headerphoto

      Hundeenshee tulluuwwan qulqulluurraati (Faar 86: 1)

                                                             Dn. Dajanee Gasheetiin

Jecha kana kan dubbate Waaqayyo kennaalee hedduun kan isa eebbise, mootii Israa'eel kan ture Raajicha Daawiiti. Kennaawwan hedduu inni ittiin ebbifame keessaa tokko kennaa raajii dubbachuu ture. Bakka kanatti kaayyoon inni itti raajii kana dubbateef, Waaqayyo Dubroo Maariyaam foonsheerraa foon, lubbuusheerraa lubbuu fudhachuun Tokkoomaaf (Tawaahidoof) ishee filachuusaa hubachiisuufi. Raajichis wanta qabatamaan mul'atu Tulluu Tsiyoonitti fayyadamuun, tulluu iccitii kan taate waa'ee Qulqulleettii Dubroo Maariyaam dubbateera.  Barnoota kana keessatti Dubroon Maariyaam tulluu qulqulleettii tulluuwwan qulqullootarraa argamte ta'uushee baranna. Akka fedha Waaqayyootti, maaliif akka tulluutti fakkeeffamtes ni mari'anna. Sagalichis akkas jedha:

            Bu'uuronnishee tulluuwwan qulqullootarraati. Dunkaanota Yaa'iqobirra Waaqayyo           balbaloota Tsiyoon jaalata. Yaa magaalaa Waaqayyoo waa'ee kee wanta dinqiitu          dubbatame. ...Namni haadha keenya Tsiyoon isheetiin jedha; ishee keessattis namni            dhalate; Inni Ol Aanichi ofumasaa ishee hundeesse (Faar. 86: 1-5).

Sagaleen armaan olii waa'ee iccitii Tulluu Tsiyoon nu hubachiisa. Jechi Tsiyoon jedhu hiika afuuraa hedduu qaba. Kanaaf, icciticha hubachuuf maalummaa Tsiyoonirraa eegaluu qabna.

 

 

 Tsiyoon jechuun maali?

Tsiyoon jechuun hirkoo,  gaaddisa yookaan kan itti baqatan jechuudha. Jechi kun jalqaba tulluu dheeraa biyya Filisxeem keessa jiruuf kenname. Tulluu kana Daawwiit Iyyaabuusonni daannoo taasifatanii kan turan irraa fudhachuun ijaaree magaalaa guddittiisaa taasifate (2 Saam 5:6-9). Kanaafis, Tsiyoon magaalaa mooticha guddaa Israa'eel jedhamte. Mootichi Daawiit Taabota Kakuu Waaqayyoos bakka duraan jiraachaa turerraa fidee magaalittii keessa kaa'e. Sababa kanaaf, Taabotichis Taabota Tsiyoon jedhame (2 Saam. 6:1-23). Jechi Tsiyoon jedhu isa booda babal'achuun magaalaa Iyyaruusaaleemii fi Uummata Israa'eel hunda bakka bu'uun dubbatamaa tureera.

 

 Tulluun kun hiika kallattiin biyya yookaan lammiilee Israa'eel agrasiisus, iccitii afuuraa hedduu qaba. Iccitii inni guddaanis haadha jireenyaa, bu'uura fayyinaa, gonfoo ulfinaa fi abdii dhala namaa kan taate Dubroo Maariyaam agarsiisuusaati.

 

Dubroon Maariyaam Tsiyoon jedhamti.

Akka armaan olitti ibsinetti, Tsiyoon jechuun hirkoo fi gaaddisa itti baqatan jechuudha. Qulqulleettiin Maariyaamis gaaddisa yookaan hirkoo lubbuu fi foonii, akkasumas hirkoo qulqullootaa fi cubbamootaa waan taateef Tsiyoon jedhamti. Magaalittii biyya lafaaf hiikni Tsiyoon jedhamu kan kenname sababoota adda addaafi. Innis, namoonni badii hojjetan magaalittiitti baqachuun,  murteen sirriin achitti itti murtaa'aa ture. Akkasumas, warri dhugaa qabanimmoo magaalittii keessatti murteen haqaa isaanii murtaa'aa tureera.

 

Haaluma wal fakkaatuun, Dubroon Maariyaam ilmi namaa cubbuu Addaamii fi Heewaan hojjetaniin kabaja fakkeenya Waaqayyoon uumamee fi mucummaa Sillaasee dhabee ture sababasheetiin deebisee waan argateef Tsiyoon (gaaddisa) jedhamti. Waaqayyo foonsheerraa foon lubbuusheerraa, lubbuu fudhachuun Nama ta'ee gatii cubbuu nurra jiru guyyaa Jimaataa aarsamuun fannoorratti nuuf  kaffale(nurraa haqe).  Jannataa fi Mootummaa Samiittis nu deebise. Kanaaf, Giiftiin keenya gaaddisa ibidda adabbii jalaa itti boqonnee fi bultii duraan dhorkamnee turre kan itti deebinee arganne waan taateef, Tsiyoon dawoo (gaaddisa) hunda keenyaa jedhamti.

 

Namoonni tokko tokko jechi Tsiyoon jedhu "Qulqulleetti kan taate Giiftii keenyaaf raajamuusaa akkamitti beekna?" jechuun shakku. Akkuma armaan olitti ibsinetti, Tsiyoon magaalaa teessoo mooticha guddaa kan Israa'eel fi bultii Waaqayyoo akka jedhamtu hubanneerra. Mootittii Dachee fi Samii (Faar. 44: 9) kan taate Giiftiin keenya qulqulleettii Maariyaamis magaalaa Waaqayyoo fi Tsiyoon haadha hunda keenyaa jedhamti. Sababa kanaafis " Namni haadha keenya Tsiyoon isheetiin jedha; ishee keessattis namni dhalate" jedhameera(Faar. 86: 5). "Namni keessatti dhalate" kan jedhame, foonii fi lubbuu isheerraa fudhachuun kan Nama ta'e Uumaa Samii fi Dachee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi. Kanaaf, Dubroon Gooftaa keenyaaf deessuu haadhasaa yoo taatu, hunda keenyaaf immoo haadha afuuraa nuu taati. Qulqulleettiin Maariyaam guyyaa Jimaataa fannoo jalatti karaa abbaa keenya qulqullicha Yohaannis abbaa Wangeelaa "Kunoo haadha kee" jechuun nuu kennamteetti (Yoh. 19: 27). Giiftiin keenya Yohaannis,isa hunda keenyaaf abbaa afuuraa ta'uuf yoo haadha taate, shakkii tokko malees haadha hunda keenyaati jechuudha.

 

Tsiyoon haadha Waaqayyoo ta'uusheef shakkiin hin jiru. Kitaabni Qulqulluun haqa afuuraa kana sirritti nu hubachiisa. Faarfatichi Daawiit akkas jechuun raajii dubbateera: "Ani garuu mootii kiyya tulluu qulqulluu Tsiyoonirrattan muude" (Faar. 2: 6-7). Tulluu Tsiyoonirrattan muude jechuunsaa, Mootiin Dachee fi Samii Gooftaan keenyaTsiyoon kantaate Dubroo Mariyaamirraa dhalachuusaa hubachiisa. Tulluu jechuunsaas kabaja qabduun dubartoota hundaa ol, hojiisheetiin immoo hirkoo hundaa kan taaterraa dhalachuusaa hubachiisa.

 

Haati keenya Tsiyoon Deessuu Waaqayyoo qofa osoo hin ta'iin, bultiisaa bara baraaatis. Abbaan keenya Daawiit dhugaa kana "Waaqayyo Tsiyooniin waan filateef...kun bara baraan bultii kooti. Waanan filadheeruuf isheerran bula" jechuun dubbateera (Faar. 131: 13-14). Waaqayyo kan jedhame Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos yoo ta'u, bultiinsaa bara baraammoo Dubroo Maariyaami.  Namni Tsiyoon kan jedhamte "Dubroo Maariyaam miti" jechuun shakkuu fi mormu yoo jiraate dogoggoreera. Sababnisaas bultiisaa bara baraa kan taate Dubroo Maariyaam qofa waan taateef. Hiika kallattiin tulluun Tsiyoon bultii Waaqayyoo bara baraa ta'uu hin danda'u. Sabanisaas Dachee  fi Samiin ni darbu (Maar. 13: 31) jedha Kitaabni Qulqulluun. Gooftaan keenya garuu foonii fi lubbuu Dubroorraa fuudheen waggaa soddomii sadii fi ji'a sadii lafarra deddeebi'e. Inni foonichaan du'ee, du'a moo'uun ka'e; foonichaanis mirga abbaasaa taa'e. Foonichuma uffateenis deebi'ee dhufa. Kana hubachiisuufis ergamoonni guyyaa Gooftaan keenya gara mirga abbaasaatti ol ba’e "Akkuma gara Samiitti bahuusaa argitan akkasumattis deebi'a" jechuun kan dubbatan (Hoj. 1: 11). Kunis foon Giiftii keenyarraa fuudheen kan tokkoome (Tawaahidoon kan kabajame), foonichumaan deebi'ee dhufa jechuusaaniiti. Kanaaf, haati keenya Tsiyoon bultii bara baraa Waaqayyooti.

 

Bu'uurri haadha keenyaa eenyu?

Daawiit abbaan faarsaa "bu'uurrishee tulluuwwan qulqullootarraati" jedha (Faar. 86: 1). Tsiyoon jechuun hiika iccitiitiin Giiftii keenya Dubroo Maariyaam agarsiisa yoo jenne, "bu'uurrishee tulluu qulqullootarraati kan jedhummoo maali?" jechuun gaaffiin gaafatamuu ni mala. Kitaabni Qulqulluun "mukti gaariin firii gaarii buusa" jedha (Maat. 7: 17). Dubroo Maariyaamis gaarii abbootii gaariirraa argamte, qulqulleettii abbootii qulqullootarraa dhalattee fi kabajamtuu abbootii kabajamoorraa dhalatte. Kaanaaf, burqaanshee tulluu qulqullootarraati jedhe.

 

Giiftiin keenya sanyii abbaa amantaa kan ta'e Abrihaamii fi laphee Waaqayyoo kan jedhamu Qulqullicha Daawiit jalaa akka argamte kitaabni ni mirkaneessa. Ragaa ifa ta'es Maateewoos abbaan wageelaa keewwata waa'ee dhaloota Gooftaa keenyaa barresserratti lafa kaa'eera. Innis

"Kitaaba dhalootaa Iyyasuus Kiristoos Ilma Daawiit, Ilma Abrihaam " jechuun Gooftaan keenya qomoo Daawiitii fi Abrihaamirraa dhalachuusaa hubachiisa (Maat. 1:1). Dubroon Maariyaam immoo intala Daawiitii fi intala Abrihaam jedhamti.  

 

Raajichi Isaayyaas "Hundee Isseeyirraa uleen ni baha; jalasheeraas daraaraan firii kenna" (Isa. 11: 1) jedha. Iccitiinsaas uleetti kan fakkeeffamte qulqulleettii Maariyaamirraa Firii Jireenyaa kan ta'e Gooftaan daraaraa (habaabootti) fakkeeffame dhalachuusaa hubachiisa. Asirratti uleen Firii Jireenyaa argamsiifte Dubroon sanyii Isseey yookaan qomoo Daawiitirraa dhalachuushee nu hubachiisa. Kanarraan kan ka'e, qulqulleettiin Maariyaam Mootittii intala mootichaa jedhamti (Faar. 44: 9). Sanyii Abrihaamirraa dhalachuu isheemmoo qulqullichi Phaawuloos jecha ifa ta'een barreesseera. Sagalichis "Sanyii ergamootaa qabate osoo hin ta'iin, sanyii Abrihaam qabateera" (Ibr. 2: 16) jedha.  Duukaa bu'ichi "Sanyii Abrihaam qabateera" jechuun haati keenya qomoo Abrihaam jalaa bahuushee nu hubachiisa.

 

Waaqayyo Gooftaan duraan dursee Kakuu Moofaa keessatti abbaa keenya Abrihaamiin "Horteewwan biyya lafaa hundi siin eebbifamu" (Uum. 12: 3) jedheet ture. Kunis Abrihaam bu'uura eebbaa ta'uusaa hubachiisa. Eebbi kun kan dhugoome Heewaan Lammaffaa, burqaa eebba addunyaa fi sababa fayyinaa kan taate Dubroo Maariyaamiini. Giiftiin keenya qulqulleettii Maariyaam addunyaa dogoggora Heewaaniin abaaramteef sababa fayyinaa taateetti.  Heewaan cubbuun gara addunyaatti akka galuuf sababa taate. Ilmashee Qaayen obboleessasaa Abeel yeroo jalqabaaf  xoofoo du'aa dhamdhamsiises deessetti. Heewaan du'a gara addunyaatti simatte jechuudha. Heewaan lammaffaa kan taate Dubroo Maariyaam garuu, mallattoo qulqullummaa fi amanamummaa taate. Yeroo addunyaan hundi cubbuutti jilbeeffate, Dubroon qulqulleettii taatee fundura Sillaaseetti argamte. Giiftiin keenya Addaam lammaffaa kan ta'e, du'aa fi Diyaabiloosiin kan moo'e Gooftaa keenya deesse.  Kanaaf, Dubroon haadha jireenyaa jedhamti. Abaarsi Heewaaniin gara addunyaatti seene sababasheetiin gara eebbaatti jijjiirameera. Sababa kanaaf, horteewwan biyya lafaa hundi isheen eebbifaman. Uummatoota hunda Dhiigasaa fannoorratti dhangalaaseen araara kennuufiin tokko taasise (Eefe. 2: 16) Tokkichi Ilma Waaqayyoo Tokkoomaan (Tawaahidoon) isheerraa dhalate.  Qorichi biyya lafaa Ilmashee waan ta'eef, Dubroon eebba addunyaa taateetti. Kanaaf, waadaan Abrihaamiif Waaqayyo gale isheen raawwate jechuudha.

Walumaa galatti, Dubroon abbootii qulqullota kanarraa waan argamteef bu'uurrishee tulluu qulqullootarraati jedhamte.

            Maaliif tulluutti fakkeeffamte?

Haati keenya qulqulleettiin Maariyaam hundee gaariirraa kan argamte kabaja qabeettii, qulqullootarraa kan argamte qulqulleettii ta'uushee hubanneerra. Kabajni Giiftii keenyaas adda kan ta'e. Waaqayyo, namootaa fi ergamoota fuuldurattis jaalatamtuu fi filatamtuudha. Kabaja addaa fi guddaa ta'e qabaachuusheerraa kan ka'es tulluutti fakkeeffamteetti. Sababni isheen tulluutti fakkeeffamteefis hedduudha. Isaan keessaa gurguddoowwan sadan ilaalla: 1) Tulluun bakka lafaarraa ol fagaatee mul'atu qaama Dacheeti;  Ayyaanettii Giiftiin keenya  Dubroo Maariyaamis kabaja uumamootaa ol ta'e qabdi. 2)Tulluun dhagaachaa fi wantoota jijjiirama uumamaaf dafanii hin saaxilamnerraa uumama; Dubroo Maariyaamis kabaja haadhummaa fi yoomar-dubrummaa hin jijjiiramne qabdi. 3) Tulluun yeroo rakkoo kan itti baqatan dawoo baqaati; Dubroo Maariyaamis addunyaan gaaddisa haadhummaashee jalatti kan godaante dawoo yookaan gaaddisa hundaati.

 

     Kabaja addaa Giiftii keenya Maariyaam

Giiftiin keenya Dubroo Maariyaam Deessuu Waaqayyoo, Teessoo yookaan magaalaa Uumaa Dachee fi Samii fi yoomar-Dubroo waan taateef, kabaja addaa qabdi. Dubartoonni kaan haadha yoo ta'an, dubra ta'uu hin danda'an; dubra yoo ta'animmoo, haadha ta'uu hin danda'an. Dubroon Maariyaam ayyaana hedduun eebbifamtee fi surraa Waaqayyoon guutamte garuu, haadhummaa fi yoomar-dubrummaa tokko taasiftee qabachuun bara baraan eebbifamteetti. Waaqayyo foonsheerraa foon, lubbuusheerra lubbuu fudhachuun Tokkoomaan (Tawaahidoon) nama ta’e.  Gooftaan Iyyasuus Kiristoos Dhugumaan Waaqa, dhugumaanis nama yoo ta'u; isheenimmoo dhugumaan haadha Waaqayyoo;deessuu Waaqayyoo,haadhaa fi Dubroo barabaraa ta'uun kabaja addaa qabdi.

 

Dubroof kabaja addaa kan kennee fi akka kabajamtu kan taasise Waaqayyo Gooftaa Ofumasaati. Kitaabni Qulqulluun "Inni Ol Aanichi Ofumasaa ishee hundeesse" (Faar. 86: 5) jedha. Kana jechuun, Inni dubartoota keessaa ishee filatee kabaja addaan akka kabajamtu taasisuusaa mirkaneessa. Bakka biraattis Raajichi Daawiit "Ol Aanichi bultiisaa qulqulleesse; Waaqayyo ishee keessa waan jiruuf hin raafamtu" (Faar. 45: 4-5) jedha. Kunis, Waaqayyo Gooftaan bultiisaa kan taate Dubroo dubartoota hunda keessaa kabaja addaan qulleessee uumee Tokkoomaaf (Tawaahidoof) ishee filachuusaa hubachiisa. Kabjni isheef kenname yoomuu akka hin dabarre mirkaneessuuf  "... gidduushee waan jiruuf hin raafamtu" jechuun dubbate. Dubratoonni kaan yeroof dubra yoo ta'an, booda garuu haadha ta'uunsaanii dirqama; fooniin dubra ta'anis, yaadaan dubra ta'uu hin danda'an. Dubroo Maariyaam garuu yaadaan fi fooniin akkasumas, yaaduun, gochaan fi dubbachuun barabaraan Dubroodha. Kennaawwan gurguddoon kunneenii fi kan akka duumessaa baay'atan isheef kennaman biroon dubartoota keessaa adda ishee taasisu.

 

Ulfinni maqaasaaf haata'uuti, kan Waaqayyo irraa dhalate osoo hin ta'iin, bakki Inni dhaabbateyyuu kabaja guddaa qaba. Fakkeenyaaf, yeroo Waaqayyo Museef Tulluu Siinaarratti Tsillaatii seerota kurnan qabu kennuuf mul'ate, "Kabajni Waaqayyoo Tulluu Siinaarra taa'e" jedha (Deeb. 24: 16). Erga tulluun Waaqayyo irratti mul'ate kabajaan guutama ta'ee, Dubroo Maariyaam, deessuun Waaqayyoommoo kabaja guddaa hunda caaluun guutamuunshee shakkii tokkollee hin qabu.

 

Nutis Giiftii keenyaan yaa ulfina qabeettii  haadha Waaqayyoo kabajnii fi ulfinni siif haa ta'u jennee kan ishee faarsinu, sagada kabajaa kan isheef sagannuu fi araarashee qulqulluu kan ishee gaafannu kanaafi. Sababnisaas, kan Waaqayyo ishee eebbisee fi haadhummaaf ishee filate eenyuullee gadi ishee qaqqabuu waan hin dandeenyeefi (Room. 8:33). Fakkeenyaaf, Harree Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa Hoosaa'inaa  ittiin Iyyaruusaaleem seeneef, uummanni magaalittii kunuunsa guddaa taasisaniifiiru (Maat. 21: 1-8). Egaa harreen Gooftaan irra taa'e kabaja akkasii yoo argatte,  Dubroon ayyaanaan guutamte, Waaqayyo Gooftaa Hoomaa ji'a sagalii fi guyyaa shan garaatti baatte akkam kabaja caalu qabaattiree?

 

Haati keenya Dubroo Maariyaam kabaja addaa qabaachuushee raajota Kakuu Moofaa fi duukaa buutota Kakuu Haaraan qofatu dubbate miti. Ergamaan samii sooraan Kakuu Haaraa Qulqullichi Gabri'eelis haala nama ajaa'ibsiisuun ishee gammachiiseera. Ergamichi "Ati dubartoota keessaa kan eebbifamte" jechuun lubbuun, fooniin fi yaadaan eebbifamuun surraan (grace) guutamtee haadhummaa Waaqaaf filatamuushee ibsa. Kabajnii fi surraan Giiftii keenyaa kan Suraafeelii fi Kiiruubeel ni caala. Qulqulleettii ta'uusheetiin obboleettii ergamootaa jedhamti. Waan Waaqayyo deesseef, kabajaan garuu ergamoota ni caalti. Kiiruubeelii fi Suraafeel Gooftaa kabajaaf teessoo Inni ulfinaan irratti mul'atu baatu.  Durboon Maariyaam garuu bultiisaa dhugaa fi Deessuu Waaqayyoo waan taateef, ergamoota ni caalti. Walumaa galatti, kabajnishee uumamootaa ol, Waaqayyoo gadi kan ta'e.

 

Fakkeenyaaf, ergamoonni Teessoo Sillaasee baatan akkatti fuuldurasaa dhaabatan Isaayyaas akkasitti ibsa: "... tokkoon tokkoonsaaniis kaattuu(koochoo) jahaa qabu ture. Kaattu (koochoo) lamaan fuulasaa haguuggata ture; kaattuusaa lamaan miilasaa haguuggata ture; kaattuusaa lamaan ni balali'a ture" (Isa 6: 2).  Kaattuu yookaan koochoosaanii lamaan fuulasaanii haguuggachuun, fuula Kee ilaaluun nuuf hin malu jechuusaaniit. Laboobbii (koochoo) lamaan miilasaanii  haguuggachuun, fundura Kee dhaabbachuun nuuf hin malu jechuusaaniit. Koochoo lamaan balal'uunsaanii deeman deeman iccitiin Kee bira hin gahamu jechuusaaniiti. Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam garuu barbadni Waaqummaa yeroo garaashee keessa bule, ishee hin gubne; yeroo harkaan qabatte, qomatti ammattee fi dugdatti marxifatte (baatte)ishee hin gubne. Kanaaf, Dubroon kabajamtuu hundaa oliiti.

 

Garaanshee barbadaan keessa bule, harkishee barbadaa ammate fi dugdishee Isa marxifates kabaja guddaa qabu. Waa'ee kabaja Giiftii keenya Dubroo Maariyaam kan dubartiin tokko dubbatte xiinxaluun qofa gahaadha. Isheenis Wangeela Luqaas 11: 27 irratti "Garaan Si baattee fi harmoonni Ati hoote eebbifamtoota" jechuun kabaja Giiftii keenyaa ibsitteetti. Dhugumaanis garaan Gooftaan ergamoonni fuuldurasaatti sodaan rom'an keessa bule eebbifamaadha. Harmi Gooftaan addunyaa uumee sooru, sooratee guddate eebbifamaadha. Hidhiin Giiftii keenya Dubroo barbadaan osoo hin gubiin dhugachaa guddise eebbifamaadha. Harki Waaqayyo akka killeetti addunyaa ammatee tiksu baatee guddise eebbifamaadha. Dugdishee Gooftaa marxifatee guddises dugda Suraafeelii fi Kiiruubee caalaa kabaja guddaa qaba.

 

Kanarraa kan ka'e, Manni Kiristaanaa keenyaa Giiftii hunda keenyaa kan taate Dubroo Maariyaam rifeensa mataasheerraa hanga qeensa miilasheetti faaristi. Ulfina guddaas isheef kenniti. Sagada kabajaa isheef ta'us sagaddi. Nuti yeroo Dubroof sagada kabajaa sagannu hin shakkinu; dogoggora akka raawwannettis itti hin qaanofnu. Sirumaayyuu fedha Waaqayyoo fi ergaa Kitaaba Qulqulluu raawwachuu keenyatu nutti dhagahama. Kitaabni Qulqulluun "Bakka miillisaa dhaabatetti ni saganna" jedha. Kanaaf, bakka miilli Gooftaa ulfinaa dhaabatetti yoo sagaduu qabna ta'e, bultiisaa bara baraa, Deessuusaa fi Teessoo Waaqa Israa'eel kan taate qulqulleettii Maariyaamiif sagada kabajaa sagaduun dogoggora miti. Sabanisaas Kitaabni Qulqulluun "kabajni kan ta'uufiif kabaja kennaa" waan jedhuufi (Room. 13: 7).

 

Qulqulleettiin Maariyaam kabaja Yoomaraa (yeroo maraa)qabdi

Armaan dura tulluun dhagaachaa fi wanta akka salphaatti hin jijjiramnerraa uumamuusaa hubanneerra. Kunis, fakkeenya kabaja Qulqulleettii Maariyaam yoomar-dubrummaa fi haadhummaa yeroon hin daangofnee fi baraan hin jijjiiramne qabaachuushee nu hubachiisa. Tokkichi Ilma Waaqayyoo yeroo isheerraa dhalate Waaqummaansaa hin jijjiiramne; tokkoomuun (tawaahidoon) Nama dhugaa fi Waaqa dhugaa ta'e malee. Akkasumas, isheen yeroo Isa deesse chaaphaan dubrummaashee fi kabajni haadhummaashee hin jijjiiramne. Giiftiin keenya osoo hin ulfaayiin, yeroo ulfooftee fi erga ulfooftee boodas yoomar-Dubroodha. Haaluma wal fakkaatuun, isheen osoo hin dayiin, yeroo deessee fi erga deessee boodas Dubroodha. Kanaaf, isheen kabaja addaa qabdi jenna.

 

Kabajashee ilaalchisee abbaanshee Daawiit "Maqaa kee bara baraan yaadachiisu"  (Faar. 44: 17) jedha. Kunis dhaloonni dhalootatti dabarsuun, Giiftiin keenya gonfoo ulfinaa, bu'uura fayyinaa, Deessuu Uumaa keenyaa ta'uushee kallattii arfaniin yaadachaa jiraachuusaanii ifatti ibseera. Haati keenyas ofumashee "kana booda dhaloonni hundi yaa eebbifamtittii naan jedhu" (Luq. 1: 48) jechuun dhaloota dhufaa darbaan bara baraan kabajamuushee hubachiisteetti.

 

 Kabaja yoomar-dubrummaashee ilaalchiseemmoo Raajichi Hizqi'eel  raajii ifa ta'e dubbateera. Innis balbala Mana Qulqullummaa, Waaqayyo qofti seenee bahe bara baraan cufamee jiraatutti fakkeessuun dubbateera (Hiz. 44: 1-2). Manni Qulqullummaa harki namaa ijaaree kakuulee lamaan keessattuu osoo hin banamiin jiraate hin jiru. Iccitiinsaa garuu Mana Qulqullummaa harki namaa ijaare osoo hin ta'iin, Deessuu Waaqayyoo fi Mana Qulqullummaasaa bara baraati. Cufamee jiraachuunsaas dubrummaanshee kan bara baraa ta'usaa hubachiisa. Kanaaf, chaappaan dubrummaa Giiftii keenya Maariyaam bara baraan kan hin jijjiiramnee fi yoomar-Dubroo ta'uushee nu hubachiisa.

 

Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam tulluu yeroo rakkoo itti dheessani (baqatani)

Tulluun bara baqaa kan itti baqatanii fi balaa nama mudate jalaa kan itti dheessan qaama Dachee ta'ee lafarraa ol fagaatee kan argamu dawoo rakkinaati (Uum.19: 30). Qulqulleettiin Maariyaamis sanyii ilma namaa keessaa dhalattee cubbuun Addaam kan itti hin dabarre abdii dhala namaa hundaa taatee fundura Waaqayyootti surraan guutamtee waan argamteef, tulluutti fakkeeffamti. Kana ilaalchisuun Raajichi Isaayyaas "Gooftaan Hoomaa Waaqayyo osoo sanyii nuu hin hambifne ta'ee, akka Sadoom kan taanu, Gomoraas kan fakkaannu ture" (Isa. 1: 9) jechuun cubbuu Addaamirraa walaba ta'uun bu'uura fayyina keenyaa ta'uushee hubachiisa.

Bu'uurri fayyinaa Giiftiin keenya Dubroo Maariyaam cubbuu jalqabaarraa itti fayyine qofa osoo hin ta'iin, cubbamoota kan taane nuyiif hanga dhufaatii Waaqayyootti fundura Ilmasheetti nu araarsitis. Hiikaalee maqaashee keessaa tokko "dura bu'uun kan Mootummaa Samiitti nama galchitu jedha". Kunis, Dubroo Maariyaam waadaa araaraa Sillaaseerraa isheef kennameen ilmaan namootaa fundura Waaqayyootti araarsuun mootummaa Waaqayyoo akka dhaalaniif gargaarti jechuudha. Raajichi Daawiit ilmaan namootaa araarashee gaafachuuf akka fundurashee marsan ibseera. Sagalichi "dureeyyiin biyya lafaa uummatoonni fundura kee marsu" (Faar.44: 12) jedha. "Fundura kee marsu" jechuunsaa "araara kee si gaafatu" jechuusaati. Kanaaf, Dubroo Maariyaam bu'uura fayyinaa addunyaan cubbuu jalqabaarraa akka fayyinuuf sababa taatee fi cubbamoota kan Ilmasheetti araarsitu jechuudha.

Kanaaf, Tsiyoon gaaddisa foonii fi lubbuu keenyaa kan taatee fi abdii addunyaa maraa araarashee gaafachuu qabna. Waaqayyos  waa'ee qulqulleetti haadhasaaf jedhee boqonnaa foonii fi fayyina lubbuu akka nuu kennu Isa kadhanna. Kabajni Waaqayyoof, Deessuu Haadhasaa fi kabajamaa Fannoosaaf haa ta'u. Ameen!

BARBAADAA