headerphoto

Tibbana

Wareegamtoota

Amma du’aatti kan amanamte ta’i mul.yoh.2:10

Wareegamtoota jechuun kan ragaa bahan,waa’ee amantaa isaanii dhugaa bahanii wareegamummaan kan du’an jechuu dha. Kanaaf Qulqulloonni Wareegamtoonni waa’ee Waaqa isaaniif dhugaa baatuu ta’anii kallattii adda addaan rakkoo isaanitti dhufu hunduma danda’anii maqaa kana argachuu danda’aniiru. Isaanis Waaqa isaanii abdii godhatanii mo’icha argachuu danda’aniiru. Amma du’aatti waan amanamaniif Waaqa isaanii biraa gonfoo jireenyaa argatani. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos mul’ata Yohaannis kana irratti “hanga du’aatti kan amanamte ta’i, ani gonfoo jireenyaan siif kenna” jedhe. Kanaaf amma du’aatti warra amanamaniif gonfoo jireenyaa laateefii.

Qulqulluun Phaawuloos “ Waa’ee keetiif guyyaa hundumaa ni ajjeefamna; akka hoolota qalamaniitti lakkaa’amne,kana hundumaa garuu Isa nu jaalateen mo’attootarra ni caalla” Jechuun ibseera (Rom.8:36). Kanaaf Waaqayyo waan isaan jaallateef, Isaanis jireenya isaanii guutuu Waaqayyoon waan jaallataniif mo’icha argatani. Kana jechuun Waaqayyo kan isaaniiti, Isaanis kan Waaqayyooti. Waaqayyo immoo kan Isaa kan ta’e ni eega,ni tiksa. Isaa 43:1-3: “yaa Isiraa’el kan si tolche Waaqayyo akkana jedha,bilisa si baaseera hin sodaatiin,maqaa keenis si waameera ati kan kooti,yammuu ati bishaan keessa ceetus bishaan si fudhatee hin badu;abidda keessa yommuu darbitu hin gubattu, laboobni ibiddaas si hin qabatu” jedha. Waan kana ta’eef rakkoo diinni qopheessuun Wareegamtootni lubbuudhaan homa tokko illee hin miidhaman.

Sooma Duuka Bu’ootaa

Dn Takluu Haayiluun

Soomii jechuun dhisuu, of dhorkuu, lagachuu, fedha foonii fedha lubbuuf bichisiisuu jechuu dha. Soomiin bara Kaakuu Moofaa irraa kaasee hangaa ammaati kan jiru, gara fulduraattis kan itti fufu dha. Raajootni Waaqayyoti kan dhiyaatan (Kessa Deebii 34:28), badii cuubuu jalaa kan ittin ba’amuu (R.Yona 3:5-10), Diinni kan ittiin mo’aamu (Maat 4:21; 17:21), tajaajilaaf kan qophoofnu (Yoha 13:3;4:25), kabajaa kan argannu (Duuka 10:20) ….Soomani. Soomiin wanta eegneefi kadhanne qofaa kan ittin argannuu osoo hin ta’iin wanta nu barbaachisu maraa kan ittin argannu dha.

Bakka amantaan jiruti yeroo hedduu soomiin ni jira. Mannii amantaa Ortodoks Tewaahidoo Itiyoophiyaas sooma mataa ishee yeroofi waqtii garaagaraatti addaan qooddee ni qabdi (Zak 8:19). Soomiin Duuka bu’ootas gosa sooma labsii keessa isa tokko ta’ee soomota akka seera manaa qulqullumaatti yeroo maraa Wiixata eegalan sadeen (Soomii Gooftaa, Sooma Saba Nanawwee, fi Sooma Dukaa bu’otaa) keessaa isa tokko.

Soomiin kun lakkofsaan guyyaa murtaa’aa hin qabu. Haa ta’uu malee soomiin kun akka mana kiristaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaatii waggaa waggaan ayyana guyyaa shantamaaffa /Pharaqiliixoos/ bulee akka soomamuufi yeroo hundaa Adolessaa 05 akka hiikamu /xumuramu/ seerri mana amantaa ibsa. (Fitihaa Nagastii Keyyataa 15 key. Xiqaa 569).

Soomiin kun Amantoota duraanii biratti sooma Loltoota jedhamuun beekama. Bara durii loltoonii dirree waraanaa deemuuf ykn si’a dirree waraanaa irraa deebi’an dogogora dalaganiif ni soomu ture. Duuka buutotni Gooftaas Lallaba wangeelaaf dirree waraanaa hamaa kan taate addunyaa kana irraa deddebi’uun barsisuun, seexana baasuun, namoota barsiisuun cuuphuun hordoftoota Kiristoos taasisuun isaaniin dura sababa soomaniif soomii loltootaa jedhama.

Soomiin Duuka bu’ootaa sooma kaan irra adda kan isa taasisu Gooftaan keenyaa Iyyasuus Kiristoos afaan Isaatiin raajii dubbachuufi isaatini. Kunis yeroo Gooftaan keenya biyya lafarra deddeebi’ee barsiisutti warreen Farisoota itti dhiyaachuun ‘’Duuka bu’ootni Yoohaannis maaliif heddu soomuu kadhannaas maalifiin taasisuu, Duuka buutotnii kee garuu kan hin soomnee maalif?‘’ jechuun yeroo gaafatanitti, Gooftaan akkas jedhee deebbiseef “Miinzootni osoo misirroon isaan waliin jiruu gadduun isaan barbaachisaa? Garuu yeroo misirroon isaan irraa adda ba’uu ni dhufaatii waqtii sana ni soomuuu”. Huccuu haarawaa irratii kan moofaa erbu hin jiru, erbaan isaa uffata tarsaasatti, tarsa’uun isaas kan caalu ta’a. Okkotee moofaatti daadhii waynii harawaa kan naqus hin jiru, osoo naqame garuu okkotee /gaanii/ san ni cabsa. Daadhiin Wayniin suniis ni dhangala’a. Okkoteen sunis ni bada. Garuu daadhii waynii harawaa okkotee harawwatti naqu, lamaanuu achiin wal eeguu. (Maat 9:14-17 Luqa. 5:33-39)

“Iyyeruusaaleem Keessa Turaa” Luqa. 24:49

Luba Misgaanuu Aagaasaan

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos du’aa ka’umsa isaatiin booda guyyaa afurtamaaf yeroofi bakka adda addaatti duuka bu’oota isaa barsiisaa tureera. (H.Er. 1:3)

          Guyyaa afurtamaa Isaatti barattoota Isaa gara Biitaaniyaatti qabatee ba’eetu “Isin garuu samii irraa hanga humna argattanitti Iyyeruusaaleemiin turaa .”jedheen.(Luq.24:49-50)

          Iyyaruusaaleem jechuun magaalaa nageenyaa jechuu dha. Maqaan ishee durattii Saaleem ture (Ser.um 14:48). Booda Iyyaabuus (Iyya 15:63,18:16),Tsiyoon(far 136:1)jedhamuun waamamteetti. Mootummaa Daawwitiin booda garuu maqaa Iyyaruusaaleem jedhamuun jabaattee magaalaa guddoo Israa’eelootaa taate.(2 saamu 5:6-10).

                   Iyyaruusaaleem baroota (waggoota) hedduuf mootota Asooriifi Baabilooniin balaan weeraramuufi diigamuu irra ga’eera.(2 mooto.25:1-30). Lammii ishee booji’anii fudhachuun wanjoo gidiraafi rakkina suukkanneessaa ta’e irraan ga’aniiru. Qulqulluun Daawwit “ Lageen Baabiloon teenyee yeroo Iyyaruusaaleemii yaadnetti ni boonye…. Yaa Iyyaruusaaleem yoon si irraanfadhe mirgi kiyya na haa irraanfattu,yoon si hiyyaadanne arrabni kiyya laagaa kootti haamaxxanu ,gammachuu koo hundaa olitti yoon Iyyaruusaaleemiin hin jaalanne”( far 136/137:1-6) jechuun kan faarse gidiraa isaanii kan ija raagaatiin waan ilaaleefi dha. Israa’eelonni magaalaa isaanii Iyyaruusaaleemiin baay’ee jaallatu. Dallaa ishee ijaaranii,balbala (karra) ishee cufanii diinota jalaa akka itti baqachuuf danda’anitti hojjetanii ittiin fayyadamaniiru. Kanaafuu Tsiyoon hambaa,hirkoo,itti baqannaa jechuun waamaa turaniiru.

          Gooftaafi fayyisaan keenyas barattoota isaan kan akeekachiise magaalaa kanaatii hin ba’inaa jechuuni. Sababiin isaa yeroo sanatti Duukaa Bu’oonni humna Afuura Qulqulluu waan hin gonfanneef, bakkeen qorumsi cimaan jiru obsaan dabarfachuu waan hindandeenyeef dha. Kunis “hanga Samiirraa humna argattanitti…” jechuusaatiin ifa ta’eera. Dabalatas, Iyyaruusaaleem bakka aarsaan qulqulluun Waaqayyoof itti dhiyaatu,manni qulqullummaa Taabota isaa wajjin bakka itti argamu dha. Gama biraanis Inni uumaan keenya Iyyasuus Kiristoos keessa deddeebi’ee keessatti kan barsiise,dhiigaafi foon isaa bakka itti nuu laate,du’aa ka’umsa Isaa bakka itti agarsiise(mul’ise), walumaagala biyya Gooftaan eebbisamteefi bakka fayyinaa dha.Erget

          Ajajaa kana eegu kenneefii booda harka Isaa qulqulluu diriirsee tokkoo tokkoo isaanii eebbise sanaan booda osuma isaan ilaalanii gidduu isaaniitii gara samiitti ol ba’e. Eyyamaafi fedhii Isaatiin samii samii irraa gad bu’ee Qulqulleettii Maariyaamii irraa nama ta’e,addunyaa kana keessa deddeebi’e,ni fayyise,ajaa’iba Waaqummaa Isaa raawwate,harka Yihuudotaan qabamee fannifame,ni du’es. Awwaala keessa guyyoota sadiifi halkan sadii ture.

AYYAANA PHARAAQLIIXOOS

Dn katamaa Taganuun

Ayyaanoota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos isaan gurguddoo salgan keessaa ayyaanni Pharaaqliixoos isa tokkodha.Ayyaanni Pharaaqliixoos du’aa ka’umsa isaan booda gaafa guyyaa shantamaffaa ni kabajama. Akkuma beekamu yeroon ayyaanni du’aa ka’umsi Gooftaa kan dhumatu guyyaa kanatti. Pharaaqliixoos Qaama sadan keessaa isa tokko kan ta’e itti waamama maqaa Afuura Qulqulluuti. Hiikaan isaas kan nama jabeessu, nama birakan dhaabbatu ,kan gargaaru ,jechuudha.

Warrootni Ayihuud wagga waggaan ayyaanoota kabajan keessa inni tokko Ayyaana Asheetaa (በዓለሰዊት)ture. Biyyoota hunda keessatti kan bittina’aniifi biyya keessas kan jirani warrootni Ayihuud ayyaana faasikaa ayyaanefachuudhaaf erga sassaabamaniin booda guyyoottan shantamaaf godoo ijaarrachuudhaan hoolaa qalatanii magaala Iyyaruusaaleem keessatti ayyana faasikaa nikabaju turani. Guyyaa shantamaffaatti xumura ayyaana isaanii raawwatanii gara biyya dhufanitti deeb’iu. Guyyaan kun warroottan Ayihuud biratti qooqa Giriikiin” Phanxe Qosxe “/Guyyaa shantamaffaa jedhame waamama.

Akkuma Warrootni Ayihuud guyyaa shantamaffaa biyya garaa garaa irraa dhufanii kabajani, Duukaa bu’oottoonni Gooftaas du’a barbadeessee erga du’aa ka’en booda gaafa guyyaa afurtamaa gara samiitti ol ba’uuf yennaa qophaa’etti dursee barattoota isaatiif “samii irraa humna hanga uffattanitti Iyyaruusaaleem keessa tuuraa” jechuudhaan akkaataa ajajeen guyyaa sanaa jalqabanii Waaqayyo galateeffachaa , eebbisaa Mana Qulqullina keessa jiraatani .Luq.24;49-53

Barattoonni isaas laphe tokko ta’uun mana haadha Maarqos “Tsirha-Tsiyoon” jedhamtee waamamtu keessatti sassaaabamanii osoo jiranii gaafa guyyaa shantamaffaa qileensa isa guddaa kan fakkaatu sagaleen samii irraa dhufe. Manni isaan keessa turanis Afuuraan ni guutame. Boba’a ibiddaa fakkaachuudhaanis tokko tokko isaaniirra qubate. Dursee akka kun ta’u “isin garuu guyyaa muraasaan booda Afuura Qulqulluutiin ni cuuphamtu” jechuun kan barreeffame gaafa Afuurri Qulqulluu isaanirra bule raawwatame .Hoj.Erg.1;5

Afuurri Qulqulluu Isaan irra erga buleen booda wanti raawwatame:

  1. Qooqa haaraa dubbachuu :Osoo Afuurri Qulqulluu isaan irra hin buliin qooqni isaan beekani ykn duubatani Ibraayisxi qofa ture. Erga Afuurri Qulqulluu irra buleen booda garuu qooqa 71 dabalameef qooqa 72 addunyaa keessa jiran hundaan dubbatan (kitaabni ወተናገሩበነገረኩሉበሐውርት akkuma jedhu). Qooqa yennaa jennu kan abbaa qabu ,kan hawaasni itti fayyadamu kan beekamu ta’u qaba. Hoj.Erg.2;7. Bara ammaa keessa jirru kanatti garuu qooqaan dubbanna jechuudhaan qooqa hin beekamne ,qooqa abbaa hinqabne ,hiikkaa kan hinqabne dubbachuudhaan adeemsa faallaa kan calaqqisiisan mul’ataniru. Kuni garuu dhugaa Kitaaba Qulqulluu irratti ibsame waliin wal-hin simu!
  1. Guyyaa Dhalachuu Mana kiristaanaa: Hangafichi Beekaan Mana Kiristaanaa Qulqulluu Yohaannis Afaan Warqee guyyaan kun “Guyyaa dhalachuu Mana Kiristaana”jechuun waameera. Sababni isaas Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhiiga isaatiin mana isaa kan hundeesse ta’us, Yaa’iin maatii 120 hunda’us , Mana Kiristaana kan bilisoomsu ,kan jabeessu, kan qulqulleessu ,kan eegu Afuurri Qulqulluu samii irraa hin buune ture . Yaa’iin amantootaas hin hundeeffamne ture, gaafa guyyaa shantamaa garuu Afuurri Qulqulluu samii irraa barattoota isaatiif yennaa bu’u Qulqulluu Pheexroos warra ayyaana kabajuuf sassaabamani gidduutii ba’ee Wangeela isaaniif lallabe battaluma sanaan baay’inni isaanii 3000 kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoositti amanani, Qalbii isaaniis jijjiratani, sanaan boodas ni cuubamani . Kana ta’u isaatiiniis Manni Kiristaanaa Yaa’iin amantoota Iyyaruusaaleem keessatti yeroo jalqabaaf hundeeffamte. Kanaafidha egaa Guyyaa Dhaloota Mana Kiristaanaa kan jennu.

Farfannaan Guyyaa Kana Faarffatamu : Afuurri Qulqulluu ni bu’e ( ወረደመንፈስቅዱስ) kan jedhamu dha.                                    

Dubbisa Wangeela Guyyichaa                  

Þ    Eef.4;1-17                                            

Þ    1 Yoh.2;1-18                                            

Þ    Hoj.Erg. 2;1-18                                        

Misbaakii Guyyichaa (የእለቱምስባክ) Faarsa Daawit 6718

ዐረገውስተአርያምፄዊወከፄዋ = Samiitti ol-baate, boojiis ni boojite

ወወሀብከጸጋከለዕጓለእመሕያው= Kennaakees dhala namaaf kennite

እስመይክህዱከመይኅድሩ= warreen siin ganan achi akka bulaniif

Wangeela Guyyichaa (የዕለቱወንጌል)

Þ    Wangeela yohaannis 14፤1-22

Imaltoota Emaahus (Luq 24:13-35)

                                                                             Tolchaa Kebbebewun

Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa du’aa ka’e sanatti duuka bu’oota Isaa keessaa Luqaas fi Qalawoopha kan jedhaman, Iyyerusaaleem irraa gara Emaahus deeman turan. Emaahus Iyyerusaaleem irraa boqannaa 60 fagaata ture. Jarris waan yeroo sana ta’e waa’ee Gooftaa Iyyesuus Kiristoos kan ta’e hunda haasawaa deemu turan. Yeroo kana Gooftaan keenya qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos isaan waliin adeema ture; ijji laphee isaanii garuu akka Isaa hin hubanne ittifamee ture. Innis “Otoo dadhabbiin deemaa jirtanuu kan haasoftan kun maali?” jedhee isaan gaafate. Isaaniis “Kan Iyyerusaaleemitti ta’e kana kan hin beekne ati biyya kanaaf keessumaa dhaa?” jedhaniin. Innis “Maali inni” jedheen. Isaanis deebisanii “Waa’ee Iyyesuus isa Naazireet kan Waaqayyoo fi namoota biratti angoo-qabeessa turee warri Lubootaafi angafootaa garuu dabarsanii du’aaf Isa kennan nuti garuu Isiraa’eeliin kan furu Isa jenne abdana ture; ammas kuni ega ta’ee har’i guyyaa sadaffaadha. Kana malees warra gara keenyaa keessaa dubartoonni ganama iddoo awwaalichaa dhaqanii raajii akka argan ni dubbatu, foon Isaas achi akka hin jirre akka du’aa ka’es ni dubbatu. Warra nuwaliin jiran keessaas dhaqanii akkuma dubartootni jedhan ka’uu Isaa akka baran dubbatu, nu’i garuu hin argine” jedhaniin. Gooftaaniis deebisee “Isin kan hin hubanne fi onneen/lapheen keessan kan hin amanne! Kiristoos kana hundumaa dhiphatee booda gara ulfina Isaa ni gala mitii?” jechuudhaan kitaabota Muusee fi Raajota keessatti waa’ee Kiristoos kan barreefaman hikee itti hime. Bakka deeman Eemaahus yeroo gahanis waan Inni fagoo deemu waan isaanitti fakkaateef aduun dhi’aa akka jirtu itti himuun akka isaan waliin bulu kadhatan. Innis isaan waliin gara mana isaanii seenee/lixee isaanuma waliinis taa’ee nyaata eebbisee yeroo kennuuf ijji laphee isaanii banamee Isa ta’uusaas baran. Innis isaan biraa ni dhabame. Isaan garuu isa Gooftaan amma gubbaa irraa humna argattanitti Iyyeruusaalemii hin ba’iinaa jedhe yaadachuun yeruma san gara Iyyerusaaleemitti deebi’an. Nutihoo imaltoota Eemaahus kana irraa maal baranna?

Dhugaa Bahuu

BARBAADAA