{"id":4219,"date":"2018-11-16T21:12:41","date_gmt":"2018-11-16T21:12:41","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/?p=4219"},"modified":"2018-12-06T12:31:34","modified_gmt":"2018-12-06T12:31:34","slug":"yaa-suulaamaaxis-laattuu-nageenyaa-deebii-deebii-akka-si-arginuuf-deebii-fa-solomoon-71","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/yaa-suulaamaaxis-laattuu-nageenyaa-deebii-deebii-akka-si-arginuuf-deebii-fa-solomoon-71\/","title":{"rendered":"Yaa Suulaamaaxis (Laattuu Nageenyaa) deebi\u2019i deebi\u2019i akka si arginuuf deebi\u2019i (Macaafa Weedduu Weedduu Caalu 7:1)"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: right;\"><em>Asaffaa Guddataa<\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Mootichi Salamoon weedduu isaa Faaruu Faaruu caalu jedhamee beekamu keessatti \u201cDeebi\u2019i deebi\u2019i akka Si arginuuf deebi\u2019i\u201d jechuudhaan irra deddeebi\u2019ee waama. Waamicha kana kan dabarsuus Giiftii keenyaafi dha. Iccitii gara boodaatti baroota dheeraan booda raawwatu ilaalee Afuura Qulqulluun argee \u201cGodaansi si ga\u2019aa. Amma yeroon isaa gaheeraatii gara biyya Kee Naazireetitti deebi\u2019i\u201d Isheen jedha. Haaluma jecha raajii kanaan Giiftiin keenya Qulqulleettiin Dubroon Maariyaam erga waggoota sadi\u2019ii fi ji\u2019a jahaaf godaansaan biyya Gibtsi keessa turtee booda akka Heroodis du\u2019e ergamaan Waaqayyoo itti himnaan gara biyya Isheetti deebiteetti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Giiftiin keenya yeroo ijoollummaa Isheetti Ilma Ishee ijoollummaa Isheetti dubrummaan deesse waliin cubbuu tokko malee ari\u2019atamtee gidiraa baayyee arguun Ishee adunyaa dinqisiisaa jiraata. Namni biraa yoo gidiraa arge cubbuu isaatiif gidiraa arge jedhama Giiftiin keenya garuu balleessaa tokko malee Ilma ishee Isa hunda uumeefi hundumaa raawwachuu danda\u2019u baattee baqachuun Ishee adda Ishee taasisa. Qulqullichi Selemoon kana ilaaleeti kan inni \u201cDeebi\u2019i\u201d Isheen jedhu. \u201cMaddiiwwan Kee imimmaaniin dhiqamuun isaanii, lapheen Kee gara laafummaan guutame dhiphachuu fi gidiramuun isaa, hidhiin Kee dheebuu bishaaniin gogee argamuun isaa haa ga\u2019u. Amma deebi\u2019i. Boqodhu\u201d isheen jedha. Haaluma raajii dubbatame kanaan Giiftiin keenya gaafa Saadasa bultii ja\u2019aa (6), godaansa irraa deebitee bakka Qusquwaam jedhamu boqochuu (aara galfachuu) ishee yeroo itti yaadannu waan ta\u2019eef nutis Hayyicha (Ogeessicha) Salamoon waliin \u201cYaa Giiftii deebi\u2019i deebi\u2019i\u201d Isheen jenna. Yeroo darbe godaanuu Ishee; gidiraa arguu Ishee yaaduun kan gaddine hundi keenya amma immoo deebi\u2019uu Ishee yaadnee gammadna.<!--more--><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Deebi\u2019uun Giiftii keenyaa lubbuu keenya keessatti hiika baayyee qaba. Godaansa keessaa deebi\u2019uu isheen abdiin keenya raawwateera, Ilmi ishee Iyyeruusaalemitti fannifamee adunyaa fayyiseera. Otuu Isheen Naazireetitti hin deebine ta\u2019ee Gooftaan keenya Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos dhiiga Isaa dhangalaasee nu hin fayyisu ture. Waan ta\u2019eef deebi\u2019uu Giiftii keenyaan raajiin dubbatame raawwateera. Qulqullichi Daawwitis dursee \u201cLafa galeessatti qoricha taasise.\u201d Far. 73:12 jechuun Gooftaan keenya kan foon Isaa muree dhiiga Isaa dhangalaasee nuuf kennu giddu galeessa lafa kanaa Iyyeruusaalemitti ta\u2019uu Isaa dubbatee ture waan ta\u2019eef akka kun ta\u2019uuf Giiftiin keenya gara Naaziretitti deebite.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Karaa biraatiin yommuu waa\u2019ee deebi\u2019uu Giiftii keenyaa dubbannu ergamaan, \u201cHeeroodsi du\u2019eeraatii haadha Isaa fi Mucicha fuudhii deebi\u2019i.\u201d jechuun ture kan Yoosefitti hime. Mat. 2:20. Bakka Heroodsi jiru, Isheen fi Ilmi Ishee hin jiran waan ta\u2019eef, kana jedhe. Iyyeruusaaleem Giiftii keenya Dubroo Maariyaamiifi Ilma Ishee kan ari\u2019attee yommuu Heroodsi lubbuun jiru yoo ta\u2019u, deebitee kan argatte immoo erga Heroodsi du\u2019ee dhumiinsi ilmaan namaa dhaabbatee booda dha. Dubroon Maariyaam nageenya barbaaddi. Bakka nagaan jiru isheen fi Ilmi Ishee ni jiraatu. Bakka Isaan jiranis nagaan jira. Bakka wal-irratti ka\u2019uun, jeequmsi, diddaan, oftuulummaan fi wal tuffiin mo\u2019atan garuu hin jaallatan. Kanaaf, akka isaan gara keenyatti deebi\u2019aniif dirqama kanneen armaan olitti caqafaman kun nu irraa fagaachuu qabu.\u00a0 \u00a0Ergamichis \u201cHeroodsi du\u2019eera hammeenyi badeera\u201d Isheen jedhe. Har\u2019as akkuma Herodis kanneen Giiftii keenya laphee isaanii keessaa ari\u2019atanii\u00a0 hameenya isaaniitiin jireenya isaanii keessaa Ishee fageessan jiru. Namoonni akkasii kun amma akka Isheen gara laphee isaaniitti \u00a0seentee jiraattu of sirreessanii laphee isaanii hammeenya irraa qulqulleessuu qabu.\u00a0 Oftuulummaa, hammeenyaa fi shakkii jireenya keenya keessaa fageessinee yoo Ishee waammanne Isheenis jaalalaa haadhummaa Isheetiin gara keenya dhuftee rakkoo keenya nuuf hiikti. Yoo of salphisnee gad of qabnee kadhanne kabaja Ishee nuuf ibsiti.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Yoo Isheen nu waliin hin jirtu ta\u2019e keessi keenya qullaa ta\u2019a. Kan Ishee laphee isaa keessatti keessummeesse fi Ishee jaallate garuu, Ilma Ishees argachuufi waliin dubbachuu danda\u2019a. Akkuma Qulqullichi Gabri\u2019eel dubbate Waaqayyo waan Ishee waliin jiruuf (Luq. 1:28) adda baasuun hin danda\u2019amu. Yoo kana hubanne akka Isheen gara laphee keenyaatti deebitu yommuu yaadannu kan Ishee waliin jiru Kiristoosiinis nuuf fiddee deebite akka Isheen Ilma Ishee waliin walitti nu araarsitu yaaduudhaan malee.<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Karaa biraa deebi\u2019uu Giiftii keenyaa yommuu yaadannu gara jireenya keenyaatti deebinee ilaaluu qabna. Yeroon kun yeroo baqannaan Giiftii keenya haadha Waaqaa itti dhaabatu qofa otuu hin ta\u2019iin jireenyi jibbisiisaan jireenya keenya keessatti mullatus yeroo inni itti dhaabatu ta\u2019uu qaba. Lubbuun keenya isheen tokkummaa Waaqayyoo irraa, Gannata irraa baqattee turte gara qabeenyaa ishee isa duraatti gara Waaqayyoo, gara Gannataatti deebi\u2019uu qabdi. Yeroon kun yeroo deebi\u2019uudha. Kiristoos beenyaa kaffaleee waa\u2019ee isheef du\u2019eera waan ta\u2019eef lubbuun keenya bishaan isa cinaacha Gooftaa ishee irraa maddeen cuuphamtee foon Isaa nyaattee dhiiga Isaas dhugdee hojii gaarii hojjechuutti cimtee dhaabbattee gara biyya ishee gara Gannataatti deebi\u2019uu qabdi. Lubbuun rakkoo biyya hormaatti godaanuu beektu amma waan balbalichi isheef banameef \u00a0haa deebitu. Har\u2019a akka deebituuf balballi banameefi yommuu ishee eegu kanatti yoo haalaan fayyadamte Gannata seentee jireenya bara baraa gonfatti. Yoo akka waan yeroo godaansaa ishee hin fixatiinitti of lakkooftee didde garuu carra dhufe of duraa dabarsitee gidiraa bara baraatuu isheef ta\u2019a. Lubbuun keenya gara ishee kamii akka taate of haa gaafannu. Lubbuun, Foonii fi Dhiiga Gooftaa, qalbii diddiirrannaa, hojii gaarii hojjechuu, walumaa gala kan eeyyama Waaqayyoo raawwachuu irraa adda baate turteen amma gara \u201cBiyya Keetti\u201d deebi\u2019i haa jennu. Akka lubbuun keenya Waaqayyo waliin jiraachuu hawwitu akka isheen gara Waaqa keenyaatti deebitu itti haa himnu. Kanaafis Waaqayyo nu haa gargaaru. Ameen<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">Gargaarsi Waaqayyoo nurraa hin fagaatiin<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p>Asaffaa Guddataa Mootichi Salamoon weedduu isaa Faaruu Faaruu caalu jedhamee beekamu keessatti \u201cDeebi\u2019i deebi\u2019i akka Si arginuuf deebi\u2019i\u201d jechuudhaan irra deddeebi\u2019ee waama. Waamicha kana kan dabarsuus Giiftii keenyaafi dha. Iccitii gara boodaatti baroota dheeraan booda raawwatu ilaalee Afuura Qulqulluun argee \u201cGodaansi si ga\u2019aa. Amma yeroon isaa gaheeraatii gara biyya Kee Naazireetitti deebi\u2019i\u201d Isheen jedha. Haaluma [&hellip;]<\/p>\n","protected":false},"author":3,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4219"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/3"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4219"}],"version-history":[{"count":5,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4219\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4230,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4219\/revisions\/4230"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4219"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4219"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4219"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}