{"id":3878,"date":"2014-11-29T14:43:00","date_gmt":"2014-11-29T14:43:00","guid":{"rendered":"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/ergamoota-qulqulloota\/"},"modified":"2018-10-26T09:21:23","modified_gmt":"2018-10-26T09:21:23","slug":"ergamoota-qulqulloota","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/ergamoota-qulqulloota\/","title":{"rendered":"Ergamoota qulqulloota"},"content":{"rendered":"<h1 class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: 1.75in;\"><strong><span style=\"font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Ergamoota qulqulloota<\/span><\/strong><\/h1>\n<h3 class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: 1.75in; text-align: right;\" align=\"right\"><em><span style=\"font-size: 9.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Mazgabuu Kafyaalawuun<\/span><\/em><\/h3>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Waaqayyo guyyaa dilbataa (guyyaa jalqaba\u00a0 uumama uumuu eegaletti) ergamtoota Isaa uumee jira. Yemmu ergamtoota Isaa uumettis bakka hin jirree gara jireenyaatti isaan fidee uumeera.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-family: 'Bookman Old Style', serif; font-size: 12pt; line-height: 115%;\">Namoonni tokko tokko garuu sagalee Raajaa Waaqayyoo Daawitiin \u201cErgamootasaa afuura (qilleessa) taasisa; tajaajiltoota Isaas laboobin abiddaa taasise\u201d (Faar.103:4)<\/span><span style=\"font-family: 'Bookman Old Style', serif; font-size: 12pt; line-height: 115%;\">\u00a0 <\/span><span style=\"font-family: 'Bookman Old Style', serif; font-size: 12pt; line-height: 115%;\">jedhu qabachuudhaan egamoonni kan uumaman uumama irraa innis qilleensaa fi ibidda irraati jechuun yemmu dubbatan ni dhagahama.<\/span><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">\u00a0<\/span><\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p class=\"MsoNormal\"><span style=\"font-family: 'Bookman Old Style', serif; line-height: 1.3em;\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\" size-full wp-image-3876\" src=\"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/BarumsaAmantaa\/pi.jpg\" border=\"0\" width=\"417\" height=\"443\" style=\"border: 0px; display: block; margin-left: auto; margin-right: auto;\" \/><\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Haa ta\u2019u malee raajaan Daawit yemmu kana jedhu ergamtoonni maal irraa akka uumaman ibsuuf osoo hin taane Ergamoonni <span style=\"color: red;\">Waaqayyoo <\/span>\u00a0akka abiddaa kan xuqamuu hin dandeenye, akka qilleensaa saffisoota taasisee isaan uume jechuu akka ta\u2019e abbootiin ni barsiisu.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-family: 'Bookman Old Style', serif; font-size: 12pt; line-height: 115%;\">Kunis kallattiin waa\u2019ee tajaajila isaanii kan ilaallatudha. Abiddii fi qilleensi tajaajila Ergamootaaf\u00a0 fakkeeffamee yeroo ibsamu kan agarsiisudha. Ibiddi cimaadha, harkaan qaqqabatamuu hin danda\u2019u, ergamtoonni Waaqayyoos cimoodha,<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Qilleensi saffisaadha; ijaan argamuu hin danda\u2019u akkasuma ergamtoonni Waaqatyyoos tajaajilaaf saffisootadha\u00a0 kan ijaan hin argamnedha. Kanaaf Raajichi daawwit caqasa armaan olii kana\u00a0 kan dubbateef tajaajila ergamtootaa ibsuuf malee ka\u2019umsa uumama isaanii ibsuuf maal irraa akka uumamanis caqasuuf miti jechuudha.Kana haata\u2019uyyuu malee mudaan abiddaa fi qilleessa irra jiru qulqulloota Ergamootarra akka hin jirre hubachhu qabna. <\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Waaqayyo ergamoota Isaa uumee seeraa fi sirna malee akkasumaan kan dhiise osoo hin taane qomootiin qoodee magaala hiree isaan teessiseera.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Kunis qulqulluu Eephiifaaniyoos kitaaba isaa \u201cAksiimaaroos\u201d\u00a0 jedhamee beekamu irratti\u00a0 \u201c<span style=\"color: red;\">Waaqayyo<\/span> Ergamootasaa guyyaa sanbata guddaa (Dilbataa) uumee magaalota\u00a0 Sadii , isaanis, Iyyoor, Raamaa fi Eerer keessa \u00a0isaan kaa\u2019e, magaalaatiin Sadii, qoomootiin Dhibba taasisee\u00a0 isaan remade\u201d jechuun\u00a0 ibseera.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Ergamoonni qulquloonni qoomootiin akka dhibba ta\u2019an Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos wangeela Isaarratti\u00a0 \u201cMaal\u00a0 isinitti fakkaata? Namni tokko hoolota Dhibba tokko yoo qabaate isaan keessaas osoo tokko badee warra Sagaltamii Sagal sana tulluu (gaara) irratti dhiisee deemuun isa bade tokko sana hin barbaaduwoo?\u201d jechuun fakkeenyaan barsiiseera. (Maat.18:12) <\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Bakka hangafa Ergamootaa isa duraa <span style=\"color: black;\">Saaxinaa\u2019eel <\/span>bakka kan bu\u2019ee booda sababii yakka dalageen gara biyya gidiraatti kan bade abbaa hunda keenya Addaamidha. <\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: center;\"><strong><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Angafoota Ergamootaa<\/span><\/strong><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Waaqayyo ergamoota uumee seeraa fi qajeelfama malee akkasumaan isaan hin dhiisne. Akkuma armaan olitti ilaalle magaalota sadii fi qomoo dhibbaan isaan qoodee yemmu muudetti angafoota( dursitoota) ammo isaaniif muudee jira.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: .25in; text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\">\u00a0<\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Egaa, angafoota ergamtootaa yemmu jennu dursitoota( hooggantoota) ibsuuf kan itti fayyadamnudha malee ergamtoota keessa umuriidhaan waldursanii angafaa fi quxisuu jechuun adda baasuuf miti.\u00a0<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: 0.25in;\"><span style=\"font-family: 'Bookman Old Style','serif';\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\" size-full wp-image-3877\" src=\"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/BarumsaAmantaa\/pic2.jpg\" border=\"0\" width=\"417\" height=\"443\" style=\"border: 0px; display: block; margin-left: auto; margin-right: auto;\" \/><\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: .25in; text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Ergamtoonni angafoota qabaachuu isaaniis kitaaba qulqulluu irratti bakka adda addaatti karaa tokkoonis ta\u2019e karaa biraa barreeffamee argina. Qulqulluu Yohaannis abbaa wangeelaa mul\u2019ata isaa keessatti:- \u201c Ergamtoota turban Waaqayyo fuuldura dhaabatan arge\u201d ( Mul.8:2) jechuun ergamtoonni angafootaa (dursitootni) torba jiraachuu isaanii nuuf ibsa. <\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: .25in; text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Heenook immoo kitaaba isaa keessatti ergamoota muraasa maqaadhaan adda baasee Uraa\u2019eel, Rufaa\u2019eel, Raagu\u2019eel, Mikaa\u2019eel, Saraqaa\u2019eel,Gabri\u2019eel jechuun waamee jira( Hen.6:1-7)<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: .25in; text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Raajichi Daani\u2019eel ammo qulqulluu Mikaa\u2019elii fi Qulqulluu Gabri\u2019eeliin maqaadhaan adda baasee waamee kan jiru ( Daan. 8:16; 10:13) yoo ta\u2019u, kitaaba Iyyaasuu Ilma Nawwee irratti ammo qulqullichi Mikaa\u2019el \u201cdursaa raayyota Waaqayyoo\u201d akka ta\u2019e ankii ykn aangoo isaa wajjin\u00a0 ibsamee jira ( Iyyaasuu 5:15).<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: .25in; text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Qulqullichi Luuqaas Wangeela isaa irratti maqaa qulqulluu Gabri\u2019eel kan caqase ( Luuq.1:19) yoo ta\u2019u, qulqullichi Phaawuloos ammoo ergaa isaa gara tasaloonqeetti barreesseen \u201c sagalee dursaa ergamtootaatiin samii irraa bu\u2019a\u201d jechuudhaan qulqullicha Mikaa\u2019el caqaseera( 1Tas.4:16)<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: .25in; text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Kitaaba\u00a0 Xoobiit irratti\u00a0 \u201c kan kadhannaa qulqullootaa gara Waaqayyootti ol baasan; kan gara Gooftummaa Waaqayyoo isa kabajamee fi ol ol qabameettis kan galchan ergamtoota dursitoota kabajamoo toorban keessaa ani Rufaa\u2019el tokkodha\u201d ( Xoob.12:15) jechuun ergamtoonni angafootaa torba ta\u2019uu isaanii ibsee jira.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: .25in; text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Ergaa yihudaa irratti ammo\u00a0 \u201c dursaa ergamtootaa qulqulluu Mikaa\u2019el\u201d akka ta\u2019e kan caqase ( Yihu.lakk.9) yoo ta\u2019u, mul\u2019ata Yohaannis irrattis\u201c Mikaa\u2019elii fi ergamoonni isaa \u2026. ( Mul.12:7) jechuu isaatiin qulqulluu Mikaa\u2019el angafummaa ( hoogganummaa)dhaan ergamtoonni qulqulloonni inni irratti muudame jiraachuu nuuf ibsa.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: .25in; text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Egaa\u00a0 abbaa hundumaa kan ta\u2019e Waaqayyo uumama uumee seeraa fi sirna malee akkanumaan kan hin dhiifne ta\u2019uu hubanna. Ergamtoota Isaatiif illee seera baasee, Magaalaa uumee ankii fi aangoodhaan adda baasee akka isaan wal hoggananii fi waliif hoogganaman taassisuudhaan akka isaan muude hubanna.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: .25in; text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Akka kitaaba aksiimaaroos irraa hubannutti Waaqayyo ergamoota Isaa magaalota sadim keessa yemmu isaan kaa\u2019u, qomoodhaan qoodee, hoogganaa muudee ta\u2019uu isaa haala armaan gadiitiin nuuf ibsee jira.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><strong><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0\u00a0 Magaalota ergamootaa Sadanii fi hooggantoota isaanii<\/span><\/strong><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"margin-top: 0in; margin-right: 0in; margin-bottom: .0001pt; margin-left: 178.5pt; text-align: justify; text-justify: inter-ideograph; text-indent: -.25in; mso-list: l0 level1 lfo1;\"><!--[if !supportLists]--><strong><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; mso-fareast-font-family: 'Bookman Old Style'; mso-bidi-font-family: 'Bookman Old Style';\">1.<span style=\"font-weight: normal; font-stretch: normal; font-size: 7pt; line-height: normal; font-family: 'Times New Roman';\">\u00a0\u00a0 <\/span><\/span><\/strong><!--[endif]--><strong><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">\u00a0\u00a0\u00a0Iyyoor<\/span><\/strong><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Waaqayyoo samii Iyyoor keessatti qoomota Ergamoota Afurtma ramadeera. Isaaniinis bakka Afuritti qoodee Hooggantoota Afuur muudeef. <\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Iyyooriinis akka gamoo fooqii taasisee kutaa\u00a0 Afuritti ishee qoodeen. Magaalaa isa irra keessatti qoomoo kudhan qoodee\u00a0 <span style=\"color: red;\">Agaa\u2019izt<\/span>\u00a0 jedhee isaan moggaasee <span style=\"color: #0f243e;\">Saaxinaa\u2019eeliin<\/span>hooganaa\u00a0 isaanii taasise muudeen.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Magaalaa isa Lammaffaa irratti qoomoo kudhan qoodee\u00a0 <span style=\"color: red;\">Kiiruubeel<\/span> jedhee eega moggaseenii booda Ergamaa <span style=\"color: red;\">Kiiruub<\/span> jedhamuu hoogganaa taasisee muudeef. Hizqi 10:1.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Magaalaa isa Sadaffaa irratti qoomoo kudhan qoodee <span style=\"color: red;\">Suraafeel<\/span> jedhee moggaasee booda Ergamaa <span style=\"color: red;\">Suuraafii<\/span> jedhamu hoogganaa taasisee muudeef.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Magaalaa isa Afuraffaa irratti qoomoo kudhan qoodee\u00a0 <span style=\"color: red;\">Hayilaat<\/span> jedhee moggaasee booda <span style=\"color: red;\">qulqulluu Miikaa\u2019eelii <\/span>hoogganaa taasisee isaaniif muudeen. 1Pheexi 3:22. \u201cAni oogganaa <span style=\"color: red;\">raayyota<\/span> <span style=\"color: red;\">Waaqayyoo<\/span> ta\u2019een amma dhufeera.\u201d Iyya.5:14, \u201cOogganaa keessan <span style=\"color: red;\">Miikaa\u2019elii <\/span>malee eenyuyyuu kan na jajjabeessu hin jiru. Daan10: 21, \u201cOogganaa inni guddaan <span style=\"color: red;\">Miikaa\u2019eeliin<\/span> ni ka\u2019a\u201d Daan.12:1, \u201cHangafni Ergamootaa <span style=\"color: red;\">qulqulluu Miikaa\u2019eeliin<\/span> yennaa Diiyaabiiloosii wajjiin falmetti waa\u2019ee foon (reeffa) Musee yennaa dubbatetti gooftaan siin haa ifatu jedheen\u201d Yuhu.Lakko.9<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"margin-top: 0in; margin-right: 0in; margin-bottom: .0001pt; margin-left: 178.5pt; text-align: justify; text-justify: inter-ideograph; text-indent: -.25in; mso-list: l0 level1 lfo1;\"><!--[if !supportLists]--><strong><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; mso-fareast-font-family: 'Bookman Old Style'; mso-bidi-font-family: 'Bookman Old Style';\">2.<span style=\"font-weight: normal; font-stretch: normal; font-size: 7pt; line-height: normal; font-family: 'Times New Roman';\">\u00a0\u00a0 <\/span><\/span><\/strong><!--[endif]--><strong><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">\u00a0\u00a0Raamaa<\/span><\/strong><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Waaqayyo sammii Raamaa keessa qoommo Ergamootaa Soddoma ramadeen. Isaanis bakka Saditti qoodee Hooggantoota Sadi isaaniif muude. <\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Raamaas bakka Sadiitti qoodeen. Magaalaa ishee jalqabaa irratti qoomota Kudhan qoodee <span style=\"color: red;\">Arbaab<\/span> jedhee eega moggaasee booda <span style=\"color: red;\">qulqulluu Gabri\u2019eel<\/span> hoogganaa taasise muudeef.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Magaalaa ishee Lammafaa keessa qomoo kudhan qoodee <span style=\"color: red;\">Manaabirt <\/span>jedhee mooggaasee booda qulqulluu <span style=\"color: red;\">Rufaa\u2019eel<\/span> Oogganaa taasisee muudeef. <\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Magaalaa isa Sadaffaa keessatti qoomoo kudhan erga qoodee\u00a0 <span style=\"color: red;\">Silxaanaat<\/span>\u00a0 jedhee eega moggaaseenii booda Ergamaa isa <span style=\"color: red;\">Sur\u2019eel<\/span> jedhamu hoogganaa taasiee muudeef. 1Pheex.3:22 <\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: center;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">\u00a0<\/span><span style=\"font-size: 12pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style', serif;\">\u00a0<\/span><strong style=\"line-height: 1.3em; text-indent: -0.25in;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif'; mso-fareast-font-family: 'Bookman Old Style'; mso-bidi-font-family: 'Bookman Old Style';\">3.<span style=\"font-weight: normal; font-stretch: normal; font-size: 7pt; line-height: normal; font-family: 'Times New Roman';\">\u00a0\u00a0 <\/span><\/span><\/strong><strong style=\"line-height: 1.3em; text-indent: -0.25in;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Eerer<\/span><\/strong><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Waaqayyo Eereriin keessa qoomota Ergamootaa Soddoma ramade. Isaniins bakka Sadiitti qoodee Ooggantoota Sadii isaaniif ramade.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Magaalaa isa jalqabaa keessatti qoomoo Kurnaan Mekuwaaninti jedhee mooggasee booda Ergamaa isa <span style=\"color: red;\">Saadaka\u2019eel<\/span> jedhamu Oogganaa taasisee muudeef.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Magaalaa isa Lammaffaa keessatti\u00a0 qoomoo kudhan qoodee\u00a0 <span style=\"color: red;\">Liqaanaat<\/span>\u00a0 jedhee moggaasee booda Ergamaa <span style=\"color: red;\">Salaataa\u2019eel<\/span> jedhamu muudeef. <\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Magaalaa isa Sadaffaa keessatti qoomoo Kudhan qoodee <span style=\"color: red;\">Melaa\u2019ikt<\/span>\u00a0 jeedhee eega moggaaseee booda Ergamaa <span style=\"color: red;\">Anaani\u2019eel <\/span>jedhamu hoogganaa taasisee muudeef.1Phex.3:22<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">EgaaErgamonni<span style=\"color: red;\"> Waaqayyoo <\/span>haala kanaan uumamanii qomoo fi magaalaatoonqoodaman\u00a0dhala namaa fi Uumaa hundumaa kan ta\u2019ee <span style=\"color: red;\">Waaqayyoon<\/span> gidduutti tajaajilaaf saffisu<span style=\"color: red;\">. Waaqayyo<\/span> biraa dhiifama fi arjummaa Isaa gara dhala namaatti gadi fidu. \u201cYaa Daani\u2019eel ogummaa fi hubannoo akkan siif kennuuf amma gara kee dhufeera\u201d kan jedhu jechi <span style=\"color: red;\">qulqulluu Gabri\u2019eel<\/span> kana ibsa. (Daan.9:22)<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Akkasumas kadhannaa fi aarsaa namootaa gara <span style=\"color: red;\">Waaqayyootti<\/span> ol geessu (ol baasu). Kanaafis ragaa kan ta\u2019u\u00a0 \u201cKadhannaa kee fi aarsaan kee (kennaan kee) gara<span style=\"color: red;\"> Waaqayyootti<\/span> ol ba\u2019e.\u201d kan jedhu jecha sagalee Ergamaa <span style=\"color: red;\">Waaqayyotidha.<\/span> (Ho.du.bu.9:4). <\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: .25in; text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\">\u00a0<\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Tajaajilli isanii inni guddaan garuu <span style=\"color: red;\">Waaqayyoon<\/span> galateffachuudha. Yeroo hundumaa boqonnaa malee \u201c<span style=\"color: red;\">Qulqulluu, qulqulluu, qulqulluu yaa Gooftaa<\/span> <span style=\"color: red;\">raayyotaa Waaqayyo<\/span>\u201d jedhanii Sadummaa fi Tokkummaan\u00a0 kan jiraatu<span style=\"color: red;\"> Waaqayyoon<\/span> ni galateeffatu. Ergamoonni qulqulloonni akka kanani Uumaa isanii <span style=\"color: red;\">Waaqayyoon<\/span> faarsaa jiraatu. Isa.6:3<\/span><\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"<h1 class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: 1.75in;\"><strong><span style=\"font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Ergamoota qulqulloota<\/span><\/strong><\/h1>\n<h3 class=\"MsoNormal\" style=\"margin-left: 1.75in; text-align: right;\" align=\"right\"><em><span style=\"font-size: 9.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Mazgabuu Kafyaalawuun<\/span><\/em><\/h3>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Waaqayyo guyyaa dilbataa (guyyaa jalqaba\u00a0 uumama uumuu eegaletti) ergamtoota Isaa uumee jira. Yemmu ergamtoota Isaa uumettis bakka hin jirree gara jireenyaatti isaan fidee uumeera.<\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-family: 'Bookman Old Style', serif; font-size: 12pt; line-height: 115%;\">Namoonni tokko tokko garuu sagalee Raajaa Waaqayyoo Daawitiin \u201cErgamootasaa afuura (qilleessa) taasisa; tajaajiltoota Isaas laboobin abiddaa taasise\u201d (Faar.103:4)<\/span><span style=\"font-family: 'Bookman Old Style', serif; font-size: 12pt; line-height: 115%;\">\u00a0 <\/span><span style=\"font-family: 'Bookman Old Style', serif; font-size: 12pt; line-height: 115%;\">jedhu qabachuudhaan egamoonni kan uumaman uumama irraa innis qilleensaa fi ibidda irraati jechuun yemmu dubbatan ni dhagahama.<\/span><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">\u00a0<\/span><\/p>\n<p>\u00a0<\/p>\n<p class=\"MsoNormal\"><span style=\"font-family: 'Bookman Old Style', serif; line-height: 1.3em;\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" class=\" size-full wp-image-3876\" src=\"http:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-content\/uploads\/BarumsaAmantaa\/pi.jpg\" border=\"0\" width=\"417\" height=\"443\" style=\"border: 0px; display: block; margin-left: auto; margin-right: auto;\" \/><\/span><\/p>\n<p class=\"MsoNormal\" style=\"text-align: justify; text-justify: inter-ideograph;\"><span style=\"font-size: 12.0pt; line-height: 115%; font-family: 'Bookman Old Style','serif';\">Haa ta\u2019u malee raajaan Daawit yemmu kana jedhu ergamtoonni maal irraa akka uumaman ibsuuf osoo hin taane Ergamoonni <span style=\"color: red;\">Waaqayyoo <\/span>\u00a0akka abiddaa kan xuqamuu hin dandeenye, akka qilleensaa saffisoota taasisee isaan uume jechuu akka ta\u2019e abbootiin ni barsiisu.<\/span><\/p>\n","protected":false},"author":2,"featured_media":0,"comment_status":"closed","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"footnotes":""},"categories":[70],"tags":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3878"}],"collection":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/2"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=3878"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3878\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":4186,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/3878\/revisions\/4186"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=3878"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=3878"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/eotcmk.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=3878"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}