{"id":3988,"date":"2016-04-30T08:03:04","date_gmt":"2016-04-30T08:03:04","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/akka-dubbate-ka-eera-maat-28-6-2\/"},"modified":"2018-10-26T09:21:09","modified_gmt":"2018-10-26T09:21:09","slug":"akka-dubbate-ka-eera-maat-28-6-2","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/akka-dubbate-ka-eera-maat-28-6-2\/","title":{"rendered":"AKKA DUBBATE KA\u2019EERA. Maat.28:6"},"content":{"rendered":"<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><strong><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">AKKA DUBBATE KA&rsquo;EERA. Maat.28:6<\/span><\/strong><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; line-height: normal;\"><strong><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; Gizaachew Mekuriyaan&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; <\/span><\/strong><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Icciitiin kun Ol&rsquo;aanaadha. Umama keessaa guutummaan kan isa beekee fi kan isa xinxaalee(qorate) bira gahu danda&rsquo;u hin jiru. &nbsp;&nbsp;Icciitiin Waaqummaa isaa afuura qulqulluun Abbootii filatamaniif qofa kan ifu qofa yoo ta&rsquo;u, akkasumas ta&rsquo;e &nbsp;guutummaa isaatiin kan isa beekuu danda&rsquo;u hin jiru. Kanaafi, Abbootiin keenya sammuu namaatiin ol ta&rsquo;uu isaa fi yoomuu iccitii ta&rsquo;uu isaa ibsuuf &ldquo;<em>waaqa garaa Gurraacha<\/em>&rdquo; jechuun kan waaqa isaanii waammatan. &nbsp;Waa hundaafuu, Abbootii keenyaa irraa kan baranne akka armaan gadiitti dhiyaateera. Waa&rsquo;een Du&rsquo;aa ka&rsquo;uu Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos Wangeela Maatiwoos 28, Maarqos 16, Luqaas 24 fi Yohaannis 20 irratti guutummaan barreeffamee kan jiru &nbsp;&nbsp;yoo ta&rsquo;u akka armaan gadiitti dhiyaateera.<\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Waa&rsquo;ee du&rsquo;aa ka&rsquo;uu yoo dubbannu haala duutti itti dhufee fi &nbsp;ammam akka nama gaddisiisu hubachuun nurra jiraata. Jireenyis duunis Addamii fi Heewwaniin akka ta&rsquo;e kitaabni qulqulluun ni dubbata. &nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;<\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Jireenya gara du&rsquo;aatti kan jijjiires seera Waaqayyoo diiganii cubbuu raawwachuu dha. Du&rsquo;a jechuun hiika lama kan qabu yoo ta&rsquo;u gama tokkoon foon lubbuun keessaa baate yoo ta&rsquo;u gama birootiin immoo otoo lubbuun jiruu fi nama jedhamee waamamu cubbuu raawwachuun otoo ija jijjiirannaa qalbii hin taasifatiin jiraachuu dha. <\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Du&rsquo;aa ka&rsquo;uun (<\/span><span style=\"font-size: 12pt; font-family: Nyala; color: black;\">\u1275\u1295\u1223\u12a4<\/span><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">) akka hiika mana Kiristaana keenyaatti lubbuu fi foon duuni addaan baase ture walitti deebi&rsquo;anii murtii fudhachuuf kan itti ka&rsquo;anii dha. Du&rsquo;aa ka&rsquo;uun duuni kan ittiin moo&rsquo;atamee fi bilisummaan ilmaan namaa kan ittiin labsameedha. Du&rsquo;a moo&rsquo;achuun du&rsquo;aa kaa&rsquo;uun isa duraa kan ta&rsquo;ee fi aangoo kana ilmaan namaatiif kan kenne Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. &ldquo;Kiristoos warreen muganiif isa duraa ta&rsquo;ee ka&rsquo;eera.&rdquo; Qoronxoos dursaa 15:20. <\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Addaam waggoota torbaaf ajaja Waaqayyoo eegee &nbsp;waan jiraateef ulfinni isaa otoo hinhir&rsquo;anne fi kennii isaa otoo jalaa hin hi&rsquo;rifamne akka jiraate hayyoonni mana amantaa nu barsiisu. Ergaa Yohaannis 1<sup>ffaa<\/sup> 3:24 &ldquo;ajaja isaa kan eegu Isaan jiraata Innis isa keessa ni jiraata&rdquo;. Addaamii fi Heewaan dhugaan tokko yaadoota walfalleessan lamaan seexanaan waan itti himameef tokkoo isaa filachuun dirqama waan itti ta&rsquo;eef fedhii isaanii guutuun gorsa seexanaa filatanii raawwatani. Kana raawwachuu isaatiinis akka seexanni jedheen &nbsp;waaqa ta&rsquo;uu hin dandeenye, akka waaqayyoon itti dubbatee turetti ulfinaa fi kennaa isaanii ni dhaban. Bara keenya kanas, yaada faallaa dubbii Waaqayyoon nutti dubbachaa jiruun ala kan nu gorsaan (yeroo Waaqayyoon gara mana isaatti fayyinaaf nu waamu akka hin deemne, Gocha Waaqayyoon hin raawwatiina jedhe akka raawwanuu, yeroo soomaa akka hin soomne, yeroo kadhannaa akka ciisnuu fi kkf), fi kana biras darbaan Ijoolummaa Waaqayyoo nudhabsiisuuf dhibbaa adda addaa kan nurraan ga&rsquo;an &nbsp;jiraniin &lsquo;namni biyya lafaa hunda buufatee yoo lubbuu isaatti hir&rsquo;ise maal godhaaf? Akka Maat.8:36 itti himne seexana diina ta&rsquo;ee otoo jiruu fira fakkaatee goyyomsuun Waaqa keenya waliin addaan nubaasuuf nu qoraa jiru irraatti qabsaa&rsquo;uu qabna. &nbsp;&nbsp;<\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Addam Waaqa isa uumee fi isa jaalatu ajaja\/ jecha isaa darbuun cubbuu raawwachuun Waaqa isaa waan gaddisiseef isaa fi ijoolee isaa kan ta&rsquo;an ilmaan namaa hunda &nbsp;irraatti duuni itti murtaa&rsquo;e. Waaqayyoo fi Ilmaan namaa gidduutti daddoon(girgiddaa) lolaa ni uumame. Addaam abbaan keenya suuga Waaqayyootiin waantooni isa barbaachisu hundi guutameefi bakka itti jiraatuuf, waan nyaatuu fi uffatu kennameefi yaaddoo fi bu&rsquo;aa ba&rsquo;ii malee bakka itt jiraatu Gannata sababa cubbuu isaatiin ni dhabe. Waanti nama dinqu immoo battala ajaja Waaqa isaa darbee cubbuu raawwate ofii isaa Waaqa isaa isa duraan yaaddoon eeguu fi abdii godhatu ni baqate, kennaan Waaqayyoo inni qaama qullaa isaa uffisee ture harkaa badee qullaa ta&rsquo;u isaanii ni barani. Uum. 2:17 irratti &ldquo;Mukkeen gannata keessa jiran hunda ni nyaatta.Garuu &nbsp;Ija mukaa &nbsp;&nbsp;gaarii fi hamaa nama beeksiisu kana hin nyaatiin, gaafa isa irraa nyaatte du&rsquo;a niduuta&rdquo; akka jedheeni ture bakka Waaqni isaa toolcheefi itti isa jiraachisaa &nbsp;ture, &nbsp;nyaata &nbsp;fi uffata Waaqa isaatiin qophaa&rsquo;eef dadhabbii tokko malee dhamdhamachaa ture dhabuun du&rsquo;a akka irraa of eegu itti himaamee ture harkatti ni kufe. Waaqayyoon ija mukaa hin nyaatiin,yoo nyaatte ni duuta jedheen seexanni immoo gaafa isa nyaate waaqa ni taata jechuun akka nyaatu ajaje. Sababa isaatiin dacheen (lafni) ni abaaramte, dhama&rsquo;ee dafqa isaatiin akka jiraatu, biyyoo irraa uumameetti akka deebi&rsquo;u, dubartiin yeroo deessu ciniinsuun akka itti cimu, uumamni (seexana boofaan fakkeefame) kan isaaf bitamee &nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;jiraachaa ture diina akka itti ta&rsquo;u itti murtaa&rsquo;eera. Kana caalaa immoo Waaqa isaa baqachuu fi dhokachuun dhaabiitti\/ jiraatti du&rsquo;eera. Qullaa isaanii ta&rsquo;uu ni barani, kennaa fedhii isaanii fedhii Waaqayyoof ittiin bulchan ni dhabani, nageenya isaanii ni dhaban, jireenya lubbuu ni dhaban, Waaqqayyoon fakkaachuu ni dhaban, Gannatas ni dhaban. &nbsp;Kana booddees abbootiin jiraatan hundi Addaam abbaa isaanii irraa du&rsquo;a kana dhaaluun jireenya lubbuu dhabanii, dukkana keessa waggaa 5500 jiraataniiru. Namoonni barren kana keessa turanis jireenya dukkana sukkanneessa kana keessaa akka isaan baasu akka jedhanii kadhachaa turaniiru. Isa. 64:1-2 &ldquo;Maaloo otoo samiiwwan bantee gadi buutee, tulluuwwanis otoo raafamanii maaloo, akka &nbsp;&nbsp;ibiddi qoraan gubee ibidichis bishaan danfiisu maqaan kee diinoota keetti beeksiisi. Jechuun Waaqa isaanii kadhachaa turaniiru. Akkasumas, Ilmi namaa Uumaa isaa waliin waldhabuu isaatiin bittaa seexanaa sukkanneessa ta&rsquo;e harkatti kufuu isaa Raajjichi kun akkas jechuun ibseera. &ldquo;Hundi keenya akka nama xuraa&rsquo;aa taaneera, qulqullummaan keenya hundi &nbsp;akka uffata abaarsaati, hundi keenya akka baalaa ni harcaane, cubbuun keenyas akka bubbee nufudhateera.&rdquo; Jechuun dubbateera. Isa. 64:6 .<\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Kunis, hanga bara dhaloota Gooftaa keenya Iyyaus Kiristoos haadha keenya, giifti keenya durbee Maariyaamii irraa dhalatee waadaa Addamiif ilmoo ilmoo kee irraa dhaladhee nan si fayyisa jedhee galeef raawwatuutti kan ta&rsquo;ee dha. Ilmaan namaa kana mana hidhaa si&rsquo;ool keessaa baasuu fi &nbsp;bittaa seexanaa harkaa bilisa baasee ulfinaa isaa duraan turtetti deebisuuf jecha Waaqni nama ta&rsquo;ee dhalatee, du&rsquo;aa isaa du&rsquo;ee, du&rsquo;aa ka&rsquo;uun aangoo du&rsquo;aa ittiin ka&rsquo;u goonfachiiseera. &nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;Addaam hidhaa keessaa baasuuf ni hidhame, ni reebame dhuma irrattis fannifamee jireenya bara baraa ni laateef. &nbsp;<\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Gooftaa fi Qoricha keenya kan ta&rsquo;e Iyyasus Kiristoos bakka Addaam itti boqote Gologotaa (hiikni isaa buqqee mataa) &nbsp;jedhamuutti fannifamee du&rsquo;a ni ajjeese. Aawwaalas humna ni dhoowwe. Fagaanne kan turreenis Ijoolleekoo nuun jedhe. &nbsp;&nbsp;Wangeela Maatiwos 27:33 fi Qoronxos 1ffaa 15:56. Foon isaatiin gara awwaalaa, lubbuu isaatiin gara sii&rsquo;ool bu&rsquo;ee Addaamii fi ijoollee isaa abdiin isaa eeggachaa turaniif bilisummaa ni labse. &lsquo;Yaa du&rsquo;a waraantuun kee meerre? Yaa sii&rsquo;ool moo&rsquo;ichi kee meerree? 1Qor.15:55 jedhamee akka barreeffame du&rsquo;a Qoricha keenya Iyyasuus Kiristoosiin seexanni &ldquo;du&rsquo;a&rsquo;&rsquo; jedhamee dubbatameef aangoon isaa kan fashalaa&rsquo;ee ta&rsquo;uu, seexanni uumama dadhabaa ta&rsquo;uu fi waaqa tolfamaa ta&rsquo;uu isaa kan agarsiisuu dha. <\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Du&rsquo;aa ka&rsquo;uun gosa lama dha. Inni jalqabaa Ka&rsquo;umsa Lubbuu (<\/span><span style=\"font-size: 12pt; font-family: Nyala; color: black;\">\u1275\u1295\u1223\u12a4<\/span><span style=\"font-size: 12pt; font-family: Nyala; color: black;\">\u120d\u1261\u1293<\/span><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">) yoo ta&rsquo;u kunis jijjirrannaa qalbii godhachuun cubbuu irraa fagaatanii qulqullummaan amantiin jiraachuu dha. Namni Waaqayyootti amanee cubbuu irraa fagaachuun Waaqa isaa waliin jiraachuu baachuun du&rsquo;a dha. Qulqullichi Phaawuloos kana yoo ibsu &ldquo;Jalaala guddaa nuuf qabu irraa ka&rsquo;uun yeroo cubbuu keenyaan duunee turre illee Kiristoos waliin jireenya nuuf ni kenne.&rdquo; Efeson 2:5 &nbsp;jedheera. Qulqulluun Yohaannisis Mul&rsquo;ata isaa 20:6 irratti &ldquo;Ka&rsquo;umsa isa jalqabaatiif kan carraa argate inni eebbifamaa fi qulqulluu dha. Duuni inni boodaa(lammaffaa) jechuun namni jijjirannaa qalbiif ta&rsquo;u godhachuun Foonii fi Dhiiga Gooftaa fudhatee jireenya bara baraatiif hin qophoofnee fi akka fedha Waaqayyootti jiraachuun fedhii isaanii fedhii Waaqayyootiif hin bichisiifne &nbsp;du&rsquo;aa ka&rsquo;uu isa jalqabaa waan hin arganneef du&rsquo;a isa lammaffaa jalaa bahu kan hin dandeenye ta&rsquo;uu hubachiiseera. Qulqullichi Paawulosis &ldquo;Ati inni raftu damaqi, warreen jiraatti du&rsquo;aan keessaa ka&rsquo;ii, Kiristoos siif ibsa.&rdquo; Jedheera. Seenaan mucaa badee wangeela Luqaas 15:11-32 tti barreeffamee arginu du&rsquo;aa ka&rsquo;uu isa jalqabaa kan nu barsiisuu dha. &ldquo;Mucaankoo kun du&rsquo;ee ture, amma garuu jireenya argateera, badee kan ture argameera&rdquo; jechuun du&rsquo;uu isaa kan dubbate du&rsquo;a foonii otoo hin taane abbaa fi maatii isaa irraa addaan bahuu isaatiin ture. Nutis yeroo Waaqayyo Abbaa keenyaa fi qulqulloota Isaa irraa addaan baanu ni duuna. Battala gara Waaqayyo Abbaa keenyaatti jijjirannaa qalbii godhannee deebine du&rsquo;aa kaanee jireenya ni arganna. Kiristaanoonni jijjirannaa qalbii godhatanii <em>FOONII FI DHIIGA GOOFTAA FUDHACHUUN<\/em> akka fedha waaqayyootti jiraachuun ka&rsquo;umsa isa duraa ni goonfatu. Ka&rsquo;umsi inni jalqabaa jijjirannaa qalbiitiin argatan kun ka&rsquo;umsa isa lammaffaatiif kan qaqqabsiisuudha. <\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Du&rsquo;aa ka&rsquo;uun inni lammaffaa &nbsp;immoo warreen du&rsquo;an ka&rsquo;anii foonii fi lubbuun isaanii kan itti walitti dee&rsquo;bii&rsquo;anii dha (<\/span><span style=\"font-size: 12pt; font-family: Nyala; color: black;\">\u1275\u1295\u1223\u12a4<\/span><span style=\"font-size: 12pt; font-family: Nyala; color: black;\">\u12d8\u1309\u1263\u12a4<\/span><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">). Kunis kan raawwatamu yeroo Gooftaan keenya lammata deebi&rsquo;ee dhufu yoo ta&rsquo;u yeroo kanas qulqulloota warreen ka&rsquo;umsa isa jalqabaa argataniif yoo murteessu warreen cubbamoota ta&rsquo;an irratti immoo ni murteessa. Du&rsquo;aa ka&rsquo;umsa isa lammaffaa kanaan cubbamoonni du&rsquo;a isa lammaffaa kan du&rsquo;an yoo ta&rsquo;u kunis du&rsquo;a bara baraati. Warreen Du&rsquo;aa ka&rsquo;ii isa jalqabaa argatan garuu du&rsquo;a isa jalqabaa jechuun addaan ba&rsquo;uu foonii fi lubbuun ala\/ &nbsp;malee duuni inni lammaffaa isaan kan argatuu miti. <\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Gooftaa fi Fayyisaa keenya kan ta&rsquo;e Iyyasuus Kiriistoos Du&rsquo;aa ka&rsquo;uu isaatiin namni du&rsquo;ee awwaalamee kan hin hafne, du&rsquo;aa ka&rsquo;ee jireenya bara baraa jiraachuuf abdii kan qabu ta&rsquo;uu isaa du&rsquo;aa ka&rsquo;umsa isaatiin nuuf mirkaneesseera. Kanaaf, du&rsquo;a booddee jireenyi awwaala booddee abdiin ka&rsquo;uu jiraachuu isaa hubachuun qaroomina guddaa dha. Yoh.5:28-29 &ldquo;Yeroon warreen du&rsquo;anii awwaalaman &nbsp;hundi sagalee Isaa itti dhaga&rsquo;an ni dhufa, warreen waan gaarii hojjetan jireenya argachuuf &nbsp;ni ka&rsquo;u, warren hammeenya hojjatanis adabiif ni ka&rsquo;u.&rdquo; akka jedhame amantii keenya sirrii fi qajeeltuu taate Ortodooksiin cimnee dhaabbannee naamusa gaarii qabaanne mootommaa Waaqayyoo &nbsp;dhaaluun jireenya bara baraa akka argannu hubachuun of-qopheessuun barbaachiisaa dha. &nbsp;Kana ta&rsquo;uu baatee yoo hammeenya keenyaan itti fufne garuu gara boolla sodaachisaa ta&rsquo;eetti gatamnee seexana waliin jiraachuun dirqama ta&rsquo;uun isaas dhimma dagatamuu hin qabnee dha. <\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\"> Jijjirannaa qalbiitiin otoo gara Waaqayyootti hin dhiyaannee fi gara mana Abbaa keenyaatti hin deebine ayyaana du&rsquo;aa ka&rsquo;uu kabajneera jechuun hin danda&rsquo;amu. Mana keenyaa keessatti waantoonni nyaataamanii fi uffataman yoo guutaman illee lubbuu keenyaatti waanti hir&rsquo;ate waan jiruuf ayyanichi ayyaana gammachuu guutuu qabuudha jechuun hin danda&rsquo;amu. Kanaaf, Ayyaana du&rsquo;aa ka&rsquo;uu Gooftaa kana yeroo kabajnu gammachuun keenya guutuu ta&rsquo;ee suga ayyanichaan akka eebifamnutti gara mana Waaqa keenyaatti deebinee &nbsp;hirmaattoota du&rsquo;aa ka&rsquo;ii jireenyaa kan nu taasisu hoolaa Qaraaniyootti nuuf qalame <em>FOONII FI DHIIGA GOOFTAA<\/em> keenyaa fudhachuun ta&rsquo;uu qaba malee gocha warreen du&rsquo;a filatanii kan ta&rsquo;e sirbaa fi machiin ta&rsquo;uu hinqabu. <\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Du&rsquo;a Isaatiin du&rsquo;a moo&rsquo;ee du&rsquo;aa ka&rsquo;uu &nbsp;uulfinaa kan nuuf laate fayyisaan Adduunyaa Waaqni keenya kan darbe irraa barannee guyyaa du&rsquo;a keenyaa yaaduun qulqullummaan qophoofne akka jiraanu nu haa gargaaru. Arjoominni Waaqayyoo araarri durbee Maariyaamii hunda keenya waliin haata&rsquo;u. Ameen.<\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><strong><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">AKKA DUBBATE KA&rsquo;EERA. Maat.28:6<\/span><\/strong><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; line-height: normal;\"><strong><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; Gizaachew Mekuriyaan&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp; <\/span><\/strong><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Icciitiin kun Ol&rsquo;aanaadha. Umama keessaa guutummaan kan isa beekee fi kan isa xinxaalee(qorate) bira gahu danda&rsquo;u hin jiru. &nbsp;&nbsp;Icciitiin Waaqummaa isaa afuura qulqulluun Abbootii filatamaniif qofa kan ifu qofa yoo ta&rsquo;u, akkasumas ta&rsquo;e &nbsp;guutummaa isaatiin kan isa beekuu danda&rsquo;u hin jiru. Kanaafi, Abbootiin keenya sammuu namaatiin ol ta&rsquo;uu isaa fi yoomuu iccitii ta&rsquo;uu isaa ibsuuf &ldquo;<em>waaqa garaa Gurraacha<\/em>&rdquo; jechuun kan waaqa isaanii waammatan. &nbsp;Waa hundaafuu, Abbootii keenyaa irraa kan baranne akka armaan gadiitti dhiyaateera. Waa&rsquo;een Du&rsquo;aa ka&rsquo;uu Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos Wangeela Maatiwoos 28, Maarqos 16, Luqaas 24 fi Yohaannis 20 irratti guutummaan barreeffamee kan jiru &nbsp;&nbsp;yoo ta&rsquo;u akka armaan gadiitti dhiyaateera.<\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Waa&rsquo;ee du&rsquo;aa ka&rsquo;uu yoo dubbannu haala duutti itti dhufee fi &nbsp;ammam akka nama gaddisiisu hubachuun nurra jiraata. Jireenyis duunis Addamii fi Heewwaniin akka ta&rsquo;e kitaabni qulqulluun ni dubbata. &nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;&nbsp;<\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Jireenya gara du&rsquo;aatti kan jijjiires seera Waaqayyoo diiganii cubbuu raawwachuu dha. Du&rsquo;a jechuun hiika lama kan qabu yoo ta&rsquo;u gama tokkoon foon lubbuun keessaa baate yoo ta&rsquo;u gama birootiin immoo otoo lubbuun jiruu fi nama jedhamee waamamu cubbuu raawwachuun otoo ija jijjiirannaa qalbii hin taasifatiin jiraachuu dha. <\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Du&rsquo;aa ka&rsquo;uun (<\/span><span style=\"font-size: 12pt; font-family: Nyala; color: black;\">\u1275\u1295\u1223\u12a4<\/span><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">) akka hiika mana Kiristaana keenyaatti lubbuu fi foon duuni addaan baase ture walitti deebi&rsquo;anii murtii fudhachuuf kan itti ka&rsquo;anii dha. Du&rsquo;aa ka&rsquo;uun duuni kan ittiin moo&rsquo;atamee fi bilisummaan ilmaan namaa kan ittiin labsameedha. Du&rsquo;a moo&rsquo;achuun du&rsquo;aa kaa&rsquo;uun isa duraa kan ta&rsquo;ee fi aangoo kana ilmaan namaatiif kan kenne Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. &ldquo;Kiristoos warreen muganiif isa duraa ta&rsquo;ee ka&rsquo;eera.&rdquo; Qoronxoos dursaa 15:20. <\/span><\/p>\n<p style=\"margin-top: 6pt; text-align: justify; line-height: normal;\"><span style=\"font-size: 12pt; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; color: black;\">Addaam waggoota torbaaf ajaja Waaqayyoo eegee &nbsp;waan jiraateef ulfinni isaa otoo hinhir&rsquo;anne fi kennii isaa otoo jalaa hin hi&rsquo;rifamne akka jiraate hayyoonni mana amantaa nu barsiisu. Ergaa Yohaannis 1<sup>ffaa<\/sup> 3:24 &ldquo;ajaja isaa kan eegu Isaan jiraata Innis isa keessa ni jiraata&rdquo;. Addaamii fi Heewaan dhugaan tokko yaadoota walfalleessan lamaan seexanaan waan itti himameef tokkoo isaa filachuun dirqama waan itti ta&rsquo;eef fedhii isaanii guutuun gorsa seexanaa filatanii raawwatani. Kana raawwachuu isaatiinis akka seexanni jedheen &nbsp;waaqa ta&rsquo;uu hin dandeenye, akka waaqayyoon itti dubbatee turetti ulfinaa fi kennaa isaanii ni dhaban. Bara keenya kanas, yaada faallaa dubbii Waaqayyoon nutti dubbachaa jiruun ala kan nu gorsaan (yeroo Waaqayyoon gara mana isaatti fayyinaaf nu waamu akka hin deemne, Gocha Waaqayyoon hin raawwatiina jedhe akka raawwanuu, yeroo soomaa akka hin soomne, yeroo kadhannaa akka ciisnuu fi kkf), fi kana biras darbaan Ijoolummaa Waaqayyoo nudhabsiisuuf dhibbaa adda addaa kan nurraan ga&rsquo;an &nbsp;jiraniin &lsquo;namni biyya lafaa hunda buufatee yoo lubbuu isaatti hir&rsquo;ise maal godhaaf? Akka Maat.8:36 itti himne seexana diina ta&rsquo;ee otoo jiruu fira fakkaatee goyyomsuun Waaqa keenya waliin addaan nubaasuuf nu qoraa jiru irraatti qabsaa&rsquo;uu qabna. &nbsp;&nbsp;<\/span><\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[75],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3988"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3988"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3988\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4135,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3988\/revisions\/4135"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3988"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3988"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3988"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}