headerphoto

Dubartii Ilma Dhiiraa deesse ni ariyate.

(Mul.12:13)

Mata dureen kun waa’ee godaansa haadha keenya dubroo Maariyaam irratti xiyyeffatee kan barreeffamedha. Kanaan dura barullee Hamar waggaa 18ffaa lakkoofsa 7 irratti amaariffaan barreeffamee kan dhiyaate yoo ta’u barbaachisummaan isaa baay’ee waan ta’eef afaan oromootti hiiknee dhiyeessineerra. Kan gara Afaan Oromootti hike Dn. Zannabaadha. Barreeffamni kun baruullee dhangaa Lubbuu waggaa 1ffaa lakkoofsa 2 irratti kan bahedha. Dubbisa gaarii

 

 

Abbaa mul’ataa kan jedhame qulqulluu Yohaannis Ilmi qaqawwee bakkee lafa bishaaniin marfamtee jirtu, Fixmoottii hidhaarra( to’annaa) jala osoo jiruu Godaansa Giiftii keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam mul’ataan argee “Jawwichis akka lafarratti darbatame yoo argu dubartii Ilma dhiiraa deesse ni ariyate” jechuun diyaabiloos Heeroodsirra buluun haadha keenya akka ariyate barreesseera.( Mul. 12:13-15)

Bara diyaabiloos inni jawwee jedhamu Heeroodsirra bulee haadha keenya ariyate yoo ibsu bara tokko ( waggaa tokko), baroota (waggaa lama), walakkaa baraa (ji’a jaha) waliigalatti waggoota sadii fi ji’a jahaaf gara bakka itti eegamtutti akka balaliitu dubartittiif koochoo lama kennameef jechuun ibsa. Koochoo lama kan jedhaman qulqullummaa foonii fi qulqullummaa Lubbuuti. Haati keenya qulqullummaa kana lamaanuu qindeessitee kan argamte waan taateef.

 

Haadha keenyarratti yeroo godaansaa sana rakkoo fi gidiraan baay’een ishee irra gaheera. Abbaan Gabra Maariyaam yeroo godaansaa, gadda, boohichaa fi gidiraa ishee irra gahe ilaalchisee barreeffama isaa Gadda durbee ( Saqooqawa Dingil) jedhamu irratti ibsu:-“ Aduu (biiftuu) kan uffattu ilmoo ifaa yaa qulqulleettii dubree Maariyaam Ilma kee Heeroods isa hamaa sana duraa yeroo dhoksitetti rakkoowwan sirra ga’an baay’ina deemsaa fi gubiinsa cirrachaa miilli kee addeessa kaawwatan akka bilchaatan yeroo dhaga’amu namini haa hafuutii dhagaan illee kan boohuu qabudha ture.” Jechuun ibseera.

Mana kiristaanaa Ortodooksi Tawaahidoo godaansa haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaamiifi kan Ilma ishee Isa fayyisaa addunyaa ta’ee waggaa waggaadhaan Fulbaana 25 hanga sadaasa 6 tti Soomaa fi kadhannaan ni yaaddatama. Sooma kanas sooma Tsigee (sooma Abaaboo), ji’a isaas ji’a   (waqta) Tsigee (Abaaboo), galata yeroo kana keessa dhiyaatus galata (Maahileeta) Tsigee jedhamee beekama; kanaaf manni kiristaanaas yeroo kana soomaan, galataan kabajji. Yeroo kanatti qiddaaseen (sirni qulqulleessaa), faarfannaan adeemsifamu godaansa haadha keenyaa kan nama yaaddachiisudha. Kana bu’uura taassisuun uummanni kiristaanaa baay’een ji’a tsigee soomaa fi kadhannaadhaan dabarsu.

                    

Haati keenya Maalif godaante?

Mootiiwwan bahaa eebba (barakata) dhaloota irraa akka hirmaattu carraa argatan mootii samii isa dhugaa Iyyasuus Kiristoosiif galchaa galchuuf humna kumaatama baay’eetti lakkaa’amu hordofsiisuun “Mootiin yihudaa dhalate garami? Isaaf sagaduuf dhufneerra” jechuun baha irraa gara Iyyarusaaleem dhufan(Maat.2:1-2). Bara sanatti Israa’eel bulchaa kan ture Heeroods kana dhagahee nahe; sababiin isaas mootummaasaa garagalchuun Israa’eel bittaa Roomaa Jalaa bilisa waan baasu waan itti fakkaateefi.

 

Hangafoota Lubootaa walitti qabee Kiristoos kan dhalatu yoomii fi eessatti? Jechuun gaafate. Isaanis Raajichi Miikiyaas “Beeteliheem yaa Efraataa ati kumaatama Yihudaa keessaa ta’uuf xiqqoodha; garuu si keessaa bahiinsi Isaa duraa eegalee kan bara baraa kan ta’e, Israa’eel irratti mootii kan ta’u naaf baha” jedhamee raajiin dubbatamuu isaa itti himani. (Mik.5:2)


Heeroods warra ogeessotaan (sabaa sagaliin) barri urjicha itti arganii fidaa’imni itti dhalate hangam akka ta’e gaafate. Deemaatii daa’imicha yoo argitan anis akkan sagaduufiitti deebi’aa natti himaa jedheenii addaan bahani. Isaanis urjii hordofuun Beeteliheem gahani. Daa’imicha arganii baay’ee gammadani. Adda isaaniitiin gombifamanii sagadaniif; saanduqa isaanii bananii warqee, ixaanaa fi karbee galachaniif.

Sabaa sagal (ogeeyyonni) haadha keenyaan eebbifamanii gara biyya isaaniitti yoo deebi’an karaa Heeroods akka hin deemne ergamaan Waaqayyoo waan itti himeef karaa biraan (karaa amantaa biraa) deebi’aniiru. Karaa daandii biraa waggaa lama isa deeman guyya afurtama deemaniiru. Karaa biraa iccitii guddaa deebi’uu isaanii, akka beekumsa Waaqayyootti dhaloota Isaa warra hin dhageenyeef dhaggeessisaa akka darbanii fi amantaan akka babal’atuuf. Sababa kanaaf jecha biraatiin “Garam jira?” jechaa dhufanii “ Argineerra” jedhanii “Mootii Yihudaati” kan jedhaniin “Waaqayyodha” jechaa deebi’aniiru.

Deebi’uu saba ogeessotaa (sabaa sagal) hawwiidhaan eegaa kan ture Heeroods akka isa goyyomsan yoo baru Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin kan argate itti fakkaatee daa’imman waggaa lamaa fi sanaa gadii Beeteliheemii fi godinasaatti argaman kuma afurtamii afur seefiin fixe. Yeroo sana raajicha Eermiyaasiin “ sagaleen Raamaatti dhaga’ame; Raaheel ijoollee isheef booyicha baay’ee boocheef” jedhamee raajiin dubbatame xumurame.(Er.31:15; Mat.2:17-18; Mul. 14: 1-4; Sinkisaara amajii fuula 558)

Seefiin Heeroods Daa’imicha, Amaanu’eel argachuu hin dandeenye. Waaqayyo kan garaa beeku, ergamaa Isaa ergee Yooseefiin “Heeroods daa’imicha ajjeesuuf barbaada; ka’iitii daa’imichaa fi haadha Isaa fudhadhuu gara biyya Gibxiitti deemi; hangan sitti himutti achi taa’i jedheen (Maat.2:13). Innis ijji koo dadhabe,jilbi koo hadoode jedhee sababa osoo hin uumiin oolee osoo hin buliin halkanuma sana ka’ee Saloomee of duuka buusuun gara dachee Gibxiitti godaane.

Haati Waaqayyoo gara Gibxiitti maalif

Godaante?

Haati keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam Heeroods mucaa Ishee akka jalaa hin ajjeesne Yooseefii fi Saloomee wajjin dachee Afrikaa kan taate Gibxitti godaante. Gooftaan keenya gara Gibxiitti kan baqateef akka dubbisa gubbaa irraa hubannutti bara isaattiif darbiinsa, mootummaa isaatiif aangoo irraa bu’uu kan irra jiru; dadhabaa kan ta’e Heeroods jalaa baqachuuf qofa osoo hin taane iccitiiwwan biro jiru. Isaanis:-

Raajicha Xumuruuf

Raajichi Isaayiyyaas Kiristoos gara Gibxii bu’uu Isaa “ Kunoo Waaqayyo duumessa saffisaa balali’uun gara Gibxii ni dhufa” jechuun akka dubbate raajicha raawwachuuf gara dachee Gibxiitti dugda haadha keenya Dubroo Maariyaamiin baatamee baqate. (Isaa.19;1-2). Raajichi Hoosee’is “ Ilma koo Gibxi irraan waame” akka jedhe. (Hose’i.11:1) waamamuuf dursa deemuun (baqachuun) irra jiraatii. “Ilma koo Gibxi irraan waame” kan jedhu yeroof Yaa’iqoobiif yoo ta’u, dhumni isaa Waaqa Yaa’iqoob Iyyasuus Kiristoosiif kan dubbatamedha.

Godaansi haadha keenyaa gara Itiyoophiyaatti kan ta’e ture. Raajii kanas dursee raajicha Imbaaqoomtu dubbate. “Waaqayyo teemaanirraa, qulqullichi gaara faaraanirraa ni dhufa; kabajni isaa samiiwwan haguugeera, galatni Isaas dachee uwwise; ifti Isaa akka ibsaati; carallaan harka Isaa irraa baheera, humni Isaa achitti dhokateera…. Daandiin Isaa kan bara baraati, dunkaanni Itiyoophiyaa yeroo dhiphatan arge” jedheera. (Inb.3:3-7) Bu’uurri raajii Isaa gaara faaraa kan jedhamte haadha keenya yoo taatu,gaara faaraa irraa ni dhufa kan jedhame immoo Iyyasuus Kiristoosi. Dunkaanichi bakkee boqonnaa Godaantotaati. Kana waan ta’eefi himni “Dunkaanonni Itiyoophiyaa yoo dhiphatan arge” jedhu godaansa haadha keenyaa gara Itiyoophiyaa ta’uu isaa agarsiisa. Kanaaf raajii kana raawwachuuf godaanuutu irra ture. “ Raajiin dubbii dursa” akka jedhu.

 

 

Fakkeenya raawwachuuf

Gibxi Abbaan saba hedduu Abrahaam kan itti baqatedha. “Beelli dacheerra qaqqabe; Abrahaam keessummaa ta’uuf gara Gibxiitti Godaane” akka jedhu (Se.Um.10:2-10). Yooseef garba ta’ee biyya itti gurguramedha. “ Yooseef Gibxitti hoogganaa human waraanaa Far’oon, hoogganaa waardiyyootaa Phiixifaaraatti gurgurame” (Se. Um.37:36). Israa’eel wanjoo garbummaan waggoota dhibba afuriif biyya itti bitamanidha (Hoj.du.7:6)

Abboonni raajonni godaansi gara biyya Gibxiitti godaanan fakkeenya akka ta’e hubachiisuufi fakkeenyicha raawwachuuf Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos qulqulleettii dubree Maariyaam wajjin gara Dachee Gibxiitti godaane. “Ani seeraafi raajiiwwan jijjiiruu kanan dhufe isinitti hin fakkaatiin raawwachuuf malee” akkuma jedhu (Maat.5:17)

 

 

Waaqeffannaa waaqa alagaa ( hark tolchee) balleessuuf

Gibxi biyya Waaqeffanaan hark tolchee itti babal’atee turedha. Waaqa hark tolchee waaqeffachuu isaaniitiin uummanni baay’een rukutameera (Se. Ba’uu. 32:1-35). Bu’uura raajicha Isaayiyyaasiin “Hark tolcheen (Xaa’otiin) Gibxii fuuldura Isaatti ni burkutaa’u (hollatu)” jedhamee dubbatameen waaq harktolchee Gibxii balleessuuf godaane (Isaa.19:2). Waaqota hark tolchee achi turanis ni balleesse.

Godaansi haadhaa fi Ilmaa isa Leencaan fakkeeffameefi boodarra ka’e Qulqulluu Maarqosiin gargaareera. Bara qulqulluu Maarqositti Gibxiitti waaqota dhalaa leencota dhalaadhaan, waaqota dhiiraa ammo leencota dhiiraan fakkeessuun bocanii waaqessu turani. Qulqulluu Maarqos Leencaan fakkeeffamee dachee Gibxii waaqeffannaa Waaqayyoo irraa qullaa dhaabataniin “Hangafni Wangeelaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi” jedhee yoo barsiisu uummata Kiristaanaatti dheekkaame; seexannii fi shakkitoonni ni nahani.

Qulqulluun Maarqoos waaqeffattoota waaqa hark tolchee osoo hin sodaatiin akka Leencaa ta’ee moototaa fi uummata waaqa hark tolchee (xaa’otii) waaqeffachaa turan waaqeffannaa horii (Saawwanii) laayyoo (faayida dhabeessa) ta’uusaa barsiisuun waaqota hark tolchee Leencaa biyya Gibxii turan barumsaan balleesseera.

 

Qulqulloota Wareegamtoota maqaa Isaatiin ka’aniif godaansa eebbisee kennuuf

Godaansi dhugaaf jecha Kiristoosiif jecha gidiraa fudhachuudha. Godaansa godaanee eebbisee Ilma namaaf kan kenne Ilma Waaqayyoo Iyyasuus Kiristoosidha. Maqaasaan qulqulloota wareegamtoota ta’aniif eebbisuuf Gibxitti godaane. Wareegamummaan, ibiddaan gubachuu, albeen muramuu qofa osoo hin ta’iin amantaa isaaniif, mana kiristaanaa isaaniif jecha biyya dhiisanii godaanuu waan ta’eef Iyyasuus Kiristoos lallaba garaatiin “dhugaaf jecha kan godaanan kan eebbifaman; mootummaan Waaqayyoo kan isaaniiti” (Maat.5:1) akka jedhe barachuuf, barsiisuuf, addunyaa dhiisuuf,qalbii jijjiirrannaaf, akkasumas sababa amantaaf warri biyya isaanii dhiisanii Godaanankan eebbifamani.

Kana irraa kan hubannu qulqulloonni abbootiin keenya dhugaaf jecha wareegama isaan kanfalanidha. Duukaabu’oonni, bara isaaniitti Kiristoosiin lallabuuf godaananiiru. Amantootni warra hin amannee irraa gara mamantootaatti, mana waaqan hark tolchee irraa gara mana kiristaanaatti, foonummaa irraa gara afuurummaatti dhufuuf foon isaaniin gidiraa fudhataniiru; ibiddaan gubataniiru, seefiin muramaniiru, biyyaa biyyatti godaananiiru. Kana egaa kan eebbifamtoota isaan jechisiisee mootummaa Waaqayyoo isaan dhaalchisu. Kun hundi godaansa Gooftaa keenyaa fi godaansa qulqulleettii haadhasaan eebbifameera. Godaansi haadhaa fi Ilmaas kan darban gara duubaatti; kan dhufanis gara fuulduraatti deemuun dhugaaf jecha godaansa raawwatan hunda ni eebbisa waan ta’eefidha.

Gadaamota (kawaalota) Gibxii eebbisuuf

Gibxi keessa bakkeewwan qulqullaa’oo hedduutu jiru. Isaanis Dabra Qusqu’aam, dabra mixmaaq, kawaala Asxeeqs, kawaala sihaat, dabra Sooriyaan (Eefireem kan sooriyaa), Dabra abbaa Maqaars, Dabra abbaa Inxooniyoos…kkf jedhamuun bakkeewwan qulqullaa’oo beekaman hunda eebbisuuf gara Gibxiitti godaane.

                                         Gumaa Addaam raawwachuuf

Addaam gowwomee bakkee badhaadhinaa Gannata keessaa akka godaanu, addunyaa rakkinaatti akka godaanu kan taassise seexana /diyaabiloos/ nama walakkaa baasee ariyachuufi Addaamii fi ijoolleesaa bakka kabaja duraatti deebisuuf Gooftaan keenya Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos gammoojjii fi ho’iinsa bakkee itti nama rakkisutti dachee Gibxiitrti godaane. Godaansa Addaam godaanuun gumaa baase.

Kadhannaan Giiftii keenya dubroo Maariyaam nu wajjin haa ta’u. Ameen!X

BARBAADAA