Soomii Nanawwee

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulquulluu Waaqa Tokko Ameen!

 

Soomii  Nanawwee

Soomii jechuun qaama ofii waan inni barbaadu hunda irraa dhowwuu jechuudha. Ykn waantoota qaamni namaa fedhuu fi kajeelu hunda dhiisu jechuu dha. Kunis, soomiin namni waantoota fooniin fedhuu fi isa kajeelchisu hunda   otoo raawwachuu danda’uu yeroo murtaa’eef lagachuun/ dhiisuun qaama ofii dadhabsuuf kan barbaachise dha. Soomani qaama ofii too’achuu dadhabsiisuun olitti jaalala Waaqa keenyaaf qabnuu fi Isaaf bitamuu keenya kan ittiin ibsinuu dha.  Kanaaf, soomiin sirna Waaqeeffannaa keessaa isa tokko dha malee qaama ofii dadhabsuun cubbuu irraa ofqusachuuf kan raawwatamu qofa miti. Bakka amantaan jiru hunda soomani ni jira. Soomani amantaa waliin firooma bara baraa ni qaba.  Waaqayyoon Addaam, Abbaa keenya isa jalqaba uumeef ajajni jalqaba kenneef sooma ture.  Inniis, ilmi namaa uumama hunda keessaa sammuu fi qalbii safuu qabuuu fi yaadu danda’u kan kennameef waan ta’eef of too’achuu fi daangessuu waan qabuuf kan nyaachuu qabuu fi kan nyaachuu hin qabne adda ba’ee safaramee kennameefi kan ture yoo ta’u Beelladoota biroof garuu kan nyaatanii fi kan hin nyaane adda ba’ee hin kennamneef.  Uumama 2: 16 – 17.  Kun immoo sooma kan uume nama otoo hin taane Waaqayyoo   akka ta’e kan hubachiisuu fi mirkaneessuu dha.  Ilmi namaa soomuun  Waaqayyoof bitamuu akka qabu ajajuun/ barsiisuun isaa soomanni kan namaan uummame otoo hin taane ajaja Waaqayyoon faayidaa namaatiif  jecha kennamee dha. Waan kana ta’eef, abbotiin keenya Kakuu Moofaa keessas ta’ee Kakuu Haaraa keessa turan hundi  soomaan Waaqa isaanii waliin jiraachaa turaniiru.   Raajonni Kakuu Moofaa ennaa Waaqayyoon wal-qunnaman midhaaniif bishaan afaan isaanii hin seenu ture. (Bahu 34:28).  Dheekkamsa Waaqayyoo kan baayyina cubbuu ilmaan namaatiin ajajamee ture kan deebii’e ennaa namoonni cubbuu isaanii irraa deebi’anii soomaan kadhatanii dha. Yoon. 3: 5-10

Kakuu Haaraa keessas, soomani seera namtoolchee otoo hin taane Fayyiisaan keenya Iyyasus Kiristoos ofumasaa bara namoomaan (fooniin) biyya lafaa kana irra turetti   hojiisaa isa jalqabaa taasisee seera raawwatee dha. Maat. 4: 2, Luq. 4:2 Akkasumas, afuurri seexanaa nama qabatee rakkisaa jiraatu illee soomaan kan dhabamsiifamu ta’uu Fayyisaan keenya dubbateera.  Maat. 17:21, Maar. 9:2  Haala kanaan soomii soomaa hidhaa seexanaa harkaa bahuun nuuf kennaa guddaa fi humna keenya dha.

Duuka buutoonni Mana Kiristaanaa tajaajila isaanii hunda dura Afuura Qulqulluu irraa ajaja kan fudhatan soomaa fi kadhannaa irraa otoo jiraanii dha. H.Er. 13:2. Luboonniifi Daaqonoonni wangeela akka lallaban filataman kan muudaman soomaa fi kadhannaan ture. H.Er. 13:3, 4:25. Abbootiin akka Qornelewoos’faa ulfina hin yaadne kan argatan soomaafi kadhannaan Uumaa isaanii kadhataniiti dha. H.Er. 10:4

 

Kana hubachuun Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodooksi Tawaahidoo keenya ijoolleenshee jireenya afuurawaa isaanii akka gabbifatan, fedhii foonii irra fedhii lubbuuf bitamuu fi buluu akka isaan dandeessisu sooma torba labsitee jirti. Akkaataa sirna mana kiristaana keenyaatiin soomiin nuti soomuu qabnu torba yoo ta’an isaan keessa tokko mata duree barreeffama/ barumsa kanaa irratti kan caqafame Sooma Nanawwee kan jedhamuu dha. Moggaafamni maqaa sooma kanaa kan dhufes magaala Nanawwee jedhamtu irraati. Namootni magaalaa kanaa ajaja Waaqayyoo diiguudhaan, dheekkamsaa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufe jalaa bahuuf yeroo jalqabaatiif kan soomanii Waaqa isaanii ittiin kadhatanifi dhiifama argatanii dha. Nuyis yaadannoo isaaniitiin akka isaaniitti cubbuu keenyaaf dhiifama argachuuf fi dheekkamsa Waaqayyoo jalaa bahuuf jecha kan soomnu dha.

Waaqayyoon Raajichasaa Yoonas dhalootaa Gooftaa keenya Iyysuus Kiristoos dura bara 1612 gara namoota Nannawweetti erguun cubbuu isaanii dhiisanii karaa Waaqayyootti akka deebii’an kana ta’uu baannan akka isaan adabu barsiiseera. Namoonni biyya Nanawwee jeedhamtu kana keessa jiraachaa turan Waaqayyoon akka malee gaddisiisan illee Inni garuu samii irraa abidda roobsee magaalitti bakakkaan gaggaragalchuu fi hawaasicha labooba abiddaatiin adabuu otoo danda’uu arjummaa Isaatiin carraa gaabbii akka argatan taasiseera. Waaqni “ammeenyi isaanii fuuldura kootti waan dhufeef ka’iitii gara magaala guddittii Nanawwee deemi; sagaleekoos isaaniif   lallabi” jechuun raajicha Yoonaas ergeefii ture. Yoon. 1:2. Yoonaas garu ergaa Waaqayyoo dhiisee Waaqayyoo jalaa baqachuuf gara biyya Tarsees jedhamtutti dooniin imaluu jalqabee. Otoo deemaa jiruu Waaqayyoon bubbee cimaa ta’een doonii inni yaabbatee ture  akka raafamtu taasise. Namoonni isa waliin turan  hundi naasuu fi dhiphina ol’aanaan qabamani. Rakkinni hamaan kun isaan keessaa sababa eenyuutiin akka itti dhufe baruuf carraa baasanii Raajicha Yoonas irratti ba’e. Haala isaa yoo gaafatan Inni Waaqa samii, dachee fi garba uume kan  waaqeffatu akka ta’ee fi Waaqa jalaa bahuuf baqachaa akka jiru itti hime. Isaanis “yaa Waaqayyoo waa’ee lubbuu nama kanaaf nu hinballeessiin; Ati akka jaallate godhi’ jechuun ennaa garbatti isa gatan bubbeen cimaan doonii isaanii raasaa ture battalumatti dhaabate; nagaan karaa isaanii deemaniiru. Waaqayyoon Raajichi Yoonas yeroo garba keessatti gatamee irraa eegalee guyyoota sadiifi halkan sadiif qurxummii guddaa keessa akka turu erga taasisee booddee gara lafaatti akka isa tufu taasiseera. Yoonas garaa qurxummii guddicha sana keessatti gaabbee Waaqayyoon kadhataa waan tureef akka qurxummichi lafa irratti isa tufeen gara Nanawweetti deemee ajaja duraan baqatee deeme akka raawwatu irra deebiin ajajamee namoota Nanawweef “guyyaa sadi keessatti Nanawween akka gaggaragaltu” lallabeera. (Yoon. 2:.2-10; 3:1- 4)

Namoonni Nanawwee battaluma duubbii Waaqayyoo dhagahaniin Waaqayyoon amananii cubbuu raawwataniif nigaabani. Raajii Yoonas 3:5- 9 irratti “Namoonni Nanawwees Waaqayyoon ni amanani, soomas ni labsan, guddaa xiqqaa otoo hinjenne hunduu gadda guddaa keessatti ni kufan. Odeefannoon kunis gara Mootii Nanawwee akkuma qaqqabeen teessoo mootumummaa isaa irraa ka’ee uffata kabajaasaa baafachuun gadda guddaa aguuggate, daaraa irras ni taa’e. Nanawwee keessatti ‘Namoonii fi beeladoonni biroon waan tokko akka hin dhandhamanne, akka hin bobbaanne, bishaanis akka hin dhugne, namoonnii fi beelladoonnis gadda haa uffatan, gara Waaqqayyoottis waliin haa iyyan, namoonni hundi karaa ammeenyaa fi cubbuu harkasaaniirra jiru irraa haa deebi’an. Waaqayyoon akka nuti hin banne nuu haqajeelchu, dheekkamsa isaa kana irraa yoo nuuf deebi’e eenyutu beekaa?” jedhamee barreeffameera. Guddaa xinnaan isaanii hundi gocha hammeenya isaanii isa Waaqayyoon dheekkamsiiseetti gaabbanii dhiisuun guyyoota sadiif soomanii cubbuu isaaniif dhiifama kadhataniiru. Waaqayyoon abbaan keenya Inni jaalalli, dhiifamni fi arjummaan isaa daangaa hin qabne kan kadhannaa namaa isa haala sirrii ta’een dhiyaatee fi kan abbichaaf fayyadu hin dhoowwane cubbuu fi hammeenya isaanii irraa akka deebii’an hojii isaanii ilaalee gocha hamaa irratti raawwachuuf dubbatee ture irraa ni deebi’eef. Yoon. 3:10

Dhugaaleen barumsa kana irraa barachuu qabnu hedduu yoo ta’an kanneen dhimma mata duree keenyaan kaasne waliin hidhata qaban qofni akka armaan gadiiti dhiyaataniiru.

1ffa) Namoota Yoonaas waliin doonii keessa turan irraa gaafa qorumsaa fi dhiphinaa Waaqayyoon kadhachuun fala kan argannu ta’uu,

2ffa) Yoonaas irraa:

  • Waaqayyoo jalaa dhokachuu fi miliquun eessattuu kan hin danda’amne ta’uu.
  • Balleessaa ofii amananii fala rakkicha hiikuu danda’ufi raawwachuun dhugaaf jiraachuu malee namoota biroottii quba qabuun furmaata ta’uu kan hin dandeenye ta’uu, (keessattuu Yoonas balleessaa isaa amanee akka garbatti isaa gatanii isaan badii irraa oolan of irratti murteessee hojiirra oolmaa isaas mormii tokko malee fudhachuun isaa kan irraa baratamuu qabu dha).

3ffa) Uumamni hundi Waaqayyoof kan ajajaman ta’uu fi Waaqayyoon wanti dadhabamu akka hinjirre.

4ffa) Waaqayyoon cubbuu keenyaan otoo nu hinballeessiin dura carraa gaabbii kan nuuf kennu ta’uu fi yoo gaabbiin gara Isaatti deebine araaraa fi dhiifama isaatiin kan nuuf deebi’u ta’uu.

5ffa) Jiraattoota magaala Nanawwee irraa Waaqayyoo fi dubbii Isaa dhagahuu, amananii fudhachuu fi jecha Waaqayyootiin of-ilaalanii balleessaa ofiitti gaabbuu, cubbuu hojjachuu lagachuu, soomaa fi kadhannaan Waaqayyoo irraa dhiifama argachuun akka danada’amuanna.

Soomni mallattoo hawwaasa gara Waaqayyootti deebii’ee dha. “Yoonallee jedha Waaqayyoon laphee guutuun soomaan, boo’anii fi iyyaan gara kootti beebi’aa” Iyyu. 2:12 jechuun Waaqayyoon akka ajajeetti qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodoksiin keenyaa hordoftoota ishee akka sooman taasisuun ajaja Waaqa hojiirra ni olchiti. Qulqulleettiin Manni Kiristaana Ortodoksiin keenyaa akkaataa Waaqayyo Ol’aanaan raajjichasaa Iyyu’eel irra bulee “Tsiyoon gubbaatti faaggaa afuufaa, soomii labsaa …” jechuunii barsiiseen sooma ni labsiti. Iyyu. 2:15

Kabajamtoota maatii Kiristoos, seenaa kana kan kaafneef akka jiraattota magaalaa Nanawwee hammeenyaa fi cubbuu nuballeesuudhaaf numarsee jiru irraa Waaqayyoon akka nu baraaru, soomaafi kadhannaa gaabbiin durfameen jabaachuu fi cimanii jiraachuun ala fala filannoo biraa kana caalu kan hin qabne ta’uu waan irraa barannuf dha. Soomni kenna Waaqayyoo akka rakkina, dhiphinaa fi balaa jireenya biyya lafaa kana irratti nuqunnamee fi nuquunnamu jalaa ittiin baanu nuuf qopheesse ta’u isaa hubannee sooma kana irraa bu’aa argachuu qabnu argachuudhaaf amannee kadhannaa godhachuu qabna. Falli rakkinaa fi dhiphina keenya keessaa ittiin baanu madda rakkichaa irraatti kan bu’uureefame yoo ta’e qofa rakkinichi hiika kan argatu waan ta’eef murtiin irra geenyuu fi tarkaanfiin fudhannu fedha/ yaada Waaqayyootti kan fuulleeffate ta’uu akka qabu irraa barachuu qabna.

Kanaaf, yoomiiyyuu taanaan akka raajicha Isaayyas irra bulee waaqayyoon dubbate “karaa keenya karaa Waaqayyoo, yaada keenyas yaada Waaqqayyoo” waliin walsimsiisuudhaan amantaa keenya ishee dugaa taate cimsachuu qabna. Doonii jireenyaa kan taate Mana Kiristaanaa keenya keessattii diina nuqooraa jiru seexana irraa bilisa ni taana. Akkuma beekamu dooniin dugaan yoomiyyuu qorumsa irraa fagaachuu hin dandeessu. Kanaaf, dooniin Gooftaafi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos baattee deemaa turtee fi jirtuuf qorumsa cimaadhaaf saaxilamtee kan jiraatu yoo ta’u dooniiwwan biroon Gooftaan keenya keessa hin turre waan dhugaa baatanii deemaa hin jirreef otoo rakkoon isaan hin muudatiin nagaadhaan deemaa turan (Maat.14: 14- 36.) Barri kunis yeroo dooniin keenya dhugaanfi qulqulleettiin Mana Kiristaanaa keenya jeequmsaan raafamaa jirtu waan ta’eef doonii biroo jijjiiruudhaan lubbuu ofii galaafachuu/ balleessuu otoo hin taanee akka duuka bu’oota Gooftaa keenyaa gara abbaa dooniichaatti iyyachuu qabna. Yeroo nuti gaabbinee gara Waaqayyootti deebiinuufi Waaqayyos gara keenyatti deebi’u uumamnii hundii gara keenyatti ni deebi’a. Kunis yoo nuti Waaqaayyoof bitamne uumamnii hundi akka nuuf ajajamuufi yoo nuti Isaaf bitamuu dhiisne garuu waantoonni hundi too’aanno keenyaan ala akka ta’an kan agarsiisuu dha. Falli rakkoo ilmaan namaa waaqayyo isa homtuu itti hin dadhabamne qofa harka kan jiru waan ta’eef akka Yoonaasii fi namoota Nanawwee balleessaa keenya amannee, hammeenya keenya dhiifnee, qalbii jijjiirrannee, soomaafi kadhannaan Waaqayyoo waliin araaramuu qabna.

Hanqinni Yoonaas innii guddaan gara Waaqayyo isa ergetti deemuu dhiise gara hin ergamneetti deemuu isaati. Barsiistoonni baayyeen iddoo ofii jedhan malee iddoo Waaqayyo itti isaan ergeefi barbaachisaa ta’e oolaa hin jirani. Fakkeenyaaf, barsiistoonni afaan hawaasa beekaniin akka barsiisan Waaqayyoon isaan qopheesse baadiyyaatti eergaman gara namoota kanaa deemuun barsiisuu otoo danda’anii fi qabanii gara magaalatti qofa deemuun hawaasichi dubbii Waaqayyoo dhaga’ee akka hin amannee fi hin fayyine taasiseera.

Dhumarattii jiraattonni magaala Nanawwee bu’aa gaabbii fi sooma isaanii dhandhamatanii dheekkamsa hamaa sababa cubbuu isaaniitiin itti dhufee ture jalaa bahuu kan danda’an cubbuu isaanii amananii waan itti gaabanii fi hammeenya isaanii irraa deebii’uuf kutatanii kaayyoodhaan waan soomaniifi dha. Kanaaf, soomanni keenya barsiifataan otoo hin taane cubbuu fi hammeenya Waaqayyoon ittiin gadisiisaa jiraannee, rakkoo, dhibee, beela, du’aatii, balaa fi kkf akka nama dhuunfaatti, akka biyyaattii fi akka addunyaatti dhalli namaa ittiin adabamaa jiruuf fala argamsiisuu akka danda’uutti kan irratti kaayyeefatame ta’uu qaba. Sooma Nanawwee kana yoo soomnu biyya Nanawweetiif otoo hin taanee rakkoo fi qorumsa fuula keenya dura dhaabatee jiru moo’achuuf ta’uu qaba. Akka Kiristaanummaa keenyatti waantoota gochuu qabnu hunda raawwaachuun jaalalaa fi fedhii gutuudhaan soomnee araara /dhiifama Waaqaayyoo akka argannu hayyama Isaa nuuf haa ta’u. Ameen!

 

 

Barreessaan Gizaachew Makuriyaa