headerphoto

 

Falaasama Humnaa Isa Haaraa

          Waxabajjii 2                                                                                                            

              Haaylamikaa’el Taaddasaa Kafanii

(Kutaa-1ffaa)

1.    Seensa

Mata duree kanaaf ka’uumsa kan ta’e, “Thine is the power and the Glory” kitaaba jedhu, kitaaba paatriyaarkiin Mana Kiristaanaa Ortoodooksii Kooptiiki Poop Shinoodaa 3ffaan barreeffamee dha. Kitaaba kana keessatti falaasama humnaa isa haaraa yoo seenessu, Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos yoo qabamu, yoo fannifamus ta’e, yoo du’aa ka’u humna qabeessa akka ta’e, ilma namaaf tajaajilli inni aarsaa kanfaluun laate hundi gadi aanaa osoo hin ta’iin hundaa ol humna qabeessa ta’uu Isaa akka ibsan dubbata. Barsiisaa falaasama humnaa isa haaraa kana fakkeenya Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan ta’e jireenya Daawiit waliin wal bira qabnee, barnootaa abbotii jireenya keenya waliin wal simsiisnee ilaalla.

Kaayyoo barreeffama kanaa:

a)    Falaasama humnaa isa haaraa beeksiisuu;

b)    Falaasama humnaa isaa haaraa kana kan nu barsiise Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosii fi fakkeenya Isaa kan ta’e Daawiitirraa waan barachuu qabnu qalbeeffachiisuu;

c)     Nutis falaasama humnaa isa haaraa kana keessa akka jiraannu, dammaqiinsa Afuurawaa uumuu dha.

 

Adduunyaan kun qaamni tokko humna qabeessa ta’uu isaa ulaagaan ittiin hubattu, waan mul’atutokko irratti hundaa’uuni. Kanneenis  irreedhaan, maallaqaan, beekumsaan, firaanii fi goosaan, akkasumas aangoo fi kanneen kana fakkaataniin olaantummaa horachuu fi kaan of jalatti bulchuu danda’uu dhani.

Falaasama humnaa isa haarawaa keessatti garuu, taayitaadhaan, qabeenyaan, beekumsaanii fi kanneen kana fakkaataniin caalanii argamuun humna qabeessa nama hin jechisiisu. Falaasama humnaa isa haaraa kana keessatti humna qabeessa taanee injifachuuf kan barbaachisu:- jaalala, aarsaa kanfaluu, hanga dhumaatti cimanii kaayyoof wareegamuu dha. Jecha biraan, “Nutis humna qabeessa kan taane dadhabbii dadhabdootaa akka baannu ofis akka hin gammachiisne nu barbaachiisa” (Room.15:1) jechuudha. Humna qabeessa ta’uun, humna qabnu sana  kan beela’ee laachuuf, kan dheeboote dheebuu baasuuf, kan daare uwwisuuf, kan dhibame gaafachuuf kan hidhaame hiiksisuuf oolchuu qabna (Maat 25:41).

Kun, caasaa Mana Kiristaanaa fi abbootii Afuura Qulqulluutiin muudamaniif, akkasumas, qaama Mana Kiristaanaa ta’uun Kiristaanota itti gaafatamummaa ergamummaa fudhachuun ragaa bahuuf dirqama qabaniif (Hoj.1:8), hoolota tiksuudhaan iddoo margi lalisaan jirutti bobbaasuudhaan ibsama (Faar.22:1).

Kuni ammoo, abbootiin hundi isaanii haalli qileensaa, nyaataa, jireenyaa mijachuu baatus kana bira darbuudhaan kabaja qaban hunda gadi buusanii ergama ergamummaa galmaan ga’uuf carraquu akka qaban kan agarsiisu.

 Beekumsa, maallaqaa fi aangoos warri qaban qabatamaan lammii tajaajiiluuf malee tajaajilamuuf akka Waaqayyo carraa sana isaaniif hin laanne hubachuun gadi of qabuu fi naamusa gaariidhaan jijjiiramaaf carraaquu akka qaban agarsiisa (Faar. 69:7).

Falaasama Humnaa isa haaraa kana dhugaa ba’uuf raajootaan dubbatameefii fakkeenyaan kan jiraachaa ture (Mar.12:35-37) Qulqulluu Daawiitii fi, dhugaadhaan kan jiraachaa ture Goftaa keenya Iyyasuus Kiristoos akkamiin dachee kana irratti akka deddeebi’an jireenya keenya waliin wal simsiisnee ilaaluuf yaalla.

 Daawiit bara jireenya isaatti kan isa quunname keessaa yemmuu hoolaa tiksu haala ittiin aarsaa kanfalee fi Gooliyaad waliin wal’aansoo taassise ka’umsa godhanna. Raawwatiinsa taateewwanii, fakkeenyaa fi raajii raajootaa kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosis ilaalchisee, taateewwan Daawiit quunname kaasuunii fi walitti hidhuun, nama ta’ee, gadi of qabuudhaan hanga du’aatti aarsaa laachuun falaasama humnaa isa haaraa akkamiin akka nutti agarsiise ilaalla.

2.    Daawiit Tiksicha

Daawiit osoo mootii ta’uuf hin muudamiinis ta’e, osoo Gooliyaadiin wal hin falmiin dura tiksee hoolotaa ture. Hoolota kanas kan eegaa ture gammoojjii keessatti. Gammoojjiin kun iddoo bishaanii fi marga hoolota isaatiif barbaachisu argachuun hedduu rakkisaa itti ta’edha. Kanaaf Daawiit “Waaqayyoon tiksee kooti; Kan na dhabsiisuus hin jiru, Iddo dirreen jiidhaan jirutti na bulcha, gara laga itti aara galfatanittis naqajeelcha” (Faar. 22:1) kan jedhee dubbate.

 Kanaaf gammoojjii kessatti, saniinuu biyya Israa’eelitti, hoolaa eeguun imaanaa aarsaa cimaa gaafatuu dha. Daawiit imaanaa kana yoo fudhatu wanti itti hafe ni jira. Akka dargaggeessa tokkootti toora qeyee ta’ee taphachuun, ija maatii isaa fuuldura taa’uun naannoo isaatti boqotee maatii isaa biraa mijuu barbaadu unachuun, dhangaa barbaadu soorachuun waan nama gammachiisuu dha.

 Daawiit kanneen hunda arsaa kanfaluun olitti, firaa fi lammii isaatiin itti gaafatamummaaf jecha waan fagaateef cimina isaas kan ajaa’ibsiifatuuf, kan isa badhaasuus ta’ee, gootummaa isaa kan isaaf faarsu hin jiru. Daawiit itti gaafatamummaa kana ilaalchisee kan haasa’u ofiif Waaqa waliin qofa ture.

Jireenyi Daawiit hoolota eeguuf gammoojjii keessatti hoogganu kun Ilma Waaqayyoo Gooftaa keenya Iyyasuus Kirstoosiin keessa darbamee jira. Akkuma Daawiit abbaa isaaf ilma 8ffaa, quxusuu ta’e, Ilmi Waaqayyoo, Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis abbaa aangoo ta’ee osoo jiruu, mataa Isaa gadi qabuun quxusuu ta’ee Ilma namaa tajaajiluuf gadi bu’ee jira.

Iddoo kanatti kan dhufe iddoo kabajaan ergamootaan yeroo hunda weeddisamuu gadi bu’eeti. Akkuma Daawiit hoolota isaaf gammoojjii keessatti mankarare Ilmi Waaqayyoos hoolota Isaa kan jedhaman ijoollee Addaam barbaaduuf, tiksuuf, bobbaasuuf dachee kana irratti deddeebi’ee jira (Yoh.10:11). Galata barbaaduuf akka hin jenne, Innoo afaan ergamootaan yeroo hunda weeddifama (Is.6:2-4). Aangoof akka hin jenne, Innoo Abbaa Isaatiin wal qixa Waaqayyodha (Yoh.14:13-14, 1:14-15, 1Yoh 5:20). Addunyaan kun hawwii isaa guutuu waliin Isa fuulduratti kan gatii hin qabne dha (1Yoh.2:15-17).Homaa wanti barbaade hin jiru. Falaasama humnaa isa haaraadhaan kanfaltiif faayidaa malee, waan akkanumatti bilisaan ilma namaa jaalateef (Yoh.3:16-17).

Namoonni yeroo baay’ee iddoo taajjabdoonni hedduun jiranitti harki rukuutameefii, gatiin maallaqaan shallagamu kanfalameefii olaantummaan labsameefii hojiin  isaanii hin mul’anne taanaan waan hojii hojjatan itti hin fakkaatu. Garuu seerris iddoo nu gaafachuu dadhabetti, itti gaafatmaan keenyas iddoo nu hin agarretti kan nu gaafatu Waaqayyo ni jira jedhanii imaanaa tajaajila uummataa  Afuurawaas ta’ee kan dachee kanaa galmaan ga’uun barbaachisaa dha.

Waaqeffannaan keenyas kanfaltii dachee kanaan kan deeggaramu osoo hin taane kanfaltii samiitiin ta’uu isaa hubannee, horiin moraa guutanis guutuu baatanis, firiin wayinii guutus hir’atus, (In 3:16-18) aarsaa kanfaluudhaan jalqaba keenya xumuruun falaasama humnaa, kiristaanummaa keessatti gonfachuu qabnu dha.

Daawiit gammoojjii kana keessatti osoo hooloota eeguu, Leencii fi Hamaagotni hoomaa isaa keessaa hoolota isaa jalaa fudhata ture. Homtuu na hin argu jedhee lubbuu isaafis sodaatee harka maratee taa’uudhaa mannaa Leenca hoolota isaa fudhate faana bu’a ture.

Haaluma wal fakkaatuun Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis, hoomaa ergaamoota hedduu qabu biratti ilmi namaa hoomaa inni qabu kan biraati. Homaan ilma namaa tokkichi kuni waan Leencaan kan fakkeeffamu diyaabiloosiin fudhatameef isa harkaa nu oolchuuf Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos arjoominaa fi gara laafina Isaatiin dadhabbaaf quuqamee, of tuultota yaada laphee isaaniitiin falaasama humnaa moofaa irratti hundaa’uun boonu seexanaa fi hoomaa isaa bittinsuuf (Luq 1:51-52) homaa isaa dhiisee tokkicha Addaam Barbaaduuf dhufe(Luq. 15:8).

Ammas Manni Kiristaanaa hoomaa ishee keessaa Leencaan kan fakkeeffamu diyaabiloos feedha fooniitiin, jaalala Addunyaatiinii, fi shakkiin yoo fudhatamu faana buutee leenca kana harkaa gachisiisuu qabdi. Kuni akka ta’u qaamni ajaju hin barbaachisu, quuqamuufii rakkoo jiru hubachuu qofa dha. Keessattuu, Uummata Oromoo ilaalchisee qorumsa shakkitootaa, alagootaa fi siyaasaa hedduudhaan kan marfame ta’uun isaa, osoo homtuu nu hin dirqisiisiin waan ilma namaa jaalannuuf, motuummaa Waaqayyoos akka dhaalu dharraanuuf qofa eegamuu hoolotaa kanaaf gatii kanfaluu qabna.

Odeeffannoon Istaatitisitiksii Biyyooleessaa, bu’uura agarsiisuun gutuu Oromiyaatti lakkoofsi hordoftoota amantii Ortdooksii danuu ture qabatamaadhaan gadi bu’uun isaa qajeelummaan amantii keenyaa akkuma eeggameetti ta’ee, hoomaa kana keessaa hoolonni leenci fudhate hedduu ta’uu isaa fi tiksoonni hoolaa faana osoo hin bu’iin irribaan liqinfamuu isaanii nutti agarsiisa. Daawiitiif falaasamni humnaa, gammachuu isaaf osoo dursa hin kenniin imaanaa itti laatameef aarsaa kanfaluu ture.

Falaasama humnaa isa haaraa kana kan nu barsiisee, nutillee fakkeenya kana faana akka buunu kan nutti hime, (1Pheex. 2:21) Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Ragaa kana nuuf dhugoomsu argachuuf yeroo Goftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dachee kana irratti foon wajjin tokko ta’ee ( nama ta’ee) itti deddeebii’e xiinxaluun bira ga’uu dandeenya.

Ilmi namaa sababa seera Waaqayyoo kabajuu dideef, adabbii du’a bara baraa jalatti kufuun dirqama itti ta’ee ture (Uum.3). Mataa sanyii namaa ta’uun (Eef.5:23) addunyaa  kanatti barbaacha Addaamiif kan dhufe (Uum. 3:10, Yooh. 1:11); Gooftaan  keenya Iyyasuus Kiristoos cubbuu keenya hundumaa baate (Is. 53:6). Kana jechuun Inni Qulqulluu fi abbaa aangoo ta’ee osoo jiruu cubbuu Addaamiin cubbamaa fi kan seerri du’aa irratti raawwatamu ta’e.

 Kan Ergamoonni bara baraaf osoo walirraaa hin kutiin “Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu” jechuun galateeffatan salphina keenya baatee (Filph. 2:6-8) arraba keenya obsuun, qaaniinis fuula Isaa uwwiste (Faar. 69:7).  Cubbuu Addaam baachuu qofa osoo hin taane, ilma namaa hundaaf jaalala qabu ibsee jira; dhiifamas gaafachuun ilma namaatiif osoo inni aanga’oo ta’ee isa ajjeessaa jiranii, humna Isaa kanaan addunyaa balleessuun hammeenya ilma namaatiif deebii yoo laachuu danda’u (1Pheex.2:23), “Yaa abbaa waan raawwatan waan hin beekneef, dhiifama isaaniif godhi” jedhee diinoota Isaaf jaalalaan kadhatee jira (Luq 23:34).

Egaa, jaalalli Kiristoos kun humna isa dhugaa onnee jaalalaan guutamerraa madduu danda’uu dha. Akkuma aarsaa kanfaluuf osoo hin siqiqiin Daawiit kokkee  (morma) Leencaatti harka isaa ergee, afaan Leencaa keessaa hoolota isaa baraaretti,Gooftaan keenyas ijoollee Addaam kookkee diyaabiloos ilma namaa liqmse keessaa baasuuf du’uufillee ta’u duuti Isaa falaasama humnaa isa haaraan injifannoo waan ta’eef (1Qor. 1:18) duubatti hin jenne.

Qaamni itti gaafatamummaan itti dhagahamu hundi osoo hin siqiqiin rakkoowwan hawaasicha liqimsaa jiranirraa baraaruuf aarsaa kamiyyuu kanfaluun gowwummaa osoo hin taane injifannoo guddaadha. Injifannoo kana argachuuf Waaqayyo nu haa qarqaaru.

nuuf haa turu

 

BARBAADAA