headerphoto

“Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf  hin  hambisne ta’ee akka sadoom taanee akka Gomoraas fakkaanna ture.” ( Isaa.1:9)

                                        Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

                                                                                                                               

 Xumura Raaga(raajii) raajotaa,ka’umsa lallaba duukaabuutotaa,icciitii beektota mana kiristaanaa kan taate qulqulleettii dubroo Maariyaamidha. Waa’ee Maariyaamiin alatti waa’ee

 

waa’ee fayyina dhala namaa dubbachuun hin danda’amu. Sababiin isaas Gooftaan keenya   Iyyasuus Kiristoos dhala namaa fayyisuuf foonii fi lubbuu fudhatee kan dhalate qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaam irraatii waan ta’eefidha.Iccitii fayyina dhala namaa kan taate haadha keenya dubroo Maariyaamidha.

 

    Kan raagdonni ( raajonni) raagan, kan isaan boodarra waan  dhufu dursanii arguudhaan Kiristoos akka dhalatu;dhala namaas cubbuu ittiin qabamee jiru; garbummaa seexanaa jalaa baasee bilisummaa akka kennuuf kan dubbachaa turan kan raawwatame foonii fi lubbuu dubroo Maariyaam irraa fudhateenidha. Yemmu dhalli namaa hundi bittaa cubbuu jala turetti qulqullummaan abbootii raajotaa bittaa cubbuu dhaalaan darbaa ture jalaa waan isaan baasuu dadhabeef  “ Hundi keenyi harfoofneerra;qulqullummaan keenyi hundi akka uffata abaarsaa ta’eera” ( Isaa 64:6) jechaa yemmu turanitti beekumsa Waaqayyootiin Waaqayyo Uumaan dhala namaa fayyisuuf jecha  cubbuu Addaam isa dhala irraa gara dhalaatti daddarbaa ture irraa  Ishee eegee; Ishii irraa dhalachuuf Ishee foo’ate. Raajonnis kan abdiidhaan eegaa turan kan Ishii irraa dhalate abdii fayyina keenyaa kan taate qulqulleettii dubroo Maariyaamidha.

Seenaa amantaa kiristaanaa keessatti shakkitoonni baay’een yeroo adda addaa ka’an rakkinni isaanii inni jalqabaa barumsa dhugaa  waa’ee dubroo Maariyaam amananii fudhachuu dhabuudha. Rakkinni isaanii kunis Kiristoosiin kallattii sirriidhaan akka hin amanne isaan taassiseera. Osoo waa’ee dubroo Maariyaam irratti barumsa sirrii qabaatan ta’ee shakkiidhaaf hin saaxilamani ture. Nisxiroos Kiristoosiin “ Waaqayyo Ilma Waaqayyooti jedhee  amanuu kan dadhabeef haadha Keenya dubroo MaariyaamiinDeessuu Waaqayyoo; haadhaWaaqayyoo jedhee amanuu waan dadhabeefidha.

Waa’ee Maariyaam Dubbii (waa’ee) Kiristoos irraa adda baasnee ilaaluun hin danda’amu. Sababiin isaas wantoonni gaariis ta’e hamaan waa’ee qulqulleettii dubroo Maariyaam dubbataman hundi karaa tokkos ta’e karaa biraatiin kan Kiristoosiin tuqan waan ta’eefidha. Kiristoosiin gadameessa Ishee keessatti baattee kan deesse; dugdatti baattee biyya irraa gara biyyaatti kan naanna’aa turte; yeroo addunyaa kana irra naanna’ee barsiisaa turettis Isa wajjin kan biyyaa gara biyyaatti naanna’aa turte, gaafa guyyaa jimaataas gidiraa Isa irra gahe hanga miila fannoo Isaatti ciminaan dhaabattee gidiraa Ilma ishii irra gaheen gaddi Cimaan kan ishii irra gahe haadha Gooftaa waan taateefidha.

Waa’ee dubbii fayyina Ilma namaa yemmu dubbannus Gooftaan keenya hojiin fayyisummaa Inni gaafa guyyaa jimaataa fannoo irratti raawwate hundi kan eegale foonii fi lubbuu qulqulleettii dubroo Maariyaam irraa fudhatee hojii fayyisummaa eegaleenidha. Waaqayyo hunda beeku foon addunyaa kana ittiin fayyisu cubbuu irraa qulqulleessee  foo’ate. Kana waan ta’eef raajichi Isaayiyyaas dursee afuura qulqulluudhan waan argeef “Gooftaa Waaqayyo osoo Sanyii nuuf  hin  hambisne ta’ee akka sadoom taanee akka Gomoraas fakkaanna ture.” ( Isaa.1:9) jechuun dubbate. Sanyiin dhala namaa fayyisuuf Waaqayyo foo’ate kunis qulqulleettii dubroo Maariyaamidha.

     Egaa,barreeffama kana keessatti  bal’isnee kan ilaallu  bu’uuruma raagdichi (raajichi)  waaqayyoo Isaayiyyaas  dubbate kanaan  waa’ee sanyii  beekumsa Waaqayyootiin dhala namaa fayyisuuf fo’atamte  kanaa; waa’ee qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaam ta’a jechuudha. Kunis dhala namaa sababa cubbuusaatiin murteen du’aa itti murtaa’ee gidiraan jiraachaa ture fayyisuuf qabata (sababa) kan taate dha.

Barreeffamni  kun eenyummaa Giiftii keenyaa barsiisuuf waan qophaa’eef “Dubbii hundee irraa; bishaan taliilarraa” akkuma jedhan addunyaan osoo hin uumamiin laphee Sillaasee keessatti yaadamaa kan turte waa’ee  Ququlleettiin durbeeMaariyaam  seenaa fayyinnaa keessatti qabduu fi kitaabolee ququllaa’oon waa’ee Giiftii keenyaa kan  dubbatan hanga waaqayyo nuuf eeyyame ragaalee  fayyaadamnee dhiyeessineearra.

Barumsin kun gabatee lapheekeenya keessatti akka barreeffamuufamuuf qalbiin akka hubannu Waaqayyo nu haa gargaaru.

 

BARBAADAA