Torbee gidiraa

                                            Torbee gidiraa

                                                                                                  Dn.Atnaateewos Bikilaan

Torbeen gidiraa sooma guddaa erga raawwannee booddee galgala Hosaa’inaa irraa jalqabanii guyyoota hanga jimaataatti jiran guyyoota gidiramuu gooftaa haala adda ta’een itti yaadannu dha. Kunis kan ibsu rakkina Gooftaan keenya irra gahee kan itti yaadannuu fi itti sagadnuu dha (1Qoro. 11:26) – “Isiniis hanga Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan mara du’a isaa ni labsitu.” Soomii guddaa keessatti galgala gaafa guyyaa Hoosaa’inaa eegalee hanga halkan gaafa du’aa ka’umsaatti guyyoota jiran guyyoota boo’icha, gidiraa, rakkinaa yookaan dhiphinaa jedhama. Guyyaawwan kunis barootni gadadoo (miidhamaa), gidiraa (dhiphina) kan itti yaadatamanidha. Bara gadadoo, gidiraa (dhiphina) jechuun ilmaan namoota garbummaa si’ool, hidhaa seexana jalaatti qabamanii bara jiraachaa turan jechuu dha. Gidiraa yommuu jennu mataa bowwoo, garaa ciniinnaa, dhukkubbii harkaa fi miillaa osoo hin taane fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos sanyii ilmaan namoota hundaa hidhaa fi cunqursaa seexanaa jalaa bilisa baasuudhaaf jaalatee eeyyama isaatiin rakkina fannoo nuuf fudhate kan ibsuu dha. Waa’ee Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos rakkina isaa fi du’a isaa kan ibsu (kan yaadachisan) kitaaba gidiraa (kitaaba Himaamaat) kan jedhamu torbee kana keessaa sa’aatii sa’aatii isaarratti dubbifamaa tura. Karaa adda addaatiin waa’een rakkina isa irra gahee ni yaadatama. Yihudootni kan galgala Dilbataa marii isaanii eegalan, guyyaa Roobii mirkana’eef.

Gidiraa Fannoo Gooftaa Keenya Iyyasuus Kiristoos kudha sadan. Isaanis:-

1. Mataa rukutamuu (ተኮርዖተርእስ)

2. Kaballaa (ተጸፍኦመልታሕት)

3. Hancufa itti tufuu (ወሪቀምራቅ)

4. Dhangaggaa’aa dhuguu (ሰትየሐሞት)

5. Dugda reebamuu (ተቀስፎዘባን)

6. Qullaa ta’uu (ተአርቆተልብስ)

7. Cinaacha eeboon waraanamuu ( ርግዘተገቦ )

8. Harka duubatti hidhuu (ተአስሮተድኅሪት)

9. Mismaara Saadoor jedhamuun waraanamuu

10. Mismaara Alaadoor jedhamuun waraanamuu

11. Mismaara Daanaat jedhamuun waraanamuu

12. Mismaara Adeeraa jedhamuun waraanamuu

13. Mismaara Roodaas jedhamuu waraanamuu

Torbeen gidiraa keessa wantoota hin eeyyamamne: Wal-dhungachuu,fannoo Gooftaa hin dhungatan, wal dhungachuus ta’e, gaateettiin walitti bu’anii yookaan wal hammatanii nagaa wal hin gaafatani,yihudaan Gooftaatiin dabarsee kan kenne dhungatee waan tureefi. Fannoos hin dhungannu sababni isaas torban sun walii galtee yaraan kan itti waliif galame yookaan marii’atame malee torban jaalalaa fi gammachuun itti mul’ate waan hin taaneef kana yaadachuudhaan nageenya akkasii wal hin jijjirru, akkasumas kakuu moofaa yaadachuufi. Yihudaan Gooftaatiin dabarsee birrii 30tti kan kenne “Ani kanin dhungaadhu isa dha isas qabaa” jedhee dabarsee mallattoo nageenyaatiin dabarsee kenne. Nageenyi kun nageenya qulqullinaa osoo hin taane, kan dabaati. Nageenya Diyaabiloos waliin kan walfakkaatu dha. Akkuma Diyaabiloos Hewaaniin “Hewaan nageenyi siif haa ta’u” jedhee gowwomse dha. Kadhaa Kamisaa irraan kan hafe sirni qiddaasee hin gaggeeffamu. Yeroo hundaa seera mana amantaa kan ta’e,sirni cuuphaa (kiristinnaa daa’imaa),Sirni kadhannaanamoota boqotaniif gaggeefamu (ጸሎተፍትሐት),seera maahileetii, fi kkf hin raawwatamani. Gaabbii kennuu fi galuun, Waaqayyo si haa hiiku jechuun hin jiru. Torban kana keessa nyaatni baay’ee quufamee hin nyaatamu, dhugaatiinis baay’een hin dhugamu. Wantoota armaan oolii kan hin raawwanneef, wantoota kana raawwachuun mata isaatiin cubbuu ta’ee otuu hin ta’iin haala adda ta’een gidiramuu gooftaa keenyaa yaadachuuf jecha dha. Torbee gidiraa Sagadnis kan duraa caalaa baay’isee sagadama. Egaa walumaagalatti, waggaa hangaa waggaatti tajaajilli Afuuraa uummataaf kennamu dhaabbatteet, kan yeroo jechuun sirnoota gidiraa Gooftaa itti yaadatamanitu raawwatama.

Dimshaashumatti, Gooftaan duuka bu’oota erga miila isaanii dhiqee dhiigaa isaa fi foon isaa kenneef; Nutis erga gaabbii gallee dhiiga isaa fi foon isaa dhuguunii fi nyaachuun akka nurra jiraatu ibsuufi. Torban kana keessa kitaabonni guyyaa Jimaataa Gooftaan fannifamuu isaa fi waa’ee gidiraa isaa kan ilaallatan dubbifamaa fi sagadamaa oolama. Yommuu galgala ta’us ummatni hunduu gara lubootaatti dhiyaatani cubbuu torban gidiraa keessa raawwatan itti himatu, lubnis kan guyyaa sagadaa oolan irratti sagada biraa kennaafi. Naannoo sa’aatii kudha lamaa hanga tokkoo gidduutti sirni amantoota gaggeessaa ni raawwatama. Akka mana amantaa keenyaatti Yaa’iqoob, Yohaannis fi Dubree Maariyaamiin osoo du’aa ka’umsa Gooftaa Iyyasuus hin argiin midhaan fi bishaan afaan keenya keessa hin galchiinu jedhanii hanga du’aa ka’umsasaatti turuun isaanii aadaan Mana Kiristaanaa(church Tradition) dhugaa ni baha. Haluma Kanaan amantoonni tokko tokkos akkasuma otoo midhaani fi bishaan hin argatiin hanga guyyaa du’aa ka’umsasaatti kan turan ni jiru. Torbeen gidiraa Kiristooos fuula keenya dura akka wanta fannifameetti ta’ee ni ilaalla jechuudha Gala.3:1. Arjoominni Waaqayyoo araarri durbee Maariyaamii hunda keenya waliin haata’u. Ameen.

Madda: Hamerii bara 2006 lakk.14 waggaa 21.