“Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte”

Kan Amajjii duute Hagayya awwaalamte

Dn Masgabuu kefiyaalehu

Akka sirna Mana Kiristaanaa keenyaatti Soomota akka soomaman ajajaman torban keessaa tokko sooma Filsataati. Soomni Filsataa Hagayya bultii tokko irraa kan eegalu yoo ta’u kan xumuramu ammo Hagayya bultii kudha jahadha. Sooma kana jalqaba kan soome duukabuutota Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosidha. Sababni itti duukabuutonni Iyyasuus Kiristoos sooma kana soomaniifis boqochuu haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam wajjin kan wal qabatedha. Dubbiin isaas akkana dha:-

Qulqulleettii Dubroo Maariyaam waggoota 64 lafa kana irra erga jiraattee booda Amajjii guyyaa 21 fedha Waaqayyootiin qulqulleettiin lubbuun ishee qulqulluu foon ishee irraa adda baate.Yeroo kana duukabuutonni Gooftaa foon qulqulleettii dubroo Maariyam awwaaluudhaaf baatanii gara Geetesemaaniitti yeroo deeman Yihudoonni arganii “Kanaan dura Ilma ishee Iyyasuus Kiristoosiin fannoo irratti fannifnee ajjeefnee turre; garuu duukabuutonni Isaa ‘gaafa guyyaa sadaffaa du’aa ka’ee gaafa guyyaa afurtamaffaatti ol bahe, lammatas deebi’ee dhufa’ jechuudhaan akkaa lallaban uummata nu harkaa baasani, kunoo bakka awwaala Isaattis dinqiin adda addaa raawwachaa jira; dhukkubsattoonni biyyoo bakka awwaala Isaa jiru yeroo ofitti diban dhibee isaanii irraa fayyu; unuunis warreen Waaqa isaanii ajjeesanidha jedhanii nu arrabsaa jiru. Amma ammoo waa’ee haadha Isaa kana yoo callisnee dhiifne akka mucaa ishee kaatee ol baate jedhanii nu jeeqaa jiraatu. Kanaaf koottaa walitti qabamnee deemnee foon ishee ibiddaan gubna” jedhanii deemani.(ተአምረ ማርያም; ተስፋ ገ/ሥላሴ ማተሚያ ቤት 1987, fuula 290-302; መጽሐፈ ስንክሳር ነሐሴ 14)

 

Isaan keessaas namni Taawfaaniyaa jedhamu foon haadha keenyaa gubuuf deemee miila siree (sankoorii siree) foon haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaam irra jiru harkaan yeroo qabatu ergamaan Waaqayyoo seefii ibiddaatiin harka isaa lamaan irraa kute. Harki isaas irraa citee sankoorii siree sana irratti rarra’ee hafe. Sana booda Taawfaaniyaan gaabbee gara qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaamitti yeroo boohu harka isaa sana Qulqulluu Pheexroositti himtee fayyisiifteef.

Yeroo kanas Ergamaan Waaqayyoo qulqulluu Gabri’eel foon haadha keenyaa kana duuka bu’aa qulqulluu Yoohaannis wajjin ol fudhatee Gannata keessa muka jireenyaa jala kaa’e. Yeroo muraasa booda qulqulluu Yohaannis gara duukabuutotaa dhufee foon haadha keenyaa Gannata keessa kaahee akka dhufe itti hime. Duuka buutonnis foon haadha keenyaa argatanii osoo hin awwaaliin hafuu isaaniitti baay’ee gaddanii Hagayya bultii tokko Sooma eegalani. Subaa’ee lamaaf (guyyoota 14) soomaafi kadhannaadhaan gara Waaqayyootti boo’aa erga turanii booda Hagayya bultii kudha afur Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos foon qulqulleettii haadha keenya dubroo Maariyaam fidee kenneef. Duukabuutonnis weedduufi faarfannaadhaan deemanii bakka Geetesemaanii jedhamutti awwaalani.

Akkuma Mootichi Daawit dursee afuura qulqulluudhaan guutamee “Gara boqonnaa keetti ka’i” jechuun raajii dubatetti (Faar.131:9) haati keenyas awwaalamtee guyyaa sadaffaatti Hagayya bultii 16 akkuma Ilma ishee du’aa kaatee ol baate.

Daawit faarsaa isaatiin “ Uffata Warqee uffatteefi aguuggattee mootittiin mirgakee dhaabbatti” jedhee akkuma faarfate (Faar.44:9) qulqulleettiin dubroo Maariyaam ol baate mirga Ilma ishee teesse. Kanaaf qulqulluu Yaareed kitaaba isaa Digguwaa jedhamu irratti “ተለዓለት እም ምድር ወበህየ ነበረት ዘምስለ ወልዳ በየማነ አብ ወመንፈስ ቅዱስ” (“[durboon] lafaa gara Samiitti ol baate; samii irrattis Ilma ishee wajjin mirga Abbaafi Afuura Qulqulluu teesse”) jedhee ishii faarfate.

Nutis Sooma duukabuutonni dursanii sooman kana fakkeenya taasifannee Hagayya bultii tokko sooma eegalla. Dhiphuufi rakkina gola keenyaa; yaaddoo keenya mara haadha keenya dubroo Maariyaamitti himanna. Soomaafi kadhannaadhaanis gara Waaqa keenyaatti boonya. Innis akkuma dhiphuu duukabuutota Isaatiif deebii kenne rakkina keenya mara nuuf fura.

Kanaaf sooma keenyaan fayyina akka argannuuf laphee cabeen; qalbii jijjiirrannaadhaan soomuu qabna. Araarri haadha keenya dubroo Maariyaam hunda keenya wajjin haa ta’u-ameen!