\u2019ee \u201cAbbaa koo Waaqayyo Gooftaa, Iddoo koo Gannataa dhabee hafaa?\u201d jechaa odoo gaddu, \u201c\u1260\u1210\u1219\u1235 \u12d5\u1208\u1275 \u12c8\u1260\u1218\u1295\u1348\u1243 \u1208\u12d5\u1208\u1275 \u12a5\u1275\u12c8\u1208\u12f5 \u12a5\u121d\u12c8\u1208\u1270 \u12c8\u1208\u1275\u12a8 \u12c8\u12a5\u1275\u1264\u12d8\u12c8\u12a8 \u1260\u1218\u1235\u1240\u120d\u12e8 \u12c8\u1260\u121e\u1275\u12e8\u1362 Guyyoota shanii fi walakkaan booda dhala dhala kee irraa dhaladhee Fannoo kootiin fi du\u2019a kootiin si fayyisa.\u201d Jechuudhaan isa jajjabeesseera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yeroon isaas yeroo gahu, bara irraa bara; ji\u2019arraayis ji\u2019a; torbee isaarraa torbee akkasumas, guyyaasaa irraa guyyaa odoo hin dabarsin Haadha keenya, Fageessituu dheekkamsaa, Fidduu Araaraa, Qulqulleettii Qulqullootaa Giiftii keenya Maariyaamirraa Dubrummaan; akkuma Gadaameessi ishee chaappeeffameen dubrummaa ishee odoo hin jijjiirin dhalateera.<!--more--><\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Kunis akkamitti ta\u2019uu danda\u2019e? yoo jedhan; Giiftiin keenya manuma Yooseef Qulqullichaa keessa odoo jiraattu, barri sun tibba gidiraa (\u12d8\u1218\u1290 \u12a0\u1338\u1263<u>)<\/u> waan tureef, daldalaaf bahee ji\u2019oota sadi dabarsee hoggaa dhufu, michuu isaa kan ta\u2019e Yoohaannis kan jedhamu hayyuun tokko isa (Yooseef Qulqullichaa) gaafachuuf dhufe. Yeroo gara mana Yooseef seenu ulfa\u2019uu Giiftii keenyaa beekee, \u201cDurbeen tun sirraa ulfoofte moo nama biraa irraayi?\u201d jedheen. Yooseefis \u201cAn waan akkanaa kana raawwachuu miti yaadeetu hin beeku.\u201d Jedheen. \u201cMaarree, seeni gaafadhu.\u201djedhee biraa deeme.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yooseef gara Giiftii keenya dhaqee \u201c\u12a6 \u12c8\u1208\u1270 \u12a5\u1235\u122b\u12a4\u120d \u1218\u1291 \u1240\u1228\u1338 \u12a0\u12ad\u1293\u1348 \u12f5\u1295\u130d\u120d\u1293\u12aa\u1364 \u12c8\u12a5\u121d\u1290 \u1218\u1291 \u1338\u1290\u1235\u12aa?\u1364 Yaa intala Israa\u2019eel, eenyutu dubrummaa kee balleessee akka ulfooftu taasise?\u201d Jedhee ishee gaafannaan \u201c\u12a5\u121d \u1218\u1295\u1348\u1235 \u1245\u12f1\u1235\u1364 Afuura Qulqulluu irraayi.\u201d jetteen. Dabaluudhaanis, \u201cMaaloo, simbirrootaan amaluma isaaniirraa; biqiltuuwwanis ija (firii) akka naqatan kan taasisu Waaqayyo kana (An sanyii dhiiraan ala akka ulfaa\u2019u) godhuu dadhabaa?\u201d jettee muka gogee balbala isaanii dura dhaabate lalisee akka argamu taasistee itti agarsiistee jirti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yeroo bayy\u2019ee dhalli namaa waan Waaqayyoon raawwatu tokko hubachuuf ogummaa mataasaa fayyadamee bira gahuu barbaada. Waaqayyo immoo hojiin isaa samuu namaadhaa oli. Akuuma beekkamu, dhalli namaa sanyii kormaa fi sanyii dhalaa irraa wal-hora. Giiftii keenya irratti kan raawwatame garuu, kanarraa aadda. Ulfaan dura, yeroo ulfaas, ulfaan boodaas; akkasumas dahuumsaan dura, yeroo dahuumsaas, dahuumsaan boodaas durbee dha. \u201c\u12c8\u12ed\u1264\u1208\u1292 \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u12dd\u1295\u1271 \u12a0\u1295\u1240\u133d \u12d5\u1345\u12c8 \u12ed\u12a9\u1295 \u12c8\u12a2\u12ed\u1275\u1228\u1280\u12cd \u12c8\u12a2\u12ed\u1263\u12a5 \u1266\u1271 \u1265\u12a5\u1232 \u12a5\u1235\u1218 \u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u12a0\u121d\u120b\u12a8 \u12a5\u1235\u122b\u12a4\u120d \u1266\u12a0 \u1266\u1271 \u12c8\u12ed\u12a9\u1295 \u12d5\u1345\u12c8\u1361\u1361 <em>Waaqayyo anaan <\/em>Karri kun cufamee taa\u2019a malee hin banamu; Waaqayyo Gooftaan Israa\u2019eel achiin waan ol-galeef.\u201d jedha waan ta\u2019eef (Hiz. \u1375\u136c\u1365\u136a\/44\u13612, Galata Maariyaam kan guyyaa Roobii)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Ji\u2019a sagalii fi bultii shaniin baada, guyyaan dhalachuu Gooftaa yeroo gahu, \u201c\u12c8\u133d\u12a0 \u1275\u12d5\u12db\u12dd \u12a5\u121d\u1280\u1260 \u12a0\u12cd\u130d\u1235\u1326\u1235 \u1244\u1233\u122d \u12a8\u1218 \u12ed\u1338\u1210\u134d \u12b5\u1209 \u12d3\u1208\u121d\u1361\u1361 Yeroo sanatti uummanni Adduunyaa keessa kan jiraatan hundinuu akka galmeeffamaniif Awgisxoos mootichaa irraa ajajni ni bahe.\u201d Yeroo kanatti \u201c\u12c8\u12c8\u12f5\u1240 \u12ee\u1235\u134d \u12cd\u1235\u1270 \u133d\u1291\u12d5 \u1218\u12cb\u130d\u12f0 \u1205\u120a\u1293\u1364 Yooseef gar-malee cinqame.\u201d Jedha Kitaabni Qulqulluun. Maaliif cinqame yoo jedhan, \u201cYoon Ishee fuudhee deeme, dhagaan tumanii na jalaa ajjeesu. Yoon dhiisee deeme immoo \u201cWaan goote beekkattee, mudhii jabeeffattee\u201d akkuma jedhamutti \u201cHojiisaa beekkatee Dubree Maariyaam dhiisee dhufe naan jedhu\u201d jedhee ti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Yeroo sanatti Ergamaan Waaqayyoo abjuun itti mul\u2019atee \u201c\u12a6 \u12ee\u1235\u134d \u12c8\u120d\u12f0 \u12f3\u12ca\u1275 \u12a2\u1275\u134d\u122b\u1205 \u1290\u1232\u12a6\u1273 \u1208\u121b\u122d\u12eb\u121d \u134d\u1285\u122d\u1275\u12a8 \u12a5\u1235\u1218 \u12a5\u1218\u1295\u1348\u1235 \u1245\u12f1\u1235 \u12cd\u12a5\u1271\u1362 Ulfi ishee Afuura Qulqulluu irraayi waan ta\u2019eef Kaadhimaa kee Maariyaam fudhachuuf hin sodaatin\u201d jedhee itti himnaan, Giiftii keenya fudhatee gara Beeteeliheemitti dhaqeera. Yeroo sanatti Ayhudootni hammeenyaaf hin taa\u2019an waan ta\u2019eef, bishaan summaa\u2019aa ykn \u2018\u121b\u12e8 \u12d8\u1208\u134b\u2019 haa dhugdu jedhamtee akka dhugdu taasisamteetti. Yeroo sanatti \u201c\u12c8\u12a0\u133d\u12f0\u1208 \u1308\u1343 \u12a5\u121d\u1265\u122d\u1203\u1290 \u1340\u1210\u12ed\u1362 Fuulli Ishee ifa biiftuu caalaa ni ife.\u201d Ifa fuula Ishee agarraan, \u201cMucayyo tanaan waa malee hamanneerra. Wayyoo nuuf!\u201djedhan.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Achumatti odoo jiran, yeroo guyyaa dahuumsaa ishee gahu, \u201c\u12c8\u12c8\u1208\u12f0\u1275 \u12c8\u120d\u12f0 \u12d8\u1260\u12b5\u122b\u1362 \u12c8\u12a0\u1230\u1228\u1276 \u1218\u1295\u12ae\u1265\u12eb\u1272\u1201 \u12c8\u1320\u1265\u1208\u1208\u1276 \u1260\u12a0\u133d\u122d\u1245\u1275 \u12c8\u12a0\u1235\u12a8\u1260\u1276 \u12cd\u1235\u1270 \u130e\u120d \u12a5\u1235\u1218 \u12a0\u120d\u1266\u1219 \u1218\u12ab\u1295 \u12cd\u1235\u1270 \u121b\u1285\u12f0\u122e\u1219\u1362 Ilma Angafaa (Gooftaa) ni deessee, quba isaa isa guddichaa hiitee, bakka bultii waan hin arganneef wayyaan (huccuun) martee mooraa horii keessa ciibsite.\u201d Luuq. \u136a\u1365\u136f\/2:7<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Samii fi lafti kan isaa ta\u2019anii odoo jiran bakka itti dhalatu dhabee mooraa loonii keessa dhalate. Lafa bal\u2019oo kana biqiltuun kan uffise waan uffatu dhabee huccuun marame. \u201c\u1260\u12a5\u1295\u1272\u12a0\u12ad\u1219 \u12a0\u1295\u12f0\u12e8 \u122d\u12a5\u1236 \u12a5\u1295\u12d8 \u1263\u12d5\u120d \u12cd\u12a5\u1271 \u12a8\u1218 \u12a0\u1295\u1275\u1219\u1292 \u1275\u1265\u12d0\u1209 \u1260\u1295\u12f4\u1270 \u12da\u12a0\u1201\u1361\u1361 Qabaata ta\u2019ee odoo jiru, isin deegaa ta\u2019uusaatiin akka badhaataniif dureesichi isiniif jecha deegaa ta\u2019e.\u201d \u1369ffaa Qor. \u1370\u1365\u1371\/8\u13619 Waa malees miti; akka Isa fakkaannuuf, nu fakkaatee kan dhalate. Maaliif dubartii irraa qofa dhalate? Yoo jenne, innis sababa mataasaa danda\u2019e qaba.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li>Dhaloota lamaan nubarsiisuufi dha. Uumamuu Lafaa fi samiin dura haadha malee Abbaa irraa qofa akkuma dhalate; uumamuu adduunyaan booda immoo Abbaa malee Haadha irraa qofa dhalate. \u201c\u120d\u12f0\u1275 \u1240\u12f3\u121b\u12ca \u1270\u12a0\u12cd\u1240 \u1260\u12f0\u1203\u122b\u12ca \u120d\u12f0\u1275\u1361\u1361 Dhalachuun isaa inni duraa Dhalachuusaa isa boodaan\u201d akkuma jedhameen dhalachuu Isaa isa jal-qabaa hubachuu akka dandeenyuuf lammuu dhalachuudhaan nuhubachiise.<\/li>\n<li>Raajiin dubbatame fi fakkeenyi fakkeeffame raawwii akka argatuufi dha. Kunis:-\n<ol>\n<li>\u201c\u1293\u1201 \u12f5\u1295\u130d\u120d \u1275\u1338\u1295\u1235 \u12c8\u1275\u12c8\u120d\u12f5 \u12c8\u120d\u12f0\u1361\u1361 Egaa, Durbeen ni ulfoofti; Ilmas nideessi.\u201d jechuun raajii Raajaa Isaayyaasiin dubbatame akka raawwatamuufis dha. Isaay. \u136f\u1365\u1369-\u1372\u136c\/7:1-14<\/li>\n<li>Abbaan keenya Addaam lafa chaappeeffamte (lafa homtuu irraa hin uumamne fi hin qotamne) irraa argameera. S.Bahuu \u136a\u1365\u136f\/2:7 Haati keenya Heewaanis cinaacha Addaam isa cufamaa ta\u2019e irraa argamteetti. S.Uma. \u136a\u1365\u1373\u1369-\u1373\u136b\/2:21-23 Kun lachuu immoo agarsiistota dubrummaan dhalachuu Gooftaa keenyya Iyyasuus Kiristoosi ti.<\/li>\n<\/ol>\n<\/li>\n<li>Beeteelheemitti dhalachuun isaas ammas raajiin dubbatame fi fakkeenyi fakkeeffame akka raawwatamuufi dha.\n<ol>\n<li>Raajichis \u201c\u1293\u1201 \u1230\u121b\u12a5\u1293\u1201 \u1260\u12a5\u134d\u122b\u1273\u1364 \u12c8\u1228\u12a8\u1265\u1293\u1201 \u12cd\u1235\u1270 \u12d6\u1218 \u1308\u12f3\u121d\u1361\u1361 Efraataatti isa argine; bosona keessas isa arganne.\u201d \u1369\u137b\u1374\u1369\u1365\u136e\/131\u13616 jechuun fedha Waaqayyoof mijataa kan ta\u2019e Raajaan Daawiit dubbateera. Miikkiyaasis \u201c\u12c8\u12a0\u1295\u1272\u1292 \u121d\u12f5\u1228 \u12a4\u134d\u122b\u1273 \u12a2\u1275\u1274\u1213\u1272 \u12a5\u121d\u1290\u1308\u1225\u1270 \u12ed\u1201\u12f3\u1361\u1361 \u12a5\u1235\u1218 \u12a5\u121d\u1294\u12aa \u12ed\u12c8\u133d\u12a5 \u1295\u1309\u1225 \u12d8\u12ed\u122d\u12a5\u12ee\u1219 \u1208\u1215\u12dd\u1265\u12e8 \u12a5\u1235\u122b\u12a4\u120d\u1361\u1361 Ati immoo yaa magaala Beetalheem kutaa Eefraataa; magaalota Yihuudaa warra gurguddoo irraa hin hanqattu, Mootiin Israa\u2019eel eegu si keessaa ni baha.\u201d jechuun abdii horachiiseera. Miik. \u136d\u1365\u136a\/5\u13612<\/li>\n<li>Fakkeenyi isaa immoo, mootii saba qomoo Israa\u2019eel kan ta\u2019e Qul. Daawiit Beeteelheem keessaa filatameera. Saam. (1)\u1369ffaa \u1372\u136e\u1365\u1369\/16:1 Ilmaan namaa lubbuun illee, fooniin illee kan baraare Mootiin Samii fi Lafaa kan ta\u2019e Iyyasuus Kiristoosi Beeteelheemitti dhalachuu isaatiif fakkeenya ture.<\/li>\n<\/ol>\n<\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Yeroo inni dhalatus, beeyladoonni manaas hafuura isaaniitiin isa tajaajilaniiru. \u00a0Kana gochuun isaanii qorra halkanii yeroo sanii hammam akka ulfaatu (namatti qorru) agarsiisuufi dha. Yeroo sanatti Tiksitoonni illee achi turani waan ta\u2019eef, Ifa naannawa sana guutee jiru fi mil\u2019achuu Ergamoota Waaqayyoo arguu isaaniitiin ajaa\u2019ibsiifachaa turan. Yeroo kana Ergamaan Waaqayyoo garasaanii dhaqee \u201c\u12a5\u1235\u1218 \u1293\u1201 \u1270\u12c8\u120d\u12f0 \u1208\u12ad\u1219 \u12ee\u121d \u1218\u12f5\u1285\u1295 \u12d8\u12cd\u12a5\u1271 \u12ad\u122d\u1235\u1276\u1235 \u12a5\u130d\u12da\u12a5 \u1261\u1229\u12ad \u1260\u1203\u1308\u1228 \u12f3\u12ca\u1275\u1361\u1361 Har\u2019a magaala Daawititti Fayyisaan isiniif dhalateera. Innis Eebbifamaa Kiristoos Goofticha dha.\u201d Ergamoonni Waaqayyoos \u201c\u1235\u1265\u1210\u1275 \u1208\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u1260\u1230\u121b\u12eb\u1275 \u12c8\u1230\u120b\u121d \u1260\u121d\u12f5\u122d \u1235\u121d\u1228\u1271 \u1208\u1230\u1265\u12a5\u1361\u1361 Samiirratti Waaqayyoof galanni haa ta\u2019u; dhala namaafis akkasuma lafarratti.\u201d jechaa hoggaa gara samii ol-bahan arganii \u2018Dhaqnee laalla.\u201d Jedhanii deemnaan, Ergamoonnis \u201c \u1230\u121b\u12ed \u12d9\u134b\u1291 \u121d\u12f5\u122d \u1218\u12a8\u12e8\u12f0 \u12a5\u130d\u1229\u1361\u1361 Samiin teessoo isaa laftis bakka ejjennoo komeesaafuu kan hin geenye\u201d (Isaay. \u1377\u136e\u1365\u1369\/66\u13611) Gooftaan gooftolii hojjaa gabaabaan fi bal\u2019ina dhiphaan murtaa\u2019ee, huccuun maramee, mooraa keessa ciisee jiruun arganii gammadanii gara samiitti ol-baanaan, abbummaa amalaa Abbaa Isaatiin fi Jireenya Amalumaa Afuura Qulqulluutii wal-qixxaatee jiru laalanii \u201c\u1235\u1265\u1210\u1275 \u1208\u12a5\u130d\u12da\u12a0\u1265\u1214\u122d \u1260\u1230\u121b\u12eb\u1275 \u12c8\u1230\u120b\u121d \u1260\u121d\u12f5\u122d \u1235\u121d\u1228\u1271 \u1208\u1230\u1265\u12a5\u1361\u1361 Samiirratti Waaqayyoof galanni haa ta\u2019u; dhala namaafis akkasuma lafarratti.\u201d Jechaa galateeffatanii, mi\u2019aayina galataa irratti mi\u2019aayinni galataa dabalameefi, kennaarrattis kennaan dabalameef gammadaniiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Akkuma ilaalletti, dhalachuu Gooftaa keenyaan kan gammadan Ergamoota Waaqayyoo fi ilmaan namaa qofa miti; beeladoonnis, bineensonnis gammadaniiru. Kun akka beekamuufis gaafa Gooftaan itti dhalatetti kallattii \u2018Quwaaraa\u2019 irraan nama lagataa adduunyaa (baahitaawii) hidda mukaa (quwaarf) qotaa odoo jiru, kurupheen takka \u201c\u12ee\u121d \u1270\u12c8\u120d\u12f0 \u1218\u12f5\u1283\u1294 \u12d3\u1208\u121d\u1361\u1361 Fayyisaan adduunyaa amma dhalate. \u12ee\u121d \u1270\u12c8\u120d\u12f0 \u1264\u12db \u12b5\u1209 \u12d3\u1208\u121d\u1361\u1361 Beenyaan lubbuu ilmaan namaa amma dhalate. \u12ee\u121d \u1270\u12c8\u120d\u12f0 \u12a8\u1233\u1274 \u1265\u122d\u1203\u1295\u1361\u1361 Mil\u2019achiisaan Ifaa amma dhalate.\u201d Jechaa burraaqaa jirtuun arge.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Kana qofa miti, \u201c\u1260\u12a5\u1295\u1270 \u120d\u12f0\u1271 \u1208\u12ad\u122d\u1235\u1276\u1235 \u12a0\u12f5\u1263\u122d \u12ae\u1291 \u1205\u1265\u1235\u1270 \u1215\u12ed\u12c8\u1275 \u12c8\u12d5\u1340\u12c8 \u1308\u12f3\u121d\u1292 \u1348\u1228\u12e9 \u12a0\u1235\u12ab\u1208 \u1260\u1228\u12a8\u1275 \u12c8\u121b\u12e8 \u1263\u1215\u122d\u1292 \u12ae\u1290\u1275 \u1210\u120a\u1260 \u12c8\u1218\u12d3\u1228\u1361\u1361 Dhalachuu Gooftaa keenyaan gaarreen soorata jireenyaa ta\u2019ani. Mukkeen bosonaas ija eebbifamaa naqatan. Bishaan galaanaas damma fi aannan taate.\u201d jedhamuudhaa afaan Yaareed Qulqullichaatiin akkuma dubbatameen Dhalachuu Gooftaa keenyaan raajiin ajaa\u2019ibsiisaan mul\u2019ateera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Ammas, \u201c\u1230\u1265\u12a0 \u1230\u1308\u120d\u1364 Namoota Ogummaa (Maantuseemaar, Maalkuu fi Baadiidaasfaa)\u201d kan jedhaman mootootni Faars, dhalachuu Gooftaa keenyaa mul\u2019achuu urjii adda taateen beekanii Sookoo (warqee), Ixaana fi Qumbii (karbee) Gannata keessaa argame fuudhanii dhufanii Gooftaa keenyaaf harka kaa\u2019aniiru.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Sookoo (warqee), Ixaana fi Karbee kana akkamitti argachuu danda\u2019an yoo jenne, erga abbaan keenya Addaam Gannati keessaa baheen booda, Ergamoonni Waaqayyoo Qulqulluu Mikaa\u2019eel, Qulqulluu Gabri\u2019eel fi Qulqulluu Ruufaa\u2019eel Sookoo (warqee), Ixaana fi Karbee fidanii itti kennani. Innis (Addaam) Heewaaniif \u201c\u1295\u1235\u12a2 \u12d5\u1340\u12aa! Fuudhu firii kee! (ija mukaa)\u201d jedhee itti kenne. Ishiinis Seetiif (mucaa bakka Abeelitti dhalate) kennite. Akks jechaa dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufee bara Akaazitti mootii Teelgeelfeelsoor jedhamu booji\u2019ee fuudhee kutaa qabeenyaa isaa keessa kaa\u2019ee ture.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Abbaan isaanii (kan namoota ogummaa) Zharadashat (filoosoofeera dha) gayyaa tokko qarqara galaanaatti dhaqee falaasama isaa yeroo geggeessu, gabatee (saleedaa) urjii irratti durbee finna ishii hammattee jirtu arge. Waan arge sana gabateerratti (saleedaarratti) bocee lafa kaa\u2019e. Hoggaa dulloomee du\u2019uuf gahu ijoolleesaa waammatee \u201cYaa ijoollee koo, gaafa urjii gosa kanaa samiirra argitan, Mootiin Samiirraa ni dhalata waan ta\u2019eef waan kana (Sookoo \/warqee\/, Ixaana fi Karbee) fuudhaa dhaqaa too harka fuudhaa! \/gabbaraa!\/\u201d jedhee itti kennee du\u2019eera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Mootootni kunis, gorsa abbaa isaanii fudhatanii kudha lama ta\u2019anii ka\u2019anii karaarra diinni itti kaanaan sagalan isaanii deebi\u2019aniiru. Isaan sadeen garuu, Sookoo (warqee), Ixaana fi Karbee fuudhanii dhufanii harka fuudhaniiru \/gabbaraniiru\/. Kana dhufiitiin Sookoo (warqee), Ixaana fi Qumbii (Karbee.)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Hoggaa Sookoo (warqee), Ixaana fi Qumbii (Karbee) harka kaa\u2019uuf (gabbaruuf) dhufan san magaala Heeroodsi irran dhaufan waan ta\u2019eef, \u201c\u12a0\u12ed\u1274 \u1200\u120e \u1295\u1309\u1220 \u12a0\u12ed\u1201\u12f5 \u12d8\u1270\u12c8\u120d\u12f0? \u12a5\u1235\u1218 \u122d\u12a2\u1290 \u12ae\u12a8\u1260 \u12da\u12a0\u1201 \u1260\u121d\u1225\u122b\u1245 \u12c8\u1218\u133b\u12a5\u1290 \u12a8\u1218 \u1295\u1235\u130d\u12f5 \u120e\u1271\u1361\u1361 Mootichi Ayihuudotaa inni dhalate eessa jira? Gulummaa (gizaat) Bahaa irraan urjiin eeramaa dhufneerra; dhaqnee sagadnaaf.\u201d jedhanii gaafannaan Heeroodsi rifatee ogeeyyiisaa waamee \u201cWaan kana quba qabduu? Bara keenya kanatti mootiin dhalatu jiraa?\u201d jedhee gaafannaan \u201cEeyyeen. Beeteelheemitti ni dhalata \u201c\u12c8\u12a0\u1295\u1272\u1292 \u1264\u1270\u120d\u1214\u121d \u121d\u12f5\u1228 \u12a4\u134d\u122b\u1273 \u12a2\u1275\u1274\u1213\u1272 \u12a5\u121d\u1290\u1308\u1225\u1270 \u12ed\u1201\u12f3\u1361\u1361 \u12a5\u1235\u1218 \u12a5\u121d\u1294\u12aa \u12ed\u12c8\u133d\u12a5 \u1295\u1309\u1225 \u12d8\u12ed\u122d\u12a5\u12ee\u1219 \u1208\u1215\u12dd\u1265\u12e8 \u12a5\u1235\u122b\u12a4\u120d\u1361\u1361 Ati immoo yaa mandara Beetalheem kutaa Eefraataa magaalota Yihuudaa warra gurguddoo irraa hin hanqattu; Mootiin Israa\u2019eel eegu si keessaa ni baha.\u201d \u121a\u12ad \u136d\u1365\u136a\/Miik. 5:2 jedhamee raajii Raajotaan dubbatameera.\u201d Jedhaniin. Innis (Heeroodsi), Beektota sadeeniin \u201c\u1270\u1230\u12a0\u1209 \u1325\u12e9\u1240 \u1260\u12a5\u1295\u1270 \u12cd\u12a5\u1271 \u1215\u1343\u1295 \u12c8\u12a5\u121d\u12a8\u1218 \u1228\u12a8\u1265\u12ad\u121d\u12ce \u130d\u1265\u12a1 \u1280\u1264\u12e8 \u12c8\u12dc\u1295\u12c9\u1292 \u12a8\u1218 \u12a5\u121d\u133b\u12a5 \u12a0\u1290\u1202 \u12c8\u12a5\u1235\u130d\u12f5 \u120e\u1271\u1361\u1361 Waa\u2019ee mucaa sana sirritti qoradhaa! Yoo argattaniin asumaan deebi\u2019aa! Anis dhaqeen sagadaaf.\u201d \u00a0Jedhee geggeessen. Maat. \u136a\u1365\u1369-\u1372\u136d\/2:1-15, Yaareed Qulqullichaa Baha Ifaan, \u122d\u12a5\u12ee\u1219 \u12a5\u120d\u12ad\u1271 \u1218\u1220\u130d\u120b\u1295 \u1270\u1348\u1225\u1211 \u12d3\u1262\u12e8 \u134d\u1225\u1210 \u1266\u12a1 \u1280\u1264\u1201 \u12c8\u1246\u1219 \u1245\u12f5\u121c\u1201 \u12c8\u12c8\u12f5\u1241 \u12f2\u1260 \u121d\u12f5\u122d \u12c8\u1230\u1308\u12f1 \u120e\u1271 \u12c8\u12a0\u122d\u1283\u12c9 \u1218\u12db\u130d\u1265\u1272\u1206\u1219 \u12c8\u12a0\u1265\u12a1 \u120e\u1271 \u12a0\u121d\u1283 \u12c8\u122d\u1240 \u12a8\u122d\u1264 \u12c8\u1235\u1282\u1290\u1361\u1361 \u12c8\u12ed\u1264\u1209 \u12a0\u121d\u1283 \u12a0\u1263\u12a5\u1290 \u1208\u12a8 \u12a5\u1323\u1290 \u12a0\u1245\u1228\u1265\u1290 \u1208\u12a8 \u12a5\u121d\u12da\u12a0\u12a8 \u1208\u12ad\u1261\u122d \u1235\u121d\u12a8 \u12a1 \u12a0\u121d\u120b\u12ad\u1290 \u1260\u12a5\u1295\u1270 \u1283\u1322\u12a0\u12a0\u1270 \u1215\u12dd\u1265\u12a8 \u12a8\u1218 \u1275\u1275\u12c8\u12a8\u134d \u1235\u12a5\u1208\u1276\u1219 \u12c8\u1218\u1225\u12cb\u12d5\u1276\u1219 \u12d8\u1218\u133b\u12a5\u12a8 \u12a8\u1218 \u1275\u1225\u1228\u12ed \u120e\u1219 \u1283\u1322\u12a0\u1276\u1219\u1361\u1361 Namoonni ogummaa sunis arganii guddaa gammadan, gara mucaa keettis seenanii iIsa dura dhaabatan. Lafattis kufanii sagadaniif. Sanduuqa isaaniis bananii sookoo (warqee), ixaana fi qumbii harka-fuudhii (simannaa) dhiyeessaniif. \u201cKadhannaa lammiikee aarsaa isaanii fudhachuuf cubbuusaaniis isaanii dhiisuuf kan dhufte yaa Gooftaa keenya, harka-fuudhii siif dhiheessine, maqaa Kee ulfaataafis ixaana Si\u2019irraa arganne siif dhiheessine.\u201d <em>Baha Ifaa keey. <\/em><em>\u136c<\/em><em>\/<\/em><em>4ffaa<\/em> Ogeeyyiin kun dhufanii sagadanii Sookoo Mootummaa isaaf, Ixaanicha immoo Waaqummaasaaf Qumbii (Karbee) immoo nuuf jecha du\u2019uu Isaaf gabbaran san, tokkoon tokkoo isaanii raajii gara garaa laalan. Inni tokko daa\u2019ima argee harka fuudhee sagadee bahe. Inni kuun immoo ga\u2019eessa argee innis harka fuudhee sagadee bahe. Inni sadaffaanis maanguddoo argee harka fuudhee sagadee bahe. Dhumarrattis, inni daa\u2019ma arge \u201cAn daa\u2019ima argee harka fuudhee sagadeen dhufe.\u201d jedhe. inni ga\u2019eessa arges, \u201cAn ga\u2019eessa argee harka fuudhee sagadeen dhufe.\u201d jedhe. Inni maanguddoo arges, \u201cAn maanguddoo argee harka fuudhee sagadeen dhufe.\u201d jedhe. Waan argan ajaa\u2019ibsiifatanii irra deebi\u2019anii gara daa\u2019imichaa deemnaan isa daa\u2019ima argeef ga\u2019eessa, isa ga\u2019eessa argeef maanguddoo fi isa maanguddoo argeef immoo daa\u2019ima ta\u2019ee itti mul\u2019ate. Ammas waan argan ajaa\u2019ibsiifatanii irra deebi\u2019anii si\u2019a sadaffaaf seennaan, isa daa\u2019ima fi ga\u2019eessa ta\u2019ee itti mul\u2019ateef maanguddoo, isa ga\u2019eessa fi maanguddoo ta\u2019ee itti mul\u2019ateef daa\u2019ima fi akkasumas isa maanguddoo fi daa\u2019ima ta\u2019ee itti mul\u2019ateef immoo ga\u2019eessa ta\u2019ee itti mul\u2019annaan ajaa\u2019ibsiifachaa galateeffataniiru. Galaa (sinqi) akka ta\u2019uufis Giiftiin keenya biddena garbuu tolchitee itti kenniteetti. Isaanis, hamma biyyasaanii gahanitti miseensota raayyaa isaanii wajjiin nyaachaa turanii hoggaa magaala isaanii gahan, \u201cNyaata Qulqulluu kana gara magaala keessa hin galchinu.\u201d jedhanii seensa magaalichaatti awwaalanii galani. Warri magaalichaa keessa turan \u201cGeessanii dhuftanii?\u201d jennaanin \u201cEeyyeen, geenyee dhufne.\u201d jedhaniin. Jarrillee \u201cMeerree ragaan keessan?\u201d jedhanii gaafannaan,<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify\">\n<li>Karaa waggaa lamaaf deemne guyyaa afurtamaan dhufneerra.<\/li>\n<li>\u201cHaati Mootichaa (Daam\u2019imichaa) galaaf (sinqiif) biddeena nuuf kennite tajaajiltoota keenya wajjiin soorachaa dhufnee gara magaalaa hin galchinu jennee seensa magaalichaatti awwaalleerra.\u201d jedhanii itti himnaan \u201cNutti agarsiisaa!\u201djennaan ho\u2019ituu isaa (ho\u2019i isaa odoo ol-hurku) ilaalanii ajaa\u2019ibsiifataniiru.<\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify\">Dhalachuun Gooftaa keenyaa jaalala ilmaan namaa giddutti dhufeef hundee dha. Waaqayyoo fi nama, namni fi Ergamoonni akkasumas lafti fi samiin jaalala uumaniiru. Karaa biraatiin illee yoo laalle, Gooftaan keenya nuuf jecha aarsaa ta\u2019uu kan jalqabe daa\u2019imummaa isaatirraayi. Raajii agarsiisuu kan jalqabe illee daa\u2019imummaa isaatirraayi. Sababuma isaatiin dhaaltuu Mootummaa isaa, faarsituu maqaa Isaa, eeebbistuu ulfina Isaa taanerra. Fedhuma isaatiin kadhannaan keenya haqxuu cubbuu, human seexanaa kan dhabsiisu fi Mootummaa Waaqayyoo kan dhaalchisu ta\u2019eera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Waaqayyoof galanni haa ta\u2019u.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Durbee Isa deesseefis Fannoo Ulfaataa Isaafis<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\">Galanni haa ta\u2019u.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify\"><u>Kitaabilee Wabii<\/u><\/p>\n<ul>\n<li style=\"text-align: justify\">Kitaaba Qulqulluu hiikkaa Amaariffaa maxxansa bara 2000 B.A<\/li>\n<li style=\"text-align: justify\">Kitaaba Qulqulluu hiikkaa Afaan Oromoo maxxansa bara 1997 B.A<\/li>\n<li style=\"text-align: justify\">Hiika galuumsaa Wangeelota Afranii (Andimtaa Wangeel)<\/li>\n<li style=\"text-align: justify\">Faarsaa Daawit Kan Gi\u2019iizii maxxansa bara 2003 B.A<\/li>\n<li style=\"text-align: justify\">Hiika galuumsaa ergaawwan Duuka bu\u2019aa Phaawloos Qulqullicaa (Andimtaa Paawloos)<\/li>\n<li style=\"text-align: justify\">Galata Maariyaan<\/li>\n<\/ul>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u201c\u12a5\u1235\u1218 \u1293\u1201 \u1270\u12c8\u120d\u12f0 \u1208\u12ad\u1219 \u12ee\u121d \u1218\u12f5\u1285\u1295 \u12d8\u12cd\u12a5\u1271 \u12ad\u122d\u1235\u1276\u1235 \u12a5\u130d\u12da\u12a5 \u1261\u1229\u12ad \u1260\u1203\u1308\u1228 \u12f3\u12ca\u1275\u1361\u1361 Har\u2019a magaala Daawititti Fayyisaan isiniif dhalateera. Innis Kiristoos Goofticha dha.\u201d (Luuq. \u136a\u1365\u1369-\u1372\u136a\/2\u13611-12\/) Dn. Ga\/Sillaasee Shittaahun Addaam abbooma Waaqayyoo diigee, duuti foonii fi duuti lubbuu akkasumas awwaalaatti darbatame fi abiddi bara baraa itti murtaa\u2019ee \u201cAbbaa koo Waaqayyo Gooftaa, Iddoo koo Gannataa dhabee hafaa?\u201d jechaa [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4239"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4239"}],"version-history":[{"count":7,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4239\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4253,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4239\/revisions\/4253"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4239"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4239"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4239"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}