headerphoto

Gadaamii Waggoota dhibba toorbaan dura hundeeffame- Gadaamii cuqqaalaa ( Ziqu’aalaa)

 

Guraandhala 26,                                                                                  Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

 

 

Finfinnee irraa  gara baha Itiyoophiyaatti deemsa keenya yemmu taassifnu  Naannoo Oromiyaa Godina shawaa Bahaa  Aanaa Liiban  keessatti dirree bal’aa diriiree jiru kan  biqiltoota adda addaatiin uwwifamerra ija keenya qaarisnee yemmuu ilaallu  bosonni samii tuqe namatti fakkaatu kabajaa fi sugaan guutamee nutti mul’ata.

Tulluun kun kan Waaqayyo jalqabaa eegalee boqonnaa qulqullootaatiif akka ta’utti eeyyamedha.Yemmu irra ba’anii biyyattii kallattii bahaa fi dhihaatti, kaabaa fi kibbatti naanna’anii ilaalan sammuu namaatiif kan boqonnaa kennudha.

Jaarraa 6ffaa keessa, qulqulluu Abbaan keenya Yaareedii fi Mootichi Gabra Masqal tulluu kana irra ba’anii bahaa fi dhihaan, kaabaa fi kibbaan kallattii maraan naannoo ishee ilaalanii yaadni isaanii boqonnaa, lapheen isaanii gammachuu bakka kanaatiin booji’ame.

Qulqulluun Abbaan keenya Yaareedis  Waaqayyo bakki kun gara fuula duraatti Gadaamii guddaa akka ta’u waan isaadhaaf ibseef bakki kun bakka eebbifamtuu, kan Waaqayyo qulqulloota isaaf kenne ta’uu raajii (raaga) himee guyyoota torbaaf erga bakka kana  turee booda mooticha Gabra Masqal waliin ta’uudhaan bakka kanatti taabota Igzi’aabiheer Aab dhaabanii (hundeessanii) deebi’ani. Tulluun Waaqayyoon filatamte tulluu cuqqaalaa (Ziqu’aalaa)ti. 

Bakki kun bakka  abbaan keenya Aabboon itti  boqotanidha. Sanaan dura garuu Abbaan keenya Gabra Manfas Qiddus( Aabboon) biyya dhaloota isaanii Gibxi bakka Nihiisaa jedhamtuu gara Itiyoophiyaa dhufuudhaan tulluu kana irra bahanii kallattii arfaniinuu biyya Itiyiyoophiyaa yemmu ilaalanitti cubbuu namoonni hojjetan hunda waan arganiif Galaana tulluu kana keessa jiru keessatti of darbatanii mataa isaaniitiin dhaabbatanii uummata Itiyoophiyaatiif dhiifama kadhachaaturani.

Galaana (Haroo) Abbaan keenya Waggoota dhibba tokkoof mataadhaan keessa dhaabatanii Biyya Keenya Itiyoophiyaadhaaf kadhatan.

 

Akka kitaabni Qabsuura Abbaa keenya Gabra Manfas Qiddus ibsutti “ Galaana Kana keessaa akka hin baane; Maqaa Kee Jiraataa ta’een kakadha”  jechuun Waaqayyoon kadhachaa (Qabsuura Gabra Manfas Qiddus, kut.3 boq. 10 lakk 4) Galaana kana keessa guyyota afurtamaa fi halkan afurtama mataadhaan dhaabatee tureera.

 

Waaqayyos ergamaa Isaa ergee  “Kan maqaa kee waame; kan yaaddannoo kees taassise lubbuu isaa nan maara kanaaf galaana keessaa bahi” jedhee itti dubbate. Abbaan keenya garuu uummata Itiyoophiyaa maraaf yoo dhiifama taassiste malee hin bahu”  waan jedheef  ergamichi dhiisee deemeera.

Abbaan keenyas galaana kana keessa Waggoota dhibba tokkoof ture. Galaana kana keessattis dhiigni isaa dhangala’e,bishaanichis dhiiga fakkaate, lafeen isaas akka cabbie ta’uun mul’atani.  Sana booda Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhufee uummata Itiyoophiyaa hundaaf dhiifama taassiseeraatii galaana kana keessaa bahi jedheen, harka Isaatiinis lafee Abbaa keenya qaqqabatee fayyiseera. Bishaan ( Galaanni) inni keessa dhaabatee kadhate kunis Tsabala ta’ee dhukkubsattoota dhibee adda addaatiin qabaman fayyisaa tureera; har’as fayyisaa jira.

Akka seenaan ibsutti akkuma qulqulluu Yaareed raage  Gadaamiin Gara Itiyoophiyaatti dhufuu quqlulluu Abbaa keenya Gabra Manfas Qiddus(Aabboo) waliin walqabatee daraan kan babal’ate bara Mooticha  Hizbe naany( Indiriyaas) ( 1414-1418 dh.k.b)dha. (Daani’eel Kibrat: Ragaalee Mana Kiristaanaa,1999 fu.400)

Mootichi Hizbe Naagn baroota kana keessa taabota (1) kan Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos, (2) kan Giiftii keenya Durbroo Maariyaam, (3) kan Ergamaa Qulqulluu Mikaa’el, (4) kan ergamaa Qulqulluu Gabri’eel, ( 5) Kan Abbaa keenya Gabra Manfas Qiddusiitiin ijaarsise.

Gadaamiin kun Waggoota hedduudhaaf haala kanaan babal’atee tajaajila bal’aa kennaa kan ture yoo ta’u, bara weerara Giraany Ahmad namni itti tajaajilu  dhabamee ture, bara 1531tti Giraany Ahmad Gadaamii Cuqqaalaa ( Ziqu’aalaa) weerare. Kiristaanonni bakka sana jiraatanis taabotaa fi qabeenya Gadaamichaa fuudhanii dhoksani. Giraany Ahmadis gochaa kiristaanotaa kanatti baay’ee waan aareef kiristaanota naannoo sanaa fixe.

 

Waraanni Giraany Ahmad, keessattuu kan dursaa Waraanaa Waaziir Adoolii jedhamuun dursamu bakka sana qubachuun bakka qubannaa hoomaa waraanaa isaa taassisatee ture. Haa ta’uutii Giraany Ahmad erga injifatamee booda Gadaamiin kun irra deebi’amee tajaajila mana kiristaanaa kennuu eegaleera.

Gadaamiin kun caalmaan akka cimu haaromsi bal’aan  kan taassifame bara mooticha Saahile Sillaasee ( 1805-1840) ture. Mootiin kun bakka dhaloota Abbaa keenya Takla Haaymaanot kan taate Ittisaa erga cimsee booda Gadaamii cuqqaalaa ( Ziqu’aalaa) kanas cimsee jira.

 

Sana booda bara Mooticha Minilikiis qarqaarsi kan taassifamaafii ture yoo ta’u,  bara Mooticha H/Sillaasee manni kiristaanaa isaa haala amma mul’atu kanaan akka ijaaramu taassifameera. Ijaarsa mana kiristaanaa kanaatiifis Mootichi H/Sillaasee qarshii kuma digdamaa fi Haati manaa isaanii Manan qarshii kuma digdama akka kennan seenaan ni ibsa. ( Daani’eel, 400)

Gadaamii kana keessatti mukkeen umur dhedheeroon adda addaa kan jiran yoo ta’u isaan keessaa kanneen akka Arza libaanos, Gaattiraan durii, birbirsaa fi kanneen kana fakkaatan mukeen biyya keenyaa keessatti argamu.

 Bakka kanatti barumsi mana kiristaanaa dubbisa irraa eegalee, Zeemaan, Qinee fi barumsi kitaabaa kan keessatti kennamu yoo ta’u, Gadaamii kana keessa monoksoota dhiiraa fi dubartootaa dhibba sadii fi shantamaa ol ta’an akka keessa jiraatan ni ibsama.

BARBAADAA