headerphoto

Tibbana

Waldaa Qulqullootaa, Wiirtuun Adaamaa Manneen Amantaa misoomaan akka of danda’aniif carraaquun akka barbaachisu ibse!

   Warquu Baqqalaatiin

(Kutaa Miidiyaa Wiirtuu Adaamaa)

Godina Shawaa Bahaa magaalaa Adaamaatti Waldaan Qulqullootaa Wiirtuu Adaamaa Onkololeessa guyyaa 06, 2009 A.L.I tti oduu gadaamotaa qopheessuu irratti mari’ateera. Walgahiin marii kanaa ganama sa’aatii 3:30 irraa kaasee hanga 5:30 ti kan ture yoo ta’u, jalqaba irratti seensa marichaafi kallattii marichaaf kan ta’u barumsi wangeelaa mata duree “kan isiniif kenname jabeessaa eeggadhaa”jedhuun kennameera. Barsiisaa Geetaachoon lallaba kana keessatti kan nuuf kennamteefi bara baraaf qabeenya keenya taatee jiraattus mana amantaa ta’uu ishee ibsaniiru.

Hirmaattota Waltajjichaa Muraasa

Haaluma kanaan sagantaa ciree booda immoo Piroopoosaalli saganticha qopheessuuf qophaa’e Walitti qabaa Waldaa qulqullootaa Wiirtuu Adaamaa kan ta’e barsiisaa Geetinat Asiraatiin dhiyaateera. Kaayyoon sagantaa kanaatis gadaamonni godina Shawaa Bahaa keessa jiran hundi isaanii misoomaan akka of danda’an, Wiirtulee leenjii lubootaa haaraa hundeessuufi tajaajiltoota Afaan Oromootiin tajaajiluu danda’an horachuuf akka ta’es ibsameera. Kaayyoo kana galmaan gahuuf Abbootii mana amantaa kan ta’an luboonni, manneen barnoota Dilbataa,waldaaleen hafuuraawaa adda addaafi maanguddoonni nannawaa illee dammaqinaan akka itti hirmaachuu qaban waamichi taasifameera.

Dhuma irratti hirmaattotni marii kanaasagantaa qophaa’e irratti yaada erga kennanii booda karoora kana galmaan gahuuf carraaqqichi koree miseensota shan qabuun akka durfamu, waltajjiin kunis ji’a ji’aan akka gaggeeffamu murteessuun sagantichi xumurameera.

                                                                                  

Dubartii Ilma Dhiiraa deesse ni ariyate.

(Mul.12:13)

Mata dureen kun waa’ee godaansa haadha keenya dubroo Maariyaam irratti xiyyeffatee kan barreeffamedha. Kanaan dura barullee Hamar waggaa 18ffaa lakkoofsa 7 irratti amaariffaan barreeffamee kan dhiyaate yoo ta’u barbaachisummaan isaa baay’ee waan ta’eef afaan oromootti hiiknee dhiyeessineerra. Kan gara Afaan Oromootti hike Dn. Zannabaadha. Barreeffamni kun baruullee dhangaa Lubbuu waggaa 1ffaa lakkoofsa 2 irratti kan bahedha. Dubbisa gaarii

 

 

Abbaa mul’ataa kan jedhame qulqulluu Yohaannis Ilmi qaqawwee bakkee lafa bishaaniin marfamtee jirtu, Fixmoottii hidhaarra( to’annaa) jala osoo jiruu Godaansa Giiftii keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam mul’ataan argee “Jawwichis akka lafarratti darbatame yoo argu dubartii Ilma dhiiraa deesse ni ariyate” jechuun diyaabiloos Heeroodsirra buluun haadha keenya akka ariyate barreesseera.( Mul. 12:13-15)

Bara diyaabiloos inni jawwee jedhamu Heeroodsirra bulee haadha keenya ariyate yoo ibsu bara tokko ( waggaa tokko), baroota (waggaa lama), walakkaa baraa (ji’a jaha) waliigalatti waggoota sadii fi ji’a jahaaf gara bakka itti eegamtutti akka balaliitu dubartittiif koochoo lama kennameef jechuun ibsa. Koochoo lama kan jedhaman qulqullummaa foonii fi qulqullummaa Lubbuuti. Haati keenya qulqullummaa kana lamaanuu qindeessitee kan argamte waan taateef.

Manni Kiristaanaa uummata sababa qooqaan wangeela dheeboteef tajaajila dursaa kennuu akka qabdu eerame!

Phaagumeen 2, 2008

Dn. Mazgabuu Kafyaalaw

Waldaan Qulqullootaa yaa’iisaa 12ffaa Hagayya 27-29 bara 2008 galma lallaba Wangeelaa Mana Lubummaa Waliigalaafi galma gamoo Waldaa Qulqullootaa darbii 3ffaa irratti guyyoota sadiif gaggeesseera.

Eebbifamoo Abuna Diyoosqoroos, hojii gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa

Sagantaan yaa’ii kuni Hagayya 27 galgala keessaa sa’aatii 12:00 irratti kadhannaadhaan kan eegale yoo ta’u hanga hagayya 29 halkan keessaa 7:30 irratti kadhannaadhaan xumuramutti itti fufeera.

Sagantaan yaa’ii kun guyyaafi halkan osoo wal irraa hin citiin kan gaggeeffame yoo ta’u, guyyaa guyyaa galma lallaba Wangeelaa Mana lubummaa Waliigalaatti; halkan halkan ammoo galma gamoo Waldaa Qulqullootaa keessatti gaggeeffamaa tureera. Yaa’ii waliigalaa kana irratti Abbootiin phaaphaasonni kan argaman yoo ta’u, hojii gaggeessaa Mana Lubummaa Waliigalaa kana ta’an Eebbifamoo Abuna Diyoosqoroos dabalatee, Eebbifamoo Abuna Luqaas, Eebbifamoo Abuna Salaamaa, Eebbifamoo Aabuna Gabri’eel, Eebbifamoo Abuna Inxoons guyyoota kanneen keessatti dabareen argamanii sagalee eebbaafi barumsa kennaniiru.

Xiyyee jalaa akka bahaniif warra si sodaataniif mallattookee kenniteef

                                                           Faar. 59:4-5

Manni Kiristaanaa Ortoodoks Tawaahidoo Itiyoophiyaa ayyaanota haala hawwataa fi miidhagaa ta’een kabajju keessaa tokko ayyaana Masqalaa (Fannooti). Barreeffama kana keessatti seenaa Fannoo, Fannoo kakuu moofaa fi haaraa keessatti, barumsa amantaa dubbii Fannoo, Gooftaan keenya maaliif akka Fannoo irratti fannifame, akkasumas humnaa fi kabaja Fannoo ilaalla.

Fannoo Kakuu

Moofaatti

Namni kamiyyuu badii du’aaf isa geessisu yoo raawwate, akka du’us yoo itti murtaa’e, mukarrattis yoo fanniste, mukarratti kan fannifame Waaqayyo biratti kan abaaramedhaatii reeffi isaa mukarra hin buliin, Waaqni kee lafa eebbisee siif laate akka hin busheessine guyyuma sana awwaali” (Keessa Deebii 21:22-23) seerri jedhu barreeffameera. Caqasa kana irraa wanti hubatamu namni tokko fannoon kan adabamu yakka cimaa fi du’aan adabsiisu yoo raawwatedha.

Bara durii irraa eegalee moototni namoota yakka raawwatan ykn immoo raawwatan jedhanii amanan bifa garaagaraatiin adabaa turan. Kanneen keessaa fannisuun adabuun mala tokkodha. Fannoodhaan nama adabuu kan eegalan warra Faars ta’uun ni dubbatama. Barreessaa seenaa kan ture Heroodotes inni Giriikii (Dhaloota Kiristoos Dura (Dh.K.D) 522-486)) mootii Faars kan ture Daariyoos jiraattota 3000 fannoon adabuu isaa barreesseera. Giriikonnis adabbii kana itti fayyadamaa turaniiru. Bara 267 Dh.K.D mootichi Anxiyaakoos jedhamu biyya Yihudaa to’annaa isaa jala wayita oolchee turetti Yihudoota waaqa tolfamaa (xaa’ootii) Giriikitti hin amannu jedhan fannoodhaan adabuu isaa Yooseef ilmi Kooriyoon kan barreesse yoo ta’u, namoota fannoon adabuun yeroo kanaa eegalee Yihudoota biratti hojiirra ooleera. Moototni Impaayera Roomaa duriis fannoodhaan nama adabaa turaniiru. Haa ta’u malee Israa’eel hanga bara 267tti (Dh.K.D) nama yakka dalage dhagaan waraanu malee fannoon adabuun hin turre.

                      Leenjiin abbootii Mana Kiristaanaaf kenname

                                                                         Gaazexeessaa Yordaanoos Gonfaatiin

(Kutaa Miidiyaa Wiirtuu Adaamaa)

Mana Kiristaanaa Ortodooksi Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Qindeessaafi Qajeelcha Manneen Dilbataa, Waldaa Qulqullootaa, Wiirtuun Adaamaa leenjii mata dureewwan garagaraa irratti abboottii amantaaf kenneera. Abbootii bulchitoota Manneen Kiristaanaafi gaggeessitoota kutaa lallaba Shawaa Bahaa jala jiraniif waldichi magaalaa Adaamaatti guyyoottan lamaaf (Hagayya 21-22, 2008) leenjii kana kennuun xumureera.

Hirmaattota Leenjiichaa

BARBAADAA