Matsaaguu

Matsaaguu

Dn Katamaa Taganuutiin

Guyyaan kun sooma guuddaa Dilbata isa arfaffaati . Moggaafamni guyyaa kanaas Matsaaguu jedhama . Moggaafamni kun kan itti moggaafamuu danda’e Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa kanatti dhukkubsattoota fayyisuu Isaa, raajii goochuu Isaa, warra dhibee addaddaan qabamnii turan hundaaf fayyina kennuusafi qulqulleesuusaa; waluumaa gala fayyisaa ta’u Isaa ibsuudhaaf.

Keessumaayyuu guyyaa kanatti seenaan fayyinaa yaadatamu ni jira: dhukkubsatan tokko bakka itti xabala cuubbatani Beeta Saayidaa jedhamte waamamtuutti ciise ture. Maqaa Matsaaguu jedhamuun beekama. Kanaafuu Matsaaguu jeechuun dhukkubsataa jechuudha. Dhukkubsataan kuni waggoota 38 tiif dhukkuba cimaatiin hubamee siree irratti rakkachaa kan ture yoggu ta’u, guyyaa kana Gooftaan sagaleesaatiin qofa isa fayyise; “ka’itii sireekee baattadhuu deemi” jechuunis guboo dhukkubbii tokko malee bilisa isa baaseera.

Mata-dureen faaruu Q/Yaarediin ayyaana guyyaa kanaaf kennames “አምላኩሰ ለአዳም” (Uumaa Addaam) isa jedhudha.

Sirna Qiddaasee guyyaa Matsaaguu keessatti kutaaleen Kitaaba Qulqulluu keessaa dubbifaman warren armaan gadii jiranidha:

v  Galaatiyaa 51

v  Ya’iiqoob 5:14

v  Hojii Ergamoota 3:1-12

v  Misbaakiin guyyicha: Farsaa Daawit 40 (41):3-4

እግዚአብሔር ይረድኦ ዉስተ ዐራተ ሕማሙ (Waaqayyo dhukkubsataa siree isaarratti ni gargaara)

ወይመይጥ ሎቱ ኩሎ ምስካቢሁ እምደዌሁ (Yeroo dhukkubasaa ciisicha isaa ni afaafi)

አንሰ እቤ እግዚኦ ተሣሃለኒ (Anoo yaa Gooftaa dhiifama naaf godhi siinan jedha).

v  Wangeelli Qulqulluu guyyicha duubifamu፡ Yohaanis 5:1-25

Wangeela kana keessatti Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Matsaaguutiin “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffi akka dhiyeessef ni duubisna. Garuu gaaffi kana Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan dhiyeesseef Matsaaguun gara fuulduuraatti cubbuu inni raawwatu Waaqummaa isaatiin hunda waan beekuf ture.

Innis maali jenne yennaa ilaallu, akka ibsa Abbootiin Mana Amantaa keenyaa ibsa isaanii Andimtaa irratti eeranitti:

v  Gaafa guyyaa jimaataa kaballaatiin fuula Isaa kan rukutu isa waan ta’eefi;

v  Warrootni Ayhuudi yeroo isa himatan ragaa sobaa ta’e kan gooftaa irratti raagu isa waan ta’efidha.

Namootni “fayyina kan siif kenne irratti badiinsa kana maaliif rawwatta?” jedhanii yeroo isa gaafatani “yoom na fayyisi isan jedhe, ofumasaa na fayyise malee?” akka hin jenneef sababa dhabsiisuuf jecha “fayyuu ni barbaaddaa?” jechuudhaan gaaffii dhiyeesseefi. Har’as Waaqayyo Waaqa bilisaa waan ta’ef, “abiddaafi bishaan fuuldura keetti qopheesseera; harkakee gara barbaaddetti ergi” jechuudhaan mirga hin daangeffamne nuuf kenneera. Bilisaan akka Isa Waaqeffannu nu taasisee waan jiruuf badiinsa keenyaaf ,goocha keenyaaf sababa dhiyeeffanu gonkumaa hinqabnu. Kanaafuu, badiinsa irraa ooluuf jecha cubbuu iraa fagaannee Mootuumaa Isaa akka dhaallu eeyyama Isaa nuuf haa ta’u; akkasumas araarsummaan durbee Maariyaamii nuu waliin haa ta’u-ameen!

Madda: Kitaaba Andimtaa (Hiika Abbootii) kan Yoh.5 fi Kitaaba Gitsawwee