headerphoto

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

(Kutaa-2)

 Waxabajjii 17                                                                                                                      Haaylamikaa’el Taaddasaa Kafanii

1.      Daawiit fi Golyaad

Amma immoo wal’aansoo Daawiit fi Goolyaad keessatti falaasama humnaa isa haarawaa ilaalla. Golyaad kan jedhamu namni Filisxeem, dheerinni isaa ciqilee ja’aa fi taakkuu tokko kan ta’e, gootni muummeen dhufe. Golyaad kun  gonfoo sibiilaa  bifa booraa (boorrajjii) mataa isaa irraa qaba; maddaa sibilaa waan akka qurxummiis uffatee ture; maddaan sibilaa sunis akka kiloogiraama shantamii torbaa /57/ ulfaata ture. Wanta akka qola mukaa sibiila  irraa tolfame kan bifti isaa boora ( boorrajjii)  miila isaatti maratee, bode sibiila  gateettii isaa  irra qaxxaamursee hidhatee ture. Qarri eeboo isaa sibiila akka kiiloo giraama torbaa ulfaatu irraa kan hojjetame ture; namni gaachana isaa baatuufiis isa dura ni adeema ture (1Saam. 17:4-7). Warra Israa’eeliinis isaan keessaa goota tokko akka dhiyeessanii fi qaamni mo’ate garee isa biroo garba akka taassisatu itti hime (1Saam. 17:8-10). Warri Israa’eel garuu ni sodaatan, ni riifatanis(1Saam17:11).

Goolyaad akka hiikaa barnoota Mana Kristaanaatiin, diyaabiloosiin fakkeeffama. Ummatni Israa’eel ijoollee Addaam sodaa fi bittaa cubbuu jalatti kufanii diyaabiloosiin mankararaa turaniin fakkeeffamu.Ilmi namaa bu’uura olitti ibsameen, dhimmoota kan madaalu ija fooniitiin waan ta’eef, falaasama humnaa isa moofaan waan Gooliyaad/diyaabiloos bu’uura armaan olitti ibsameen nama naasiisu danda’uu fi kan harkaa bilisa ba’uu hin dandeenye itti fakkaata. Jireenya keessattis kan nu qunnamu, waan rakkoon nu marse humna namaatii ol ta’eef, injifannoon nurraa fagoo nutti fakkaatee bitaa mirgi keenya qilee nutti ta’a. Garuu, falaasama humnaa isa haarawaan, wanta namaaf ulfaataa ta’e hunda, osoo baay’inni hoomaa hin jiraanne raajii Waaqayyootiin injifachuun ni danda’ama.

 

Daawiit ammoo, nama Eefraataa kan ta’e Ilma Isseey ture.  Isseey ijoollee saddeettan qabu keessaa, Daawiit mucaa isa dhumaa yoo ta’u, ijoolleen sadii: Eelyaab, Aminaadaabii fi Shaamaah iddoo dhaadannoon Goolyaad jiru kanatti waraanaaf hiriiranii turan (1 Saam. 17:13). Goolyaadis ganamaa fi galgala dhiyaachaa guyyaa Afurtamaafis mul’achaa ture. Isseeyis ilma isaa Daawiitiin akka gara obboolleewwan isaatti galaa fuudhee deemu ergeen. Daawitiis hoolaa isaa tiksee biraatti dhiisee, ergaa ergameef galmaan ga’uutti qaarii’e. Uummanni Israa’eelis yemmuu sana sulula Eelaa keessa turan (1 Saam 17:17-25).

Hayyoonni Mana kiristaanaa seenaa kana keessattiis Daawwiit Ilma Waaqayyoo, Gooftaa  keenya Iyyasuus Kiristoosiin yoo fakkeessan, abbaa Isaa Isseeyi ammoo abbaa Goftaa keenya  Iyyasuus Kiristoosiin Waaqayyo Abbaadhaan fakkeessu (Father Tadros Yaay’qoob Malati, Interpretation of The Book Of Samuel, fuula 22). Waaqayyoon addunyaan hundi Ilma Isaan akka fayyu, bittaa diyaabiloos jalaa akka bilisa ba’an bakka itti sodaadhaan marfamanitti dhufee sodaa bara baraarraa obbooleewwan isaaf dadhabbii isaanii akka baatuuf ergame (“Waaqayyoon garuu yakka hunda keenyaa Isarra kaa’e”(Is. 53;6)).Iddoon uummanni Israa’eel ture kun garba cubbuu Addaamiif ijooleen isaa keessatti liqinfamaniin fakkeeffama. Gooftaanis kan dhufe iddoo itti dhiphannee fi sodaannee jirru kanatti.

Iddoo waraanichaatti obbooleewwan Daawiit jiraatanillee qabsoon isaanii homaa bu’aa buusuu hin dandeenye. Addaamii hanga, Noohitti, Noohii hanga Abirhaamitti, Abirhaamii hanga Daawiititti, Daawiitii hanga Boojii (Boji’uu) Baabiloonitti, Boojii Baabiiloonii hanga Yoohaannis cuphaatti, Yoohaannis cuphaadhaa ammoo hanga dhalachuu Gooftaatti abbootiin jiran hundi isaanii amantii isaaniitiin ragaan ba’aamuufillee, humni isaan qaban, ilma namaa Goolyaad injifachuuf hin geessisne (Father Tadros Malaty, A Patristic Commentary The Gospel According to St. John, page152). Humna dachee kanaa fi ilma namaatiin osoo hin taane Humna Samii fi Afuurawaatiin akka daawwatamuuf baddaa samiidhaa Ilmi Isaa nuuf ergame. Kanaanis Ilma qofa osoo hin ta’iin, Abbaanis eenyu akka ta’e, kan Ilmi “Maqaa isaa obboolleewwan isaa (ilma namaa)tti himee fi yaa’ii gidduutti anga’oo ta’uu isaa” raggaasiiseerraa hubannee jirra (Faar. 21(22):22, Yooh 14:9).

Hoolonni Daawiit gatee dhufes Ilmi Waaqaa Gooftaan Iyyasuus Kiristoos, hooloota 99/hoomaa ergamootaa 99/ dhiisuun hoolaa tokkittii/homaa ilma namaa bakka hoomaa saaxinaa’eel kan bu’e/ barbaacha gara dachee kanaatti dhufuu isaa agrsiisa (Luq. 15:1-7). Golyaad guyyoota afurtamaaf yoo mul’atu osoo walirraa hin kutiin achuuma dhaabbatanii furmaata eeggachuun isaanii waraanni diyaabiloosirratti baname hanga injiifannoon keenya mirkanaa’utti kan addaan kunnee biraa deemnu akka hin taane kan agarsiisu dha. Akkuma abbootiin baroota armaan olitti eeraman, qabsaa’aa bilisa isaan baasu fakkeenya Mana Kiristaanaa ammaa eegachaa turan, nuti warri fayyuu keenya isaan mirkaneeffannee Ilma Waaqaa kan nama ta’een (Yooh 1:14) waliin hoomaa tokko taanee, erga nu fayyisee booda ammoo, mootummaa isaa kana labsuudhaan jaalallee keeenya Kirisoosiif hanga dhumaatti amanamaa ta’uun kan itti fuftu ta’a (Eef 5:21-28). Itti gaafatamummaa addunyaa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa keessatti qabnuunis, hanga uummanni waan barbaadu sana argatutti osoo hin nuffiin tattaaffii cimaa baroota hedduu ce’uutu nurraa eegama.

Daawiitiis, “Gara hoomaa loltootaatti fiige” (1Saam.17:22). Yoo waa’ee rakkoo uummata isaa dhaggeeffatu, obbooleessi isaa Eelyaab, “Maaliif asitti gadi buute? hoolota…. sana hoo eenyuutti gattee dhufte? Ani of-jaja kee fi hammeenya garaa kee waanan beekuuf qabsicha ilaaluuf dhuftee jirta” (1Saam.17:28) jechuun itti dheekkame.

Akkasumas Ilmi Waaqayyoo Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis dhuma barichaatti (Ib.1:2) gara dachee kanaatti yoo dhufu yeroo itti addunyaa fayyisuuf murteesserraa waa takka osoo hin barfatiini. Haa ta’u malee, obbooleewwan Isaa ilmi namaa Isa hin simanne (Yoh.1:11). Kabajamuu seera Muuseetiin qofa waan gaaffii Afurawaa uummatichaa hiikan waan itti fakkateef, humna isa haaraa kana fuudhachuu hin dandeenye. Ani Ilma Waaqaati jechuun kan inni ragaa ba’aa dhufe akka waan angoo Isaa malee Waaqaan of qixxeesseetti (akka yakkaatti) jalaa lakkaawwamuun olitti amma Raajootaallee ni ga’a jedahanii yaaduu hin barbaadne (Yoh 19:27).

Falaasama humnaa isa haaraan tajaajilli Waaqayyoo warra dursee mooraa keessa guuteef qofa miti. Warra haaraa dhufaniifisi (Rom 3:1).  Yihudoonni warri dur, raajiin  isaaniif himames ta’e, warra seera lapheetiin waaqeefachaa turan, warra seera Muusee barreeffamaan hin beekne hunda, akkasumas warra falaasama mataa isaaniitiin bulan; hunda isaaniiyyuu tajaajilli Waqayyoo ni ilaallata. Uumriidhaan yeroo hedduu tajaajila keessatti waan lakkoofisisneef amanaan ykn gaabbaan haaraan yoo nutti makamu tajaajilicha innis nurraa akka dhaalu gochuudhaa ala sababa bishaan hin fuuneen ni ifanna yoo ta’e dogoggorree jirra (Mar. 7:8) “Ajaja Waaqayyoo dhiistanii, barmaatilee namaa kabajju” (Mat 12:7). Tarii inni haaraa dhufe humni isaa, falaasama humnaa isa moofaan dadhabaa fakkaatullee, isa haaraan garuu, inni fuulduuraa kan boodaa, kan boodaa ammoo fuuldura waan ta’uuf (Mat 19:30), rakkoo nuti baroota heedduuf uruursaa turre kan hiikan ta’uu waan danda’aniif quxuusicha Daawiit caqasuun ni barbaachiisa.

Jireenya dhuunfaa keenya keessattis ta’e, tajaajiila dhunfaa keenya keessatti keenyuma namootni nuti jennu, obbooleewwan keenya jijjiirama nuti fiduuf yaadnu gadi nu jalaa qicuu danda’u. Obbooleewwaan keenyallee “Hin dandeessani” nuun jechuu danda’u. Falaasama humnaa isa haaraa keessatti quuqamuun Nahimiyaa, Xoobiyaa fi Geessaam tuffiin akka kolfan isaan affeerullee (Nah.2:19) abdii kutuun hin barbaachiisu. Wanti xiqqoon tuffatamtu seenaa hojjachuu waan dandeessuuf, “Nuti garboonni Isaa ni hojjanna, Gooftaan Samiis galmaan ni ga’a” (Nah.2:20) jedhanii kutatanii uummata Waaqayyoo ofirra nu laalaa jiruuf kennaa qabnu hundaan dhaqqabuutu barbaachisa.

Daawiitis kana ka’uumsa godhachhuudhaan homaa akka hin balleessinee fi dhimmi isaan jalaa gadi qicaa jiran kun waan angafa akka ta’e ibsuun dheekkamsaaf deebii jaalalaa deebisee tare (1Saam.17:30).

Gooftaanis ergamni Isaa waan bittaa Roomaa jalaa isaan hin baasneef akka homaa gatii hin qabnetti jalaa tuffatanillee (Luq 24:21), dhugaa inni ragaa ba’eef kaballaan deebii ilma namaa ta’ullee, “Hamaa dubbadheera yoo ta’e, hammeenya koof ragaa ba’i; gaarii dubbadheera taanaan garuu maaliif na rukutta?” (Yoh 18:23) jechuun ala hamaan  osoo afaanii Isa hin bahiin jaalalaan ilma namaaf akka yakkamaatti hidhamee tajaajiluu Isaa itti fufe. Abbaa Isaa waliin qixxee ta’uu Isaa yoo ragaa ba’ullee,  akka waan kabaja ofii hin qabneen of guddisee fi Waaqa arrabseetti itti lakkaa’an (Yoh.19:7).

Egaatii, falaasama humnaa isa haaraa keessatti dhugoominni yaada tokkoo dirqama baay’ina deeggartootaatiin hin mirkanaa’u waan ta’eef, kaayyoo keenyaaf amanamnee itti fufuu qabna. Hammeenyaaf deebiin laatamu hammeenya akka hin taane, maddii keenya mirgaa kan nu kabaleef kan bitaas itti garagalchuu, amma nurraa eeggamuu ol dachaan daballee gaarii hojjachuuf aarsaa kanfaluun falaasama humnaa isa haaraa dha. Diinota keenya jaalachuu, warra nu abaaran eebbisuu, warra nu ari’aniifiis kadhachuun kan Abbaa keenya isa samiirraa; gaarii hamaa, cubbamaa fi qulqulluu jedhee otoo addaan hin qodiin hundaafuu kan roobsu, hundumaafuu kan aduu baasu ta’uu isaa (Mat. 5:38-39,43-45) irraa kan barannu akka ta’e qabatamaan jiraatee Gooftaan nutti agarsiisee jira.

Akka waliigalaatti waan gaarii hojjachuuf murtii angafa ta’e yoo murteessinu, kaan akka waan gowwoomneetti ykn balleessineetti dheekkamsi isaanii akka abiddaa boba’uu danda’a (1Qor.1:18). Keessattuu ammoo, warri ‘amantiin Ortodooksii dhimma uummata muraasaati malee, kan Oromoo ilaallatuu miti’ jedhan, waaqeeffanaa nuti tokkuummaa Mana Kiristaanaatti amannee hoomaa Waaqayyoo waliin tokko taanee deemsiifnu, gaafa argan waan angafa raawwannee otoo jirruu nutti dheekkamu. Jara kanaan kan jechuu qabnu kana gochuu keenyaan nagaroon uummata Oromoorratti raawwanne maali? Amantiidhaan jiraachuun, Kiristaanuummaa simachuun waan angafa mitii? Jechi “Fannoo Goftaa Iyyasuus Kiristoosiin ala Abdiin biroo narraa haa fagaatu”(Gal.6:14) jedhu akkamiin uummata Oromoo maqaa Waaqaa dhahee hin quufneef hin barbaachiisne?Jechuun Eeliyaab obboolessa keenya isa nu mormuuf deebii laachuu qabna.

Seenaa Daawiit warra isaa jaalalaan itti mo’ate kana beekaan amantaa tokko akkana jedha: injifannoon keessaa injiifannoo alaatiin nama ga’a; Daawiit abbaa isaaf ajajamuun obbooleessa isaattis afaan tolaa dubbachuudhaan waan qabsoo keessaa injifateef alattis milkaa’e. Nutis yoo jaalala Mana Kiristaanaatiin booji’amnu, obbooleewwan keenya kan jaalala Mana Kiristaanaatiin boji’amanis ta’ee, kan Mana Kiristaanaa hin hubanne jaalalaan yoo mo’achuu dandeenye akkuma Gooftaan Kaayyoo fayyinsaa mormii obbooleewwan isaa obsee galmaan ga’e, kaayyoo hafuurawaa keenya galmaan ga’uu  dandeenya.

Daawiit Saa’ooliin yemmuu waamamu (1Saamu’eel 17: 31) akkana jedheen: “namni tokkoolee garaa isaatti isa hin sodaatiin; ani garbichi kee Filisxi’eemicha dhaqee nan loolaani” jedhee waadaa gale. Yoo haaloonni jiran akka rakkoo furru nu waaman “maaltu na galche” jennee, irraa baqachuu manna akka Daawiititti tole jennee yoo ajajamne wanti nutti hanqatu hin jiru, kan waamamne  jaalalaafi injiifannoof waan ta’eef. Gooftaanis akkanumatti abbaa isaatiin yoo ergamu, abbaa isaa Waaqayyoo waliin wal qixa ta’uun akka waan angoo irraa fudhatamutti otoo hin lakkaa’iin bifa garbichaa qabatee fakkeenya namaatinis ta’ee of duwwaa godhee of- salphisuun olitti du’aaf, saniinuu du’a fannoo kan yakkamtootni hamaa ta’an habbuuqatan habbuuqate (Fil2:6).

 

BARBAADAA