{"id":3968,"date":"2016-03-10T10:15:40","date_gmt":"2016-03-10T10:15:40","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/sooma-gudda\/"},"modified":"2018-10-26T09:21:12","modified_gmt":"2018-10-26T09:21:12","slug":"sooma-gudda","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/sooma-gudda\/","title":{"rendered":"Sooma Gudda"},"content":{"rendered":"<p style=\"text-align: center;\"><span style=\"font-size: 14pt;\"><strong><span style=\"color: #000000;\">Maqaa Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu Waaqa tokko ameen!<\/span><\/strong><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: right;\"><em><strong><span style=\"font-size: 12pt; color: #00ff00;\">Damissee Jemaanee<\/span><\/strong><\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: center;\"><span style=\"font-size: 14pt;\"><strong><span style=\"color: #ff0000;\">Sooma<\/span><\/strong><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">sooma jechuun qaamni kan barbaadu hundarraa dhorkamuu&nbsp; yookiin nama kan hawwisiisu hunda dhiisuu jechuudha. Karaa biraatiin nyaata barbaachisu irraa yeroo muraasaaf turuufi yakka adda addaa hojjechuu guutummaa guutuutti dhiisuu jechuu dha. Amantiin bakka jiru hunda soomni ni jira. Raajonni Kakuu Moofaa&nbsp; keessa turan&nbsp; Waaqayyo&nbsp; faana waqtii itti wal argan&nbsp; bishaaniifi midhaan gara afaan isaanii hin seenu ture ( seera bahuu 34:28).&nbsp; Dheekkamsi Waaqayyorraa sababa baayina cubbuuu keenyaaf ajajamu kan deebi&rsquo;u soomaan yoo kadhatan ture (Yonas 3:5-10)<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Kakuu Haaraa keessattis soomni kan namni ofii isaa uume osoo hin taane Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fooniin deddeebi&rsquo;aa yeroo turetti&nbsp; jalqaba hojii hundaa godhee&nbsp; seera uume dha.(Maat 4:2;&nbsp; Luq. 4:2).<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos qorumsa gurguddaa warren akka sassatuu, of- tuulummaafi qabeenya jaalachuu kan seexanaan itti dhiyaateef soomaan moo&rsquo;ee nutis moo&rsquo;uu akka dandeenyu nu barsiise. Kana qofaas osoo hin taane diina keenya seexana nurratti hidhamee jiru soomaan ofirraa arii&rsquo;uu akka dandeenyu dubbateera.(Mat 17:21 ,Maar 9:2)<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Mana amantaa akka tajaajilaniif duuka bu&rsquo;oonni Waaqayyoorraa Afuura Qulqulluu kan argatan soomarra osoo jiraniiti.(Hojii Erg. 13:2 ). Kunis kan agarsiisu soomaa fi kadhaan kan adda hin bane ta&rsquo;uu isaafi yommuu soomnuufi kadhannu Afuurri Qulqulluun kan nutty dhiyaatu ta&rsquo;uu isaa nu agarsiisa.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Qaamni soomaan gadi qabameefi lapheen kadhaaf qophaa&rsquo;e Waaqayyoof ajajamuuf kan qophaa&rsquo;e ta&rsquo;uufi&nbsp; innis nu ajaja, nutis ni ajajamnaaf.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Luboonniiifi kan lallaba wangeelaaf waamaman hunduu aangoo kan argatan soomaafi kadhaatiini. (hojii ergamootaa 13:3,4:25)<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Soomni Waaqayyoon kan ittiin kadhatan hidhaa seexanaa irraa kan ittiin hiikaman waan ta&rsquo;eef waqtii soomaa kana qanaateedhaaf nyaata nyaatamuufi hojii afuuraaf faallaa kan ta&rsquo;e&nbsp; hojii fedha&nbsp; foonii kan jajjabeessu dhugaatii alkoolii, nyaata beeladaa (foon, dhadhaa,aannan, buuphaafi kkf) irraa fagaachuu qabna.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Soomni gocha raawwatan yaadachaa cubbuu irraa qulqullaa&rsquo;uuf kan ofii irraa hiyyeessotaaf kennuun kan soomamu ta&rsquo;uu hubachuu qabna.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Soomni ofiif qofa osoo hin taane firaafis,firaaf qofa osoo hin taane diinaafis ni soomama.&ldquo;warra sin arii&rsquo;ataniif soomaa&rdquo;( Didisqiliyaa 1:5 jedha).<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Dhukkubaan sireerratti hidhamanii warra jiran,baqaan biyya ormaa gidiraan warra jiran yaadachuun waa&rsquo;ee isaanii kadhachuun nurra jira.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Qulqulluu Yaarediis waan yaraa ilaaluu,dhagahuufi dubbachuu irraa of qusachuu akka qabnu nu barsiisa.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: center;\"><strong><span style=\"font-size: 14pt; color: #ff0000;\">Sooma Guddaa<\/span><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Barumsa duuka bu&rsquo;oota waaqayyoo irratti kan hundoofte manni Amantaa Kiristaanaa Ortoodoksii Itiyoophiyaa tokko waan taateef sirnaafi seera soomaa ni qabdi. Sooma manni Amantaa keenya nutti himtes gosaan torbadha.Isaan kana hunda keessaas kan waqtii ammaa kana ilaallatu Sooma Guddaa isa jedhamu ni ilaalla.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Gooftaan keenya fayyisaan keenya Iyyesuus Kiristoos nuuf fakkeenya ta&rsquo;uuf nu barsiisuuf kan soomedha.Soomaguddaa kanattis diinni keenya jalqabaa seexanni kan itti moo&rsquo;amedha.Nutis kana hubachuun karaa adda addaa qormaata nutti dhufu ofirraa fageessuuf eebba guddaa sooma kanarraa akka argannuuf ni soomna. <\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Mat 6:16 irratti kadhadhaa,soomaa nuun jedha.Ajajasaas eeguuf ni soomna. Soomni guddaan gooftaan soome kunis maqaa adda addaa qaba.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong><span style=\"color: #0000ff;\">1<sup>ffaa<\/sup>.Sooma Guddaa:-<\/span><\/strong> Waaqa waaqotaa kan ta&rsquo;e Gooftaa Iyyesuus Kiristoosiin kan hundaa&rsquo;e waan ta&rsquo;eef Sooma Guddaa jedhameera.Soomakana kan soomnu guyyoota 55&rsquo;f dha.Sooma jiran keessaas dheerina guyyootaan isa guddaa waan ta&rsquo;eef Sooma Guddaa jedhama. Gooftaan keenya Iyyessuus Gadaama Qoroonxoos keessatti soomaa osoo jiruu seexanni qorumsa gurguddoo sadii isaaf dhiyeesse.Qorumsi kunis sassatuu, of-tuulummaafi jaalala Qarshii dha.Qormaata kanneen sadaniinis seexanni yeroo baay&rsquo;ee waan nama qoruuf Waaqayyo qorumsa sadan kana moo&rsquo;icha taasise. Kanaafis soomni kun sooma guddaa jedhama.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\"><span style=\"color: #0000ff;\"><strong>2<sup>ffaa<\/sup>.Sooma Hudaadee:-<\/strong> <\/span>Bara durii lafti bali&rsquo;ina qabuufi lammiin hundi gamtaadhaan misoomsu uummata biratti &ldquo;hudaadee&rdquo; jedhamuun beekama ture. Soomiin kunis lammii amantii Kiristaanaa kan ta&rsquo;e hundi, xinnaa-guddaa, dhiira-dubartii otuu hin jedhiin Kiristoosiin fakkeenya godhachuun waan soomaniif (sooma hundaa ta&rsquo;uu ibsuuf) &ldquo;hudaadee&rdquo; jedhameeera. <\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong><span style=\"color: #0000ff;\">3<sup>ffaa<\/sup>.Sooma Beenyaa:-<\/span><\/strong> Addaamiifi Hewwaan Jannataa kan arii&rsquo;ataman ,gabrummaa si&rsquo;ooliif kan gahan sababa nyaataani.Sababa nyaataan ilma namaa du&rsquo;eef Gooftaan beenyaa kanfale.Beela afuuraa beela&rsquo;aa isaaniif beenyaa kanfaleef.Kanaafis Sooma Beenyaa jedhama.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\"><span style=\"color: #0000ff;\"><strong>4<sup>ffaa<\/sup>.Sooma Moo&rsquo;insaa:-<\/strong><\/span> Qormaata seexanaa gurguddoo sadan- sassatuu, of-tuulummaaf Qarshii jaalachuu- Gooftaan soomarra osoo jiruu mo&rsquo;ichaan waan bira darbeef nutis qormaata dhufu hunda soomaan akka bira dabarruuf soomni kun Sooma Mo&rsquo;insaa jedhama.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong><span style=\"color: #0000ff;\">5<sup>ffaa<\/sup>.Sooma Ce&rsquo;umsaa:-<\/span> <\/strong>Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos seera Ooriitii irraa gara seera Wangeelaatti nu ceesisuus sooma soome waan ta&rsquo;eef soomni kun Sooma Ce&rsquo;umsaa ni jedhama.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong><span style=\"color: #0000ff;\">6<sup>ffaa<\/sup>.Sooma Barumsaa:-<\/span><\/strong> Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos kan soome nuun nu barsiisuufidha.Inni soomuu kan qabu ta&rsquo;ee osoo hin taane nuuyiif fakkeenya ta&rsquo;uufidha.Kanaafuu soomni kun Sooma Barumsaa jedhama.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\"><strong><span style=\"color: #0000ff;\">7<sup>ffaa<\/sup>.Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa:-<\/span><\/strong> Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos magaalafi namarraa fagaatee soomuun jireenya gadaamaa kan akka qulquluu&nbsp; Yohaannis cuuphaafi raajiichi Eeliyaas jiraatan eebbiseera. Kana ilaalchisuun warren sana booda jiran hundaaf jireenya Gadaamii waan eebbiseef soomni kun Sooma Eebba Jireenya Gadaamaa jedhama.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\"><span style=\"color: #0000ff;\"><strong>8<sup>ffaa<\/sup>.Sooma Qohaa&rsquo;inaa:-<\/strong> <\/span>Uummatni Isiraa&rsquo;eel hoolaa faasikaa nyaachuu isaanii dura qophii ni taasisu ture. Nutis du&rsquo;aa ka&rsquo;umsa Gooftaa kabajuuf fooniifi dhiiga Gooftaatti dhiyaachuun keenya dura soomaafi kadhaan qophii kan goonu waan ta&rsquo;eef soomni kun Sooma Qophaa&rsquo;inaa jedhama.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: center;\"><span style=\"font-size: 14pt;\"><strong><span style=\"color: #ff0000;\">Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Maaliif Guyyaa 40 Soomee?<\/span><\/strong><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos hundeessaa seeraa waan ta&rsquo;eef hojii Isaa&nbsp; soomaan jalqabe.Sooma jalqaba hojii hundaa taasise.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Nyaatni foonii hundi cubbuu hojjechuuf hundee akkuma ta&rsquo;e, soomnis nyaata lubbuu isa bara baraan nama jiraachisuuf hundeedha.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Raajonni gurguddoon darban guyyaa afurtama,afurtama soomani. Gooftaan keenyi&nbsp; Iyyesuus Kiristoosis &ldquo;ani kanan dhufe seera raajotaa hanbisuuf miti; raawwachiifidha malee&rdquo; akkuma jedhe (Matt.5:17) guyyaa afurtamaafi halkan afurtama soome. Yoo guyyaa afurtama caalchise Ayihuud seera raajotaa hin eegne jedhanii seera wangeelaa fudhachuurraaa duubatti akka hindeebineef; yoo sanaa gadi soomes fudhachuurraa duubatti waan deebi&rsquo;aniif akkuma raajotaa halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soome.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Museen halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomee seera ooriitii akkuma dhugoomse Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos halkan afurtamaa fi guyyaa afurtama soomuun seera wangeelaa hundeesseera.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Museen waggaa afurtama biyya Miidiyaam erga jiraatee booda saboota Isiraa&rsquo;eel&nbsp; bitttaa Misiraa jalaa baaseera (Ba&rsquo;uu. 3). Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoosis halkan afurtamaafi guyyaa afurtama soomuun lubbuuwwan si&rsquo;ool keessa jiran baaseera.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Isiraa&rsquo;eelonni deemsa isaanii waggoota afurtama booda biyya isaanii Iyyerusaalem galaniiru; Gooftaanis nuyiin guyyaa afurtama yoo soomtan mootummaa Waaqayyoo ni dhaaltu jechuuf guyyaaa afurtamaafi halkan afurtama soomee nu agarsiise.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Hizqi&rsquo;eel cinaacha isaa isa bitaan guyyoota afurtama ciisuun lubbuu du&rsquo;an 600 kaaseera (Hiz.4:4-6). Gooftaanis guyyaaa afurtama yoo soomtan du&rsquo;aa ka&rsquo;umsa kabajaa ni argattu jechuuf guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama some.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: center;\"><span style=\"font-size: 14pt;\"><strong><span style=\"color: #ff0000;\">Nuti Maaliif Guyyoota 50 Soomnaree?<\/span><\/strong><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Soomni Guddaan (Soomni Gooftaa) kun torbeewwan saddet yookiin guyyaa 55 qaba. Guyyoota kana keessas Sanbata torbaafi Dilbata saddeetitu jira.Guyyootni&nbsp; kunis&nbsp; (Sanbatafi Dilbatni) nyaata gosawwan beeladaa irraa malee sa&rsquo;aatii hedduu turuun kan soomnu miti.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Karaa biraatiin immoo guyyaa 55 jiran keessaa torbeen lama sooma Hirqaaliifi torban Gidiraa Kiristoos (Himamat) dha.Torbeewwan kun lamaan kan gooftaan guyyaa afurtama soome osoo hin taane torban inni gidiraa itti argeefi mootichi Hirqaal sooma labsiin soomsise dha.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Torbeen inni jalqabaa soooma Hirqaal jedhama. Inni dhumaa immooo torbee Gidiraa Gooftaa jedhama.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Hirqaal bara 614 Dh.K.B mootii biyya Beezaantaayiin ture. Torbeen kun&nbsp; maqaa isaatiin sababni inni itti waamame bara sana Faarsoonni&nbsp; Iyyerusaalemiin weeraranii&nbsp; muuziyeemii biyya israa&rsquo;eel keessa kan jiru&nbsp; fannoo Gooftaas booji&rsquo;anii fudhatanii ture. Lubootas ajjeesanii deeman magaala ishees ni guban. Kana booda kuma jaatama kan ta&rsquo;an ajjeesaniifi madeessanii kuma sadii kan ta&rsquo;an booji&rsquo;anii gara Faaris Baabiloonitti fudhatan.Yeroo kanatti lola jalaafi miidhaa akkanaa jalaa warri miliqanii&nbsp; holqaafi bosonaalee adda addaa keessa warri turan&nbsp; uummanni Iyyerusaaalem&nbsp; bara waggaa 14 booda bara 628 Dh. K. B. iyya isaaniifi gidiraa isaanirra gahe Waaqa isaaniifi kiristaanicha mootii Roomaatti (Hirqaalitti)dhageessisan. Loliitu waan booji&rsquo;amne hunda nuuf deebisi isaatiin jedhan. Innis deebisee &ldquo;duuka bu&rsquo;oonni&nbsp; lubbuu kan baase yookiin ajjeese umurii&nbsp; isaa guutuu haa soomu jedhanii barsiiisaniiru. Kanaafuu sooma umurii guutuu kana sodaadheen malee osoon siniif lole natti&nbsp; tola jedhe.Isaanisdeebisaniis namni tokko kan jiraatu yoo baay&rsquo;ate waggaa 70 ykn 80; nuti hundi keenya walii hirree sii soomna kanaafuu loltee bilisa nu baasi jedhani. Innis hundi uummataa torbee tokko tokko akka isaaf sooman erga ajajee booda gara Faarsitti duulee fannooo Gooftaa deebisiisee gara Iyyerusaalemitti deebi&rsquo;eera. Kana booda isaafis fakkeenya akka ta&rsquo;uuf sooma inni labsiin soomsise kana abbootiin sooma guddaa kana faana akka soomamu taasisan.Soomni isaas Soooma Hirqaal jedhama.Seenaan isaas&nbsp; seenaa jaalalli fannoo kan itti mul&rsquo;atedha. Torban Gidiraa immoo yeroo biraa ni ilaalla.Kanas ta&rsquo;e sana torbeen lamaan kun fuulduraafi duubaan akka hundee (ejjannoo) fi xumuraatti waan sooma gooftaa faana jiraniif sooma guddaa faana akka lakkaa&rsquo;aman taasifameera.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: center;\"><strong><span style=\"color: #ff0000; font-size: 14pt;\">Moggaafama Torbeen (Dilbata) Sooma Guddaa Keessaa<\/span><\/strong><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Mana amantaa keenyaaf faaruufi&nbsp; yeedaloo wal-simsiisuun cimsee kan barsiise qulqulluu Yaareed kitaaba isaa &ldquo;Tsoome Diggu&rsquo;aa&rdquo; jedhamu keessatti torbeewwan sooma guddaa hundaaf faaruu faarfatamuu qabaniif maqaa torbeewwan kanatti kenneera.Manni Amantaa Ortoodoksii aadaafi duudhaa mataa ishee qabaachuun ishee ni beekama.Sirnabal&rsquo;aa qabaachuu isheetiinis kan kabajju guyyaa Sanbataafi ayyaanotaa,sooma soomtu,kadhaa kadhattu,maahileeta dhaabbattu hundi seeraafi sirna mataa isaa ni qaba. Ka&rsquo;umsa tokko malee sanbata kabajju, sooma soomtu,kadhaa kadhattu hinqabdu. Haala kanaan sooma hudaadee kana kan soome gooftaa keenya fayyisaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos waan ta&rsquo;eef biyya lafaarra deddeebi&rsquo;ee barsiisaa yeroo turetti gocha inni raawwate yaadachaa sanbatoota tokkoo tokkoo isaaniitti maqaa kennuun&nbsp; akka maqaaa sanaattis seenaasaa kaasuun Manni Amantaa keenyaa gooftaa ni galateeffatti,ni faarfatti,ni kadhatti. <\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Haalakanaan turban inni:<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: left; margin-left: 90px;\"><span style=\"font-size: 12pt;\"><span style=\"color: #0000ff;\">&bull;<\/span>&nbsp;&nbsp; <span style=\"color: #0000ff;\">&nbsp;1ffa- &ldquo;Zeweredee&rdquo;; <\/span><\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt; color: #0000ff;\">&bull;&nbsp;&nbsp; &nbsp;2ffa- Qiddist; &nbsp;<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt; color: #0000ff;\">&bull;&nbsp;&nbsp; &nbsp;3ffa- Mikuraab; <\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt; color: #0000ff;\">&bull;&nbsp;&nbsp; &nbsp;4ffa- Mitsaaguu; <\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt; color: #0000ff;\">&bull;&nbsp;&nbsp; &nbsp;5ffa- Debre Zeyit; <\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt; color: #0000ff;\">&bull;&nbsp;&nbsp; &nbsp;6ffa- Gebriheer; <\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt; color: #0000ff;\">&bull;&nbsp;&nbsp; &nbsp;7ffa- Niqoodimoos; <\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt; color: #0000ff;\">&bull;&nbsp;&nbsp; &nbsp;8ffa- Hoosaa&rsquo;inaa jedhama.<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: left; margin-left: 30px;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Egaa warraa armaan olitti ilaalle kana hunda torbee torbeen ni ilaalla. Torbeen inni 9ffaa Ayyaana Du&rsquo;aa Ka&rsquo;umsaa ta&rsquo;uunsaas dagatamuu hinqabu.<\/span><\/p>\n<p style=\"margin-left: 30px; text-align: center;\"><strong><span style=\"color: #ff0000; font-size: 14pt;\">Zeweredee (Museenii)<\/span><\/strong><\/p>\n<p style=\"margin-left: 30px; text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">Sanbatni guyyaa sooma jalqabaa itti simannu kun Zeweredee yookiin Museenii&nbsp; jedhama. Sababa inni itti&nbsp; Zeweredee jedhameef&nbsp; jala bultii guyyaa kanaatti luboonni&nbsp; bataskaana keessatti kan faarfatan&nbsp; jalqaba sooma diggu&rsquo;aa kan ta&rsquo;e &lsquo;\u12d8\u12c8\u1228\u12f0 \u12a5\u121d\u120b\u12d5\u1209 \u12a0\u12ed\u1201\u12f5 \u1230\u1240\u1209&rsquo; jecha jedhu waan ta&rsquo;eef sanbata kana qulqulluu Yaareed Zeweredee jedhee moggaase.Hiikniisaas&nbsp; &lsquo;&rsquo;isa samiirraa bu&rsquo;e Ayihuud fannisani&nbsp; &lsquo;&rsquo;kanjedhu yommuu ta&rsquo;u waa&rsquo;ee gooftaa keenyaa Iyyesuus Kiristoos&nbsp; samiirraa gadi bu&rsquo;ee fannisamuu isaa kan ibsu dha.(Yoh 1:9-11, yoh 3:13-21)<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Dabalataanis torbeen kun Abbootiin Seenaa Musee kaasaa&nbsp; kan seenaa Gooftaa faana wal-simsiisuudhaan waan faarsaniif Museenii jedhameera.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Caqasoonni guyyaa Wiixataa gaafa jalqaba soomaa dubbifaman keessaa &ldquo;raajonni guyyaa afurtama afurtama soomanii erga darbanii booda raawwataa seera Museefi raawwataa raajii raajotaa kan ta&rsquo;e Gooftaan Iyyesuus Kiristoos akka&nbsp; isaanii guyyaa afurtamaafi halkan afurtama kan soome ta&rsquo;uu isaa kan yaadachiisu dha.(Bahuu 24:18; 1Moot. 19:8; Maat 4:1-4)<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Gara biraanis &ldquo;sagalee Waaqayyoo warra isinitti himan dursitoota keessan yaadadhaa; firii jireenya isaanii ilaalaa amantii keessaniin fakkaadhaa. Iyyesuus Kiristoos kaleessas, har&rsquo;as barabaraan sanuma.Barumsa keessummaa adda addaan hin fudhatamiinaa. Lapheenkeessan kennaa Waaqayyoon yoo cime gaariidha malee nyaataan miti&hellip;.garuu hojii gaarii hojjechuu warra kaaniifis qooduu hin dagatiinaa aarsan akka akkanaa Waaqayyoon ni gammachiisa&rsquo;&rsquo; jedha (Ibr.13:7-16). Kanaaf hangafoota keenya warren karaa Waaqayyo nutti himan, waa&rsquo;ee soomaas warra nutti agarsiisan warren akka Musee yaadachuuf deemsa isaanii hordofuun nurra jira.<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Egaa walumaa galatti torbeen jalqaba soomaa kun torbee samiirraa gadi bu&rsquo;uun Kiristoos itti labsamu ta&rsquo;uu isaa hubachuu qabna.Kan torbee itti aanu kanaan booda wal-duraa-duubaan hordofaa.<\/span><br \/>&nbsp;&nbsp; &nbsp;<span style=\"font-size: 12pt;\">Nagaan Waaqayyoo hunda keenya faana haa turu; ameen!<\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">&nbsp;<\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\">&nbsp;<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<p style=\"text-align: center;\"><span style=\"font-size: 14pt;\"><strong><span style=\"color: #000000;\">Maqaa Abbaa, Ilmaafi Afuura Qulqulluu Waaqa tokko ameen!<\/span><\/strong><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: right;\"><em><strong><span style=\"font-size: 12pt; color: #00ff00;\">Damissee Jemaanee<\/span><\/strong><\/em><\/p>\n<p style=\"text-align: center;\"><span style=\"font-size: 14pt;\"><strong><span style=\"color: #ff0000;\">Sooma<\/span><\/strong><\/span><\/p>\n<p style=\"text-align: justify;\"><span style=\"font-size: 12pt;\">sooma jechuun qaamni kan barbaadu hundarraa dhorkamuu&nbsp; yookiin nama kan hawwisiisu hunda dhiisuu jechuudha. Karaa biraatiin nyaata barbaachisu irraa yeroo muraasaaf turuufi yakka adda addaa hojjechuu guutummaa guutuutti dhiisuu jechuu dha. Amantiin bakka jiru hunda soomni ni jira. Raajonni Kakuu Moofaa&nbsp; keessa turan&nbsp; Waaqayyo&nbsp; faana waqtii itti wal argan&nbsp; bishaaniifi midhaan gara afaan isaanii hin seenu ture ( seera bahuu 34:28).&nbsp; Dheekkamsi Waaqayyorraa sababa baayina cubbuuu keenyaaf ajajamu kan deebi&rsquo;u soomaan yoo kadhatan ture (Yonas 3:5-10)<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Kakuu Haaraa keessattis soomni kan namni ofii isaa uume osoo hin taane Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos fooniin deddeebi&rsquo;aa yeroo turetti&nbsp; jalqaba hojii hundaa godhee&nbsp; seera uume dha.(Maat 4:2;&nbsp; Luq. 4:2).<\/span><br \/><span style=\"font-size: 12pt;\">Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos qorumsa gurguddaa warren akka sassatuu, of- tuulummaafi qabeenya jaalachuu kan seexanaan itti dhiyaateef soomaan moo&rsquo;ee nutis moo&rsquo;uu akka dandeenyu nu barsiise. Kana qofaas osoo hin taane diina keenya seexana nurratti hidhamee jiru soomaan ofirraa arii&rsquo;uu akka dandeenyu dubbateera.(Mat 17:21 ,Maar 9:2)<\/span><\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[65],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3968"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3968"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3968\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4146,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3968\/revisions\/4146"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3968"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3968"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3968"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}