{"id":4232,"date":"2018-12-07T20:31:31","date_gmt":"2018-12-07T20:31:31","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4232"},"modified":"2019-01-04T14:12:03","modified_gmt":"2019-01-04T14:12:03","slug":"dubbii-fayyinaa-mana-kiristaana-ortodoksi-tawaahidoo-itiyoophiyaatti","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/dubbii-fayyinaa-mana-kiristaana-ortodoksi-tawaahidoo-itiyoophiyaatti\/","title":{"rendered":"Dubbii fayyinaa\u00a0Mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: justify;\"><strong>\u201cGooftaanis warroota fayyyuu qabaniif guyya guyyaan isaanirratti dabalaa ture.\u201d<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>(Hoj.D.B. 2<\/strong><strong>\u1365<\/strong><strong>47)<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><em>Kaayyoon ijoo qophii barruu kanaa:-<\/em><\/strong><\/p>\n<ul style=\"text-align: justify;\">\n<li><strong><em>Waa\u2019ee fayyina dhala namaa ilaalchisee warroota karaa ifa ta\u2019een hubachuu hin dandeenyeef waa\u2019ee \u00a0fayyinaa waan isaan haasa\u2019an Kitaaba Qulqulluudhaan ala kan ta\u2019e ta\u2019uu isaa agrsiisuuf barbaadamee ti.<\/em><\/strong><\/li>\n<li><strong><em>Warroota \u201cAmantiidhaan qofa \/amanuudhaan qofa\/ fayyina.\u201d jedhaniif \u00a0barsiifatni isaanii dogongora akka ta\u2019e ibsuu; sababni isaas amantiin hulaa\/karra\/ fayyinaa ti malee, mataa isaa \u2018fayyina\u2019 miti. Sababni inni \u2018hulaa\/karra \/ fayyinaa ti.\u2019 jedhameef illee, isaan alatti \/amantiin alatti\/ gara kamiyyuu deemuun waan hin danda\u2019aamneef dha.<\/em><\/strong><\/li>\n<li><strong><em>Gocha fayyinaa isa Fannoo irratti taasifameen Addaam fi ijoolleen isaa maal irraa akka fayyan addeessuu\/ibsuu\/ dha.<\/em><\/strong><\/li>\n<li><strong><em>Maal irraa fi akkamitti akka nufayyise ibsuuf; fayyina keenya haala kamiin raawwachuu akka qabnu hubachiisuudhaan warroota waa\u2019ee fayyina ilma namaa ifa galeessatti hin hubanneef \/warroota barsiifata dogoggoraa qabaniif\/ deebii kennuuf fi addeessuuf dha.<\/em><\/strong><\/li>\n<\/ul>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong><em>\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 <\/em><\/strong><strong><em>Seensa<\/em><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhalli namaa abbooma Waaqayyoo diiguu isaatiin Waaqayyoo irraa adda bahe. Kiyyoo seexanaan qabamee, hammeenya diyaabiloosiin summaa\u2019ee waggoota 5500f si\u2019ool keessa jiraate. Kufaatii dhala namaa irraa eegalee fedhiin dhala namaa fayyina argachuu ture. Dhalli namaas abdii fayyinasaa Waaqayyoo irraa argatee abdiidhaan jiraate. Fayyini dhala namaa abdii fayyinaa Waaqni kenneen, raajiin ni dubbatame, soomanni ni labsame.<!--more--><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Gidiraa isarra gahaa ture san irraa, uummamni isa fayyisuu hin dandenye. Dhiiga dhala namaatiin si\u2019oolii keesaa bahuu hin dandeenye. Kadhannaa fi aarsaa dhalli namaa geessaa ture saniin illee mugoota\u00a0 (idaa) irra ture san haquu hin dandenye. Raajootnis luboonnis baroota dheeraaf aarsaa sangaa, sa\u2019aa, hoolaa, re\u2019ee, bullaallaa fi gugee ni dhiheessan; coomallee ni guban \/ni aarsan\/, dhiiga beelladaas ni dhangalaasan. Garuu, dhala namaaf fayyina argamsiisuu hin dandeenye. Akkuma Isaayyaas \u201cDhugaan keenya akkuma huccuu abaarsaa ni ta\u2019e\u201d jedhetti. caqasa<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Haa ta\u2019u malee, waadaa fayyinaa Waaqni namaaf gale san bu\u2019uura godhachuun; raajii raajootni dubbataniin, soomana isaan labsaniin Waaqni samii irraa gad dhufee, Giiftii keenya Qulqullittii Dubroo Maariyaam irraa dhalate. Dhala namaa isa fayyina yaadee; gidiraadhaan dhiphachaa ture san wajjiin Foon Ishii irraa foon; Lubbuu Ishii irraa lubbuu dhaqna godhatee (gonfatee), tokkummaa gonkaadhaan firoomee, Foon isa fayyinni irraa fagaatee gidirri itti hammaatee ture san; kennaa jireenya bara baraa akka ta\u2019uuf Malakootni \/Waaqummaan\/ isa wajjiin tokkoome. Foon inni mul\u2019atu fi qabamuu danda\u2019u; Malakooti \/Waaqummaan\/ hin mul\u2019annee fi qabamuu hin dandeenye ta\u2019e. Dhalli namaas inni fayyina dhabee dararamee ture, Uumaan isaa dhaala \/Gannat\/ isaa isa cufamee ture ni baneef. Aangoon ilmummaa irraa fudhatamee ture ni deebiseef. Tokkummaa isaa isa Waaqayyoo wajjiin qabu dhabee ture. Amma garuu ni deebi\u2019eef. Misiraachoon ni labsame. Fayyinni illee ni jalqabame. Fayyina kanaaniis dhalli namaa ni fayyadame. Raajiin raajootaas ni raawatame.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Namni maali irraa fayye?<\/strong><\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\">\n<li><strong>Badii inni hojjate irraa (cuubbuu dhaalaa) irraa <\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhaalli namaa; Waaqni nama ta\u2019uu isaa irraa kan ka\u2019e, yakka cubbamtoota illee, warrra cubbuu hin rawwanne illee adabsiisaa ture irraa bilisa ta\u2019e. Adabbii isaa kanaafis Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos\u00a0 gumaa lubbuu \/beenyaa\/ kaffaleef jira waan ta\u2019eef\u00a0 cubbuu isa Addaam irraa sanyiin dhaalamaa ture irraa guutuma guututti fayyeera. Yeroo ammaa kanatti namni cubbbuu Addamiidhaan gaafatamu hin jiru. Ofuma isaatiin abbooma Waaqayyoo diigee, ajaja Isaa cabse gumaa isaaf kaffalame sanaan fayyadamuu dhabuu isaatiin adabama malee.\u00a0 \u201cBalaaleeffatamaa nurra bulaa ture, katabbii idaa (mugoota) isa nutti katabamee ture ni barbadeesse, balaaleffataa keenyas\u00a0 fuuldura keenya irraa ni dhabamsiise.\u201d (Qol. 2\u136514, Mul.Yoh 1\u13655,\u00a0 Qol. 2:13) Cubbuu \u00a0keenya nuuf dhiisee, Dhiiga Isaa nuuf dhangalaasee, Foon Isaas aarsaa nuuf godhee, dhiifama nuuf \u00a0laate. Gabroota turre, Inni garuu ijoollee Isaa nu taasise. Kadhannaan raajotaas kana ture. \u201cCubbuu keenya isa darbe\u00a0 nutti hin yaadin , araarri Kees daftee haa nu argattu, gar-malee rakkannee jirra waan ta\u2019eef.\u201d (Far 79:8)<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\" start=\"2\">\n<li><strong>Du\u2019a irraa (awwaala keessa diigamee \/burkutaa\u2019ee\/ baduu irraa)<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Dhalli namaa gumaa (beenya) isaaf jecha kaffalameen, karaa du\u2019a lubbuu fi foonii irraa itttiin fayyu argate. Uumaan isaa nama ta\u2019ee tooftaa du\u2019a irrraa ittiin of baraaruu danda\u2019u ni barsiisen. Du\u2019a foonii illee, du\u2019aa ka\u2019umsa isaatiin ni mo\u2019eef. Balbala \/hula\/seensa\/ gannati isa cufamee ture\u00a0 banee daandii jireenya bara baraa ni eeref. \u201cDhugumaa dhugaatti isiniin jedha namni sagalee Koo dhagahu, kan naan ergettillee kan amanu jireenya brarbara ni qabaata. Du\u2019a irraas gara jireenya bara baraatti ni ce\u2019a; malee gara murtiitti hin dhufu.\u201d Jedheera Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos . (Yoh. 5:24)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Du\u2019a jechuun\u00a0 tokkoffaa gargar bahuumsa lubbuufi foonii ti. Akkuma fooni fi lubbuun addaan bahan fi, yeroo du\u2019aa ka\u2019uumsaa deebi\u2019anii tokko ta\u2019an san Gooftaan keenya lubbuu Isaa ishii Qulqulleettii foon Isaaa ishee kabajamtuu\u00a0 irraa gargar baasee fedhuma Isaatiin du\u2019a dhaqna godhatee foon Isaatiin gara awwaalaatti; lubbuu Isaatiin immoo gara si\u2019ool dhaqe. Warroota si\u2019ool keessa jiraniif gidiraa irraa isaan fayyise. Du\u2019a lubbuu irraas bilisa isaan baase. Awwaala keessatti gara biyyeetti jijjiiramanii baduu ni dhabamsiise. Dhalli namaa du\u2019aan booda jereenya bara baraa; awwaalaan booda,\u00a0 du\u2019aa ka\u2019uun akka jiru baarsiise. \u201cYaa du\u2019aa waraantuun kee meerree? Yaa si\u2019ool mo\u2019annan kee garm jira?\u201d jedha Kitaabni Qulqulluun. (1Qor.15:55) \u201cHarka si\u2019ooli irraa isaan baraara, du\u2019a irraas isaan fayyisa.\u201d (Hose.13.14) Kan jedhu jechi raajaa akka raawwatamuuf dhalli namaa gabrummaa du\u2019aa \/bittaa si\u2019ooli\/ irraa fayyeera.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Innis (Gooftaan ) humna (aangoo) seexanaa \/dukkanaa\/ irraa nu fayyise, jaalala ittiin nu fayyise nuuf laate. Innis \/Gooftaan \/gara haqamuu cubbuu itti argannutti, gara Mootummaa Ilma Isaa kan jaalalaatti nu galche. (Qolaasiyis.1:13-14)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Yaadni hanga ammaatti laalle hundi hojii keenyaan osoo hin ta\u2019in arjummaa Waaqayyoon nuuf jecha taasiseeni dha. Waanuma Inni ofuma isaatiin arjummaa isaatiin nuuf raawwate dha. Nama ta\u2019uu isaatiin du\u2019a lubbuu fi kan foonii nurraa dhabamsiise. Duuti lubbuu Waaqayyoo irraa gargar bahuu ture. Gaafa Waaqayyoon nama ta\u2019e san garuu, duuti lubbuu nurraa haqame. Sababni isaas Waaqayyoon nu waliin ta\u2019ee jira waan ta\u2019eefi dha. Kana jechuunis, lubbuu keenya irraa lubbuu; foon keenya irraa foon qooddatee (dhaqna godhatee) tokko ta\u2019uu Isaatin nu wajjiin walitti firoome. Kanaafuu, du\u2019a keenya nuuf du\u2019ee gidiraa keenyas gidiraa isaa taasifatee nurraa dhabamsiise. \u201cDhugumatti dhibee keenya fudhate. Gidiraa keenyas ni baate\u201d (Isaay. 53:4) Akkuma jedhee ibsetti\u00a0 dhibee keenya fudhatee,\u00a0 gidiraa keenya baatee, du\u2019a keenya du\u2019ee jiruu \/jireenya\/ bara baraa nuuf laate. \u201c\u12d8\u12da\u12a0\u1290 \u121e\u1270 \u1290\u1225\u12a0 \u12c8\u12a5\u1295\u1272\u12a0\u1201 \u1215\u12ed\u12c8\u1270 \u12c8\u1200\u1260\u1290\u1364 Du\u2019a keenya du\u2019ee jiruu \/jireenya\/ isaa nuuf laate.\u201d (Eefreem Qulqullichi)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Erga Kiristoos du\u2019aa ka\u2019e booda,\u00a0 duuti humna dhabee jira. Saniin dura garuu,\u00a0 duuti namoota hedduu gara du\u2019a lammaffaatti guuraa ture. Amma garuu duuti ilma namaaf karaa gara jiruutti \/jireenyaatti\/ nama geessu dha. Duuti carraa gara gannati (gara Mootummaa Waaqayyoo) ittiin deemnu dha. Kan namootaan jibbamu osoo hin ta\u2019in, kan jaallatamu ta\u2019eera. sababni isaas du\u2019a jalqabaa irraa gara du\u2019a isa lamataatti ittiin deemnu odoo hin ta\u2019in, gara jireenya bara baraatti ittiin ceenu waan ta\u2019eefi dha. Warrootni Addaam irraa kaasee hanga Kiristoositti jiran hundi\u00a0 gumaa lubbuu \/beenyaa\/ isaanif kaffalameen fayyaniiru. Gatiin kaffalameef jira. Duuka Buutootni fayyina kana dubbatan; misiraachoo Isaas kan haasa\u2019an, dhaloota darbeef dhiifamni godhameefi jiru hoggaa haasa\u2019an, dhaloota dhufuuf immoo seera tumamee jiru itti himan, filatee ni mude.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Fulduraaf (dhaloota isa dhufuuf) fayyinni akka argamuu danda\u2019u barsiisuuf, hanga qarqara adduunyaatti isaan erge. Sagalee isaan barsiisaniinis \u201cWarrooota fayyuu qaban guyyama guyaadhaan itti dabalaa ture.\u201d Nuun jedhe. (Hoj.Duk.Bu 2:47)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Har\u2019a hoo haala kamiin fayyina ?<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Warri dhibamanii turan fayyaniiru, warri si\u2019ool keessa turan illee bahaniiru. Nut hoo \u00a0fayyinee jirra moo hin fayyine? Nuti fayyineerra. Gumaan cubbuu nama hundaaf kaffalamee jira. Warra du\u2019an (du\u2019anii turan) illee fayyiseera. Nuti warri foonin jiraachaa jirru garuu, fayyina san fudhannee cuuphamneerra. Foon Isaa Qulqulluu nyaachuun Dhiiga Isaa Ulfaataa dhuguudhaan \u00a0abboomi \/seera\/ nuuf tumamee jiru kabajuudhaan \/eeguudhaan\/ fayyina san keessatti hirmaachuu dandeenya. \u2018Fayyineerra\u2019 jennee kan dubbannu yoo ta\u2019e, seerri maaliif nubarbaachiseree? Warra si\u2019ool keesaa bahanii\u00a0 Gannat keessa\u00a0 jiraataniif seerri hin barbaachisu. \u00a0\u00a0Seera barreefamee jiruun hin hoogganaman. Nuti garuu, seera eegnu fi ittiin fayyinu, Kaakuu Moofaa irraa gara Kakuu Haaratti\u00a0 ittiin ceene nuuf tumamee jira. Seera kanaan ni fayyina. Seera isaatiin jiraachuu dhabnaan ni adabamna. Jecha \u201cWarroota fayyuu qaban, \/fayyuu danada\u2019an\/fayyuuf carraa qaban\/fayyuuf abdii qaban..\u201d jedhu kana gadi fageenyaan laaluun barbaachisaa dha. \u2018Warra fayyani\u2019 miti kan Inni jedhe, \u2018Warra fayyuu qaban\u2019 dha malee. Kanaafuu, Kiristaanummaan ykn seerri Wangeelaa seera warroota fayyan fayyisuuf kenname odoo hin ta\u2019in warra hin fayyine fayyisuuf kan kannamee dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Seerri Kakuu Moofaa, seera fayyina bara baraa kan argamsiisaa ture miti. Wangeelli garuu, seera fayyina adduunyaa maraaf kennamee dha. Duuka Buutotni adduunyaan kun akka fayyuuf\u00a0 Wangeela \/jireenya\/ bara baraa barsiisaa adduunyaa waliin gahani. Wangeelli kan lallabame warroota fayyanii jiraniif miti, warroota fayyuu qabaniif dha malee. Kanaafuu, fayyuuf maaltu barbaachisa? Namni, fayyuuf wantoota armaan gadii ni barbaada. Isaanis:-<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\">\n<li><strong>Amanuu<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify;\">Hundaan dura Fayyisaan Addunyaa akka dhufe, Seerri illee tumamee akka jiru\u00a0 amannee fudhachuun nurraa eegama. \u201cIfni dhugaa dhala namaa maraaf\u00a0 ibsu\u00a0 gara adduunyaatti dhufaa ture. Adduunyaan kan Isaa ture. Adduunyaan mara Isaan tahe \/uummame\/. Adduunyaan kun garuu, Isa hin beekne ture. Gara warrootasaatti ni dhufe. Firootni Isaa garuu, Isa hin simanne. Warroota Isatti amananii Isa simataniif garuu, aangoo ijoollee Waaqayyoo ittiin ta\u2019an ni kennefi. Isaanis Waaqayyoorraa ni dhalatan.\u201d jedha Kitaabni Qulqulluun. (Yoh.1:9)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Fayyinni armaan dura raawwatame \/kenname\/ warroota amanan illee kan hin amanne illee, warrota Isa simataniif illee, kan hin simanneef illee ture. Kan ammaa kun garuu warroota amananiifi dha malee warroota hin amanneef miti. Yeroo ammaa kana warrootni \u201cfayyineerra\u201d jedhanii yaadan, erga fayyan iddoo argatan hundatti \u2018Ni barsiifna\u2019 jechuun isaanii maaliif barbaachiseree?<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\" start=\"2\">\n<li><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify;\">Fayyuuf amanuun ni barbaachisa. Egaa, kanaan booda immoo cuuphamuun ni barbaachisa. \u201cNamni amane fi cuuphame ni fayya.\u201d (Maar. 16:16) Seera gumaan \/beenyaan\/ guddaa kaffalamee tumame kana raawwachuun dirqama. Fayyuuf amanuun qofti gahaa miti. Amanuu qofa yoo ta\u2019e hoomaan seexanaa illee ni amana. (Yaa\u2019iqoob 2:19) Daandiin worrootni guyyuma guyyaan fayyan ittiin dabalaman, amanuu fi cuuphamuu dha. Gochi Duuka Bu\u2019ootaas kanuma ture. Jireenya bara baraa fi fayyina lallabuu, nama amane immoo cuuphuu, hirmaata fayyinaa isa taasisuu, gara fayyina isaatti isa galchuu, sagalee jireenya bara baraa namoota maraaf geessuu dha. Kaayyon isaas amansiisuu, cuuphuu fi fayyisuu dha.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Amananii cuuphamuun dirqama akka ta\u2019e kutaan Kitaaba Qulqulluu itti aanu nutti agarsiisa. \u201cFiliphoos illee dubbachuu eegale; Kitaaba kanarraa eegalee waa\u2019ee Wangeela Iyyasuus Kiristoos lallabuu eegaleef. Karaarra odoo deeman, laga bira gahan. Jaandarabichi illee \u2018Ani bishaan kanaan akka hin cuuphamne maaltu na dhoowwa?\u2019 jedheen. Filiphoos illee akkas jedheen. \u2018Onnee keeti irraan gonkumaa yoo amante siif hayyamamee jira.&#8221; jedheen. Jaandarabichi illee deebisee &#8221;Iyyasuus Kiristoos ilma WAAQAA akka ta&#8217;e amaneera.&#8221; jedhe. Hoboloon isaaniis akka dhaabbatu ni ajaje. Filiphoos fi Jaandarabichi gara lagaa ni deeman. Ni cuphees. (Hoj.D.B. 8:35)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 &#8216;Amanuun qofti nama fayyisa&#8217; jedhama taanaan, egaa, jaandarabichi &#8221;Amaneera&#8221; jedhee, amanuu irraa darbee waan amane sana ifa baasee dubbatee jira. Filiphoos illee &#8221;Fayyitee jirta gali&#8221; hin jenneen. Ni cupheen malee. Kanaafuu, erga amanan boda, cuphamuun fayyinaaf dhimma murteessaa dha. Gooftaan keenya illee sababa kanaaf Duuka Bu&#8217;oota Isaa gara adduunyaatti erge. &#8221;Egaa, deemaa; warroota hin amanne hunda Maqaa Abbaa, kan Ilmaa fi kan Hafuura qulqulluutti cuphaa; waan isin ajaje akka raawwatan barsiisaa duuka bu&#8217;oota naaf taasisaa.&#8221; jedheen. (Maat. 28:9) ergamni isaa &#8221;An isaan fayyiseera.&#8221; jechuuf miti; akka amananiif, akka cuphamaniif, abboommii (ajaja) Isaas akka eeganiif fi Duuka Bu&#8217;oota akka ta&#8217;aniifi dha. Cal-jedhaniituma &#8221;Fayyineerra.&#8221; jechaa irraanfatamanii jiraachuun barbaachisaa miti. &#8221;Warri kun \/Namootni kun\/, warroota daandii fayyinaa isinitti himan, gabroota Waaqayyoo ti.&#8221; (Hoj.D.B. 16:17)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Daandii fayyinaa nutti himuun isaanii ijaan qofa akka laalluuf miti, akka irra deemnuufi dha malee. &#8221;Yaa gooftolii koo, fayyuuf maal godhuutu narraa eeggama?&#8221; jedheen to&#8217;ataan mana hidhaa. Isaan illee &#8221;Gooftaa keenya Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoositti amani; atis warri keets ni fayyitu.&#8221; jedhaniin. Isaaf fi warroota mana isaa keessa jiraataniif sagalee Waqayyoo itti himani. Achiin booda warra isaa \/maatii isaa\/ wajjiin dhufee ni cuphame. (Hoj.D.B.16:30)\u00a0 &#8216;Fayyitaniirtu&#8217; odoo hin ta&#8217;in &#8221;Ni fayyitu&#8221; jecha jedhurratti xiyyeeffachuun barbaachisaa dha. &#8221;Maqaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoositti akka cuphamaniif ni ajajeen.&#8221; (Hoj.D.B.10:17)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 &#8221;Namni bishaani fi Hafuura Qulqulluu irraa hin dhalanne gara mootummaa Waaqayyootti seenuu hin danda&#8217;u.&#8221; (Yoh.3:5) Kanaafuu, namni amanee ni cuphama, Waaqayyoo irraa ni dhalataa, kanaanis fayyina bara baraa dhaqna godhata. Waaqayyoorraa dhalatu malee sirumaa fayyuu hin danda&#8217;u. Fayyina jechuun Mootummaa Waaqayyoo dhaalanii maqaa Isaa galateefachaa jiraachuu dha malee, waan biraa miti. Kanaafuu, Wangeelli jireenya barabaraatii fi kan fayyinaa, adduunyaa maraaf ni lallabama; hundi isaanii akka fayyaniif jechuu dha. &#8221;Kanaan booda, Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Wangeela Isaa kan jireenya bara baraa, Qulqulluu fi kan hin jijjiiramne sana harka isaaniitiin (harka Duuka Bu&#8217;ootaatiin) baha biiftuu dhaa kaasee hanga lixa biiftuutti ni ergen.\u201d (Maar. 16\u13658)<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\" start=\"3\">\n<li><strong>Foon isaa Qulqulluu nyaachuu fi Dhiiga isaa Ulfaataa dhuguu<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Namni yoo amane fi yoo cuphame, itti aansuun wanti inni godhuu qabu, Foon Gooftaa nyaachuu fi Dhiiga Isaas dhuguu dha. Foon Isaa nyaacuun fi Dhiiga Isaa dhuguun gudunfaa \/goolabaa\/ amantii, cuphaa fi argamsiisaa jirenya bara baraa ti. Amantaan hundee dha. Cuphaan ibsituu hundee ti. Foon fi Dhiigni Isaa immoo mirkaneessaa dha. Namni ni dhalata, kan dhalate immoo nyaata ittiin guddatu ni barbaada. Nyaatni kunis Foon Isaa Qulqulluu fi Dhiiga Isaa ulfaataa dha. Namni Foon Isaa nyaatee Dhiiga Isaa dhugee jiraatu, ilma Waaqayyoo, dhaalataa Mootummaa Waaqayyoo fi eebbisaa maqaa Isaas ni ta&#8217;a.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 &#8220;Nyaata baduuf hin hojjatinaa, garuu isa jireenya bara baraa kennisiisuuf, Foon fi\u00a0 Dhiiga Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos isiniif laatu saniif hojjedhaa! Isa san Waaqni Abbaan goolabee \/dabarsee\/\u00a0 jira.&#8221; (Yoh.6:27)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Biddeenni Waaqayyoo, isa samiirraa bu&#8217;u fi adduunyaa kanaaf jireenya bara baraa kan laatu dha waan ta&#8217;eef. (Yoh.6:33)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">&#8220;Biddeenni jireenya bara baraa Ana. Namni gara Koo dhufu, gonkumaa hin beela&#8217;u. Namni natti amanu sirumaa hin dheebotu. Biddeenni samiirraa bu&#8217;e, Ana. Namni biddeena kanarraa nyaatu hundi bara baraaf ni jiraata. Biddeenni Koo inni adduunyaa kanaaf, jireenya bara baraaf Kanan laadhu, Foon Kooti. Dhugumaan isiniin jedha, Foon Ilma Namaa yoo hin nyaatiin Dhiiga Isaas yoo hin dhugin, jireenya bara baraa hin qabdani. Namni Foon Koo nyaatu fi Dhiiga Koo dhugu, jireenya bara baraa ni qaba. Anis guyyaa dhumaa san du&#8217;aa isa kaasa.&#8221; (Yoh. 6:35-54\/ Luuq 10:25-Dhu.B)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Fayyina jechuun jireenya bara baraa jechuu dha. (Luuq. 10:25-Dhu.B) Jireenyi kun immoo amantiidhaan malee, cuphaadhaan malee, Foon Isaa Qulqulluu nyaatanii Dhiiga Isaa Ulfaataa dhugan malee argamuu hin danda&#8217;u. Namni, fayyina barbaada taanaan, ulaagaalee armaan olitti ibsine tartiiba isaanii eeguun raawwachuu qaba. &#8220;Egaa, amma Dhiiga Isaatiin Qulqullina yoo arganne (arganna ta\u2019e), Qulqullina inni nuuf laateen dheekkamsa isaa jalaa bahuu ni dandeenya. (Room.5:9)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">&#8220;Ilma Isaa Isa jaalatamaadhaan hanguma dureessummaa kennaa Isaatiin gumaa lubbuu, Inni dhiiga Isaatiin nuuf kafaleen arganne. Innis haqamuu cubbuu keenyaa ti.&#8221; (Efee.1:7)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kanaafuu, amannee, cuphamnee, Foon fi Dhiiga Isaa Inni fayyinni ittiin argame fi ittiin argamu nyaachuu fi dhuguun nurraa eeggama. &#8220;Dhiigni ilma Isaa Iyyasuus Kiristoos cubbuu mara irraa nu fayyisa.&#8221;(1Yoh.1:7)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Foon Isaa Qulqulluu fi Dhiigni Isaa Ulfaataan akkuma nyaata fi dhugaatii kamiyyuu \u2018Yaadannoo\u2019 odoo hin ta\u2019in, Foon fi Dhiiga Kiristoos kan dhugaa ti. \u201cFoon koo nyaata isa dhugaa fi Dhiigni koos dhugaatii isa dhugaa ti.\u201d Akkuma jedhe. (1Yoh. 1\u13657)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Amantaadhaan kabajamnee (\u12a8\u1265\u1228\u1295) (badhaadhuun), Cuphaadhaan dhalannee, Foon fi Dhiiga Isaatiin chaappeeffamnee fayyina bara baraa qabeenya godhanna.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\" start=\"4\">\n<li><strong>Hojii qajeelaa hojjechuu (abboomi Waaqaa eeguu)<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify;\">Namni amane, Cuphame, Foon Isaa kan nyaate, Dhiiga Isaas kan dhuge hundi, hojii qajeelaan jirachuu qaba. Amantiin hojii gaarii hin qabne, Cuphaan, Foon Isaa nyaachuu fi Dhiiga Isaa dhuguun qofti fayyina hin argamsiisu. Namni amane, Chuphame, Foon isaa nyaate fi Dhiiga isaa dhuge, Uumaa isaa amantaan duuka bu&#8217;uun Hojii Qajeelaanis Isa (Uumaa isaa) fakkaachuu qaba.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">&#8220;Hojii keessan isa Qajeelaa laalanii Waaqa keessan kan samiirra jiraatu akka kabajaniif, ifni keessan haaluma kanaan biyya lafaa irratti haa ifu.&#8221; Maat.5:16)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akkuma armaan olitti ibsameen namni kamiyyuu hanguma hojii isaatti kaffaltii isaa akka argatu Kitaabni Qulqulluu dhugaa nuu baha. &#8220;Dafeetuman dhufa, tokkoon tokkoo namaaf akkuma hojiisaa laachuuf gatii nama hundaa of-harkaan qaba.&#8221; (Mul.Yoh.22:12)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Warra sagalee Isaa hojiirra oolchitan ta&#8217;aa malee, of dogongorsaa; dhaggeeffattoota qofa hin ta&#8217;inaa!&#8221; (Yaa&#8217;iqoob 1:22)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Akkuma foon lubbuurraa adda bahe, du&#8217;utti; amantaan Hojii\u00a0 Qajeelaa irraa adda bahes du&#8217;aa dha. (Yaa&#8217;iqoob 2:26)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Waaqni keenya murtiif yeroo dhufu, gaaffiin Inni gaafatu amantaa qofa odoo hin ta&#8217;in; Hojii Qajeelaa illee of jalatti hammachuusaa irraanfachuun guwwummaa dha. &#8220;Beela&#8217;ee odoo jiru Na hin nyaachisne, dheebodhee odoo jiru Na hin obaasne, waan uffadhu dhabee odoo jiru Na hin uffisne, dhibamee odoo jiru Na hin gaafanne, keessummaa ta&#8217;ee odoo jiru Na hin simanne, hidhamee odoo jiru Na hin daawwanne.&#8221; (Maat.25:35-45)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Kanaafuu, ilma namaaf amantaa qaban hojiidhaan ibsuun dirqama. Abboomi fi seera Waaqayyoon nuuf kenne, kabajuun fi hojiirra oolchuunis barbaachisaa dha. Murteessaa dhas.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\u00a0&#8220;Namichi tokko gara Isaa dhufee &#8220;Jireenya bara baraa akka(n) argadhuuf Hojii Qajeelaa isa kam haa hojjedhu? jedheen. Gooftaan keenyaas, &#8220;Ajajawwan kennaman eeggadhu.&#8221; jedheen. (Maat.19:16-17) Jireenya bara baraa argachuuf Seera eeggachuun waan mur teessaa ta&#8217;e dha.<\/p>\n<ol style=\"text-align: justify;\" start=\"5\">\n<li><strong> Amantii ofiitti jabaachuu (cimuu)<\/strong><\/li>\n<\/ol>\n<p style=\"text-align: justify;\">Fayyina argachuuf amanuun, cuphamuun, Foon Isaa nyaachuu fi Dhiiga Isaa dhuguun cinatti, gochoota tartiibawoo kanatti cimuun fi jabaachuun barbaachisaa dha. Warri seenanii bahanii badan, amananii ganan hundi fayyina hin argatan. &#8220;Anaaf jettanii hundumaa biratti ni jibbamtu. Namni hamma dhumaa obsu garuu, ni fayya.&#8221; (Maat.10:22)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">&#8220;Nuyis, abdii humna ittiin argannu, ittiin boonnu kana hanga dhumaatti jabeessinee qabannaan, nuyi mana Isaa ti.&#8221; (Ibroota 3\u13656)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">&#8220;Amantaa keenya isa jalqabaa hanga dhumaatti jabeessinee eegnan, hirmaattota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos taaneerra. (Ibroota 3:14)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">&#8220;Mo&#8217;ataaf, isa hojii koo hanga dhumaatti eeggatee hojjetuufis, An immoo akkuma Abbaa Koo irraa fuudheen, saboota hundumarratti aangoo itti kenna. Innis ulee sibilaatiin isaan bulcha; akka suphees isaan tuma.&#8221; (Mul. Yoh. 2\u136526)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">&#8220;Hanga du&#8217;atti kan amanamte ta\u2019i; gonfoo jireenya bara baraa siif laadha.&#8221; (Mul.Yoh.2:10)<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Dhalli namaa kan fayyu, Amantaadhaan, Cuuphaadhaan, Foon Isaa Qulqulluu nyaachuudhaan fi Dhiiga Isaa Ulfaataa dhuguudhaan, Hojii Qajeelaa hojjechuuni dha. Kanaafuu, isa kanaan jabaannee (cimnee) akka jiraannuuf, Mootummaa Isaas akka dhaalluuf, maqaa Isaas akka galateeffannuuf arjummaan Isaa nu haa gargaaru. Gara amantii ishii \/ishee\/ Qulqullittii Ortodoksi Tawaahidootti deebi\u2019uun \/dhufuun\/; fayyina keessan raawwachuun Mootummaa Waaqayyoo dhaaluuf warra qophooftan ta\u2019aa.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Waaqayyoof galanni haa ta\u2019u.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>\u00a0<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>M\/K\/O\/Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Qindeessaa fi Qajeelchaa Manneen Barnoota Sambataa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Waldaa Ququllootaa<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><strong>Qindeessaa Barnootaa Wangeelaa fi Tajaajila Duuka bu&#8217;ummaatti Kutaa ijoo Babal\u2019iinsa Lallaba Wangeelaatiin \u00a0qophaa&#8217;e.<\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>\u201cGooftaanis warroota fayyyuu qabaniif guyya guyyaan isaanirratti dabalaa ture.\u201d (Hoj.D.B. 2\u136547) Kaayyoon ijoo qophii barruu kanaa:- Waa\u2019ee fayyina dhala namaa ilaalchisee warroota karaa ifa ta\u2019een hubachuu hin dandeenyeef waa\u2019ee \u00a0fayyinaa waan isaan haasa\u2019an Kitaaba Qulqulluudhaan ala kan ta\u2019e ta\u2019uu isaa agrsiisuuf barbaadamee ti. Warroota \u201cAmantiidhaan qofa \/amanuudhaan qofa\/ fayyina.\u201d jedhaniif \u00a0barsiifatni isaanii dogongora akka ta\u2019e [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":3,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[73,1],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4232"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/3"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4232"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4232\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4243,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4232\/revisions\/4243"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4232"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4232"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4232"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}