Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan keenya Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan

Sagalee Eebba Qulqulluu Paatiriyaarikii dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa Abbaan  keenya  Maatiyaas waa’ee sooma Guddaa Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoos ilaachisee kennan

Dn. Mazgabuu Kafyaalawuun

Guraandhala 9  bara 2007

 

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Ameen !

Warri biyya keessaa fi biyya alaa; naannoo addunyaa maratti argamtan:- Amantaadhaan cimtanii abdiin mootummaa Waaqayyoo akka isinii raawwatamuuf warreen abdiidhaan eeggattan ijoolleen Waaqayyoo cubbuu hojii qulqullummaatiin haquuf diyaabiloosis sagalee Waaqayyootiin kan ittiin injifannu sooma keenya isa guddaa kan Gooftaan keenya Iyyasuus kiristoosiin isin ga’e.

“Dhalli namaa sagalee Waaqayyo irraa bahuun malee biddeena qofaan hin jiraatu” (Maat 4:4) Gooftaan keenya, Waaqayyo keenya, Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoos dhalatee waggaa soddomaffaa Isaatti harka Yohaannisitti Laga Yordaanositti cuuphame; osoo oolee hin buliin yeroodhuma sana gara gammoojjii deemuun sooma soomuu eegale. Guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaaf yeroo soomu bineensota bosonaa irraa kan hafe kan biraa homti achi hin turre. Guyyaa sooma Isaa erga raawwatee booda Diyaabiloos nyaata Addaamiin ittiin dogoggorseen Isas dogoggorsuu barbaade. Ta’us Gooftaan keenya “Namni sagalee Waaqayyootiin malee biddeena qofaan hin jiraatu” jechuun gamoo dogoggorsa isaa jalaa diige.

 

Itti aansuun Diyaabiloos “ Ergamtoota Isaa keessaa siif ergaatii; miilli kees dhakaadhaan akka hin rukutamneef      (akka hin gufanneef) harka isaaniitiin si kaasu” jedhee kitaaba Isaa afuura of tuulummaatiin caqasuun Gooftaan keenya baaxii mana qulqullummaa Isaa irraa akka of darbatuuf caqasa isaa dogoggoraatiin Isa mooqsuuf yaale. Haa ta’u malee ammas Gooftaan keenya “ Waaqayyo kee hin qoriin jedhamee barreeffameera” jechuudhaan lammata saaphana badii isaa jalaa cireera ( Faar. 90:11 ; Se.Ke.de. 6:6)

Diyaabiloos yeroo sadaffaadhaaf kabajaa fi badhaadhina addunyaa agarsiisuudhaan Gooftaa keenyaan “ Kuftee yoo naaf sagadde kana hunda Siifan kenna” jechee jaalala qabeenyaa ( horii)tiin; waaqeffannaa waaqa alagaatiin kiyyoo keessa galchuuf yemmu yaalu yeroo sana Gooftaan keenya yaa seexana nana asii deemi “ Waaqa kee Gooftaadhaaf sagadi  Isa qofas Waaqeffadhu” (Se.ke.de. 6:13) jedhamee barreeffameera jedhee yeroo deebisuuf diyaabiloosis abdii kutee injifatamee akka deemu taassiseera.

Jaalatamtoota Ijoolee afuuraa keenya

Bara kakuu duraa irraa eegalee raajonni qulqulloonni Waaqayyo irraa wanta tokko yemmu barbaadan bishaanii fi midhaan irraa of dhorkuun soomaan daanga’anii subaa’ee galanii yemmu Waaqayyoon kadhatan  kadhaan isaanii fudhatama akka argachaa turan kitaaba qulqulluu irratti bakka adda addaatti barreeffameera; kanaanis raajichi Daani’eelii fi Izraan; akkasumas Musee fi Eeliyaas; Asteerii fi obboleessi ishee Mardookiyoos warra caqasaman keessaati. Gama biyyaatiin ammo Magaala Nanawwee yoo ilaalle waa’ee barbaachisummaa soomaa barumsa guddaa irraa arganna ( Ast. 4:1-4; Yon. 3:1-10)

Gooftaan Keenya Qorichi keenya Iyyasuus Kiristoosis kan hir’ate guutuuf, kan dhokate ifa baasuuf kan jal’ate soroorsuu (sirreessuuf) kan dhufe waan ta’eef  “Seeraa fi Raajii raawwachuufan dhufe malee diiguuf hin dhufne” jechuun barsiiseera. ( Maat.5:17)

Diyaabiloos Gooftaa keenya hojjaa gabaabaadhaan gateettii dhiphoodhaan mul’atee dhaabbina Addaamiin yemmu ilaalu mala Addaam jalqabaa irratti fayyadame fayyadamuun Addaam lammaffaa kuffisuuf baay’ee dhama’eera. Haa ta’u malee malli Addaam jalqabaa irratti bare Gooftaa keenya Isa Addaam lammaffaa jedhame irratti hojjechuu hin dandeenye.

Gooftaan keenya diyaabiloosiin kan injifate waantota sadiin akka ta’e agarra. Isaan kunis;- Sooma, Kadhannaa fi Sagalee Waaqayyooti (Luuq. 4:1-13)

Gooftaan keenya qormaata gama diyaabiloosiin dhufan hunda kan deebise caqasa sagalee Waaqayyoo ta’e  caqasa kitaaba qulqulluutiinidha. Diyaabiloosis isumaan nan waraana jedhee caqasa kitaaba qulqulluu fayyadameera. Haa ta’u malee caqasoonni inni itti fayyadame hiika sirrii fi qabiyyee afuuraatiin osoo hin ta’iin kaayyoo hammeenyummaa isaatiif akka isaaf tolutti oftuulummaa fi jaalala horiitiin kan itti fayyadame waan ta’eef madaala isaaf kaasuu  waan hin dandeenyeef dhuma irratti injifatamee jira.

Jaalatamtoota ijoollee afuuraa keenya

       Soomni  humna afuuraa diyaabiloosii fi meeshaalee dogoggorsaa isaa cabsinee ittiin gannudha.

      Soomaa fi kadhannaadhaan lubbuun madaa cubbuu irraa fayyiti.

      Soomaa fi kadhannaadhaan Waaqayyo wajjin wal qunnamuun ni danda’ama

      Walumaa galatti soomnii fi kadhannaan fedha foonii to’annaa jala oolchuudhaan lubbuun cimina, injifannaa fi ol’aantummaa akka argattu  taassisa.

Egaa sababoonni gurguddoon akka sooma soomnu nu taassisan isaan kana yoo ta’u, raayyaalee baay’ee akka qaban immoo irraanfachuu hin qabnu. Yeroo soomaa:-

 

      Harki keenya kadhannaaf, hiyyeessota qarqaaruuf kan hiixataman

      Afaan  keenya amantaa, nageenya, jaalala,tokkummaa fi obbolummaa kan lallabu

      Gurri keenya sagalee Waaqayyoo, wantoota gaarii fi dhugaa qofa kan dhagahan

      Ijji keenya gara hojii qulqullummaa qofa kan ilaalu

      Miilli keenya gara mana Waaqayyootti kan deeman ta’uu qabu. Afuuraa fi hubannaa kanneeniin sooma yoo soomne diyaabiloosiin mo’achuun keenya, Waaqayyoonis fakkaachuun keenya kan shakkisiisu miti.

 

Ji’a soomaa kana nagaan nu xumursiisee ifa du’aa ka’uu Isaatiin akka nu gahu eeyyama Waaqayyoo nuuf haa ta’u

 

Waaqayyo Itiyoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!  Ameen!

Abbaa Maatiyaas I

Dursaa Phaaphaasota Itiyoophiyaa

Dursaa Phaaphaasii Aksum Iceggee Teessoo Takla Haaymaanot

Guraandhala 9 bara 2007

Finfinnee