• Baga nagaan dhuftan !

“Seera Kiristoos raawwadhaa!” Gal 6:2

Dn. Yooseef Baqqalaa Hiikaa: Soorii Moosisaa Seerri Kiristoos Maali dha? Seerri Kiristoos Jaalala dha. Jaalli namni tokko kan nama biraa waliin kan walii walii isaa kan ittiin gaggeessu; walii yaaduu irratti kan hundaa’e jaalala laphee fi kennaa Afuuraa ti. Walitti dhufeenya gaarii namoota gidduu jiru irraa ka’uun tokko kan biraaf kan raawwatu waan gaariin jaalala […]

“Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)

Kutaa Tokko Adeemsa jireenya dhala namaa keessatti dhalachuu, jiraachuu fi du’uun ta’iiwwan deddeebi’anii mul’atanidha. Dhimma kana ilaaluun namoonni tokko tokko jireenyi dhala namaa hanga lafa kana irratti jiruu fi deddeebi’u qofatti malee duunan faayidaa dhabeessa ta’a jedhanii kan yaadan jiru. Garuu jireenyi dhala namaa jireenya addunyaa kana irraa bira darbee akka itti fufu Manni Kiristaanaa […]

Gidiraawwan Fannoo

H.K.H. Roodaas Taaddasaa Harki fi miilli Isaa mismaaraan dhahamuu isaanii immoo Qulqulluu Daawiit irra bulee Faar. 21:16 “Saroonni baay’een Namarsaniiru. Yaa’iin hamootaas Naqabe. Harka fi miila Koos mismaaraan dhahani. Lafeen Koo hanga mul’atuttis Nagarafani. Isaanis Na’ilaalani” jechuun sareen waan tufe deebi’ee akkuma nyaatu, Ayihuudonnis erga Inni Ooritiin dabarse booda deebi’anii kan raawwatani ta’aniiruu waan ta’eef […]

Gidiraawwan Fannoo

H.K.H. Roodaas Taaddasaa Akkasumas, gonfoo qoree gonfachuun Isaa Addaami fi Heewaan gorsa jawwee waan dha’aniif gonfoon injifannoo isaanii irraa fudhatamee ture waan ta’eef; gonfoo injifannoo keenya nuuf deebisuu Isaa agarsiisuuf gonfoo qoree gonfatee fannifame.

Gidiraawwan Fannoo

H.K.H. Roodaas Taaddasaa (Dr.) Raayyoonni Ayihuud gonfoo qoree xaxanii mataa Mootii moototaa Mataa jireenya bara baraa kan ta’e Kiristoos Iyyasuus irratti gombisaniiru. Gonfoo qoree gonfachuu Isaatiinis abaarsa dursee “Sababa keetiin lafti qoree haa biqilchitu” jedhamee addaam abaaramee ture sana haqee Addaamiif beenyaa ta’eera (Seer. Uum. 3:18)

Tibba Gidiraa /Jimaata/

Rattaa Guree Guyyaan jimaataa Gooftaan keenya Qorichi keenya guyyaa itti addunyaaf itti fannifame dha. Guyyaan kun guyyaa Fayyinni itti raawwatame waan taateef guyyaa addaa jedhamtee beekamti.  Guyyaan kun akka Mana Kiristaanaa keenyaatti moggaasa icciitii adda addaa qabdi. Jimaata Fannoo: Qorichi Addunyaa hundaa Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos Addaamii fi ijoollee isaa hundaaf Fannoorratti fannifamee akka biraannaatti […]

Beeksisa

Yaa’ii Afuurawaa Ji’aa kutaa Afaan Oromoo B.A. Bitooteessa 13/07/2012 Waldaa Qulqullootaa Wiirtuu Olaanaatti Qindeessaa Barnootaa fi Tajaajila Duuka Bu’ummaatti Kutaan Afaan Oromoo ji’a ji’aan jiini seenee Dilbata 2ffaatti Yaa’ii Afuurawaa isiniif qopheessaa turuun isaa ni yaadatama. Maarree ammas isuma kana bu’uura godhachuun gaafa Bitooteessa 13 sa’aatii 7:30 irraa eegalee waan hundaa qopheessee isin eegaa jira. […]

Sooma Guddaa

Qopheessaan: Liqa Gubaa’ee Qalama Warqi Wubineh Gara Afaan Oromoottii kan hike:- Soorii Moosisaa Gooftaa fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos erga cuuphaameen booda guyyaa afurtama kan soome; nutis akka soomnuuf Mana Kiristaanaa keenya irraa kan ajajamne keessaa Soomni Guddaan isa tokko dha. Nuti amantoonni gocha Gooftaan keenya raawwate fakkeenya godhachuudhan ni soomna. Soomni Guddaan torban saddeet […]

YAA’II JI’AA KUTAA AFAAN OROMOO

Sagantaan yaa’ii ji’a kanaa aduu Sambata Guddaa gaafa guyyaa B.A. 15-06-2012tti oola. Iddoo:- Gamoo Waldaa Qulqullootaa Wiirtuu Ol’aanaa Darbii 3ffaa Yeroo:- Guyyaa keessa sa’aatii 7:30tti

“…Qoricha qabbaneessaa itti ergi maaloo…”

Dn. Abbaaynah Kaasee Yaa Giiftii keenya Maariyaam nama hubateef waan kee ajaa’ibaa ajaa’iba caalu dha. Boqannaan kees akkasuma. ሞትሰ ለመዋቲ ይደሉ ሞታ ለማርያም የዐጽብ ለኵሉ; duuti nama du’uuf ni mijata/ni ta’as; duuti Giiftii keenyaa garuu nama hunda dinqisiisa. Jireenya bara baraa namaa laattee ati garuu ni duuta. Sababa keetiin Waaqa Ilmaa si’a sadi arganna. Jalqaba, […]