• Baga nagaan dhuftan !

“Akka Fayyinuuf ka’iitii gara Waaqayyootti nuuf kadhadhu.” (Yoon. 1:6)

Jecha kana Namoota Dooniidhaan Oddoola Iyyoophee irraa gara Tarsees deemaa jirantu raajicha Yoonaasitti dubbate. Yoonaas Raajoota Waaqayyoo kudha jahan keessaa isa tokko dha. Raajaan kun abbaan isaa Amaatee kan jedhamu yoo ta’u, nama gosa Yisaakoori dha. Yoonaas jechuun guugee, garraamii jechuu dha. Raajichi Yoonaas Waaqayyoo tajaajilaa nama jiraate dha. Waaqayyoon tajaajilaa Isaa Raajicha Yoonas kana […]

“Soomaan, boo’ichaa fi wawwaachuudhaan gara Kootti deebi’aa” Raaj. Iyu 2:12

Tolasaa Juulaa Dhalli namaa bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin uumamee kabaja guddaadhaan gannata keessaa jiraachuu osoo qabuu abboommii Waaqayyoo cabsee karoora afuura xuraawaatiin waan gufateef,Addaamii fi ijoolleen isaa waggaa 5500 guutuu Waaqayyoo irraa gargar bahanii gara biyya lafaatti darbatamuudhaan garbummaa seexanaatiin gidiraa daangaa hin qabne simachaa turan Addaam abboommii cabsee yakka yoo raawwate illee Waaqayyoon garuu […]

“Wareega koo siif nan baasa.” Faar. 65:14

Dn. Baacaa Nagaasaa Jalqabni dubbichaas akkami yoo jedhan! Abbaan ishee Qulqulluu Iyyaaqeemii fi haati ishee Qulqulleettii Haannaa jedhamu ture. Isaan kun akka sagalee Kitaaba Qulqulluutti, akka sirna abbootaatti, akka seera oriitiitti, ajajaa fi abboommii Waaqayyoo eeguudhaan kan jiraatan, Waaqayyoo fuuldurattis qajeelota kan turani dha. Haa ta’u malee, jarreen kun firii gadameessaa(garaa) kan ta’e dhala ykn […]

“ወኢትርስዑ ተቀብሎ ነግድ እስመ በእንቲአሁ ቦ እለ ከፈሎሙ ከመ ይትቀበሉ ነግደ መላእክት እንዘ ኢየአምሩ፡፡ Keessummoota simachuu hin dagatinaa haala kanaan namoonni tokko tokko osoo hin beekin Ergamoota simatanii jiruutii” Ibro. 13:2

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen Qaam’ee/Phaagumee-3 Qopheessaan:-Tolasaa Juulaa Qajeelchaa karaa kan Ergamaa Rufaa’eel (ቅዱስ ሩፋኤል መራሄ ፍኖት) Guyyaa kanatti kan yaadatamu hangafoota Ergamootaa torban keessaa tokko kan ta’e yaadannoo Ergamaa Qulqulluu Rufaa’eelii yommuu ta’u ayyaanni yaadannoo guyyaa kanas qabiyyee armaan gadii kanneen kan of keessaa qabu dha. Gosa Niftaaleem jedhamu […]

Miidhama Naannoo Oromiyaatti Kiristaanota irra gahe ilaalchisee Yaadachisa Waldaan Qulqullootaa kenne

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen Manni Kiristaanaa miidhama Ortodoksoota irra gahe ibsa isheetin: “Ortodoksummaa isaanii qofaan haala suukaneessaa ta’een gajaraadhaan ni qalaman, qoncooradhaan ni muraman, meeshaa qara qabuu fi albeedhaan ni waraanaman, meencadhaan ni kukkutaman, uleedhaan rukutamanii dhagaadhaan tumamanii du’an, reeffi isaanii karaa irra harkifamuudhaan gidirfamaa oole, qaamni isaanii kan […]

Ajjeechaa mucaa keenya Haacaaluu Hundeessaa sababeeffachuun naannoo Oromiyaa godinaalee tokko tokko keessatti dhiibbaa qindaa’een Ortodoksoota miidhaman gargaaruu fi deebisanii dhaabuu ilaalchisee ibsa Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa irraa kenname

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko ameen “አማን አማን እብለክሙ ከመ ትበክዩ ወትላህዉ አንትሙ፤ ወዓለምሰ ይትፌሣሕ፤ ወአንትሙሰ ተኃዝኑ፤ ወኃዘንክሙ ፍሥሐ ይከውነክሙ” ዮሐ 16:20 “Dhugaa dhugaa isiniin jedha isin ni boossu, ni wawwaattus, biyyi lafaa garuu ni gammada, isinis ni gadditu, haa ta’u malee gaddi keessan gammachuutti ni geeddarama” Yoh 16:20 Haacaaluu Hundeessaa […]

Yeroo lama kan koo taate

Yeroo tokko namichi tokko gosoota warqii qubeellaa, amartii mormaa qabu hunda walitti qabuun, baqsuun Fannoo hojjate. Haa ta’u garuu ogummaa harka isaatiin kan hojjate Fannoon warqii sun akkuma salphaatti jalaa bade. Samii ba’ee lafa seenes barbaadu garuu argachuu hin dandeenye. Gaddee abdii erga kuteen booda gara mana nama biraa deemuun mana isaatti fannifamee arge. Sana […]

“Ragaa Baatoota Koo taatu.” H.D.B. 1:8

“Afuurri Qulqulluun isin irratti yeroo bu’etti humna ni fudhattu, Iyyaruusaaleem, Yihuudaa, Samaariyaa fi hanga handaara Addunyaatti ragaa baatoota Koo taatu” Jecha kana kan dubbate Gooftaa fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Kan dubbates du’aa erga ka’een boodaa guyyaa afurtamaaf Duuka Bu’oota Isaa gidduutti argamuun sammuu isaanii isaaniif banuun kitaaba isaaniif erga ibseen booda gara abbaa […]

Amma garuu Kiristoos warra du’an hundaaf angafa ta’ee du’aa ka’eera” (1ffaa Qor. 15: 12-32)

Kutaa Lama Abdii Du’aa Ka’uu Ilma Namaa  Dhalli namaa harka isaatin ajaja Waaqayyoo cabsuun du’a ofitti fidus Waaqayyo garuu dhala namaa kufe kana akka kufetti du’a bara baraatiif isa hin dhiisne. Waaqayyo badii dhala namaa hin jaalanne nama gara bakka kabaja isaa duraatti deebisuuf yaadee cubbuu fi du’a balleessee du’aa ka’uu fi jireenya bara baraa […]

Caamsaa 11 Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Yaareed

Soorii Moosisaa Guyya kanattis fakkeenya Suraafeel kan ta’e abbaan faaruu lammii Itiyoophiyaa kan ta’e Qulqulluu Yaareed boqateera. Qulqulluun kunis gosa  firoota Abbaa Geedeewooni dha. Innis Manneen Kiristaanota Itiyoophiyaa Keessatti Ijaaraman kan dursitu luba Mana Kiristaanaa Aksuumi dha. Manni Kiristaanaa Kunis Amantaan abbaa kabajaa kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan keessatti lallabamee fi Waaqa kan […]