headerphoto

Tibbana

Du’aa Ka’umsa Lammataa (ዳግማይ ትንሣኤ)

                                                       Damissee Jamaneen

Ayyaanni ka’umsa lammataa jedhamee kabajamu Gooftaan du’a moo’ee erga ka’ee booda gaafa guyyaa saddeettaffaadha. Dilbata (guyyaa Du’aa Ka’umsaa Gooftaa) irraa kaasnee hanga torban isa Dilbataatti guyyaa saddeet ta’a. Guyyaa kanattis Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos barattootni isaa hunda Toomaasiin dabalatee mana cufaa keessa osoo jiranii al lammaffaaf du’aa ka’uu isaa yeroo itti mul’isedha.  

Yoh 20:24-30 irratti   Gooftaan Keenya Iyyesuus Kiristoos yeroo jalqabaaf dhufee duuka bu’oota isaatti yeroo mul’atetti Yihuudaan erga bahee barattoota 11 keessaa tokko kan ta’e Diidimoos kan jedhan Toomaas isaan waliin hin jiru ture.Yeroo biraa Toomaas gaafa dhufu barattootni “Gooftaan du’aa ka’ee argine” ittiin jedhan. Toomaas garuu “mallattoo mismaaraan waraanamuu harka isaa osoo hin argiin,quba koos gara isa waraanamee osoo hin seensisiin ,harka koos gara cinaacha isaa eeboon waraanamee osoo hin seensisiin hin amanu” jedhe. Toomas duraan kan waamame warra Saduuqota keessaa ture. Isaan immoo yeroo hunda waa’ee du’aa ka’umsaa ni shakku. Kanaafuu, Toomaasis akkuma qomoowwansaa waan arge malee waan dhagahe amanuu hin dandeenye.


Guyyaa saddeettaffaa booda duuka bu’oonni Gooftaa Toomaasiin dabalatee mana cufatanii osoo jiranii Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos manni cufame sun osoo hin banamiin raajiidhaan gidduu isaaniitti argamuun “nagaan isiniif haa ta’u” jedhe . Sana boodas Toomaasiin “quba kee fidii harka koo waraaname ilaali. Harka kees gara cinaacha koo seensisi; amani malee shakkaa hin ta’iin” jedhe. Toomaasis gaafa harka isaa seensisu harki isaa akka kirrii abidda seentee gubachuun walitti suntuurte. Innis kana yommuu argu “Gooftaa koo,Waaqakoo” jedhe. Kan dhaga’e qofaan waan amanuu dadhabeef, abidda tuquudhaan Waaqummaa isaa mirkaneeffate jechuudha. Gooftaanis deebisee “ati waan na agarteef amante; warri hin argiin amanani eebbifamoo dha” jedhe.

AKKA DUBBATE KA’EERA. Maat.28:6

                                           Gizaachew Mekuriyaan                                          

Icciitiin kun Ol’aanaadha. Umama keessaa guutummaan kan isa beekee fi kan isa xinxaalee(qorate) bira gahu danda’u hin jiru.   Icciitiin Waaqummaa isaa afuura qulqulluun Abbootii filatamaniif qofa kan ifu qofa yoo ta’u, akkasumas ta’e  guutummaa isaatiin kan isa beekuu danda’u hin jiru. Kanaafi, Abbootiin keenya sammuu namaatiin ol ta’uu isaa fi yoomuu iccitii ta’uu isaa ibsuuf “waaqa garaa Gurraacha” jechuun kan waaqa isaanii waammatan.  Waa hundaafuu, Abbootii keenyaa irraa kan baranne akka armaan gadiitti dhiyaateera. Waa’een Du’aa ka’uu Gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos Wangeela Maatiwoos 28, Maarqos 16, Luqaas 24 fi Yohaannis 20 irratti guutummaan barreeffamee kan jiru   yoo ta’u akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Waa’ee du’aa ka’uu yoo dubbannu haala duutti itti dhufee fi  ammam akka nama gaddisiisu hubachuun nurra jiraata. Jireenyis duunis Addamii fi Heewwaniin akka ta’e kitaabni qulqulluun ni dubbata.                                                                                                                    

Jireenya gara du’aatti kan jijjiires seera Waaqayyoo diiganii cubbuu raawwachuu dha. Du’a jechuun hiika lama kan qabu yoo ta’u gama tokkoon foon lubbuun keessaa baate yoo ta’u gama birootiin immoo otoo lubbuun jiruu fi nama jedhamee waamamu cubbuu raawwachuun otoo ija jijjiirannaa qalbii hin taasifatiin jiraachuu dha.

Du’aa ka’uun (ትንሣኤ) akka hiika mana Kiristaana keenyaatti lubbuu fi foon duuni addaan baase ture walitti deebi’anii murtii fudhachuuf kan itti ka’anii dha. Du’aa ka’uun duuni kan ittiin moo’atamee fi bilisummaan ilmaan namaa kan ittiin labsameedha. Du’a moo’achuun du’aa kaa’uun isa duraa kan ta’ee fi aangoo kana ilmaan namaatiif kan kenne Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. “Kiristoos warreen muganiif isa duraa ta’ee ka’eera.” Qoronxoos dursaa 15:20.

Addaam waggoota torbaaf ajaja Waaqayyoo eegee  waan jiraateef ulfinni isaa otoo hinhir’anne fi kennii isaa otoo jalaa hin hi’rifamne akka jiraate hayyoonni mana amantaa nu barsiisu. Ergaa Yohaannis 1ffaa 3:24 “ajaja isaa kan eegu Isaan jiraata Innis isa keessa ni jiraata”. Addaamii fi Heewaan dhugaan tokko yaadoota walfalleessan lamaan seexanaan waan itti himameef tokkoo isaa filachuun dirqama waan itti ta’eef fedhii isaanii guutuun gorsa seexanaa filatanii raawwatani. Kana raawwachuu isaatiinis akka seexanni jedheen  waaqa ta’uu hin dandeenye, akka waaqayyoon itti dubbatee turetti ulfinaa fi kennaa isaanii ni dhaban. Bara keenya kanas, yaada faallaa dubbii Waaqayyoon nutti dubbachaa jiruun ala kan nu gorsaan (yeroo Waaqayyoon gara mana isaatti fayyinaaf nu waamu akka hin deemne, Gocha Waaqayyoon hin raawwatiina jedhe akka raawwanuu, yeroo soomaa akka hin soomne, yeroo kadhannaa akka ciisnuu fi kkf), fi kana biras darbaan Ijoolummaa Waaqayyoo nudhabsiisuuf dhibbaa adda addaa kan nurraan ga’an  jiraniin ‘namni biyya lafaa hunda buufatee yoo lubbuu isaatti hir’ise maal godhaaf? Akka Maat.8:36 itti himne seexana diina ta’ee otoo jiruu fira fakkaatee goyyomsuun Waaqa keenya waliin addaan nubaasuuf nu qoraa jiru irraatti qabsaa’uu qabna.   

‘’Hosaa’inaa Ilma Daawitiif .” Mat 21: 9

                                                                   Biraanuu Dajaneetiin

     Faaruu kana Uummanni Israa’eel yeroo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos gara Iyyaruusaalem galu, isa gammachuudhaan yeroo simatan faaruu faarfatanidha.

‘’Hosaa’inaa’’ jechuun qooqa Ibrootaan “maaloo nufayyisi’’ jechuu yoo ta’u ‘’Hosaa’inaa ilma Daawitiif’’ jechuun immoo “Ilma Daawit maaloo nufayyisi’’ jechuudha. Yihuudonni (Uummanni Israa’eel faaruu kana kan faarfatan waggaatti guyyaa 7 (torba) yeroo ayyaana daasii (ayyaana dabtaraatti). Ayyaana kana irratti faaruu kana guyyaa hunda nifaarfatu. Ummanni Israa’eel yeroo ayyaana faasikaa kabajan kabaja haala ho’aa fi kabaja guddaadhaan kabaju. Uummanni ayyaana kana kabajuuf torban tokko dursuudhaan biyyoota garaa garaa irraa walitti qabamu ture. Gooftaan keenya gara biyya lafaa dhufee waggaa isa dhumaa irratti yeroo barsiisu ayyaana faasikaa kabajuuf, uummata barsiisuuf torbee tokko dursee duuka bu’oota isaa waliin gara Iyyaruusaalem dhufe.Raajicha Zakkaariyaasiin   akka dubbatetti Zak. 9:9 gara Iyyaruusaalem yeroo dhufu harree irra taa’ee kan dhufu ta’uu isaa raajiin dubbateera. kunis gad-ofqabuu isaa agarsisa.Yeroo Gooftaan harree irra taa’ee dhufu uummata Israa’eel hundatti naasuu guddaatu dhaga’amee ture. Kun hundi bu’aa amanuu dhabuuti. Namni kiristoositti hin amanne yeroo hunda naasuu fi sodaa irraa bilisa hin ta’u.

Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoos dursee akka dubbatetti gara Iyyaruusaalem galuuf yoo dhiyaatu tulluu Ejersaa (Dabra-zayit) cina kan taate Beetafaagee qaqqabe. Beetafaageen immoo Mandara harka qalleeyyiin keessa jiraatanidha. Kana irraa kan hubannu fayyisummaa isaatiin harka qalleyyii osoo hintuffatin sooreyyii taasisuudhaaf. Kunis, Addaam irraa kaasee abbootiin turan harka qalleeyyii/hiyyuma fayyinaa/kan qaban ta’uusaaniin si’oolitti cubbuun qabamanii daabiloosiin dhiitamanii gidiraa jala turan.

                                            Torbee gidiraa

                                                                                                  Dn.Atnaateewos Bikilaan

Torbeen gidiraa sooma guddaa erga raawwannee booddee galgala Hosaa’inaa irraa jalqabanii guyyoota hanga jimaataatti jiran guyyoota gidiramuu gooftaa haala adda ta’een itti yaadannu dha. Kunis kan ibsu rakkina Gooftaan keenya irra gahee kan itti yaadannuu fi itti sagadnuu dha (1Qoro. 11:26) - “Isiniis hanga Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan mara du'a isaa ni labsitu.” Soomii guddaa keessatti galgala gaafa guyyaa Hoosaa’inaa eegalee hanga halkan gaafa du’aa ka’umsaatti guyyoota jiran guyyoota boo’icha, gidiraa, rakkinaa yookaan dhiphinaa jedhama. Guyyaawwan kunis barootni gadadoo (miidhamaa), gidiraa (dhiphina) kan itti yaadatamanidha. Bara gadadoo, gidiraa (dhiphina) jechuun ilmaan namoota garbummaa si’ool, hidhaa seexana jalaatti qabamanii bara jiraachaa turan jechuu dha. Gidiraa yommuu jennu mataa bowwoo, garaa ciniinnaa, dhukkubbii harkaa fi miillaa osoo hin taane fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos sanyii ilmaan namoota hundaa hidhaa fi cunqursaa seexanaa jalaa bilisa baasuudhaaf jaalatee eeyyama isaatiin rakkina fannoo nuuf fudhate kan ibsuu dha. Waa’ee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos rakkina isaa fi du’a isaa kan ibsu (kan yaadachisan) kitaaba gidiraa (kitaaba Himaamaat) kan jedhamu torbee kana keessaa sa’aatii sa’aatii isaarratti dubbifamaa tura. Karaa adda addaatiin waa’een rakkina isa irra gahee ni yaadatama. Yihudootni kan galgala Dilbataa marii isaanii eegalan, guyyaa Roobii mirkana’eef.

Gidiraa Fannoo Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos kudha sadan. Isaanis:-

1. Mataa rukutamuu (ተኮርዖተርእስ)

2. Kaballaa (ተጸፍኦመልታሕት)

3. Hancufa itti tufuu (ወሪቀምራቅ)

4. Dhangaggaa’aa dhuguu (ሰትየሐሞት)

5. Dugda reebamuu (ተቀስፎዘባን)

6. Qullaa ta’uu (ተአርቆተልብስ)

7. Cinaacha eeboon waraanamuu ( ርግዘተገቦ )

8. Harka duubatti hidhuu (ተአስሮተድኅሪት)

9. Mismaara Saadoor jedhamuun waraanamuu

10. Mismaara Alaadoor jedhamuun waraanamuu

11. Mismaara Daanaat jedhamuun waraanamuu

12. Mismaara Adeeraa jedhamuun waraanamuu

13. Mismaara Roodaas jedhamuu waraanamuu

Niqoodimoos

Dn Zalaalam Daggafaan

Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa torbaffaa dha. Moggaasni isaas kan Qulqulluu Yaarediin moggaafame dha. Guyyaa kana hangafni Faariisoota kan tahe galgala gara Gooftaa keenya dhufee yommuu baratu Gooftaanis Icciitii Cuuphaa, Icciitii Lammata Dhalachuu Niqodimoosiin akka barsiise Qulqulluun Yaared wangeela Yohaannis boqonnaa 3 irra jiru caqasuun kan faarfate waan ta’eef moggaasni guyyaa kanaa Niqoodimoos jedhameera.

Mata-dureen faaruu Qulqulluu Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “ሖረ ኀቤሁ ዘስሙ ኒቆዲሞስ” ( Niqoodimoos kan jedhamu gara isaa deeme) isa jedhudha.

Sirna Galatoo guyyaa Niqoodimoos keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu armaan gadii ni duubbifamu:-

v  Roomee 61-19

v  Yoh.1ffaa 4:18-dhum.

v  Hojii Ergamoota 5:34-dhum.

v  Galatoo: Galatoo Maariyaam            

v  Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 16:3

ሐዉጽከኒ ሌሊት ወፈተንኮ ለልብየ (Halkan na mildhatte lubbuu koos qoratte)

አመከርከኒ ወኢተረክበ አመጻ በላዕሌየ (Na qoratte hammeenyis narratti hin argamne)

ከመ ኢይንብብ አፉየ ግብረ ዕጓለእመሕያዉ (Afaan koo gochaa dhala namaa akka hin dubbanne)

v  Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu፡ Yohaannis 3:1-20

BARBAADAA