Qulqulleettii (Qiddist)

DAMISSEE JEMAANEE

Qulqulleettii (Qiddist)

Torbeewwan sooma guddaa yookiin sooma Gooftaa keenya Iyyesuus Kiristoos keessaa inni lammataa Qulqulleettii (Qiddist )jedhama. Sababiin kana jedhameefis ዛቲ ይእቲቅድስትዕለትguyyaan kun ebbifamtuudha. Kanan itti boqodhe sanbata qulqulleettii dha. Ani qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulloota ta’aa (Lew 19:2-3) jechuudhaan Waaqayyo abbaan guyyaa sanbataa ni qulqulleesse,ni kabajes. Jechaa qulqullummaa Sanbataafi namnis qulqullummaan jiraachuu akka qabu kaasaa waan faarfatuuf torbeen kun Qulqulleettii jedhameera. Moggaasichis Sanbatni guyyaa boqonnaa akka taatu bara Ooritiis bara Wangeelaas Waaqayyo guyyaa eebbise, guyyaa kabaje ta’uu nutti hima. Gara biraanis Waaqayyo qulqulluu akkuma ta’e namni harka Waaqayyon uumames qulqulluu ta’uu akka qabu nutti hima. (Uum 2:3, Bahuu 20:8-11; 1Pheex 1:15-16).

Caqasootni guyyaa Sanbataa kana Qiddaaseerratti dubbifaman kanneen armaan gadii jirandha:

1Tese. 4:1-12 ((Waaqayyo cubbuudhaaf osoo hin taane qulqullummaaf nu waameerati….))

1Pheex. 1:13-25 ((…Ani Qulqulluu waanan ta’eef akkasuma isinis Qulqulloota ta’aa jedhamee waan barreeffameef kan isin waame qulqulluu akkuma ta’e isinis immoo jireenya keessan hunda keessatti Qulqullooota ta’aa)).

H.Er. 10:17-30 ((Pheexiroosis akkana isaaniin jedhe- “namni Yihuudi orma waliin makamuu akka hindandeenye ni beektu. Anaaf garuu namni kamiyyuu xura’aa akka hintaaneefi eenyuunuu tuffachuu akkan hinqabne Waaqni na agarsiiseera. Kanaafuu otuu homaallee hin shakkiin gara keessan nan dhufe”))

Faaruu 95 (96):5 (Misbaakii)

እግዚአብሔርሰ ሰማያተ ገብረ

አሚን ወሠናይት ቅድሜሁ

ቅድሳት ወዕበየ ስብሐት ውስተ መቅደሱ

Hiika:“Waaqayyo garuu samiiwwan hojjete

        Galataafi miidhaginni fuuldura Isaati

        Qulqullummaafi ulfinni isaa Mana Qulqullummaasaa keessadha”.

Maat 6:16-25 “yeroo soomtanitti akka warra of agarsiisanii hin coologiinaa. Akka soomtotaa mul’achuuf fuula isaanii ni balleessu waan ta’eef . Dhuguman isiniin jedha gatii isaanii argataniiru. Ati garuu yeroo soomtutti abbaa kee isa hin mul’anneef malee akka soomtotaa namatti argamuuf hin carraaqiin. Mataa kees dibadhu; fuula kees dhiqadhu. Abbaan kee inni dhoksaadhaan si ilaalu ifaan siif kanfala. Bakka ilbiisni adda addaa balleessanifi hattootni hatuu danda’an lafa kanaratti qabeenya ol-hin keeyyatiinaa…..samiirratti walitti qabadhaa malee. Bakka qabeenyi kee jiru lapheen kees ni jirati. Ifni qaamaa ija dha. Egaa ijji kee nagaa yoo ta’e qaamni kee hundi ifa ni ta’a. Ijji kee dhukkubsataa taanaan garuu qaamni kee hunduu kan dukkanaa’e ni ta’a. Egaa ifni si keessa jiru dukkanoofnaan dukkanni kaan akkam haa cimuree? Gooftaa lamaaf bitamuu kan danda’u tokkollee hin jiru-tokkoosaa ni jaalata ykn isa tokko ni jibba. Waaqayyoofi qarshiif bitamuu hindandeessan. Kanaafuu waa’ee lubbuu keessanii, waan nyaattaniifi waan dhugdaniif yookiin qaama keessanitti waanta uffattaniif hin yaadda’iinaa isiniin jedha”

Walumaagalatti….

  • Waaqayyo kan nu waame qulqullummaan jiraannee mana isaa akka dhaalluufidha. Mana isaa dhaaluuf immoo hojii qulqullummaaf kan nu gahan ajajasaafi abboommii isaa eeguun nurraa eegama.
  • Namootni tokko tokko yeroo soomanitti namarraa galata       barbaacha (inni cimaadha jedhamuuf) fuula isaanii daalacheessuun sirrii miti.
  • Torbee soomaa kana keessa waa’ee qulqullummaa Waaqayyoo, qulqullummaa Sanbataa, hojii qulqullummaaf nama geessisan yaadachaa hiyyeessas gargaaraa soomuu qabna.

Torbee dhufu barreeffama torbee Mikuraabaan wal-agarra. Hangasitti araarri Waaqayyoo hunda keenya waliin haa ta’u. Ameen.