headerphoto

Barumsa Amantaa

Soomaa fi gosoota isaa

Dn. Geetaachoo Baqqalaa Jaankaatiin

 Guraandhala 10,2007

Waaqayyo Gooftaan dhala namaa uumama Isaa keessaa kan yaaduu fi jireenya bara baraa jiraatu taasiseetu uume. Kanaafis Waaqayyo “ Nama akka bifa keenyaatti; akka fakkeenya keenyaattis haa uumnu jechuudhaan fakkeenya Isaatiin of fakkeessee uume (Se. Um. 1:26)

Ilmi namaa garuu gorsa Saaxinaa’eel dhagahuun ajaja Waaqayyoon “Ija mukaa Jannata keessa jiru hunda ni nyaatta, ija mukaa hamaa fi gaarii ittiin beektan sana irraa garuu hin nyaatiinaa” (Uma. 2:17) jechuun abboome dagachuun kan Seexanni bofaan fakkaatee “Hin duutani isin mukichaa irraa yoo nyaattan ijji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyoo akka isin taatan ni beeka” (Uma. 3:2) jecha jedhu dhagahuun abboommii Waaqayyoo ni diigan.

Addaamii fi Heewaanis abboommii dagachuun (Sooma diiguun) ija mukaa “Hin nyaatinaa” jedhaman nyaachuun Waaqayyoo irraa adda bahan, sugni Isaas isaan irraa sokke, qullaa ta’an, burjaaja’anii biyya lafaa irratti abdii malee akka jiraatan ta’e.

Qabxiin asirratti ka’uu qabu, Addaamii fi Heewaan kan Jannataa hari’aman nyaata  nyaachuun cubbuu waan ta’eef miti, Ijji mukaa isaan nyaatanis mukeen kaan irraa adda ta’ee akka eeganii fi akka gara mukichaa hin ilaalle illee abboomamanii abboommii Waaqayyoo kan isaan uumamtoota, Waaqayyoon immoo Uumaa, isaan ajajamtoota Waaqayyo ammoo ajajaa taasiftu sana waan  diiganiif /darbaniifi) malee.

Egaa kanarraa kan hubannu Soomni abboommii Waaqayyootiin eegalamuu isaati.

Sooma jechuun:-

“Cubbuu irraa dhiqamuu(qulqullaa’uu)  argachuuf Cuuphaa tokkitiitti ni amanna!”                                               ( kadhannaa Amantaa keewwata 10)                                                                                                                            Amajii9                                                                

 Dn.Mazgabuu Kafyaalawuun

 

 Kan bishaanii fi dhiigaan dhufe kanadha; Innis Iyyasuus Kiristoos  bishaanii fi dhiigaan, Afuuraan malee bishaaniin qofa miti” jechuun duukaabuutichi qulqulluu Yohaannis  isa barreesse ka’umsa godhachuun kaayyoo cuuphaa Gooftaa hubachiisuuf yaalla.( 1Yoh.5:6) duukaabuutichi Gooftaan bishaanii fi dhiigaan dhufe jechuun isaa  waa’ee cuuphaa Gooftaa fi cubbuu keenyaaf jecha dhiiga Isaa fannoo irratti dhangalaasuu fi du’uu Isaa hubachiisuufidha. Kunis bishaanii fi dhiiga cinaacha Isaa mirgaa irraa lola’e nutti agarsiisa. (Yoh. 19: 34)

Dhiignii fi bishaan bakka tokkoo yeroo tokkotti waliin dhangala’uun isaa cuuphaanii fi duuti Gooftaa kan wal qabate ta’uu  isaa nu hubachiisa. Isaanis icciitiiwwan mana Kiristaanaa hundaaf bu’uuradha. Gooftaanis “Cuuphaan cuuphamu tokko jirti; hanga ishiin raawwattutti attamin dhiphadha?” jechuun kan  dubbate  waa’ee du’a Isaa ture.     ( Luuq. 12:50)

                          F A N N O O

 

 

Qopheessaan: Waasihun Amanuu

 

              Fulbaana 15

Baga Ayyaana Fannoof isin gahe!

Baga bacaqii gannaa dabarsee booqaa birraaf isin gahe!

 

                                                                       

    Seensa

 

"Namni kamiyyuu cubbuu du'aaf isa geessisu yoo raawwatee murtiin du'aa yoo irratti murtaa'e; yoo mukarrattis fannisteenii; namni mukarratti fannifamu Waaqayyo biratti kan abaarame waan ta'eef reenfisaa mukarra hin buliin."  (K.Debi 21:22-23) jedhee Waaqayyo Muuseetiin ajajee tura.

Kana malees, dhaloota Kiristoosiin dura uummanni Faarsii (Iraan) namoota adabuuf jecha yakkkitoota mukarratti fannisanii ajjeesuu aadeffataniiru ture. Ummanni Faarsi, amma Iraan kan jedhaman, "Ormuzed" kan jedhamu waaqa hark tolchee (tolfamaa) lafaa jedhanii kan itti amanan  qabu ture. Kanaaf jecha namni yakkamaadha jedhamee itti murtaa'e tokko kan adabamu du'aan yoo ta'e akka waaqasaanii lafaa sanaa hin xureessineef jecha lafarraa ol-kaasanii mukarratti fannisanii ajjeesu ture. Aadaan kunis suuta suuta biyyoota bittaa Roomaa jala jiran hundumaa biratti beekamaa deeme. Israa'elis yommuu sanatti bittaa Roomaa jala waan turteef aadaan kun uummata Israa'el biratti ni beekama ture. Haaluma kanaan namoota yakka hojjatnii adabbiin du'aa itti murtaa'e fannisanii ajjeesu ture. Egaa gaaffiin asirratti ka'uu danda'u, Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos maaliif fannoorratti fannifame du'e kan jedhudha. 

 

Kiristoos Maaliif Fannoo irratti fannifame?

Zamana Tsigee ( yeroo Abaaboo)

Dn.Qalamawarq  Miidhagsaatiin

Seensa

Akka sirna mana kiristaana Ortod0s Tawaahidoo Itoophiyaatti  yeroon  baatii fulbaana 26 hanga sadaasa 6 jiru  yeroo Abaaboo ykn ammoon afaan Gi’iziitiin ‘zamana Tsigee’  jadhamee beekama.

Waqtiin kun waqtii Godaansi ykn baqachuun Giiftii keenya dubroo Maariyaam Ilma Ishee waliin gara biyya Gibtsii (Misiraa)tti  taassiste kan ittiin yadatamu dha. Barreeffama  gabaabaa kanaan seenaa, barumsaa fi iccitiiwwan bara abaaboo ilaaludhaaf ni yaalla.

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu sadan Waaqa tokkoo Ameen!

 

          Barumsa Amantaa

                Seensa

Manni  kiristaanaa Ortodooks Tawaahidoo barumsa mana ishii  keessatti kennitu  keessaa inni tokkoo fi inni angafaa barumsa amantaati. Sababiin isaas namni tokko amantaa hin qabu yoo ta’e hojii gaarii qabatee Waaqayyo wajjin wal arguu hin danda’u. kanaafuu amantaan bu’uura hundaati waan ta’eef namni tokko hunda dursa waan amanu sana baree laphee guutuudhaan fudhatee hordofuu qaba waan ta’eefidha.

BARBAADAA