{"id":4074,"date":"2017-10-23T15:05:00","date_gmt":"2017-10-23T15:05:00","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/boqonnaa-abbaa-keenyaa-gabra-kiristoos\/"},"modified":"2018-10-26T09:20:57","modified_gmt":"2018-10-26T09:20:57","slug":"boqonnaa-abbaa-keenyaa-gabra-kiristoos","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/boqonnaa-abbaa-keenyaa-gabra-kiristoos\/","title":{"rendered":"BOQONNAA ABBAA KEENYAA GABRA KIRISTOOS"},"content":{"rendered":"<div style=\"border-width: medium medium 1pt; border-style: none none solid; border-color: currentcolor currentcolor #4f81bd; padding: 0in 0in 4pt;\">\n<p style=\"text-align: center;\"><strong><span style=\"font-size: 12pt;\">BOQONNAA ABBAA KEENYAA GABRA KIRISTOOS<\/span><\/strong><\/p>\n<\/p><\/div>\n<h1 style=\"margin-top: 0in; text-align: right; line-height: normal;\"><em><span style=\"font-size: 11pt;\">Mulugeetaa Ayyaaleetiin <\/span><\/em><\/h1>\n<p style=\"text-align: justify; line-height: 150%;\"><span style=\"font-size: 12pt; line-height: 150%;\">Abbaan keenya Abbaa Gabre Kiristoos; abbaan isaanii Mootii Qusxinxiniyaa Tewoodoosiyoos yoo ta.u;haati saanii immoo; Mootittii Maarkeezaa yoo jedhamtu;Wareegaan kan argatan ilma isaanii tokkicha Abbaa Gabre Kiristoos barnoota amantaa barsiisaa haala gaariidhaan kunuunsanii guddisan.Aangoo abbaa isaa dhaaluudhaan Qusxinxiniyaa akka bulchuuf waan barbaadaniif;abbaa fi haati isaa yeroo inni umrii gaa&rsquo;ilummaaf ga&rsquo;u; intala mootii Roomaa fuusisan.Abbaan keenya garuu addunyaa kana goonkumaa tuuffachuudhaan; fannoo Kiristoos baachuudhaaf kan qophaa&rsquo;e waan ta&rsquo;eef; halkan gaafa guyyaa cidhaa sana galagala; dubrummaa haadha manaa isaa; kan isaas akkuma kabajetti; mana cidhaa isaaniif qofa kennameef keessaa dhokatee ba&rsquo;ee;doonii yaabbatee; biyyaa fagoo deemuudhaan; Mana Kiristaanaa keessatti; hiyyeessota waliin walitti makamee kadhachaatii; isa kadhate sanas hiyyeessota biroof kennaa ofii isaatii kadhannaa fi laguun woggaa kudha shan guutuu isaan wajjiin jiraate.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify; line-height: 150%;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><span style=\"line-height: 150%;\"> Giiftiin keenya muul&rsquo;attee; tajaajilaa Mana Kiristaanaa tokkoof gaarummaa fi qabsuura abbaa keenyaa; Abbaa Gabre Kiristoos itti himnaan; tajaajilaan Mana Kiristaanaa sunis icciticha biyyattii hundatti jalaa labse.Misirroon Gabre Kiristoosis hojiinkoo najalaa beekkame; galata gatii hin qabne kana jalaa baqachuun qaba jedhanii; gara biyya biraa dooniidhaan; yeroo deeman; eeyyama Waaqayyoo ta&rsquo;ee garuu; doonittii kallattii ishee karaa qe&rsquo;ee abbaa isaatti qajeelchuun; qe&rsquo;ee abbaa isaa biraatti buuse.Abbaan keenyas eenyummaa isaa akkuma dhoksettii fi addunyaa Kanas hammam akka tuuffate hubachuudhaaf; qe&rsquo;ee Abbaa isaa; qe&rsquo;ee Mootii fuulduratti; hiyyeessa kadhattuu ta&rsquo;ee;hambaa saroota isaaniif kennan soorachaa; ammas woggaa kudha shan guutuu obsaan Waaqa isaa kadhachaa; qe&rsquo;ee abbaa isaa fuulduratti kadhattuu ta&rsquo;ee jiraate nama hin ajaa&rsquo;ibuu! Edaa kanaafi abbaan keenya qulqulluun Daawwit faarsaa isaa; Faf.D 118<\/span><span style=\"line-height: 150%; font-family: Nyala;\">\u1365<\/span><span style=\"line-height: 150%;\">129 irratti &ldquo;Dhugaa baatonnikee ajaa&rsquo;ibsiisoodhaa; lubbuun koos isaan barbaadde&rdquo;. Kan jedheef.<\/span><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify; line-height: 150%;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><span style=\"line-height: 150%;\"> Hojjettoonni abbaa isaa illee otoo hin hafin; dhidhiqaafi kosii xuraawaa irratti gatuudhaan; yemmuu isa gidirsan; saroonni abbaa isaa garuu; madaa isaa ni harraabuuf ture. Kanas; raajaan Isaayyaas;Raj.Isa 1<\/span><span style=\"line-height: 150%; font-family: Nyala;\">\u1365<\/span><span style=\"line-height: 150%;\">3 irratti&rdquo; Qotiyyoon abbaa isaa;harreenis Dallaasaa beeke; Israa&rsquo;el sabni koo garuu; hin beeku; hin hibatus&rdquo; jedhee kan dubbate mirkanaa&rsquo;e.Egaa walumaa galatti abbaan keenya; misirroon Gabre Kiristoos;ilma mootii dureessa kabajamaa ta&rsquo;ee otuu jiruu;haa ta&rsquo;u malee addunyaa kana goonkumaa tuuffachuudhaan;waa&rsquo;ee qulqullummaatiif; godaanee;kadhachaa; isa kadhatee argate immoo; hiyyeessota biroof laachaatii; ofii isaatiif laguu\/sooma fi kadhannaadhaan jabaatee woggaa soddoma guutuu qabsuuraan\/ qabsoo hafuuraatiin jiraate. Dhuma irrattis; Gooftaan keenya; Giiftii keenya, Ergamtoota qulqulloota hundumaa, Abbaa keenya Gabre Kiristoos dura kan jiran Raajota hundumaa,duuka bu&rsquo;oota, tolootaa fi wareegamtoota hundumaa of duuka hiriirsee; dhufuudhaan;waadaa hedduu erga galee fi booda; Gooftaa keenya waliin kan dhufan qulqulloonni hundumtuu; kabaja guddaa fi galata guddaadhaan; galateeffachaa; Gooftaan keenya;lubbuu eebbifamtuu abbaa keenyaa; misirroo Gabre Kiristoos; Onkololeessa 14; hammannaa isaatiin olbaaseera.<\/span><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify; line-height: 150%;\"><span style=\"font-size: 12pt; line-height: 150%;\"> Angafti Phaaphaasii Qusxinxiyaa; Abbaa Tewoofiloos; sirna Qiddaasee irra otuu jiranii; mana mootii deemanii; qaama Abbaa keenyaa Gebre Kiristos isa boqate akka fidaniif; sagaleen Waaqayyoo samii irraa ajajaan dhufeefii deemanii yemmuu ilaalan; Abbaan keenya Gabre Kiristoos; qe&lsquo;ee Mootii, abbaa isaatti; utuu namniyyuu hin beekiin woggaa kudha shaniif; jiraatanii; achumatti boqotanii argaman.Harka abbaa keenyaa keessatti waraqaa maramee; barreeffame tokko waan arganiif;fuudhanii dubbisuuf yemmuu jedhan harka isaanii keessaa ba&rsquo;uufii didde.Booda irra kadhannaa baay&rsquo;ee erga taasisanii waraqittiin harkaa isaanii irraa baateefii yemmuu dubbisan;Abbaan keenya Misirroon Gabre Kiristoos; jaalala Waaqa isaaf jedhee; woggaa soddoma guutuuf gidiraa inni dabarse; keessattuu; qe&rsquo;ee abbaa isaa duratti otuu namuu hin beekin;gidiraa gaddisiisaafi seenaa isaa kan laphee irraa nama boossisu; harka isaatiin kan barreeffameedha.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify; line-height: 150%;\"><span style=\"font-size: 12pt; line-height: 150%;\"> Mootichi; abbaan isaa; mootittiin haati isaas;xalayaa ilmi isaanii barreesse kana yemmuu dubbisan wanti ta&rsquo;an jalaa bade; boo&rsquo;anii gangalatan.Wanti baay&rsquo;isee nama ajaa&rsquo;ibu immoo; maatiin isaa haadha manaa haa taatuuf jedhanii kan isa fuusisan; intalli mootii Roomaa; abbaa manaa isheetiif amanamtuu taatee; woggaa soddoma guutuudhaaf; mana abbaafi haadha isaa teessee obsaan eegaa jiraachuu isheeti. Isheenis seenichi yeroo dubbifamee dhageessu; akka maraachuu taate. Qaama abbaa keenyaa; qulqulluu Gabre Kiristoos; gara Mana Kiristaanaatti yemmuu geessan; dinqiiwwaan adda addaa nama dinqisiisan; dhukkubsattota heddu irratti raawwataman. Dinqiiwwan kana irraa kan ka&rsquo;e; daandiin cufamee; uummanni deemsisuu dhoorkinaan;mootichi karaa irraa achi fageessee; warqee bittinneesseef; yeroo namoonni warqicha funaanachuu deeman; warroonni baatan; dafanii mana amantaatti geessaniiru. Boqonnaan isaaniis;Onkololeessa kudha afuri(14)dha. Eebbi abbaa keenyaa; hunduma keenya irra bara baraan haa bulu.Ameen!<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify; line-height: 150%;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><span style=\"line-height: 150%;\"> Madda&nbsp;&nbsp; (<\/span><span style=\"line-height: 150%; font-family: Nyala;\">\u1308\u12f5\u1208 \u1245\u12f1\u1235 \u1308\u1265\u1228 \u12ad\u122d\u1235\u1276\u1235\u1364 \u12e8\u1245\u12f1\u1233\u1295 \u1273\u122a\u12ad-56)<\/span><\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<div style=\"border-width: medium medium 1pt; border-style: none none solid; border-color: currentcolor currentcolor #4f81bd; padding: 0in 0in 4pt;\">\n<p style=\"text-align: center;\"><strong><span style=\"font-size: 12pt;\">BOQONNAA ABBAA KEENYAA GABRA KIRISTOOS<\/span><\/strong><\/p>\n<\/p><\/div>\n<h1 style=\"margin-top: 0in; text-align: right; line-height: normal;\"><em><span style=\"font-size: 11pt;\">Mulugeetaa Ayyaaleetiin <\/span><\/em><\/h1>\n<p style=\"text-align: justify; line-height: 150%;\"><span style=\"font-size: 12pt; line-height: 150%;\">Abbaan keenya Abbaa Gabre Kiristoos; abbaan isaanii Mootii Qusxinxiniyaa Tewoodoosiyoos yoo ta.u;haati saanii immoo; Mootittii Maarkeezaa yoo jedhamtu;Wareegaan kan argatan ilma isaanii tokkicha Abbaa Gabre Kiristoos barnoota amantaa barsiisaa haala gaariidhaan kunuunsanii guddisan.Aangoo abbaa isaa dhaaluudhaan Qusxinxiniyaa akka bulchuuf waan barbaadaniif;abbaa fi haati isaa yeroo inni umrii gaa&rsquo;ilummaaf ga&rsquo;u; intala mootii Roomaa fuusisan.Abbaan keenya garuu addunyaa kana goonkumaa tuuffachuudhaan; fannoo Kiristoos baachuudhaaf kan qophaa&rsquo;e waan ta&rsquo;eef; halkan gaafa guyyaa cidhaa sana galagala; dubrummaa haadha manaa isaa; kan isaas akkuma kabajetti; mana cidhaa isaaniif qofa kennameef keessaa dhokatee ba&rsquo;ee;doonii yaabbatee; biyyaa fagoo deemuudhaan; Mana Kiristaanaa keessatti; hiyyeessota waliin walitti makamee kadhachaatii; isa kadhate sanas hiyyeessota biroof kennaa ofii isaatii kadhannaa fi laguun woggaa kudha shan guutuu isaan wajjiin jiraate.<\/span><\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4074"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=4074"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4074\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4093,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/4074\/revisions\/4093"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=4074"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=4074"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=4074"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}