headerphoto

Sooma Gooftaa (Sooma Guddicha (ዓቢይፆም)

Dn Gulummaa Addunyaan

Fulbaana 15/06/2009 B.A

Sooma Gooftaa kan jennu kun Sooma labsii torban Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo keessaa isa tokko dha. Tsooma Gooftaa kan jedhames Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos samiirraa bu’ee foon keenya uffatee addunyaa kanarratti yeroo deddeebi’utti waan soomeef yoo tahu ,Sooma Guddichaa kan jedhame immoo sooma Gooftaan ofii soome waan ta’eefi yeroo dheeraaf kan soomamu waan tahefi dha.

Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos eega harka Yohannisitti cuuphamee booda hojiiIsaa jalqabaa kan taasifate sooma dha. Nutille jalqaba hojii keenya hundaa sooma akka goonu barumsafi fakkeenya guddaa nuuf ta’eera. Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos sooma kanarraa kan fayyadamu waan tokko osoo hin qabaatiin kan soome yoo tahu, nuti immoo faayidaa guddaa kan irraa argannu waan ta’eef soomuu qabna. Abbootiin keenya illee duuka bu’oonni eega Gooftaan keenya gara samiitti ol baheen booda hojii isaanii jalqabuun dura soomaan eegalu. Gooftaan keenyas duuka bu’ootni Isaa yeroo Inni isaan irraa adda bahu akka sooman dubbateera. Mat 9:15.      

Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos guyyoota afurtama Gadaamii Qorontositti yeroo soomu sanatti qormaanni seexanarraa dhiyaatee ture. Hoogganaa biyya lafaa kanaa kan ta’e seexanni Gooftaa keenya Iyyesuusiin cubbulee guguddoo kan ta’an sadiin qoreera. Mat 4:1-10. Gooftaan Keenyis qormaatilee seexanni fide hunda injifateera.

 

Sooma guddicha jennee inni soomnu kun guyyoota 55 ni tura. Gaaffiin asirratti ka’u tokko Gooftaan keenyi guyyoota afurtama yoo soome nuti guyyoota 55 maaliif soomna kan jedhu ta’a. Sooma Gooftaa dura torbeen inni jalqabaa sooma Hirqaal jedhama. Toorban guyyoota afurtama booda jiran ammo torbee gidiraa (ሰሙነሕማማት) jedhamee soomama. Torbee kanattiis amantootni hundi Mana Kiristaanaatti argamanii sagadaafi galataan Waaqayyoon kabaju. Kanaafuu, torbeen lamaan (guyyoonni 15) yoggu keessaa hir’atan guyyoota 40 ni ta’a. Gama biraan ammoo guyyoota Sanbatafi Dilbataa yoggu keessaa hir’isnu (guyyoota kanneenitti firiiwwan beeladaa irraa soomna malee hanga sa’aatii 9:00 waan hin turamneef), guyyoonni guutummaan soomaman 40 ni ta’u.

Gooftaan keenyi Iyyesuus Kiristoos maaliif guyyoota afurtama soome?

Gooftaan keenyi guyyoota afurtama kan soome sababootni isaa baay’ee yoo ta’anillee barumsaaf fakkeenya tokko haala armaan gadiin haa ilaallu.

  1. Fakkeenya Raajotaati.

Raajotni kan akka Musee guyyaafi halkan afurtama kan soomee seera Oritii akkuma hojjete (Ba’uu 34:28), Gooftaan keenyis guyyota afurtama soomee seera ishee gaarii seera Wangeelaa hojjeteera. Seera Isaa kessattis hojii hunda dura soomee seera jalqabaa sooma taasise. Museen guyyoota afurtama soomee akkuma Israa’elota biyya Misiraarraa baase, Innis namoota si’oolirra kan baasu waan ta’eef.

Abbootiin raajotni guyyaa afurtama waan soomaniif Innis kanarraa hir’isee yookiin itti dabalee yoo soome warreen Kakuu Moofaa Seera ishee gaarii kan taate wangeela hin fudhannu akka hin jenneef guyyoota afurtama soome.

Eeliyaasis guyyoota afurtama soomee gara Gannataatti fudhatameera. Isinis yoo soomtani Gannatatti ni galtu jechuudhaaf guyyota afurtama soome. Raajichi Hizqi’eel cinaacha isaa tokkoon guyyoota afurtama ciisee namoota dhibba ja’a du’arraa akkuma kaase (Hiz.4:6)isinis yoo soomtani yeroo dhufaatii Gooftaa du’arra kaatanii kabaja argattu jechuudhaaf. Raajichi Izraa Suutu’eel (1323-25) guyyoota afurtama soomee kitaabota barreessiseera. Isinis yoo soomtani iccitiin isiniif mul’ata jechuudhaaf.

Egaan taateewwan Kakuu Moofaatti kan turan, fakkeenyummaan isaanii gara Gooftaa Keenyaatti kan mul’isani dha.

  1. B.Addaam mucummaa Sillaasee guyyaa afurtamatti argate balleessee waa tureef, mucummaa addaamiif akka deebisuuf dhufe agarsiisuuf guyyoota afurtamaatiif soome.
  2. C.Ilmaan namaa gadameessa hadhaatti guyyaa afurtamaffaatti fakkii namummaa kan argatan yookin boca namaa kan qabatani waan ta’eef, ilmaan namaa hundaaf beenyaa akka ta’e mul’isuuf.

Moggaasa Sanbataalee Sooma Gooftaa

  1. Zawaradee (ዘወረደ) jedhama; kunis “Kan gadi bu’e” jechuudha.
  2. Qiddist/ቅድስት (Qulqulleetti
  3. Mikuraab (Mana Kadhannaa Ayihuud jechuudha).
  4. Metsaagu (dhukkubsaticha jechuudha)
  5. Debre Zeyit (Guyyaa dhufaatiin Gooftaa keenyaa itti yaadatamu).
  6. Gabriheer (ገብርኄር); kuni Tajaajilaa gaarii jechuudha.
  7. Niqodimoos.
  8. Hosaa’inaa.

Sooma kana haala akkamiin haa soomnu?

Nutis sooma kana akkamiin soomuu akka qabnu Manni Kiristaanaa keenya seera nuuf keesseetti. Soomni kun kabaja guddaan kan soomamudha. Sooma kana keessatti ayyaanni kamiyyuu nyaataafi dhugaatiidhaan hin kabajamu. Sababni isaas yeroon isaa yeroo itti foon keenya gammachiifnu waan hin taaneefi dha. Yeroo kanatti gidiraa Gooftaa keenyaa yaadachuun sagadaafi kadhannaadhaan kan dabarsinudha. Abbaan ogummaa Solomoon kitaaba isaa lallabaa 3:1-8 irratti akkuma katabee kaa’etti wanti hundinuu yeroofi waqtii itti hojjetamu ni qaba.

Yeroo sooma kanaatti namni kiristinnaa kaasisuufi ayyaana dhalootaa kabaju hundi sirni isaa qofa Mana Kiristaanaatti akka raawwatamuu, nyaataafi dhugaatii qoopheessanii affeeruun garuu akka hin malle abbootiin keenya kitaaba Fithaa Nagast (ፍትሐነገስት) boqonnaa 15 irratti seera kaa’aniiru. Sababa beekamaa (Abbaan Lubbuu itti amane) malee sooma kana namni hin soomne yoo jiraate, Luba yoo ta’e lubummaa isaarraa akka haqamu, amanaa (ምዕመን) yoo ta’e immoo tokkummaa Kiristaanotaa irraa adda ba’uu akka qabus murtaa’era.

Sooma Gooftaa keenyaa kana Inni akka nuuf fakkeenya ta’uuf, hojjetee hojjedhaa jechuuf waan soomeef, nuti immoo eebba fooniifi eebba lubbuu argachuuf akka abbootiin keenya nuuf kaa’anitti seera isaa hordofnee soomun nurraa eegama. Yeroo kanatti namootaaf waan gaarii akkaa hojjenne, warra beela’an beela baasaa, warreen dheebotan dheebuu baasaa, warreen huccuu hin qabne daara baasaa, haala kanaan dabarsuu qabna. Yeroo kana jennutti immoo wanneen kun yeroo soomaa qofa kan barbaachisanidha jechuu miti. Keessumattuu yeroo soomnu immoo cimsuu qabna jechuudha malee.

Akkuma qulqullichi Yaareed jedheetti qaamni keenya hunda cubbuurraa lagachuu qaba. Afaan keenyi waan gadhee dubbachuurraa, gurri keenyi waan gadhee dhagahuurraa, miilli keenyi gara bakka gadhee demuu irraa, harki keenyi wanta yaraa ta’e tuquu irraa fi ijji keenya wanta hin malle ilaaluurraa lagachuu qaba. Kana qofa otoo hin ta’iinis wantoota hamaa ta’anirraa akkuma of qusanne, wantoota gaarii immoo hojjechuu qabna.

Sooma kana soomnee akka eebba argannu gargaarsi Gooftaa keenyaa, kadhannaan qulqulloota nurraa adda hin bahiin.Ameen!!

                            

Madda dabalataa : http://eotcmk.org/site/2012-02-15-14-49-20/881--42

                             Adimtaa Wangeela Maatiwoos, Boqonnaa 4.                         

BARBAADAA